Talaallii Covid-19 eenyutu jalqaba argata, akkamiin? - BBC News Afaan Oromoo

Talaallii Covid-19 eenyutu jalqaba argata, akkamiin? - BBC News Afaan Oromoo

From

Getty Images

Saayintistoonni talaallii koronaavayirasii osoma argataniillee kutaalee hawaasaa hundaan ga'uun rakkoodha.

Laabraatooriiwwan qorannoo fi dhaabbileen qoricha oomishan yeroo tallallii sirrii itti argatan, yaalaiifi gara oomishuutti ce'an irratti qajeeltoowwan ittiin hoogganaman haaraa uumaa bulu.

Talaalliin kun addunyaa maraaf sirriitti akka raabsamuuf tarkaanfiwwan hin dinqisiisoo ta'an fudhatamaa jiru.

Ta'us garuu dorgommii talaallicha argachuu keessatti biyyootni dureeyyiin biyyoota hiyyeeyyii teellaatti gatuun, mo'achuu danda'u sodaan jedhu jira.

Kanaaf eenyutu jalqaba argata, gatiin isaa hangam ta'a, yeroo rakkoo kanatti namni talaallicha hin argatiin hafu akka hin jiraanne gochuun akkamiin danda'ama?

Talaallii dhibeewwan daddarbanii argatanii, yaalanii dhiyeessuun waggaa dheeraa fudhata.

Erguma argamee tajaajilaaf dhiyaateellee bu'a qabeessummaa fi miidhaarraa bilisa ta'uunsaa wabii guutuu hin qabu.

Dhibeewwan daddarboo keessaa hanga ammaatti kan balleessuun danda'ame - maariiyyeedha (smallpox)- kunuu waggaa 200 fudhate.

Kan hafan kanneen akka pooliyoo tetaanasii, gifira, TB fi maangurro (mumps) sababa talalliin isaanii jiruuf, walumaan jiraanna. Talaalliin koronaavaayirasii yoomitti ga'uu danda'a?

Taallalliin kam koronaavayirasii ittisuu danda'a kan jedhu baruuf hirmaannaa namoota hedduun yaaliin gaggeeffamaa jira!

Hojiin yeroo hedduu waggaa shanii hanga 10 fudhatu, gara ji'ootaatti gabaabfamaa jira.

Oomishnis ammoo hirmaannaa investarootaafi oomishtoota hedduu kanneen qarshii doolaara biliyoona hedduu baasaniin dabalaa jira.

Raashiyaan talaalliin 'Sputnik-V' jedhamu dhukkubsattoota irratti mallattoo dhibicha ittisuu waan agarsiiseef Onkolooleessa keessa kennamuu ni eegala jetti.

Chaayinaan ammoo talaallii milkaa'eee qondaltota waranaaf dhiyaate qabaachuu himti.

Ta'us garuu ariitii itti talaalliin lamaanuu argaman jedhame yaaddoo uumeera.

Talaalliwaan akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaattis yaalii sadarkaa sadaffarra jiranis akkanuma.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) akka jedhutti talaalliin koronaaviyarasii hanga giddu galeessa bara 2021'tti kennamuu kan eegalu hin fakkaatu.

Dhabbati omisha qorichaa Biriteen 'AstraZeneca' yoo talalliin hojjachaa jiru milkaa'e talaalliiwwan gara miiliyoona 100 addunyaa irratti raabsuuf walii galeera.

Dhaabbileen Pfizer fi BioNTech jedhaman ammoo Onkololeessa bara kanaatti raggaasifamuu barbaadu.

Kana jechuun dhuma 2020 ttti talaalliin miiliyoona 100 yoo qophaa'e dhuma 2021 tti biiliyoonni 1.3 qophaa'uu danda'a jechuudha.

Yeroo ammaatti dhaabbileen qoricha oomishan 20 ta'an talaalli yaaluutti kan jiran yoo ta'u hundi isaanii waan milkaa'an miti.

Yeroo hedduu yaaliwwaan talaallii %10 qofaatu milkaa'a.

Ta'us garuu talaalliiwwan kana keessa tokkollee yoo milkaa'e, ariitii keessa hanqinni jiraachuun isaa kan hin oolledha.

Mootummoonni talaallii uumamuu danda'u argachuuf dursanii utuu wanti mirkanaa'e hin jiraatiin miiliyoonaan argachuuf waligaltee taasiisaa jiru.

