“Tsoomii ani filadhe kanaa?” (Isa.58:5).
Dn Misganu Mulatu✍️ B/saa Haayile-Mikaa’el Taaddasaa ’tiin
Sagalee kana kan dubbate Waaqayyoo; afaan Raajicha Isaayiyyaas irra buleeti. Gaaffii kanarraa kan hubachuu dandeenyu Waaqayyo Tsooma keenya taajjabeera.
Raajii Isaayiyyaas, boqonnaa 58, lakkoofsa 1 irraa eegaleetoo yoo ilaallu, Waaqayyo Tsooma keenyatti gaddeetu Isaayyiyyaasiin, “Humnaan iyyi” jechuudhaan, dadhabbiin nuti Tsooma keenyarratti agarsiifne kan sagalee nama hin qusachiifne akka ta’e ibsa.
Itti aansuun ammoo, sagalee ol qabeetoo Isaayiyyas akka dubbatu kan barbaade nuu ibsa. Innis maal seetan? Uummata isaa tsoomaa jiruun irraa goora ykn dogoggora isaa akka itti himuu qabu dha.
Egaa kan komatame Tsoomuu keenya miti. Akkaataa itti Tsoomneetu komatame malee! Kana jechuun kan Tsoomaa jirru dogoggoraa fi irraa goora keessaa otoo hin ba’in akkuma cubbuudhaan xuroofneetti. Kanaaf Tsoomni barbaaddamu duula nyaata dhaabuu otoo hin taane Tsooma gaabbiidhaan itti deddeebinu dha.
Waaqayyoo dubbachuusaa itti fufee: “Akka waan dhugoomina raawwatanii akka uummata murtii Waaqa isaa hin dhiisiinitti murtii dhugaa na kadhatu,” nuun jedha (Isa.58:2). Waaqayyooraa haqaa fi dhugaa keenya akka bilisa baasu barbaanna yoo ta’e, nutis warra dhugoominaan jiraannuu fi abboomii isaa eegnu ta’uu qabna. Ta’uu baannaan daandii haqa qabeessa hin taaneerra deemaa, ofuma keenyaa riqicha dhugaa jigsaa, murtii Waaqayyoorraa barbaaduun mataan isaa haqa qabeessa miti.
Sababa kanaan Tsooma hedduu Tsoomnee Waaqayyoorraa deebii dhabnee jirra. Waaqayyoorraa waan deebii dhabneef, “Maaliifis Tsoomnee? Qaama keenyas maalif salphisne? Atis nu hin ilaallee?” (Isa.58:3) jechuudhaan gama tokkoon Tsooma keenya balaaleeffanna. Gama birootiin ammoo Waaqayyootti quba qabna. Rakkoon nu bira jiru dhugumatti kanadha. Of komachuudhaa mannaa, Waaqa abbaa haqaa komachuurratti xiyyeeffanna. Hanqina keenya otoo ilaallee, waan Waaqni hamaa ta’eef otoo hin taane, waan Tsooma Waaqayyoon hin barbaadne Tsoomneef, Waaqni gara keenya hin ilaalle.
Sababa itti kadhaa, qoomma’uu fi beela’uu keenya itti hin ilaalleef yoo nutti himu: “Guyyaa Tsooma keessanii eeyyama keessan waan raawwattaniif,” (Isa.58:3) nuun jedha. Kaayyoon Tsoomaa fedha keenya foonii akka dhaggeeffannu otoo hin taane, fedha foonii keenya lubbuudhaaf bichisiisuudha. Tsoomni yeroo kaan caalaa yaaddoo mootummaa Waaqayyootiif qabnu kan itti agarsiisnuudha. Nuti garuu, dursinee Mootummaa Waaqayyoo barbaaduu keenya (Maat.6:33) haala agarsiisuun otoo hin taane fedhii dachii kanaaf kufnee ka’uu keenya haala raggaasiisuun Tsoomna. “Lolaa fi falmiidhaafis Tsoomna” (Isa.58:4). Kuni Tsooma Waaqayyoodhaan jaalatamuu miti.
