“Waa’ee keenyaaf kan kadhatu Iyyesuus Kiristoosidha” (Room.8:34). ❌

“Waa’ee keenyaaf kan kadhatu Iyyesuus Kiristoosidha” (Room.8:34). ❌

Misganu Mulatu

Yeroo baay’ee shakkitoonni caqasa kana fudhachuudhaan, “Iyyesuus Kiristoos nuuf kadhata nu araarsa” jechaa jiru. Ergaa gara warra Roomaatti barreeffamee, “ergaa gara warra Roomee” jedhamee kan waamamu kana kan barreesse qulqulluu Phaawuloosidha. Haa ta’u malee garuu hima, (“Waa’ee keenyaaf kan kadhatu Iyyesuus Kiristoosidha” (Room.8:34)) jedhee caqasa kanarra kan jiru qulqulluun Phaawuloos hin barreessine. Yaada isaa fi ergaa isaas hin turre. Sababiinsaas kitaabooleen qulqulluu yeroo garaagaraatti afaanii gara afaanitti yemmuu hiikaman hiikkaa isaa jijjiiranii, jara warra hiiketu akkas jedhee barreesse malee kan Qulqulluun Phaawuloos barreessee fi jedheen tokko miti. 

Anis ammaaf isa jarri jedhan sanan mata duree kanarra godhee malee yaada isa sirriis miti. Utuu akkas jedhee barreesseeyyuu akka shakkitoonni hiikkatan kanaan, “Inni nuuf kudhata, nu araarsaa” jechuuf miti. Hiika kan biraa isa isaan yaadaniin ala qaba ture.

Maaliif yoo jenne gooftaan keenya araarsummaa fi nuuf kadhachuu isaa biyya lafaa kana irratti xumuree ofitti nu araarsee xumureera malee ol ba’ees kan nuuf kadhatuu fi nu araarsuu miti. Ragaan keenya, “Abbaa biraa ba’een gara biyya lafaa dhufe, deebi’eemmoo biyya lafaa nan dhiisa gara abbaas nan dhaqa; Isin gaafas maqaa kootiin kadhattu ykn na kadhattu, ani immoo abbaatti isiniif nan dubbadha ykn abbaa isiniifin kadhadha isinin araarsa isiniin hin jedhu” (Yoh.16:26-28) jedhee araarsummaa fi nuuf kadhachuu isaa dhaabeera. Kan inni yemmuu biyya lafaa dhufee yeroo kadhatu barreeffamee argamuyyuu akka nuti kadhannuuf fakkeenya nuuf ta’uuf jedheeti. 

Akkuma, “Anarraas baraa!” (Maat.11:28) jedhe, yemmuu “maal jennee kadhanna?” jedhanis, “Yeroo kadhattan akka warra oftuultootaatti hin kadhatiinaa! Isaan akka namni isaan arguuf jecha daandii fi iddoo wal-ga’iitti dhaabbatanii kadhatu. Dhugumaan isiniin jedha isaan gatii isaanii argataniiru. Isin garuu yemmuu kadhattan balbala mana keessanii cufadhaatii gara abbaa keessanii isa dhoksatti jiruu isa hin argamnetti kadhadhaa! Isin akka warra ormootaa jecha waa’ee hin baasne keessaa deddeebitaniis hin dubbatinaa! Abbaan keessan osoo isin itti hin himin wanta isin kadhachuu barbaaddan beeka waan ta’eef, ‘Yaa abbaa keenyaa samii irra kan jiraattu; maqaan kee haa qulqullaa’u ykn haa galateeffamu ...’ jedhaa kadhannaa!” jedhee, kadhannaa kadhachuuf fakkeenya nuuf ta’uu bira darbee waan jennee kadhachuu qabnullee akka kanatti nutti himeera (Maat.6:5-15, Luq.11:2-4).

