WALDAAN MAALI? WHAT IS CHURCH?

WALDAAN MAALI? WHAT IS CHURCH?

DUBBII SAGALEE WAAQAYYOO | GALGALA AARTII FI OG-BARRUU | BUDDEENA JIREENYAATIIN | Kutaa 1ᶠᶠᵃᵃ
Ɠαʅɠαʅα ααɾƚιι ϝι σɠ-ⴆαɾɾυυ | ⴆυԃԃҽҽɳα ʝιɾҽҽɳყαα

Church-jecha Ingiliffaa yoo ta'u kan dhufe jecha griikii "guriyaakoos" jedhamu irraati.
Guriyaakoos-jechuun iddoo ykn mana Waaqayyoo jechuudha.

✓Akkasumas iddoo amantoonni itti walitti qabamaniidha.
-Namoonni baayyeen har'a waldaa akka gamoo ta'etti hubatu. Kuni hubannoo kitaabni qulqulluun kennu miti. Jechi "waldaa" jedhu jecha griikii "Ekleeshiyaa" jedhu irraa dhufe,hiikkaan isaas walitti qabama amantootaa ykn warra waamaman jechuudha.Hiikkaan waldaa inni bu'uuraa kan gamoo jedhu kana miti,saba/ummata jechuudha malee.

✓Ekleeshiyaa jechi jedhu jecha griikii ta'ee hiikkan isaa akka kakuu haaraatti,ummata fayyinaaf waamame jechuudha.

✓Akka kakuu moofaatti "Israa'el" jechuudha.Mat 18:16,HOE 7:38,

✓Akka kakuu haaraatti waldaa amantootaa ibsa.
Waldaa kamitti akka isaan waaqeffatan yeroo gaafattu yeroo hundumaa ijaarsa/gamoo itti waaqeffatan sitti himu.
❝Waldicha isa mana isaaniitti walitti qabamuttis nagaa koo anaaf himaa! Ephanexos michuu koo, warra biyya Asiyaatii Kristosiif of kennan keessaa, isa angafatti nagaa koo anaaf dhi'eessaa!❞
—Rom. 16: 5

✓Phaawuloos waldaa mana isaanii keessaati malee ijaarsa ykn gamoo miti,qaama amantootaa akka te'eedha kan agarsiisu.

✓Waldaan qaama kiristoosi isa inni mataa isaa ta'eedha.
Walumaagalatti waldaa jechuun iddoo amantoonni tokkummaadhaan itti walitti qabaman jechuudha.
❝Waaqayyo waan hundumaa miilla Kristos jala kaa'e; goofticha waan hundumaa gararraa jiru kanas waldaa kristiyaanaatiif mataa godhee kenne.❞

—Efe. 1: 22
Itti fufa..........

Galgala Aartii fi Og-barruu
BUDDEENA JIREENYAA

Ɠαʅɠαʅα ααɾƚιι ϝι σɠ-ⴆαɾɾυυ | ⴆυԃԃҽҽɳα ʝιɾҽҽɳყαα


Report Page