Tulluu Taabor
Dn Misganu MulatuMaqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon, Ameen.
Baga geessan 🙏🥰
Ayyaanni Dabree Taabor (Tulluu Taabor), Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo keessatti ayyaanota gurguddoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos saglan keessaa isa tokko yommuu ta’u, iccitii Waaqummaa fi kabajni dhokataan Gooftaa keenyaa addunyaaf itti ife dha.
Iccitiin kun ragaa Tewaahidoo (Tokkummaa foonii fi Waaqummaa) isa raajii guddaa uumamni hundinuu ijaan argee fi ragaa ba’eedha. Akkuma Raajichi Daawit afuuraan dammaqee, “Taaborii fi Harmooniyeem maqaa keetiin ililchu” (Faar. 89:12) jedhee raajii dubbate, tulluun kun bakka dhugaan Waaqummaa Kiristoos fooniin mul’atee fi uumamni iddoo itti uumaa isaa galateeffatedha.
Taabor lafee dugdaa amantaa keenyaati; bakka itti samii fi lafti wal argan, bakka itti namummaan xuraa’ee ture ulfina Waaqummaa itti uffatedha. Qulqulluun Yaareedis galata isaa keessatti, “Tulluu Taabor irratti Iccitiin dhokataa ife; inni samiiwwan samii irra taa’u lafa irratti of mul’ise” jechuun akkuma nuuf mirkaneesse, dhugaa kana gad fageenyaan haa ilaallu.
Lakkoofsa 1 irraa yemmuu eegallu, “Guyyoota ja’a booddees Gooftaan keenya Iyyesuus Pheexiroos, Yaa’iqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis fudhatee kadhachuudhaaf kophaa isaanii gara tulluu dheeraatti ol baase.” jedha.
“Guyyaa ja’a” kan jedhameef ragaa Pheexiroos mandara Qisaariyaa Filiphoos keessatti “Ati Kiristoos Ilma Waaqayyoo jiraataadha” jedhee ragaa ba’e irraa kaasee yommuu ta’u; akkasumas iccitii uumamaa waliin hidhata guddaa qaba. Gooftaan uumama hundumaa guyyoota ja’a keessatti uume waan ta’eef, tulluu irratti ifa isaa yommuu mul’isu, Uumaan isaanii dhugaan guyyoota ja’a keessatti foon uffatee isaan waliin deddeebi’aa ture Isuma ta’uu isaa mirkaneessuufidha. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee, “Guyyaa ja’aaf isaan eegsise, hawwiin isaanii akka jabaatuufi onneen isaanii ifa Waaqummaa baachuuf akka qophaa’uuf” jechuun barsiisa.
Gooftaan keenya duuka bu’oota kudha lamaan keessaa sadan qofa filachuun isaa, iccitii guddaa of keessaa qaba. Qulqullichi Pheexiroos fakkeenya amantaa cimaa, Yaa’iqoob fakkeenya wareegamummaa, Yohaannis immoo fakkeenya jaalalaa ti. Kunis iccitii Waaqayyoo arguuf amantaan dhugaa, jaalalli onnee irraa maddes ta’ee of kennuun (wareegamummaan) murteessaa ta’uu agarsiisa.
Duuka bu’oonni warri hafan saglan ifa kana yeroo sana ijaan hin argine; garuu erga Gooftaan du’aa ka’ee Afuura Qulqulluu fudhatanii booda iccitiin kun hundumtuu ibsameefii ragaa ba’aniiru. Maaliif tulluu jala isaan dhiise yoo jenne, isaan keessaa Yihudaan inni Gooftaa dabarsee kennuuf jiru waan tureefi. Yihudaan onneen isaa maallaqaan waan hidhameef ifa Waaqummaa arguuf eeyyamamaa hin turre. Gooftaan keenya araara isaa isa guddaan, Yihudaa qofa kophaatti yoo gadi hambise ‘sababa natti barbaadeeti ifa kana na dhowwate’ jedhee akka hin gufanneef obboloota isaa saglan waliin akka tulluu jala turu godhe. Lammaffaan immoo, akka Seera Ooriititti “Ragaan dhugaa afaan namoota lamaa ykn sadiin mirkanaa’a” (Kees. 19:15) waan jedhuuf ragaa guutuu ta’e dhiyeessuuf sadan filate.