Egaan himni inni sirriitti barreeffamee jiru keessaa tokko kan bara 1958 maxxanfame irraa, “waa’ee keenyaaf ni murteessa” jedha. Garuu bara garaagaraatti Kitaabni Qulqulluu yeroo maxxanfamu jijjiiramuun, “nuuf kadhata” jedhamee dogoggora barreeffameera. Inni isaan, “Nuuf kadhata” jedhan kun dogoggora hamaadha.

Haala kitaaboota yeroo ammaatiin hima kana yoo ilaalleef waan wal hin simnee fi himoota waliin hin deemne arganna. Isaanis, “Kan qajeelchu (dhaalchisu) Waaqayyoodha. Kan murteessu hoo eenyudha? Kan du’ee, keessumattuu du’a injitatee ka’ee mirga Waaqayyoo kan jiru, waa’ee keenyaaf kan kadhatu Iyyesuus Kiristoosidha” jechuun hiikkaa isaan hiikan wal faana hin deemu (Room.8:34, Ibr.5:7, 7:25).

Innis, “kan dhaalchisu erga Waaqayyo ta’ee, kan murteessu eenyu?” kan jedhuuf deebiin sirrii maaliif hin deebine? Moo Qulqulluu Phaawuloostu utuu hin deebisin irraanfatee bira darbe? Yookaanis dogoggoraan, “inni murteessu kun kan du’ee du’a injitatee ka’ee mirga Waaqayyoo jirudha” erga jedhee booda akkamittimmoo deebi’ee, “nuuf kadhata” jedharee? Wal simaa? 

Qulqulluun Phaawuloos kan inni jechuu barbaade hubachuudhaaf mee nuti lakkoofsa 33 irraa kaasnee haa ilaallu!

Innis bifa gaaffii fi deebiidhaan yaada gaafate kana deebisaa deemeeti kan barreesse. Kanaafuu, Lakkoofsa 33 irratti, “Warreen Waaqayyo isaan filate eenyutu isaan himata?” akkas jechuunsaa, “warreen Waaqayyo na hordofaa jedhee isaan filateen eenyuutu, ‘lakki isaan filamuu akkasumas isa waliin ta’uus hin dandeessan’ jedhee kan isaan himatu eenyudha?” jedhee yeroo gaafatu deebiin inni kenneef, ittuma aansuudhaan deebii isaa yeroo nuuf deebisu, “Kan qajeelchu (dhaalchisu) Waaqayyoodha” jechuun warreen isaan filate kanaan, “Eebbifamtoota Abbaa koo!” jedhee mootummaa isaa kan isaan dhaalchisu Waaqayyo (Iyyesuus Kiristoos) ta’uu nutti himaatii jira. 

Haaluma kanaan gaaffii isaa itti fufuun, “Kan murteessu hoo eenyudharee?” jedhuun gaafate. Gaaffii deebii isaa kanas yemmuu deebisu lakkoofsa 34 irratti, “Kan du’ee, keessumattuummoo du’a injifatee ka’ee mirga Waaqayyoo kan jiru” jechuun, kan murteessu ulaagaa sadiin; tokkoffaa, “Kan du’e; lamaffaa, Du’aas kan ka’ee fi sadaffaa immoo, Kan mirga Waaqayyoo jiru” jechuun ulaagaa kana sadan kan guuteen “ni murteessa” jedhee deebii kenne. Inni ulaagaa kana guute eenyuree? Waaqayyoo miti? Iyyesuus Kiristoos miti? Eeyyeen isumadha kan murteessu; malee inni kan kadhatu fi kan araarsuu miti. Kan kadhatamuu fi kan nutti araaramudhas malee.

