Qulqulluu Phaawuloos
Dn Misganu MulatuMaqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu, Waaqa Tokkootti; Ameen!

Adoolessi 5 (Hamleen 5) guyyaa kabajamaa fi eebbifamaa, xumura Tsooma Duuka Bu’ootaa yommuu ta’u, guutummaa addunyaa irratti, keessumatti immoo Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo keenya keessatti, hundee fi fakkeenya wareegamummaa fi utubaa amantii kan ta’an Duuka Bu’oota gurguddoo lamaan, Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos seenaa boqonnaa isaanii itti yaadannuu fi dhiiga isaanii isa qulqulluun ifa wangeelaa addunyaaf dhaalchisan faarsinudha. Akkuma Kitaabni Qulqulluun dubbatu, “Isin hundee duuka bu’ootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu, dhagaan golee masaraa isaa isa bu’uuraa immoo Kiristoos Iyyesuus ofii isaati” (Efe. 2:20). Maxxansa kanaan immoo, seenaa jireenyaa, waamicha dinqisiisaa, qormaata cimaa keessa darbee injifachuu isaa, akkasumas iccitii tajaajilaa fi obsa Duuka Bu’aa Qulqulluu Phaawuloos bal’inaa fi gad fageenyaan isiniif dhiyeessina.
Seenaan Qulqulluu Phaawuloos seenaa nama yeroo tokkoof lallabee darbee qofa utuu hin taane, ragaa guddaa humni Waaqayyoo jireenya namaa akkamitti guutummaatti jijjiiruu akka danda’uu fi dhalli namaa Waaqayyoof of kenne maal hojjechuu akka danda’u daawwitii itti of agarsiisnudha.
Qulqulluun Phaawuloos, jalqaba irratti maqaan isaa ‘Saa’ol’ kan jedhamu yoo ta’u, dhaloonni isaa magaalaa Xarsees ishee biyya Kilikiyaatti argamtutti dha. Lammummaa Roomaa kan qabuu fi gosa Biniyaam irraa kan dhalatedha. Kitaaba Qulqulluu irratti waa’ee eenyummaa isaa yommuu ibsu, “Guyyaa saddeettaffaatti dhagna qabame, saba Israa’el keessaa gosa Biniyaam irraan dhaladhe; ani Ibroota irraa dhaladhe, Ibrichadha; waa’ee eegumsa seeraa yoo ta’e, ani Fariisichadha” (Filp. 3:5) jechuun eessaa akka dhufe ifoomseera. Akka seeraa fi sirna Yihudootaatti barsiisaa amantii beekamaa Gamaali’eel jalatti seera abbootaa gad fageenyaan barateera.
Hojiin isaas gogaa irraa dunkaana dhaabuu yommuu ta’u, amantii Yihudiitiif inaaffaa dogoggoraa waan qabuuf, yeroo jalqabaatiif amantoonni Kiristoos yommuu baay’atanitti ari’ataa fi dhiphisaa hamaan isa ture. Ofii isaa waa’ee jireenya isaa isa duraa yommuu dhugaa ba’u, “Ani kanaan dura nama maqaa isaa arrabsu, saba isaa ari’atuu fi nama jallataa ture; ... garuu Waaqayyo araara isaa naaf baay’ise” (1 Xim. 1:13) jechuun eebba argate galateeffata. Haa ta’u malee, jireenyi isaa inni dukkanaa’aan kun yommuu madda ifa addunyaa kan ta’e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos bifa dinqisiisaan daandii Damaasqoo irratti itti mul’atu guutummaatti gara ifaatti jijjiirame.
Seenaan waamicha isaa kunis, Saa’ol xalayaa eeyyamaa fudhatee kiristiyaanota hidhuudhaaf aarii fi dheekkamsaan guutamee gara Damaasqootti utuu deemaa jiruu, akka tasaa ifni samii irraa dhufe naannoo isaa ibse. Innis of wallaalee yommuu kufu, sagalee, “Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ari’atta?” (H.D.B. 9:4) jedhu dhaga’e. Innis naasuudhaan, “Eenyu ati yaa Gooftaa?” yommuu jedhu, “Ani Iyyesuus isa ati ari’attudha!” jedheen. Battala sanatti ifa Waaqayyo isatti mul’ateen iji isaa jaamee, deeggarsa namootaatiin gara Damaasqoo gale. Achittis guyyaa sadiif midhaan utuu hin nyaatin, bishaanis utuu hin dhugin kadhannaa fi gaabbiidhaan dhiphate. Sanaan booda qajeelfama Gooftaatiin Lubni Hanaaniyaa dhufee yommuu isa cuuphu, iji isaa banamee, maqaan isaas ‘Phaawuloos’ jechuunis ‘Xiqqaadhaa fi Gad of qabaa’ ykn ‘Meeshaa qulqulluu koo’ (H.D.B. 9:15) kan jedhuun jijjiirame.