Erga Waaqayyo haala armaan olitti qeeqameen Tsooma keenya komatee booda, “Tsoomii ani filadhe kanaayii?” jedheetu nu gaafata. Tsooma inni filatu, lakk. 6-9 tti tsooma waaqayyoo biratti jaalatamu tarreesseera.
Tsooma Waaqni jaalatu kunis:
√ Tsooma warra murtii jal’aadhaan hidhaman hiikuu (Isa.58:6);
√ Tsooma warra cunqurfaman bilisa baasuu, waanjoo hundumaas irraa caccabsuu (Isa.58:6);
√ Tsooma, Buddeena keenya warra beela’aanif laachuu (Isa.58:7);
√ Tsooma warra hiyyeessoota oliif gadi jooraniif iddoo bultii kennuu (Isa.58:7);
√ Tsooma warra qullaa ta’an/daaran daara baasuu (Isa.58:7);
√ Warra aantii/fira keenya ta’anitti dugda gatuu dhiisuu (Isa.58:7);
√ Tsooma quba namatti qabuun jal’ina nama irratti dubbachuu dhiisuu (Isa.58:9) kkf dha.
Egaan warreen dhibbaman dirmachuu murteessaadha. Warri dinagdeedhaan dhibbamanii, waan nyaatan, waan dhugan hin qabne jiru. Warri dhibamanii itillee (siree) irratti hafan jiru. Warri mana hidhaatti kan isaan daawwatu dhabanii irraanfataman jiru. Warri gadda cimaan liqimfamanii akka isaan jajjabeessinu barbaadan hedduutu jiru. Warri daaranii uffata nurraa barbaadanis adduunyaa waa hundi wal hanqattuu taate kana keessatti lakkoofsi isaanii salphaa miti.
Tokko tokko biyyumti bal’aan kuni mana hidhaa itti ta’ee jira. Tokko tokko ammoo mana hidhaa keessatti haqa dhabanii, dhugaan jalaa dhokatee warri dararaman jiru... Kanneeniif amma dandeettiin keenya nuuf eeyyameen dhaqqabuun akka qaama Tsooma kanaatti hubatamuu qaba. Dhaqqabuun, kadhannaallee isaaniif adeemsiisuudhaan, akkasumas haqaa fi dhugaa mararfatanii dhugaadhaaf dhibamuudhaan ibsama.
Haala kanaan kanfaltii Waaqayyoodhaan nu kanfalamu (Ibr.11:25 fi 26) herreggachuudhaan Tsoomni Tsoomamu bu’aan isaa lakk. 8 eegalee ibsamee jira. Yemmuu sana ifti keenya akka biiftuu ganamaatti balaqqeessa. Fayyuun keenyas mirkana ta’a. Dhugoominni keenyas nu fuuldura deema. Kabajni Waaqayyoos duubaa ta’eetu nu eega. Akkanas nuun jedha: “Yemmuu sana ni waamta. Waaqayyoonis ni dhaga’a. Ni iyyitas innis ‛oo’ siin jedha. Ifni kees dukkana keessatti balaqqeessa. Dukkanni kees akka guyyaa adiit ta’a” (Isa.58:8-10).
Kanaaf Tsoomni Waaqayyoon nurraa eegu, yoo dhugoome bu’aan isaa haala armaan olitti ibsameen kan danuu nama gammachiisuudha. Waan kana ta’eef, Tsooma Faasikaa kanatti dhugoomina raawwwachuuf haa karoorsinu, hojiirrras haa oolchinu! Kuni akka galma ga’u gargaarsi waaqayyoo nu wajjin haa ta’u! Tsooma Gudducha/Faasikaa kanaan eebbi Waaqayyoo kan itti nu roobu nuuf haa ta’u!🙏
✍️ B/saa Haayile-Mikaa’el Taaddasaa ’tiin