As irratti hubachuu kan qabnu gaaffii Qulqulluun Phaawuloos gaafate, “eenyuutu murteessa?” kan jedhudha malee, “eenyuutu kadhata?” kan jedhu miti. “Eenyuutu murteessa” kan jedhuuf deebiin isaa, “Kiristoos Iyyesuus du’aa ka’ee gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhata” jedhamee deebi’uu gonkumaa hin danda’u. Akkasumas jechoonni, “qajeelchuu”, “dhaalchisuu” fi “murteessuu” jedhan araarsummaa ykn kadhachuu waliin tasumaayyuu hidhata tokkollee hin qabu. Jechi mirga jedhummoo Kitaaba Qulqulluu keessatti hiika garaagaraa yoo qabaateyyuu bakka kanatti garuu aangoo fí olaantummaa Ilmaa ykn Iyyesuus Kiristoosiin ibsuuf gale. Akkuma, “Mirgi Waaqayyoo humna taasiste” (Faar.117:16) jedhutti jechuudha.

Kanaafuu, kana kan inni raawwatu (dhaalchisuu fi murteessu) humnaa fí aangoo isaatiin akka ta’e agarsiisa. Akkuma jarri jedhan, “Waa’ee keenyaaf kan kadhatu/araarsu Iyyesuus Kiristoosidha” yoo jenne qulqulluun Phaawuloos isa dursee dubbate faallessaa jira jechuudha. Akkuma Kitaabi Qulqulluun, “Burqaan (Maddi) bishaan boolla tokko irraa ba’u bishaan mi’aawuu fi hadhaawu burqisiisaa? Yaa obboloota koo mukti Balasii firii Ejersaa ykn mukti Wayinii firii Balasii naqachuu dandeessii? Bishaan ashaboo irraa bishaan mi’aawaan hin ba’u.” jedhu (Yai.3:11); duuka bu’aa tokko irraa ergaan wal faallessu hin ba’u. Sababnisaas isaan Kitaaba Qulqulluu kan barreessan Afuura Qulqulluudhaan durfamaniiti waan ta’eef jechuudha. “Kitaabni Qulqullaa’aa hundinuu geggeessaa afuura Waaqayyootiin barreeffame” (2Xim.3:16).

Egaan haa ta’u malee akka shakkitoonni jettanitti immoo bishaan boolla tokkoo keessaa bishaan hadhaa’aa fi mi’aawaa baheera. Balasiin firii Ejersaa godhateera. Mukti Wayiniis firii Balasii baafateera. Maaliif yoo jenne utuu yaadni duuka bu’aa Phaawuloos wal hin faallessin isin waan akka inni wal faallesseetti waan gootaniifi. Akkuma ilaallee dabarre yaada teestaan walitti bu’uutu achirratti hiikamee jiraafi. 

Kanaafuu Qulqulluun Phaawuloos waa’ee aangoo isaa osoo dubbatuu deebisee, “inni nuuf kadhata” jechuun kan Gooftaan, “Anii fi Abbaan tokkodha” (Yoh.10:30); akkasumas, “Ani yeroos isiniif hin kadhadhu!” (Yoh.16:26) isa Gooftaan keenya jedhe faallessaa jira. Sababnisaas, “Ilmi Abbaa gadi ta’uudhaan waa’ee cubbuu keenyaaf Abbaa nuuf kadhachaa jira” yaada jedhu yaadni kun nuuf kennu waan ta’eefi. Kanaaf, akkuma Kitaabni Qulqulluun inni duraa, abbaan saddeettamii tokkoosii fi kan bara 1938 maxxane jedhutti, “Waa’ee keenyaaf kan murteessu inni Iyyesuus Kiristoosidha” kan jedhu yaada qulqulluu Phaawuloosii fi isa sirriin hiikamedha.

