https://telegram.me/Hamiltan_tv_Hamilee_Ummataa
#TAMTUU_CAALA_BAREEDA⁉
#⃣Yeroo hedduu warri ittiin bulmaata (Shari'aa) amantii islaamaa qeequ Hijaabni mirga dubartootaa sarba jedhanii yeroo haasahan ni dhagahama.
🧕🏻🧕🏻Hijaabni mirga dubartii koonkumaa hin sarbu yoo kabaje malee.
Akkamitti hijaabni mirga dubartootaa kabaja⁉
Mee #Fkn Kana xiinxalli obboleeyyan dubraa lama ta bareedumni jaraa wal-qixaa takka hijaaba 🧕🏻🧕🏻 itti uffisii takka uffata mini skirt 👗👗 itti uffisii gama magalaa ergi. ⛔beeki akkana godhi siin jechuu kiyyaa miti.
▪Yeroo jarri galan gaaffi kana gaafadhu⁉
👉🏼Yeroo magalaa baatanii dhuftan warrii haala gaarii hin qabne (kashlabboonni) isin lamaan keessa eennuun jeeqan?
✔Deebiin beekkamaa dha ta uffata mini skirty uffatte santuu jeeqame kashlabbootaanis arrabsamte.
Maaliif beeytaa ⁉uffata isiin uffattetuu uffata kabajaa hin qabne waan taheefi.
#Hubadhu Hijaabni mirga dubartii hin kabajemoo hin miidhe deebii simaa dhiisa.
Mee #Fkn biraa haa laalluu.
Osoo ati karaa irra deemaa jirtuu namtichi muuzii 🍌🍌 gurguru tokko sitti dhufee muuzii narraa biti siin jedhe.
Muuzii akaakuu lamaa qaba tokko ka irraa quuncifame🍌🍌 tokko ka irraa hin quuncifamiin.
Ka irraa quuncifame gatiin isaa rakasa birrii 5💵.
Ka irraa hin quuncifamin gatiin isaa qaalii dha birrii 25💵.
#⃣Mee ati ka gatiin isaa rakisaa ka birrii 5ni san fudhattamoo ka gatiin isaa qaalii ka 25ni san fudhatta❓❓
✔Deebiin isaa shakkii hin qabu ka gatiin isaa qaalii ka irraa hin quuncifamin san fudhatta.
🤔 Maaliif osoo ka rakisaa jiruu ka gatiin qaalii san fudhatte beeytaa⁉
👇🏼👇🏼Ka rakisaa suni irraa quunca'ee waan jiruuf awwaaraafii,tiisisaafii Jarmoonni adda addaa ka ijaan hin mul'anne irratti waan qubataniif yoo ka nyaattuu dhibee sirraan gahuu waan danda'uufi.
▪Kanaaf atis dubartiin ati filattuu ta hayaa'a qabdu ta hijaabaan faayamtee kabajaa isii tiiyfattee deemtuu dha.
HIJAABNI BAREEDUMA DUBRAA NI DHOYSAA ⁉
Hijaabni bareeduma dubartii hin dhoysu daran bareechisa malee.
#HUB Garuu bareeduma isiin ittin nama Harkisuu (hawwatuu) dandeettuun san ni dhoysa.
Mormii hin qabu kuni eennuun birattuu Dubartiin takka ta uumamteef nama tokko qofaafii.
Bareeduma isii ka keessaa ka isiin ittiin nama haawwatuu dandeettu kana mul'isuun ka hayyamamuuf namoota (Nama isii fuudhuu hin dandeenne) Mahrama isii tahan qofaafii.
❌❌❌ Dubartiin bareedduun Ta lip stick diimaa hidhitti dibattee maskaaraa gurraachaa nyaara irratti dibatte qullaa deemtu osoo hin tahin.
✔✔✔ Dubartiin bareedduun ta hijaaba isii uffattee hayaa'aafii kabajaa maatii isii eeydee deemtuu dha.
Ati lamaan keessaa tami yaa obboleettii tiyya kabajamtuu❓❓❓
Mirgii kee ka sii tiiyfameen shari'aa (ittiin bulmaata) amanatii islaamaatiini Fakkeenyi kee Mariyam hintala imraan,Faaxima hintala rasuulaa (saw) Aaishaa hintala Abu bakrii tahuu qaba.
Yoo si jaalachiise share godhuu hin irraanfatin
http://T.me/Hamiltan_tv_Hamilee_Ummataa