Tulluutti ol ba’uun garuu, hunda caalaa jireenya biyya lafaa irraa fagaatanii, goolama addunyaa dhiisanii gara Waaqayyootti dhiyaachuu agarsiisa. Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee, “Gooftaan keenya kabaja uumama isaa isa dhokataa ta’e akka isaan arganii fi, Inni Gooftaa jireenyaa fi du’aa ta’uu isaa akka hubataniif dhimmoota biyya lafaa irraa isaan fageessee gara tulluutti isaan baase.” jedhee ibsa. Itti dabalees Qulqulluu Efreem inni Sooriyaa, “Gooftaan tulluu kan filateef sammuun isaanii waan lafaa irraa fagaatee gara samiitti akka ol ka’uufidha” jechuun barsiisa.
Har’a nuti maaliif kadhannaatti dhiboofnee, jireenyi afuuraa nutti ulfaate seetan!? Sababni isaa ‘tulluu’ afuuraa kanatti ol ba’uuf waan hin murteessineefi; onneen keenya biyya lafaa, yaada qabeenyaa fi fedhii foonii keessa waan dhidhimeefidha. Gooftaan keenya har’as tulluu qulqullummaa, tulluu kadhannaa fi tulluu qalbii jijjiirrannaatti ol nu baasuuf dhufe.
Garuu nuti ‘hirribaan dadhabnee’ jirra. Hirriba cubbuu, hirriba dhibaa’ummaa, hirriba jaalala biyya lafaa fi machii addunyaa keessaa dammaquu qabna! Akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Ati inni raftu dammaqi, warra du’an keessaas ka’i, Kiristoos ifa isaa siif ibsa” (Efe. 5:14) jedhe, akka duuka bu’ootaa ija keenya lafa irraa ol kaafnee ilaaluun dirqama keenya. Yoo lafa ilaalle lafuma taana, yoo yaadaa fi lapheen samii ilaalle garuu ifa Waaqummaatiin guutamna.
Kana booda lakkoofsa 2 irratti immoo, “Osoo kadhatuus bifti isaa fuula isaanii duratti jijjiirame. Fuulli isaa akka biiftuu ife. Uffanni isaas calaqqise...” jedha.
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos ifa ofii isaatiin uumeen osoo hin taane, ifa Waaqummaa isaa isa uumama hin taaneen calaqqise. Namummaan isaa cubbuudhaan kan hin xuroofnee fi ifa Waaqummaa baachuu kan danda’u, foon isaas foonummaan sunis foon Waaqummaa ta’uu isaa mirkaneesse. Kun Iccitii Tewaahidoo isa guddaadha! Foon inni Qulqulleettii Durbee Maariyaam irraa fudhate sun akkuma jirutti ulfina Waaqummaatiin guutame.
Kitaaba Qulqulluu keessatti Raajichi Daawit, “Ifa akka uffataatti uffatta” (Faar. 104:2) jedhee akkuma dubbate, kabajni isaa ifatti mul’ateera. Qulqulluu Qeerloos inni Iskindiriyaa, “Ifni kun ifa uumamaa osoo hin taane, ifa Waaqummaa isaa ti; haguuggaa foonii keessaa ba’ee ifa addunyaa ta’uu isaa mirkaneesse. Kunis akka nuti namummaan keenya cubbuun xuraa’e kana qalbii jijjiirrannaan miiccanne ifa Kiristoosiin uffannuuf nu waama” jedha.
Akkasumas, Qulqulluu Yaareed immoo faarfannaa isaa keessatti, “Tulluu Taabor irratti ifni kee inni dhokataan mul’ate; urjuunis uffata kee irraa calaqqise” jechuun galateeffata. Wangeelli Yohaannis, “Jechi sunis foon ta’e; nurras bule. Kabaja Ilma Abbaa isaaf tokko ta’eetti kan jiru kabaja isaa agarre; kennaa fi dhugaan kan guutameedha.” (Yoh. 1:14) akka jedhu, Taabor irratti dhugaan kun ife.