Akkuma isaan shakkitoonni jedhan nuuf kadhata osoo jennee Ilmi eenyuun nuuf kadhataa? Afuura Qulqulluudhamoo Abbaadhaa? Yoo Afuura Qulqulluun ta’e qulqullichi, “Afuurri mataan isaa aadicha hin dubbatamneen nuuf kadhata/Araarsaa ...” (Room.8:27); jechuun akka kitaaba isaaniitti Afuura Qulqulluudhaanis kadhataa taasiseera. Inni abbaa saddeettamii tokkoommoo, “Inni Afuurri Qulqulluun mataan isaa waa’ee rakkina keenyaa nuuf murteessa” jedha. Akkasumas, Abbaan, “Guyyaa guyyaan kadhachaa, garbichoota koo raajota isinitti ergeen ture” (Erm.7:25) jechuudhaan kitaabni qulqulluun nutti hima. 

Kanaaf hunduu erga nuuf kadhatu ta’ee Ilmi gara eenyuutti nuuf kadhata?

Walumaagalatti caqasni kun har’as Iyyesuus Kiristoos kufee nuuf akka kadhatu hin mul’isu. Sababni isaas hojii araarsummaa isaa fannoorra taa’ee inni, “Ni raawwatame” hanga jedhutti raawwatee xumureera. Inni lammata kan dhufu hunda keenyaaf akka hojii keenyaatti nutti murteessuuf malee; Abbaa waa’ee cubbuu keenyaaf hin kadhatu.

Abbaan keenya qulqulluun Daawwit, “Waaqayyo ifatti ni dhufa hin callisu” jedhee akkuma dubbate Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara addunyaa kanaatti yeroo lama kaayyoo garaa garaa lamaaf dhufa. Inni jalqabaa kan ta’ee darbe bara kuma lama dura foon hoolaa isa bade kan Addaam uffachuudhaan Addaamiin barbaaduun ofii isaa aarsaa ta’ee, aarsaa kanas kan fudhatu ta’ee ofitti isa araarsuuf dhufee xumureera.

Inni lammaffaan immoo kan gara fuulduraatti isa dhumaaf addunyaa kana dabarsuuf; akkasumas, Inni ergamoota duuba isaa hiriirsisuun gooftummaa isaan yeroo dhufutti hoolota mirga isaa fi re’oota immoo bitaa isaa dhaabee murtiif dhufa (Maat.25:31-33). “Ilmi namaa ergamoota isaa duuba isaa hiriirsuun dhufa. Yeroo sanattis hundaaf gatii isaa akka hojii isaatti murtii kennaaf” (Maat.16:2); jechuun akkuma dubbate dhufaatiin isaa inni kun immoo murteessuudhaaf.

Akkuma qulqulluun Yohaannis mul’ata isaa irratti, “Kunoo ani dafee nan dhufa; tokkoon tokkoo isaaf akka hojii isaatti isaaf murtii kennuuf hojiin isaa na bira jira” (Mul.22:12); jedhe Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqa murteessaa fi kan kadhatamu malee kan hin kadhanne ta’uu isaa ragaa nuuf ba’eera. Waaqni isaa oliis waan hin jirreef innumti mataan isaa, “Anii fi Abbaan tokkodha” (Yoh.10:30) jechuun ragaa ba’eera. 

Dabalataanis, “Namoonni hundi akkuma Abbaa kabajan Ilmas akka kabajaniif, murtii hunda Ilmaaf kenne malee Abbaan eenyu irratti illee hin murteessu” (Yoh.5:22-23). “Yaa Gooftaa ... ati hundumaaf akka hojii isaaniitti murteessitee kaffaltaaf” (Faar.61:12). “Inni hundaaf akka hojii isaaniitti murtii kennaaf” (Room.2:6); jechuudhaan Kitaabni Qulqulluu Ilmi (Iyyesuus Kiristoos) murteessaa akka ta’e ragaa ba’a malee akka inni nuuf kadhatuu fi araarsu ragaa hin ba’u.

Gooftaan keenya tokkoon tokkoo keenyatti akka hojii keenyaatti ni murteessa. Qulqulluun Phaawuloos, “Tokkoon tokkoo keenya gatii hojii foon keenyaan hojjenne fudhachuudhaaf teessoo murtii Iyyesuus Kiristoos fuulduratti dhiyaanna” (2Qorn.5:10); jechuudhaan namoonni hundi dirqama murtiif teessoo murtii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos fuuldura dhaabbachuun murtoo fudhachuu akka qabnu hubachiisa. 