Waa’ee waamicha addaa kanaa Ergaa isaa keessatti, “Inni haadha koo keessaa anaa baasee jalqabee na fo’ate, ayyaana isaatiin na waame, Ilma isaa karaa koo saba ormaatti akkan lallabuuf natti mul’isuudhaaf yommuu jaalate...” (Gal. 1:15—16) jechuun ragaa ba’eera. Phaawuloos jijjiirama kana booda dhugaa guddaa tokko yommuu labsu, “Kiristoos Iyyesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe dubbiin jedhu amanamaadha, guutummaattis fudhatamaadha; cubbamoota sana keessaas ani isa duraati” (1 Xim. 1:15) jechuun gad of qabiinsaan dhugaa ba’eera.
Waamichi Qulqulluu Phaawuloos waamicha idilee utuu hin taane, seenaa Mana Kiristiyaanaa kan jijjiiree fi Waaqayyo onnee diinaa iyyuu mo’atee gara firaatti akka jijjiiru ragaa ifaadha. Seenaa dinqii kanaan wal qabsiisee, hayyuun Mana Kiristiyaanaa keenyaa Abbaan Giyoorgis Inni Gaasiccaa yommuu dubbatu, “Waaqayyo dhagaa jabaa irraa bishaan akka burqu akkuma taasise, onnee Saa’ol isa jabaa fi ari’ataa ture sana cabsee madda jaalalaa fi wangeelaa taasiseera. Inni amantoota fooniin hidhuuf karaa ba’e, ofii isaa Afuura Qulqulluutiin hidhamee addunyaa booji’e,” jedhe. Qulqulluun Awugustiinoos waa’ee jijjiirama kanaa yommuu barsiisu, “Waaqayyo ari’ataa jabaa ture sana kuffisee, lallabaa wangeelaa ija jabeessa taasisee kaase. Kun agarsiistuu humna eebba Waaqayyoo isa humna namaa oliiti,” jedha. Qulqulluun Efreem gama isaatiin, “Saa’ol subii yeeyyii dhiiga dheebotu ta’ee ka’ee, galgala garuu Phaawuloos hoolaa qulqulluu addunyaa obaasu ta’e,” jechuun iccitii waamicha isaa dinqisiifata. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqees waa’ee kanaa yommuu ibsu, “Saa’ol dhukkuba jabaa ari’atamuu keessa utuu jiruu, qoricha jaalalaa Kiristoosiin fayye. Kiristoos ija isaa isa foonii yommuu jaamsu, ija isaa isa keessaa (isa afuuraa) ifa bara baraatiin baneef,” jechuun dinqisiifata.
Nuti hoo har’a inaaffaa dogoggoraatiin yookiis beekumsa fooniitiin of tuullee amantii keenyaa fi obboloota keenya miidhaa jirraa laata? Qulqullichi Phaawuloos jireenya isaa isa duraa keessatti, waan dhugaa hojjechaa jiru isatti fakkaatee ture; garuu karaa baduun isaa yommuu ifa Waaqayyootiin isaaf ifu, matumaa of hin tuulle. Battaluma sanatti bitamee dogoggora isaa amane. Nuti yeroo baay’ee of-tuulummaa addunyaa kanaatiin jaamnee, jireenya dogoggoraa keessa utuu jirruu, waamicha Waaqayyoo tuffanna.
Akkuma Qulqulluun Phaawuloos ija isaa isa foonii jaamsuun ija afuuraa isaa ifa Waaqayyootiif banee of kenne, nutis dantaa fi beekumsa addunyaa dhiisnee sagalee Isaatiif bitamuu qabna. Akkuma Kitaabni Qulqulluun, “Cubbuu keenya yoo himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf dhiisa, jal’ina keenya hundumaattis nu qulqulleessa” (1 Yoh. 1:9) jedhu, nutis ija amantii keenyaa banannee gara araara Waaqayyootti deebi’uu qabna. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun, “Yoo har’a sagalee isaa dhageessan, garaa keessan hin jabeessinaa!” (Ibr. 3:15) akkuma jedhu, dogoggora keenya amanee akka Phaawuloos araara Waaqayyoo barbaadachuu qabna. Akkuma Daawit Raajichi, “Aarsaan Waaqayyoo afuura cabaadha; Waaqayyo garaa cabaa fi bullaa’aa hin tuffatu” (Faar. 51:17) jedhe, Waaqayyo nama onnee cabaa qabu gonkumaa hin tuffatuutii.