Barumsa kana irraa kaanee yommuu of ilaallu, nuti har’a maal gochaa jirra? Uffanni lubbuu keenyaa inni guyyaa cuuphaa ifee fi qulqullaa’ee nuuf kenname, har’a xurii cubbuutiin gurraacha’eera. Uffanni kun imimmaan qalbii jijjiirrannaa, tsoomaa fi kadhannaan miiccamee akka addeessa ifutti deebi’uu qaba.
Garuu nuti uffata lubbuu keenyaa isa cubbuun xuroofne kana, imimmaan qalbii jijjiirrannaan miiccannee addeessuurra, dibata foonii fi xurii addunyaatiin of faalaa fi of gowwomsaa jirra. Qulqullummaan jireenya keenyaa eessa jira? Dhuguma nuti daawwitii Kiristoos of keessatti mul’isnu taaneerraa? Nuti bifa alaa bareechinee lubbuu immoo cubbuutti dhiisnee jirra. Qulqulluu Yohaannis inni Damaasqoo, “Uffata dhiiga Kiristoosiin miiccame xureessuun gadda guddaadha” akkuma jedhe, uffata Taabor uffachuuf, xurii cubbuu ofirraa haa dhiqnu!
Itti fufuudhaan lakkoofsa 3 irratti immoo, “Kunoo, namoonni lama dhufanii isa waliin dudubbatu ture. Isaanis Musee fi Eeliyaas turan...” jedha.
Museen fakkeenya warra du’anii (Seera bakka bu’uun), Eeliyaas immoo fakkeenya warra jiraatanii (Raajota bakka bu’uun) dhufan. Gooftaan keenya Inni jiraattotaa fi du’oota irratti Gooftaa ta’uu isaa agarsiisa. Kana qofaas miti; Museen nama fuudhee bultii ijaarrate yommuu ta’u, Eeliyaas immoo qeerrummaan (qulqullummaan) kan jiraatedha; kunis Kiristoos gooftaa warra fuudhanii heerumanii fi gooftaa warra dur—qeerrummaan jiraatanii ta’uu isaa ragaa ba’a.
Sababa isaan filatamaniifis, Gooftaan keenya (Maat. 16:13–17) irratti, “ ‘Namoonni Ilma namaatiin eenyu jedhu?’ jedhee bartoota isaa gaafatee, isaan ‘… kaan inni Eeliyaas, kaanis raajota keessaa tokko’ ” jedhanii deebisanii turan. Angafti Raajotaa immoo Musee waan ta’eef isa jechuu isaaniiti. Egaa uummanni karaa tokkoon “Ati Musee dha” karaa biraatiin immoo “Ati Eeliyaasidha” jedhanii yaadaa waan turaniif, Inni garuu Musees ta’ee Eeliyaasiin akka hin taane uumamni hunduu akka hubatuuf isaan waame. Musee fi Eeliyaas yommuu iddoo kana dhufan akkuma hojjettootaatti Gooftaa isaaniif sagadan malee akka wal qixaatti waliin hin dubbanne. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee dhimma kana yommuu ibsu, “Gooftaan warra isaaf ragaa ba’an lamaan fide; tokko awwaala keessaa (Musee), tokko immoo samii irraa (Eeliyaasiin); kunis akka isaan ‘Nuti garboota isaatidha, inni garuu Gooftaa keenyadha’ jedhanii warra ijaan arganiif dhugaa ba’aniifi” jechuun minyeessa.
Akkuma Kitaaba Qulqulluu irratti, “Kiristoos warra du’anii fi warra jiraatan irratti iyyuu gooftaa akka ta’uuf du’eera, deebi’ees jiraataa ta’eera” (Room. 14:9) jedhamee barreeffame. Dabalataan dhimmi isaan dubbatan waa’ee “dhiphina isaa” ykn fannifamuu isaati. Iddoo kabajni guutuun, ifni Waaqummaa fi ililliin ulfinaa jiruttillee, Iccitiin Fannoo fi fayyina ilmaan namootaa hin irraanfatamne.
