title
Nuti erga duune turre" Obbo Sibahaat Naggaa: L/Janaraal Baacaa Dabalee akka ibsanitti
Hundeessaa fi hogganaa olaanaa ABUT kan turan Obbo Sibahaat Naggaa Raayyaa Ittisa Biyyaatin to'annoo jala oolu isaani ibsamu ni yaadatama.
Hogganaa Qajeelcha Bobbii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ta'an Birgaader Janaraal Tasfaayee Ayyaalew ibsa guyyaa muraasa dura kennaniin Obbo Sibahaat Naggaa fi hoggantoota ABUT biroo Holqa keessa dhokatanii akka turan ibsaniiru.
Obbo Sibahaat erga to'atamani booda suuraa fi sur-sagalee miidiyaalee irratti gadhiifameen yeroo kolfan mul'ataniiru. Namoonni baay'ees obbo Sibahaat maal jedhan jechuun wal gaafachaa turan.
Waraanicha Adda Raayyaan dursaa kan turan Leftanaant Janaraal Baacaa Dabalee akka ibsanitti Obbo Sibahaat erga to'atamanii booda yaada kennaniiru. Yeroo to'annoo jala oolan, "Nuti erga duune turre" jechuun ajajoota olaanoo Raayyaa Ittisaaf akka himan L/Janaraal Baacaa Dabalee gaazexeessitootaaf dubbataniiru.
Obbo Sibahaat to'annoo jala ooluu isaani dura "yoo to'annoo jala oolan maal jedhu laata" jechuun Janaraalonni mari'achaa akka turan kan himan L/Janaraal Baacaa, "yeroo to'ataman Heerri mootummaa (constitution) gaariidha, isin fayyada" akka jedhan akka tilmaaman himaniiru.
Yeroo to'annoo jala oolan, janaraalli tokko itti dhiyaate yeroo isaan gaafatu akkuma timaamameen "Heerichi gaariidha, itti mari'adhaa" akka jedhan himaniiru.
Obbo Sibahaat "maaltu sitti dhagahame?" jedhame gaaffii gaafatamaniif wayita deebisan, "Nuti erga duune turre bar. Nuti kan duune gaafa ADWUI jedhamu baduudha. Amma maal gochaa akka jirtan sitti himu? Amma sirna awwaalcha keenyaa raawwachaa jirtu" jechuun akka deebisan L/Janaraal Baacaa Dabalee dubbataniiru.
Maddi: Al Ain