Adeemsa tajaajila isaa keessatti, Qulqulluun Phaawuloos Ergamaa Ormootaa ta’uudhaan biyyoota hedduu keessa naanna’ee rakkina foonii hundumaa obsaan danda’eera. Beela’eera, dheeboteera, reebameera, dhagaadhaan tumameera, dooniin isaa jalaa caccabee galaana keessatti dhiphateera. Hamma dhumaatti yommuu dararama isaa ibsu, “...Si’a shan, afurtama tokko hir’uu yihudootaan reebameera; si’a sadii uleedhaan reebameera, si’a tokko dhagaadhaan tumameera...” (2 Qor. 11:24—25) jechuun haala ulfaataa keessa darbe nutti agarsiisa. Garuu wanti kun hundumtuu amantii isaa hin raasne. Waa’ee kanaa yommuu inni ofii isaatiif ragaa ba’u, “Kiristoosiin jaalachuu irraa maaltu addaan nu baasa? Dhiphinamoo, yookiis rakkinamoo, ari’atamoo, beelamoo, qullaa hafumoo, balaamoo, yookiis seefiidhaa?” (Room. 8:35) jechuun ragaa ba’eera. Qulqullichi ibsa kana irratti dabaluun, “Dhiphinni keenya inni salphaan, inni yeroo gabaabaaf darbu, ulfina bara baraa isa hunduma irra caalu nuuf hojjeta” (2 Qor. 4:17) jechuun amantoota hundumaaf abdii guddaa laateera.
Qulqulluun Baasiliyoos Guddichi waa’ee obsa Phaawuloos yommuu dubbatu, “Phaawuloos qormaata addunyaa kanaa akka dhoqqeetti lakkaa’e; hidhaa fi reebichi isaaf ba’aa utuu hin taane gonfoo boonsaa ture,” jedha. Qulqulluun Maqaarisis, “Onneen Phaawuloos iddoo Afuura Qulqulluun keessa boba’u ta’e; kan kee fi koo utuu hin jedhin guutummaa addunyaa jireenya afuuraatiif dhiphate,” jechuun cichoomina isaa ibsa. Akkasumas, Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee jaalalaa fi cichoomina Qulqulluu Phaawuloos yommuu ibsu, “Phaawuloos qoochoo afuuraatiin addunyaa naanna’e. Inni nama fooniin uumame utuu ta’ee jiruu, akka ergamoota samii lafa kana irra fiige. Sibiilli ibidaan yommuu boba’u bifa ibiddaa akkuma qabaatu, onneen Phaawuloosis jaalala Kiristoosiin boba’ee guutummaatti gara ifaatti jijjiirameera,” jechuun miidhagsee ifoomseera. Qulqulluun Gorgooriyoos inni Naazinaazuu immoo, “Phaawuloos lallaba isaatiin warra kaan utuu fidu, ofii isaa garuu akka aarsaa jiraataatti Kiristoosiif dhiyeesse,” jedha.
Jireenya keenya har’aa keessatti hoo, yommuu rakkoon, dhukkubnii fi qormaanni nutti dhufu maal gochaa jirra? Nuti yeroo baay’ee Kiristiyaanummaa keenyaan kan jiraannu yeroo haalli mijatu qofadha. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos reebamee mana hidhaa keessatti halkan walakkaa Waaqayyoon faarfatu (H.D.B. 16:25), nutis rakkoon, dhukkubnii fi qormaanni addunyaa kanaa yommuu nutti dhufu amantiin keenya raafamuu hin qabu. Nuti immoo obsa dhabnee, uummata, namaa fi Waaqa keenyatti komii dhiyeessina. Garuu qulqullichi Phaawuloos “Nuyi karaa hundumaa dhiphanna, garuu hin ukkaamamnu; ... ni ari’atamna, garuu hin gatamnu” (2 Qor. 4:8) akkuma jedhe, dambalii dhiphinaa kanaaf harka kennuu hin qabnu. Kitaabni Qulqulluun, “Dhiphinni obsa akka fidu, obsis qorumsaaf ba’uu, qorumsaaf ba’uunis abdii akka fidu beeknee, dhiphina keenyatti of jajjabeessina” (Room. 5:3—4) nuun jedha. Kanaafuu ija amantii keenyaa qormaata irraa kaafnee gara Waaqayyootti naanneessuun jabaachuu qabna.
