Waa’ee Araara “Mana Lubummaa Oromiyaa” (MLO) Ilaalchisee Dhimmoota Hanga Yoonaatti Ifa Hin Taane!

Waa’ee Araara “Mana Lubummaa Oromiyaa” (MLO) Ilaalchisee Dhimmoota Hanga Yoonaatti Ifa Hin Taane!


 ((#Obsaan_Dubbisaa! #Hiriyyoota_Keessaniif #Share_taasisaa!))

````````````````````````````````````````````````````````````

Qulqulluu Sinodoosiin garee “Mana Lubummaa Oromiyaa” (MLO) waliin araara raawwachuunsaa ibsamee akka ture ni yaadatama. Nuyis dhimmicha hordofnee gabaasaa turreerra; qabxiilee dabalataa ifa ta’uu qabanimmoo caasaa idileerraa eeguu akka qabnus gorsaa turreerra. 

Walgahiin Q/Sinodoosii Onkololeessa 12-23, 2013 ti gaggeeffamaa ture ega xumurameen booda ibsi kenname jira ture; garuu odeeffannoowwan gahaan achi keessatti hin ibsamne. Koreen jaarsolii (araarsitootaa) fi MLO’s qofaatti ibsa kennanii turan (Onkololeessa 19 fi 25, bara 2013). Kanneen keessattis qabxiileen ifa hin taane hedduutu jiru. 

Mee maalfa’atu ifa ta’eera? Maalfa’aatummoo hafe? Gabaabsinee haa xiinxallu! 

Qabxiilee Hanga Yoonaatti Ifa Ta’an:

=======================================

(1) Ibsa Q/Sinodoosii lakk.10 irratti ifaan akkuma labsametti: “aangoon lubummaa qabamee ture gadi lakkifameera”. Kanaafuu, Luba Balaay, Abbaa Gabra-Maariyaam, Luba Badhaasaa, Luba Abiy… jennee aangoo lubummaa isaaniitiin waamuu eegalleerra; kun ifa fi gaarii dha!


(2) Miseensonni koree MLO kunneen (luboota afur) caasaa Mana Kiristaanaa keessatti hojiin akka isaaniif kennamu murtaa’eera; kennameeraafis. Kunis ifafi gaarii dha! (gaheen isaaniif kenname sadarkaa barumsa isaanii waliin wal-simaa laata? kan jedhu akkuma jirutti ta’ee)

 

(3) Jechootafi adeemsawwan araaricha gufachiisuu malan irraa of qusachuun akka barbaachisus waliif galameera. Fakkeenyaaf:

  addaddummaan uumame haala adeemsaa irratti malee doogmaafi qanoonaa waan hin taaneef, dhimmoota hunda mariidhaan qofa hiikuuf akka murtaa’e; 

  dogoggori uumame jiraatullee nagaa buusuuf jecha kan moo’es ta’e kan moo’ame akka hin jirre (moo’attuun Mana Kiristaanaa akka taate); 

  jechoota namoota mufachiisan irraa of-qusachuun akka barbaachisu; kkf.  

Qabxiileen Hanga Yoonaatti Ifa Hin Taanehoo Maal fa’a?

=======================================

(1) Caasaan MLO hundeeffamnisaa itti fufeeramoo addaan citeera? (odeeffannoowwan qaamolee lamaaniin kennaman faallaa dha; gareen MLO “sochiin eegalame addaan hin citu” kan jedhe tajaajila Afaan Oromoof moo caasaa MLO itti fufsiisuuf dha? Ifa miti!)


(2) Caasaaleen MLO akka godinafi aanaatti hundeeffamaa turan akkam ta’an? Hooggantootni koree MLO afur hojiin isaaniif kennameera. Garuu, namootni caasaalee MLO godinaafi aanaa keessa turanihoo?


(3) Caasaan (wiirtuun) tajaajila afaanota addaddaa qindeessu tokko Mana Lubummaa Waliigalaa jalatti akka hundeeffamu caqasamee ture. Eessa gahe?


(4) Qabeenyawwan gareen MLO horatefi itti fayyadamaa ture (TV-OCN dabalatee) gara caasaa Mana Lubummaa idileetti deebi’anii tajaajila itti fufu jedhamee ture. Gareen MLO garuu “qabeenyi deebi’u hin jiru” jechaa ture. Maal jechuu dha? Raawwiin murtoo kanaahoo eessa gahe?


(5) Hojiiwwan atattamaan hojjetamuu qabu jedhamanii ibsaman jiru turan: bakkeen Oromiyaa addaddaatti socho’uudhaan uummata mariisisuu; adeemsa araarichaafi qindoomina fuula duraa ilaalchisee qaamolee hundaaf (caasaalee mootummaa dabalatee) ibsa kennuu; tajaajiltoota sadarkaalee Mana Kiristaanaa addaddaa keessa jiran waliin karoora waliinii baafachuu; tajaajila Afaan Oromootiin kennamu cimsanii babal’isuu; kkf. Kunneen hundi eessa gahan? 

Liqa A’elaaf Luba Balaay Mokonnin dur Manni Lubummaa Waliigalaa “sirriitti socho’aa hin jiru” jechuun komachuutiin beekamu ture. Kunoo amma garuu ofii hoogganaa osoo jiranii murtoowwan kennaman sochii qabatamaatti hiikuuf maaliif dadhabaniree? Gaaffiiwwan fi qabxiileen kunneen hundi uummataaf ifa ta’uu qabu. Tajaajilli Afaan Oromootiin eegalames cimee itti fufuu qaba malee oduu samoona tokkoo ta’ee hafuu hin qabu!  

#Dubbisaa! #Yaada_Gabbisaa_fi_Bilchaataa_Kennaa! #Arrabsoon akka Oromummaatti #Safuu, akka Amantaattis #Cubbuu waan ta’eef eenyuunuu hin ijaaruuti dhiisaa! Toora (page) #Oromummaa_fi_Ortodooksummaa jedhu #Like fi #Share godhaa!

Nu_Ofkalchaa jenna!


Report Page