Qulqulluu Efreem inni Sooriyaa, “Gooftaan keenya, Inni Gooftaa jiraattotaa fi du’ootaa ta’uu isaa mirkaneessuuf, akkasumas Seerichii fi Raajonni isaaf akka dhugaa ba’an agarsiisuuf, Musee warra du’an keessaa, Eeliyaasiin immoo warra ol fudhataman keessaa waamee fide” jedheera. Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqees yaada kana yommuu gabbisu, “Yihudoonni Kiristoosiin seera diiga jedhanii hammeenyaan himatu turan; kanaafuu abbaa seeraa kan ta’e Musee fi angafa raajotaa kan ta’e Eeliyaasiin fiduun isaa, Inni gooftaa seeraa fi raajotaa ta’uu isaa dhugaa baasiisuufidha” jedha.
Maarree, asirrattis nuti hoo har’a yeroo qananii, maallaqaa fi kabajaa argannu iccitii fannoo ni yaadannaa? Yeroo mijaatummaan nuuf baay’atu, waa’ee gidiraa Kiristoos fi waa’ee obboloota keenya warra dhiphatanii onnee keenyatti ni dhufa moo, qananii biyya lafaatiin machoofnee Fannoo isaa irraanfanna? Iddoo gammachuuttillee Fannoon dhugaa bu’uura jireenyaati. Namni Kiristoosiin jaalatu yeroo gaddu qofa osoo hin taane, yeroo gammachuu isaa guutuu keessattis Fannoo isaa hin irraanfatu. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Ani garuu fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin alatti of jajuun narraa haa fagaatu; isaanis biyyi lafaa anaaf fannifameera, anis biyya lafaatiif fannifameera” (Gal. 6:14) jedhee dubbate. Akkasumas (Room. 8:35) irratti, “Jaalala Kiristoos irraa maaltu nu gargar baasa? Dhiphinamoo, muddamamoo, ari’atamuudhamoo?” akkuma jedhame, onneen keenya yeroo hundumaa fannoo isaa irraa adda ba’uu hin qabu.
Itti fufees Lakkoofsa 4 irratti, “Gooftaa! As jiraachuun nuuf gaariidha; yoo fedha kee ta’es godoowwan sadii asitti haa ijaarru... Na’ee waan tureef waan dubbatu hin beeku ture.” jedha.
Pheexiroos kabaja argite sanaan booji’amee, rakkinaa fi fannoo Iyyerusaalemitti isaan eeggatu jalaa miliquu barbaade. Har’a jireenya keenya keessatti amalli Pheexiroos kun nu keessattis mul’ata. Gidiraa fi qormaata danda’uu dhiifnee, yeroo hunda mijatummaa, qananii fi milkaa’ina qofa hawwina. Garuu kiristiyaanummaan Iyyerusaalem (Fannoo) malee hin raawwatamu. Daba malee qajeeluun, dhiphina malee bal’achuun hin jiru! Akkuma Gooftaan, “Namni ana faana bu’uu barbaadu of haa ganu, fannoo isaas haa baadhatu!” (Maat. 16:24) jedhe, fannoo malee gonfoon hin jiru, qormaata malees ce’umsi hin jiru. “Waan dubbatu hin beeku ture” kan jedhameef, fannifamuu Kiristoos malee fayyinni addunyaa dhufuu akka hin dandeenye hubachuu waan dadhabeefidha.
Qulqulluun Pheexiroos garuu erga afuura Qulqulluu fudhatee fi icciticha hubatee booda dhugaa kana ragaa ba’uun, “Nuyi ofii keenyaa sagalee kana isa samii irraa dhufe... tulluu qulqulluu sana irratti dhageenye” (2 Pheex. 1:18) jechuun jabeessaa nuuf kenneera. Fannoo irraa baqachuun fayyina irraa baqachuudha! Nuti immoo warra biyya lafaa kana keessatti godoo qananii fi dhibaa’ummaa ofiif ijaaruuf fiigan ta’uu hin qabnu. Akkuma Qulqulluun Isxifaanos dhagaadhaan tumamaa ulfina Waaqayyoo arge, nutis fannoo keenya baachaa ulfina sana hawwuu qabna.