Qulqulluu Phaawuloos irraa iccitii gad of qabuu guddaa baranna. Inni mul’ata guddaa arguudhaan hamma bantii samii sadaffaatti ol baafamus, kooraa fi of tuulummaan isa hin moone. Inumaayyuu, cubbuu isaa isa duraa yaadachuun “Ani warra duuka bu’an hundumaa irra nan xiqqaadha” (1 Qor. 15:9) ofiin jedhe. Madda jireenya isaa kana ilaalchisee, “Kiristoos wajjin fannifameera; Egaa si’achi Kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti,” (Gal. 2:20) jechuun ofii isaa duwwaa taasisee ulfina hundumaa Waaqayyoof kenneera. Qormaata foonii isarra tureefis Waaqayyo yommuu deebii isaaf kennu, “Ayyaanni koo siif ga’a, humni koo laafina keessatti fiixaan ba’a” (2 Qor. 12:9) jedheen. Akkuma ofii isaas dubbate, “Waanan ta’e kana ayyaana Waaqayyootiinan ta’e” (1 Qor. 15:10) jedhe.
Qulqulluun Yohaannis inni Iyyerusaalem yaada kana yommuu gabbisu, “Phaawuloos samii sadaffaatti ol ba’ee iccitii afuuraa uffattus, lafatti deebi’ee garuu hiriyyaa hiyyeeyyotaa fi gad-of-qabduu hundumaa ta’e,” jedha. Yaada kana Qulqulluun Isxifaanoos yommuu barsiisu, “Waaqayyo Phaawuloosiin akka inni of hin tuulleef waraantoo foonii itti dhiise. Kuni immoo dhalli namaa hamma fedhe afuuraan yoo ol ba’e iyyuu, eegumsa Waaqayyoo malee dadhabaa ta’uu isaa agarsiisa,” jedheera. Barumsi kun nuti yeroo hunda eebbaa fi beekumsa arganneef “… warra kaan of irra caalchisaa ilaalaa” (Filp. 2:3) jedhamee akkuma barreeffame, gad of qabiinsaan jiraachuu akka qabnu nu yaadachiisa.
Dabalataanis, Qulqulluun Phaawuloos lallaba afaaniin qofa utuu hin taane, ergaawwan isaa kudha arfan (14) barreessuudhaan malkaa beekumsa afuuraa Mana Kiristiyaanaatiif dhaalchiseera. Duuka Bu’ichi Qulqulluun Pheexiroosis ragaa kana cimsuudhaan, “Obboleessi keenya inni jaalatamaan Phaawuloos, akka ogeessa Waaqayyo isaaf kennutti isiniif barreesseera... Ergaawwan isaa keessatti wantoonni hubachuuf ulfaatan tokko tokko jiru” (2 Pheex. 3:15—16) jechuun xalayaawwan Phaawuloos madda beekumsa amantii cimaa ta’uu isaanii dubbateera. Aandimtaan Mana Kiristiyaanaa keenyaa ergaawwan kana akka madda bishaanii afran Gannata keessaa burquutti lakkaa’a. Ergaa isaa gara warra Roomaatti barreesseen iccitii fayyinaa, gara warra Qorontositti barreesseen sirna Mana Kiristiyaanaa fi jaalala, akkasumas gara Ibrootaatti barreesseen luba ta’uu Kiristoos haala guutuu fi dinqisiisaa ta’een ibseera.
Qulqulluun Qeerloos waa’ee kanaa yommuu dubbatu, “Barumsi Phaawuloos fannoo Kiristoos qofa gidduu—galeessa kan godhatee fi beekumsa addunyaa kanaa madaallii keessa kan galchudha,” jedha. Qulqulluun Atenaatewoosis, “Ergaawwan Phaawuloos eebba xumura hin qabnee fi sirna amantii keenyaa warra utubandha,” jechuun ragaa ba’a. Ergaawwan isaa keessatti waa’ee kennaa [ayyaanaa], fayyinaa, jaalalaa, qulqullummaa fi dhugaa iccitii Mana Kiristiyaanaa gad fageenyaan nuuf ibseera. Fakkeenyaaf, waa’ee jaalalaa yommuu ibsu: “Afaan namootaatiin, afaan ergamootaatiinis yoon dubbadhe, jaalala yoon dhabe garuu, ani sibiila kililchu yookiis dibbee wacudha” (1 Qor. 13:1) jechuun, wangeelli fi amantiin jaalala malee duwwaa ta’uu isaa dhugaa ba’eera.
