“Welcome to ‘Orthodox Promotion’”

“Welcome to ‘Orthodox Promotion’”

Orthodox Promotion

“Telegram Channel, ‘Orthodox Promotion:’”

‘Telegram Channel’ Afaan Oromootiin, Seera, Dambii fi Barsiisa Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo eegeen barumsa dabarsaa jiran beeksisuu fi guddisuuf, sagaleen Waaqayyoos uummata bal’aa bira akka qaqqabu taasisuuf baname.

Kanaafuu, ‘Telegram Channel’ tajaajila Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidootiif oolan, kan Afaan Oromootiin tajaajilu, ‘Channel’ miseensota 300+ ol qabu yoo qabaattan “Orthodox Promotion” irratti bilisaan akka isinii beeksifamuuf galmeeffachuu dandeessu!

Kaayyoo ‘Promotion’ ’ichi dhiyaatuuf:

Tajaajiltootni keenya yoo miseensota hedduu horatan tattaafatanii si’oominaan tajaajiluun itti tola; ni gammachiisas; yoo miseensotni muraasa ta’an garuu hamilee dhabdummaadhaan sirriitti tajaajiluuf itti hin tolu. Inumaayyuu sababa miseensota ga’aa dhabuu kanaan kanneen tajaajila kanarraa fagaatan deebisuu fi kanneen tajaajilaa jiran immoo miseensota hedduu argatanii akka si’oominaan karaa “Social Media — Telegram” kanaa tajaajilan taasisuufi dha.

Seeraa fi Dambiilee beeksisa, ‘Telegram Channel’ “Orthodox Promotion”

‘Channel’ ’iiwwan “Orthodox Promotion” ’tti fayyadamuuf dhuftan hundumtuu, ‘Promotion’ ’ichatti galmaa’uun duratti seerotaa fi dambiiwwan kanaa gadii hojiitti hiikuu beekuu fi fudhachuun dirqama! Kanaan ala ‘Promotion’ ’ichi ‘Channel’ keessan sagantaa ‘Promotion’ ’itti dabalee isiniif hin dhiyeessu!

Seerotnii fi Dambiiwwan kunneenis: 

1. Hundumaa dura “Orthodox Promotion” irratti ‘Telegram Channel’ keessan ‘Promotion’ ’dhaaf kan galmeessifattan ‘Channel’ ’iin keessan “Link” qabaachuun dirqama! 

2. ‘Channel’ keessan irratti “Admin” naaf [ @MisgeeM ] kennuu qabdu; Anis, Channel keessan irratti post’ii “Orthodox Promotion” beeksisaaf dhiyaatu qofaan “Forwarded” irratti taasisuuf malee faayidaa dhuunfaa kamiif illee dhimma itti ba’uuf miti! ‘Channel’ keessan irratti gama “Orthodox Promotion” kan dhiyaatu maxxansa beeksiisichaa qofa.

3. ‘Promotion’ kun torbanitti guyyaa lama [baay’annaanis miseensota ‘Channel’ ’icha hordofan nuffisiisa waan ta’eef], Kamisaa fi Dilbata galgala sa’aatii 2:00 irraa hanga Jimaataa fi Wiixata (Monday) ganama sa’aatii 2:30 ’tti qofa dhiyaatee tura.

4. ‘Promotion’ “Orthodox Promotion” ’iin Kamisaa fi Dilbata galgala sa’aatii 2:00 ’rratti maxxanfamu kana balleessuu fi beeksisa (post) kan biraa irratti maxxansuun hin danda’amu; Wantoota maxxansitan qabdu taanaan dursaatii osoo sa’aatiin beeksisichaa ga’ee hin maxxanfaminitti dura maxxansaa!

5. Erga ‘Promotion’ ’ichi ‘Post’ ta’ee booda hanga ‘Promotion’ ’ichaaf sa’aatiin eeyyamameef [Sa’aatii 12:30] keessatti homaa post taasisuun hin danda’amu; Jimaataa fi Wiixata ganama sa’aatii 2:30 booda garuu balleessuun ykn utuu hin balleessinis maxxansa kan biraa maxxansuun ni danda’ama!

6. ‘Telegram Channel’ lamaa fi isaa ol, akkasumas, “Google Blog” fi “YouTube Channel” tajaajila mana kiristiyaanaa kana qofaaf oolu qabaannaanis bilisaan galmeessifachuu dandeessu; ‘Telegram Channel’ galmeessiftan kam irratti iyyuu maxxansa ‘Channel’ ykn ‘Group’ biroo irraa [‘Share’ alatti] Copy — Paste gootanii kan maxxansitan ta’uu hin qabu! Kun akka yakka hannaatti ilaalama — “‘Hin hatin!’ jettee utuma lallabduu, ofii keetii immoo hatta mitii? Yoo akkas ta’e immoo, ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu?” (Room.2:21) jedhameera waan ta’eefis. Copy paste taasifnaan beeksisacha keessaa kallattiidhaan haqamtu!

7. Maxxansa dhimma Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo hin ilaallanne, seeraa fi Dambii ishees kan hin eegganne, akkasumas kan afuuraa warra hin taanes ni maxxansitu yoo ta’e, hordoftoota ‘Channel’ ’ichaa waan jeequuf, mana kiristiyaanaa keenyas waan ceephaasisuuf wantoota hin barbaachisne ‘Channel’ kana keessatti maxxansuun hordoftoota mufachiisuu fi ‘Promotion’ keenyas maqaa balleessuun hin danda’amu!

8. ‘Channel’ ’iiwwan afuuraa, tajaajila Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoof oolan kanneen, ‘Channel’ ’iiwwan addunyaa waliin beeksistu (cross) taanaan, barreeffamoota hin barbaachisne, kanneen sabaa fi saba walitti buusanii fi barreeffamoota ‘Channel’ afuuraa keessatti argamuun isaaniif hin barbaachisne yoo maxxansitan beeksisa (Promotion) kana keessaa kallattiidhaan dhiifama tokko malee ari’amtu. Sababiinsaa, “Hundumtuu akka haalaattii fi seeraan haa ta’u!” (“ሁሉ በአገባብና በሥርዓት ይሁን።”) (1Qor.14:40) jedhamneerras waan ta’eefi!

9. Promotion keenya ibsa (Description) soba ta’e tasumaa hin fayyadamu!

Ulaagaalee seerotaa fi dambiiwwan 1-8 ’tti jiran kana kan fudhattanii fi kan guuttan taanaan ‘Channel’ qabdan ‘Link’, Maqaa fi Miseensota isaa karaa ‘@MisgeeM’ naaf ergaa; yaadaa fi gaaffii waa’ee Promotion kanaa qofa irratti yoo qabaattaniifis karuma kanaan na qunnamaa!

© Mirgi ‘Promotion’ ’ichaa eenyuun birattillee loogii malee kan eegamedha!

Join: https://t.me/OrthoPromotion

Report Page