Gaaffii “Maaliif ofii isaaniifis godoo ijaarranna jechuu dhiisee isaan sadaniif ijaaramu qofa dubbate?” jedhuuf deebiin yommuu kennamu, Pheexiroos ulfinaa fi ifa Waaqummaa sana yommuu argu ofii isaa guutummaatti irraanfatee ture. Jaalalli fi dinqisiifannaan Waaqayyoo onnee isaa waan fudhateef, fedhii foonii ofii isaa dhiisee, Musee, Eeliyaasii fi Gooftaa isaaf tajaajilaa ta’ee achumatti hafuu filate malee eeyyummaa isaa hin yaadanne. Qulqulluun Giyoorgis inni Gaasiccaa, “Pheexiroos addunyaa dhiisee samii hawwuudhaan of irraanfate; bakka ifni Kiristoos jirutti namni ofii isaatiif godoo foonii fi jireenya biyya lafaa hin yaadu” jedha. Kana malees, Pheexiroos “Asitti godoo sadii ijaarra” kan jedheef, tulluun kun bakka dhiphinni fi fannifamuun, akkasumas jibbiinsa Yihudootaa hin jirre, bakka nagaa waan tureefidha.
Kana booda lakkoofsa 5 irratti immoo, “Duumessi ifaan dhufee isaan uffise... Kunoo duumessicha keessaa, ‘Kanan jaaladhu, kanan filadhe... ilmi koo isa kanadha; isa dhaga’aa’ jechi jedhu dhufe.” jedhe.
Iddoo kanatti Iccitiin Sillaasee (Akkuma Laga Yordaanositti) ifatti mul’ateera. Abbaan duumessa keessaa dubbate, Ilmi tulluu irratti ife, Afuurri Qulqulluun immoo bifa duumessa ifaatiin isaan golge. Qulqulluu Baasiliyoos inni Guddichi, “Duumessichi ifaa mallattoo argama Afuura Qulqulluu yommuu ta’u, Sagaleen Abbaa immoo Waaqummaa Ilmaa dhugaa ba’e; asitti Iccitiin Sillaasee ifatti mul’ateera” jedha.
Gaaleen, ‘Isa dhaga’aa!’ jedhu kun ajaja cimaa fi seera bara baraati. “Isa dhaga’aa!” kan jedhu sagalee Abbaa dhaga’uudhaan, cubbuu keenya irraa deebinee, fannoo keenya baachaa Gooftaa keenya faana bu’uun nuuf mala.
Maarree har’a jireenya keenya keessatti eenyuun dhaga’aa jirra? Sagalee addunyaa fi holola siyaasaa, sagalee miidiyaa hawaasummaa fi xibaara namootaa, moo sagalee Kiristoos isa Wangeela keessatti dubbatame dha? Onneen keenya iyya addunyaatiin duudaa ta’eera; hammeenyaan, jibbaa fi qoosaan guutameera. Sagalee Waaqayyoo dhaga’uuf gurra afuuraa nu barbaachisa. Akkuma Kitaaba Qulqulluu irratti, “Har’a sagalee isaa yoo dhageessan, onnee keessan hin jabeessinaa!” (Ibr. 3:7–8) jedhamee akeekkachiifame, nutis sagalee jireenyaa kanaan onnee keenya laaffisuun dirqama keenya.
Nuti garuu sagalee tiksee keenyaa isa dhugaa dhaga’uu dhiifnee, sagalee yeeyyii biyya lafaatiin oofamaa jirra. Waca addunyaa kanaaf gurra keenya cufnee, sagalee Gooftaa keenyaa dhaga’uuf gurra onnee keenyaa banuu qabna. Wangeela Yohaannis irratti “Hoolonni koo sagalee koo dhaga’u, anis isaan beeka, isaanis na duukaa bu’u” (Yoh. 10:27) akkuma jedhame, nutis gooftaa keenya isa dhugaa kanaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan ‘Isa dhaga’aa’! isa nuun jedhame milkeessu qabna.
Itti dabaleemmoo lakkoofsa 6 — 8 gidduuttis, “Duuka bu’oonni isaas dhaga’anii adda isaaniitiin kufan... Gooftaan keenya Iyyesuusis dhiyaatee isaan qaqqabee, ‘Ka’aa, hin sodaatinaas!’ isaaniin jedhe... Gooftaa keenya Iyyesuusiin alatti kan argan homtuu hin turre.” jedha.