Egaan, manni amantaa keenya Ortodoksii Tewaahidoonis inni murteessaa ta’uu isaatiin kana irraa ka’uudhaan, “Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos murteessaadha; abbaa dhiifamaati; waa’ee keenyaaf kan kadhatamuu fi isa kan kadhannudha” jetti; malee waa’ee keenyaaf inni hin kadhatu; kana boodas hojii araarsummaas hin dalagu kan isheen jettee barsiiftuuf.

Hojii araarsummaa kana kan hojjetan immoo qulqulloota isaadha. Ragaan, “Waaqayyo cubbuu namootatti lakkaa’uu dhiisee, karaa Kiristoos biyya lafaa ofitti araarseera; Araarsuu isaa kana immoo kennaa godhee imaanaa nutti kenneera. Kanaafuu, afaan Kiristoos taanee, ‘Waaqayyootti araaramaa!’ jennee isin kadhanna” (2Qorn.5:19-20); jechuun qulqulloonni nu araarsu nuuf kadhatu malee Waaqni nuuf hin kadhatu, nu hin araarsu; nutti araarama nuuf kadhatamas malee.

Walumaagalatti, Gooftaan keenya ofii isaa yeroo biyya lafaa irra ture aarsaa ta’ee aarsaa dhiyeessuun waa’ee cubbuu keenyaaf ofitti nu araarsuun addunyaa kana al takkaan fayyiseera. Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos addunyaa kana fayyise yemmuu jennu, daandiin inni hojii fayyinaa kana ittiin raawwate tajaajila araarsuu jedhama.

Araarri qaama lama kanneen lola qaban gidduutti haasaan barbaachisu erga godhamee booda nageenya, tokkummaa fi jaalala kan argamsiisudha. Araarsaan qaama lamaan irraattiyyuu dhageettii argachuun isa barbaachisa. Dhimma lolichaas sirriitti kan beekuu fi furmaatas fiduu kan danda’u ta’uu qaba. Lola Waaqayyoo fi nama gidduu ture balleessuu kan danda’u Waaqayyo mataa isaa yoo ta’e malee araarichi dhugoomina qabaachuu hin danda’u.

Qulqulluun Phaawuloos nama biratti kan hin danda’amne isa biratti garuu kan raawwatame tajaajila araaraa kana yemmuu ibsu, “Garuu wanti ta’e hunduu Kiristoosiin ofitti kan nu araarse; kennaa tajaajila araarsuu kan nuuf kenne Waaqayyo irraayi. Waaqayyo karaa Kiristoosiin addunyaa ofii isaa wajjin ofitti araarsaa ture waan ta’eef yakka isaaniis isaaniitti hin lakkaa’u ture” (2Qorn.5:18-20) jedheera.

Kanaafis, Waaqummaadhaan Waaqayyo irraa akka namummaa isaattis immoo gonkumaa nama kan ta’e fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos hojii araarsummaa isaa raawwateera. Duuka bu’ichi qulqulluun Phaawuloos, “Waaqayyo guutummaan isaa hundi kan isaa akka ta’e, karaa isaatiin dhiiga fannootiin nageenya godhee lafaa fi samii irra kan jiraatan hunda ofiisaatii ofitti akka araarsuuf eeyyameera” (Qol.1:19-20) jedha. Kun hundi kan ta’e garuu tolummaa Waaqummaa isaa irraa kan ka’eedha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hojii araarsummaa kana yoo raawwateyyuu kadhataadha isa hin jechisiisu. Akkuma asii olitti ilaalle inni murteessaadha.

“Channel Telegram” keenya kanas “Join” godhadhaa gaaffii shakkitootaa kanneen biroos irraa baradhaa!

https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira

Report Page