Nuti hoo har’a beekumsaa fi qabeenya xiqqoo arganneen hammam of tuulaa jirra? Nuti maqaa Kiristiyaanummaa baannee, gocha keenyaan garuu ofittummaan uummata keenya irraa fagaachaa jirra. Gooftaan keenya jaalala dhugaatiin akka walkabajnu nu barsiiseera. Kanaafuu, “Fakkaattota biyya lafaa kanaa hin ta’inaa! Jaalala Waaqayyoo isa gaarii, isa namatti tolu, isa mudaa hin qabne... yaada keessan haareffachuudhaan of jijjiiraa!” (Room. 12:2) jedhamee akkuma barreeffame, uummata keenyaaf dhuguma jaalalaan of kennuu nu barbaachisa. Beekumsa afaanii qofa utuu hin taane, jireenya gad of qabuutiin dhugaa ragaa ba’uu qabna. Qulqulluun Phaawuloos uummata hundumaaf ta’uudhaaf addunyaa naanna’e, nuti immoo obboleessa keenya iyyuu jaalachuuf rakkanna. Wangeelli fi amantiin jaalala malee duwwaa ta’uu isaa irraa barannee onnee keenya qulqulleessuu qabna.
Dhuma jireenya isaa irratti, Qulqulluun Phaawuloos biyya Roomaatti yommuu wangeela moototaa fi hiyyeeyyiif ibsu, ari’atni mootii gara jabeessa Neeroon hammaate. Haa ta’u malee, inni du’a fooniif hin sodaanne. Sababiin isaas, “Anaaf jireenyi Kiristoos, du’uunis bu’aadha” (Filp. 1:21) jedhee amana. Du’a isaa dura xalayaa isaa dhumaa isa gara Ximootewoositti barreesse irratti, gootummaa fi ija jabina guddaadhaan, “Ani qabsoo gaarii qabsaa’eera, fiigicha koo xumureera, amantii koos eegeera. Egaa kana booda gonfoon qajeelummaa naaf kaa’aameera” (2 Xim. 4:7—8) jedhee raajii jireenya isaa dubbateera.
Duuka bu’aan qulqullichi Phaawuloos lammummaa Roomaa waan qabuuf akka duuka bu’aa qulqullicha Pheexiroos fannifamuu hin danda’u ture. Kanaafuu, mormi isaa seefiidhaan muramee wareegamummaa fudhate. Guyyaa Adoolessa 5 kana, akkuma Qulqulluun Pheexiroos fannifamee xumure, Qulqulluun Phaawuloosis seefiin mormi isaa muramee dhiiga isaa dhangalaasuun Waaqayyoof amanameera. Kitaabni Sinksaraa guyyaa Adoolessa shanii: “Guyyaa kanatti, Duuka Bu’oonni gurguddoon fi utubaawwan Mana Kiristiyaanaa Qulqulluun Pheexiroosii fi Qulqulluun Phaawuloos, magaalaa Roomaa keessatti harka mootii hamaa Neerooniin wareegamummaa isaaniitiin gonfoo jireenyaa fudhatan,” jedha.
Qulqulluun Jeroom seenaa kana yommuu addeessu, “Mormi Phaawuloos yommuu muramu dhiiga qofa utuu hin taane aannan qulqulluutu dhangala’e; kunis qulqullummaa tajaajila isaa fi qulqullina barumsa isaa ragaa ba’a,” jedha. Qulqulluun Yaareedis faaruu isaa keessatti Qulqulluu Phaawuloosiin “Utubaa ifaa kan addunyaa ibse,” jechuun galateeffata. Dabalataanis, “Akkuma Kiristoos fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaase, Phaawuloosis seefiitti morma isaa kennuun, biyyoo Roomaa dhiiga qulqulluudhaan eebbiseera” jedha. Seenaa ija jabinaa fi wareegamummaa kana ilaalchisee Qulqulluu Qileeminxoos inni Roomaas, “Phaawuloos inaaffaa wangeelaatiif jecha si’a torba mana hidhaatti darbatameera, biyya irraa ari’atameera, dhagaan tumameera. Bahaa hamma Dhihaatti ifa wangeelaa erga labsee booda, murtii namootaatiin addunyaa kana irraa boqotee gara iddoo ulfinaa isa dhugaatti ol ba’eera,” jedhee ragaa ba’eera. Qulqullichi Gorgooriyoos inni Nuusis gama isaatiin, “Du’i Phaawuloos du’a utuu hin taane, gara jireenya isa dhugaa fi xumura hin qabneetti ce’uudha,” jedha.