Namummaan keenya inni dadhabaan kabaja Waaqayyoo guutummaatti baachuu hin danda’u. Duuka bu’oonni sodaatanii kufan. Haa ta’u malee, harki Gooftaa inni araarrii fi fayyinni keessa jiru dhufee isaan qaqqabe. Qulqulluu Yohaannis inni Damaasqoo, “Jechi Waaqayyoo foon uffate, harka isaa isa foonii kanaan yeroo isaan qaqqabu, sodaa du’aa irraa isaan kaase; kunis Waaqummaa fi namummaan isaa tokko ta’uu isaa nutti agarsiisa” jedha. Dhuma irratti, Musee fi Eeliyaas ni dhokatan; “Iyyesuusiin qofa argan.” Kunis Seerichis ta’ee Raajonni gara Kiristoositti kan nu geessan ta’uu agarsiisa.
Lafatti kufuun isaanii dadhabina ilmaan namootaa fi uumamni guutummaatti ifa Waaqummaa isa dhugaa baachuu akka hin dandeenye yommuu agarsiisu, Gooftaan dhiyaatee isaan qaqqabuun isaa immoo araaraa fi jaalala isaa isa hin daangeffamne agarsiisa. Qulqulluun Efreem inni Sooriyaa, “Gooftaan keenya humna Waaqummaa isaatiin isaan kuffise, araara namummaa isaatiin immoo harka isaa diriirsee du’a afuuraa irraa isaan kaase” jedha. Dabalataanis, dhuma irratti Musee fi Eeliyaas dhokatanii “Iyyesuusiin qofa” arguun isaanii, xumuramuu tajaajila Seeraa fi Raajotaa, akkasumas ifni Wangeelaa Gooftaa Iyyesuusiin bakka bu’uu isaa ibsa.
Akkuma Qulqulluun Yohaannis Mul’ata isaa irratti, “Yommuun isa arge, akka nama du’eetti miila isaa jalatti nan kufe. Innis harka isaa mirgaa narra kaa’ee, ‘Hin sodaatin, inni duraa fi inni dhumaa ana’ ” (Mul. 1:17) jedhe. Yeroo biyyi lafaa nutti dukkanaa’uu fi sodaannu, harki Gooftaa inni nu hin dhiisne dhufee nu kaasa. Yeroo rakkinni nu mudatu, yeroo jireenyi nutti dukkanaa’u, yeroo dhibeen nu dararuu fi abdii kutannu eenyuun ilaalla? Maqaa, qabeenya, gosa ykn gargaarsa nama foonii? Ija keenya ol kaafnee ‘Iyyesuusiin qofa’ ilaaluu qabna. Inni kophaa isaa nuuf ga’aadha. Kitaaba Qulqulluu Ibroota 12:2 irratti, “Ija keenya isa amantii keenya eegalee fi fiixaan baasu, Iyyesuus irra haa keenyu” akkuma jedhame, Gooftaan dhiyaatee yeroo harka isaa isa qulqulluun nu qaqqabu, sodaan, mukuun, yaaddoon, dhiphinni fi gaddi hundumtuu nu irraa bada. Rakkinni guddaan bara kanaa, ija keenya namoota irra kaa’uu keenyadha. Egaa har’a ija lubbuu keenyaa hunda addunyaa irraa fuunee gara Fayyisaa keenyaatti, gara ‘Iyyesuusitti’ haa deebisnu!
Itti aansees lakkoofsa 9 — 13 irrattis, “‘Ilmi namaa du’aa keessaa adda ba’ee hanga ka’utti, kan argitan eenyutti iyyuu hin himinaa!’ jedhee isaan abboome... Eeyyee Eeliyaas raawwatee dhufeera... Bartoonni isaas waa’ee Yohaannis cuuphaa akka isaanitti hime hubatan.” jedha.
