“Welcome to ‘Orthodox Promotion’”

“Welcome to ‘Orthodox Promotion’”

Misganu Mulatu

“Channel Telegram ‘Orthodox Promotion:’” ‘Channel’ fi ‘Group Telegram’ Afaan Oromootiin, Seera, Dambii fi Barsiisa Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo eegeen barumsa dabarsaa jiran beeksisuu fi guddisuuf, sagaleen Waaqayyoos uummata bal’aa bira akka qaqqabu taasisuuf baname.

Kanaafuu, ‘Channel’ ykn ‘Group Telegram’ tajaajila Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidootiif oolan, kan Afaan Oromootiin tajaajilu, ‘Channel’ miseensota 300+ fi ‘Group’ ’iif immoo miseensota 350+ qabu yoo qabaattan “Orthodox Promotion” irratti bilisaan beeksifachuuf galmeeffadhaa! ‘Group,’ “Group Discussion” ’dhaaf banattan “Orthodox Promotion” ‘Channel’ ’icha malee ‘Group’ sana hin simatu!

 Kaayyoo ‘Promotion’ ’ichi dhiyaatuuf:

Tajaajiltootni keenya yoo miseensota hedduu horatan tattaafatanii si’oominaan tajaajiluun itti tola; ni gammachiisas; yoo miseensotni muraasa ta’an garuu hamilee dhabdummaadhaan sirriitti tajaajiluuf itti hin tolu. Inumaayyuu sababa miseensota ga’aa dhabuu kanaan kanneen tajaajilarraa fagaatan deebisuu fi kanneen tajaajilaa jiran immoo miseensota hedduu argatanii akka si’oominaan karaa “Social Media — Telegram” kanaa tajaajilan taasisuufi.

Seeraa fi Dambiilee beeksisa, ‘Channel’ ykn ‘Group Telegram’ “Orthodox Promotion”

‘Channel’ fi ‘Group’ ’iiwwan “Orthodox Promotion” ’tti fayyadamuuf dhuftan hundumtuu, ‘Promotion’ ’ichatti galmaa’uun duratti seerotaa fi dambiiwwan kanaa gadii hojiitti hiikuu fi beekuun dirqama! Kanaan ala ‘Promotion’ ’ichi ‘Channel’ ykn ‘Group’ keessan sagantaa ‘Promotion’ ’itti dabalee hin dhiyeessu!

Seerotnii fi Dambiiwwan kunneenis: 

1. Hundumaa dura “Orthodox Promotion” irratti ‘Channel’ ykn ‘Group’ keessan ‘Promotion’ ’dhaaf kan galmeessifattan ‘Channel’ ykn ‘Group’ ’iin keessan “Link” qabaachuun dirqama! 

2. ‘Channel’ ykn ‘Group’ keessan irratti “Admin” naaf [ @MisgeeM ] kennuu qabdu; Anis, Channel ykn Group keessan irratti post’ii “Orthodox Promotion” beeksisaaf dhiyaatu qofaan “Forwarded” irratti taasisuuf malee faayidaa dhuunfaa kamiif illee dhimma itti ba’uuf miti! ‘Channel’ ykn ‘Group’ keessan irratti gama “Orthodox Promotion” kan dhiyaatu maxxansa beeksiisichaa qofa.

3. ‘Promotion’ kun torbanitti guyyaa lama qofa [baay’annaanis miseensota ‘Channel’ ykn ‘Group’ ’icha hordofan nuffisiisa waan ta’eef], Kamisaa fi Dilbata galgala sa’aatii 2:00 irraa hanga ganama sa’aatii 2:30 ’tti qofa dhiyaatee tura.

4. ‘Promotion’ “Orthodox Promotion” ’iin Kamisaa fi Dilbata galgala sa’aatii 2:00 ’rratti maxxanfamu kana balleessuu fi beeksisa (post) kan biraa irratti maxxansuun hin danda’amu; Wantoota maxxansitan qabdu taanaan dursaatii osoo sa’aatiin beeksisichaa ga’ee hin maxxanfaminitti dura maxxansaa!

5. Erga ‘Promotion’ ’ichi ‘Post’ ta’ee booda hanga ‘Promotion’ ’ichaaf sa’aatiin eeyyamameef keessatti homaa post taasisuun hin danda’amu; Jimaataa fi Wiixata ganama sa’aatii 2:30 booda garuu balleessuun ykn utuu hin balleessinis maxxansa kan biraa maxxansuun ni danda’ama! Torbanitti muraasa waan dhiyaatuuf utuu balleessuu dhiitataniis gaariidha.

6. ‘Channel’ ykn ‘Group’ lamaa fi isaa ol qabaannaanis, akkasumas, “Google Blog” qabaannaan galmeessifachuu dandeessu; ‘Channel’ ykn ‘Group’ galmeessiftan kam irratti iyyuu maxxansa ‘Channel’ ykn ‘Group’ biroo irraa [‘Share’ alatti] Copy — Paste gootanii kan maxxansitan ta’uu hin qabu! Kun akka yakka hannaatti ilaalama — “‘Hin hatin!’ jettee utuma lallabduu, ofii keetii immoo hatta mitii? Yoo akkas ta’e immoo, ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu?” (Room.2:21) jedhameera waan ta’eefis.

7. Maxxansa dhimma Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo hin ilaallanne, seeraa fi Dambii ishees kan hin eegganne, akkasumas kan afuuraa warra hin taanes ni maxxansitu yoo ta’e, hordoftoota ‘Channel’ ykn ‘Group’ ’ichaa waan jeequuf, mana kiristiyaanaa keenyas waan ceephaasisuuf wantoota hin barbaachisne ‘Channel’ ykn ‘Group’ kana keessatti maxxansuun hordoftoota mufachiisuu fi ‘Promotion’ keenyas maqaa balleessuun hin danda’amu!

8. ‘Channel’ fi ‘Group’ ’iiwwan afuuraa, tajaajila Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoof oolan kanneen, ‘Channel’ fi ‘Group’ ’iiwwan addunyaa waliin beeksistu (cross) taanaan, barreeffamoota hin barbaachisne, kanneen sabaa fi saba walitti buusanii fi barreeffamoota ‘Channel’ ykn ‘Group’ afuuraa keessatti argamuun isaaniif hin barbaachisne yoo maxxansitan beeksisa (Promotion) kana keessaa kallattiidhaan dhiifama tokko malee ari’amtu. Sababiinsaa, “Hundumtuu akka haalaattii fi seeraan haa ta’u!” (“ሁሉ በአገባብና በሥርዓት ይሁን።”) (1Qor.14:40) jedhamneerras waan ta’eefi!

9. Promotion keenya ibsa (Description) soba ta’e tasumaa hin fayyadamu!

Ulaagaalee seerotaa fi dambiiwwan 1-8 ’tti jiran kana kan fudhattanii fi kan guuttan taanaan ‘Channel’ ykn ‘Group’ qabdan ‘Link’, Maqaa fi Miseensota isaa karaa ‘ @MisgeeM ’ naaf ergaa; yaadaa fi gaaffii waa’ee Promotion kanaa qofa irratti yoo qabaattaniifis karuma kanaan na qunnamaa!

© Mirgi ‘Promotion’ ’ichaa eenyuun birattillee kan eegamedha!

Join: OrthoPromotion

Report Page