Mee jireenya Saa’ol isa duraa fi jireenya Phaawuloos isa haaraa gara jireenya keenya Kiristiyaanummaatti fiduun wal bira qabnee haa madaallu. Jireenyi Saa’ol inni duraa amantoota ari’achuu fi miidhuu irratti kan hundaa’e yommuu ta’u, jireenyi Phaawuloos inni haaraan garuu jaalalaan biyya lafaa guutuu booji’uudha. Jijjiiramni kunis nuti har’a diinummaa fi jibba keessaa baanee obboloota keenya jaalalaan mo’achuu akka qabnu nu barsiisa. Akkasumas, Saa’ol of-tuulummaa fi beekumsa fooniitiin guutamee kan ture yoo ta’u, Phaawuloos garuu gad of qabuu fi dhiphina obsaan dabarsuu dhufe. Kanas jireenya keenyatti yommuu madaallu, nuti har’a qormaataa fi dhiphina jireenyaa keessatti obsa dhabnee guungumuu dhiisnee, akka Phaawuloos gad of qabnee eebba Waaqayyoo eeggachuu akka qabnu nuuf ibsa.
Dhumarrattis, Saa’ol seera fooniif inaaffaa dogoggoraa kan qabu ture; Phaawuloos garuu wangeelaaf lubbuu isaa aarsaa taasise. Dhugaan kunis nuti amantii keenyaaf hamma dhumatti cichuudhaan jireenya keenya guutuu aarsaa afuuraa taasifnee dhiyeessuuf nu kakaasuu qaba. Yeroo wareegamummaa kana dhageenyu nuti waa’ee ofii keenyaa maal gochaa jirra jennee of gaafachuu qabna. Qulqulluun Phaawuloos biyya lafaa kanaaf du’ee, guutummaatti Waaqayyoof jiraate. Nuti immoo addunyaa kanaaf jiraachaa aarsaa afuuraa kaffaluu irraa fagaanneerra. Akkuma Qulqullichi Phaawuloos jireenya isaa guutuu dhama’ee dhuma irratti lubbuu isaa aarsaa taasise, nutis hawwii foonii dhiisnee hamma dhumaatti jireenya afuuraatti cichuu qabna.
Qulqulluun Phaawuloos cubbuu isaa isa duraa ari’ataa fi dhiphisaa amantootaa ta’uu irraa kennaa Waaqayyoo fi gaabbii dhugaatiin addunyaa booji’aa wangeelaa ta’uutu danda’ama jedhee hojiin nutti agarsiiseera. Nuti kiristiyaanonni namni cubbuudhaan akka hin dhumnee fi ayyaanni Waaqayyoo qulqulluu nu gochuu akka danda’u isarraa barannee, akka isaa qabsoo gaarii qabsuurree xumuruu haa dandeenyu. Qabsoon keenya har’aa, qabsoo afuuraati. Kanaafuu, akkuma barreeffame, “...nuyis ba’aa nutti ulfaatu hundumaa, cubbuus isa nutti maramee nu qabu of irraa gataa, obsaan fiigicha nu dura jiru haa fiignu!” (Ibr. 12:1) jabaannee amantii keenya haa eeggannu. Qulqullichi ifatti akkuma nuuf dhaame, “Dammaqaa, amantiitti jabaadhaa, gootota ta’aa, of jabeessaa!” (1 Qor. 16:13) jedheera.
Araarri Waaqayyoo, eebbii fi kadhannaan Duuka Bu’aa guddicha Qulqulluu Phaawuloos, akkasumas Qulqulluu Pheexiroos hunduma keenya waliin haa ta’u; Ameen!

Kan Qulqullicha Pheexiroos asirraa dubbisaa!
Barnoota birootiif, ‘Telegram Channel’ kanatti makamuun hin irraanfatinaa!
https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira
Dn Misganu Mulatu
Adoolessa 03, 2018