Gooftaan keenya iccitii kana akka isaan hin himne kan ajajeef, osoo Inni hin fannifatamiinii fi du’aa hin ka’in namoonni kabaja isaa kana dhaga’an, yeroo inni fannoo irratti reebamu, itti tufamuu fi fannifamu yoo argan amantii isaaniitti akka hin gufanneefidha. Iccitiin afuuraa yeroo isaa eegee dubbatamuu qaba. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee, “Iccitiin kun fannoo dura dhokfamuun isaa, dhiphina fannoo irratti yommuu uumamni hunduu raafamu, amantiin isaanii akka hin diigamneefi” jechuun ibsa. Gooftaan iccitii kana kan dhokseef, yoo yeroo sana dhaga’an Yihudoonni inaaffaadhaan guutamanii dhiphina fannoo isaa itti ariifachiisu, ykn immoo ulfina isaa kana sodaatanii fannisuu dhiisuun iccitii fayyinaa gufachiisu jedheeti. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Osoo beekaniiru ta’ee, Gooftaa ulfinaa fannoo irratti hin fannisan turan” (1 Qor. 2:8) jedhe.
Qulqulluun Isxifaanoos inni Iskindiriyaa immoo, “Iccitiin ulfinaa kun akka sanyii yeroo isaa eegee lafa keessaa biqiluuti; hanga du’aa ka’umsaatti onnee duuka bu’ootaa keessatti akka awwaalamu ta’e” jechuun ibsa. Kana malees, uummanni Yohaannis Cuuphaa fi Eeliyaasiin adda baasuu dadhabuu isaaniitiin Gooftaan hubannoo isaanii sirreesseera. Yohaannis Cuuphaan afuuraa fi humna Eeliyaasiin waan dhufeef, Kiristoos Eeliyaas dhufeera jechuun ibseef. Lamaan isaanii iyyuu lafa oneetti jiraatanii raajii hojjetan, huccuu rifeensa gaalaa uffatan, akkasumas mootota gantuu ta’an (Eeliyaas Ahaabiin, Yohaannis immoo Heroodisiin) ija jabinaan ifatan. Nuti ofii keenyaa guddifnee mul’isuuf fiiguu hin qabnu, iddoo fi yeroo Waaqayyo nuuf qopheesse eeguun dandeettii of qabuu kiristiyaanummaati. Akkuma Kitaaba Lallabaa irratti “Cal jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” (Lal. 3:7) jedhame, obsaan dhimma Waaqayyoo eeguu qabna.
Walumaagalatti, dhugaa kana hundumaa erga dhageenyee, har’a dhuguma tulluu qulqullummaa irra jirraa moo dhooqa biyya lafaa keessa gadi lixnee gadi of dhiisnee jirra? Waca addunyaa kanaa cufnee sagalee jireenyaa, “Isa dhaga’aa!” jedhu sanatti onnee keenya haa bannu! Akkuma sibiilli ibiddaan qoramee, reebamee qara baafamee jabaatu, amantiin keenyas qormaataan yommuu tuqamu cimee dhaabachuu qaba. Jireenyi kiristiyaanaa jireenya boqonnaa qofaa osoo hin taane, jireenya itti fannoo baatanii godaansa gara sammuu godhanidha.
Uffanni lubbuu keenyaa, inni cubbuun faalamee hafe sun, imimmaan qalbii jijjiirrannaa isa ho’aa fi dhugaadhaan miiccamee akka addeessa ifutti deebi’uu qaba. Maqaa ofii ol kaasuuf, godoowwan mijaatummaa ofiif ijaaruuf fiigichaan akka Pheexiroos dogoggoruu fi fannoo irraa baqachaa fooniin dhiphachuun nurra hin jiru. Fannoo jalaa miliquun hin danda’amu; garuu dhuma fannoo sanaa duuba ifa Taaboriitu jira! Jireenya fannoo osoo hin dhamdhamin, tulluu ulfinaa irra dhaabachuun hin jiru! Ija keenya ol kaafnee, dhiphina, dhibee fi roorroo keenya keessatti ‘Iyyesuusiin’ haa ilaallu! Yeroo sanatti harki isaa inni qulqulluun, inni fannoo irratti nuuf jedhee waraanname sun dhufee nu qaqqaba, sodaa du’aa fi mukuu jireenyaa hunda nu irraa balleessa.
Waaqayyo Gooftaan keenya ija afuuraa keenya nuuf banee, ifa Waaqummaa isaa akka ilaallu, jireenya keenyas qalbii jijjiirrannaan akka qulleessinu Ayyaana isaa nuuf haa baay’isu!
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Ameen.

Channel kanatti makamuun hin irraanfatinaa!
https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira
Dn Misganu Mulatu
Hagayya 10, 2018