Fakkeenyaaf mootummaan UK, talaalliiwwan milkaa'uu danda'uus dhiisuus malan ja'a waliin waliigaltee mallatteesseera.

US ammoo Amajjii dhufu keessa talaallii milkaa'uu danda'a jettu doozii miiliyoona 300 argachuuf yaalaa jirti.

Garuu biyyootni hundi waan akkanaa gochuuf dandeettii isaa hin qaban.

Dhaabbileen akka 'Medicines Sans Frontiers' kan yeroo hedduu dursanii talaallii raabsan, dursanii dhabbilee qoricha oomishan waliin waliigaltee gochuun "amala talaalliin biyyoota dureeyyiin qabamuu" uuma jedhu.

Kun ammoo biyyoota hiyyeeyyiif talaallichi akka hanqatu godha.

Gargaartuun Daarektara Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO) Doctor Mariyaanjela Simayo " wal qixxummaan akka raabsamu gochuun hojii cimaa ta'a , biyyoota caalaa kaffaluu danda'an qofa osoo hin taanee hundi akka argatan gochuun dirqama."

Dhaaabbatni Fayyaa Addunyaa gartuu deebii weerara dhibeewwaanii 'Cepi' jedhamuu fi Waldaa talaallii tokkummaa mootummootaa 'Gavi' jedhamu waliin ta'uun wali qixxummaan akka jiraatuuf hojjaachaa jira.

Hanga ammaatti biyyootni dureeyyiin 80 ta'an karoora talaallii idil addunyaa 'Covax' jedhamu, dhuma bara 2020tti raabsaafi bittaan qorichaa addunyaa wal gita akka ta'uuf doolara biiliyoona 2 walitti qabuuf mallatteessaniiru.

US kan WHO keessa ba'uu barbaaddu gartuu kana keessa hin jirtu.

Covax'f gumaacha taasisuun hirmaattonni kun biyyootiin hiyyeeyyii 92, Afrikaa, Eshiyaa fi Laatin Ameerikaa keessa jiranis, "hatattamaa fi wal qixxummaan" talaallii Covid-19 akka argatan gochuuf abdatu.

Oomisha talaallii kanaa irratti doolaarri biiliyoona hedduu ba'aa kan jiru yoo ta'u, bittaa fi dhiyeessa irrattis dabalataan miiliyoonni hedduu waadaa galamaa jira.

Gaatiin talaallii tokkoo, gosa isaa, dhaabbata oomishaafi lakkoofsa talaallii ajajamuu irratti hundaa'a.

Fakkeenyaaf, dhaabbatni qoricha oomishu 'Moderna' jedhamu gatiin talaallii isaa milkaa'uu danda'u tokkon isaa doolara 32 hanga 37 gidduu ta'uu danda'a jedhama.

Dhaabbanni 'Siirum Indiyaa (SSI)', dhaabbatii talaallii jumlaan oomishuun tokkoffaa ta'e, biyyoota galii gad aanaafi giddu-galeessaa qabaniif talaallii miiliyoona 100 hiruuf yaada.

Kan dhaabbata kanaa gatiin tallaallii tokkoo yoo bayyaate doolara 3 ta'a.

Ta'us garuu yeroo hedduu dhukkubsattoonni talaallichaaf kan kaffalan miti.

Dhaabbileen gargaarsaafi mootummoonni talaallicha dhiyeessu.

Dhaabbileen qoricha oomishan talaallicha yoo hojjatanis, murteen 'eenyutu talaallicha jalqaba argata?' jedhu garuu kan isaanii miti.

Raabsaan jalqabaa muraasa waan ta'uuf, du'a hir'isuufi hojjattoota fayyaa kunuunsuun dursa fudhachuu mala.

Karoorri Gavi, biyyootni dureeyyiis ta'e hiyyeeyyiin, waliigaltee Covax mallatteessan, talaallii %3 uummata isaaniif ga'aa ta'u akka argatan gochuudha, kun ammoo hojjattoota fayyaaf ga'aa kan ta'uudha.

Yeroo talaalliin dabalataa omishamaa deemu, namoota ganna 60 oliifi kanneen dhibee kanaaf saaaxilamoo ta'aniif dursa kennuun, raabsaan gara %20 uummataatti ol guddata.

Erga hundi %20 argatee booda, tallaalliin kun saaxilamummaa biyyaafi yaaddoo Covid-19 hatattamaa irratti hundaa'uun raabsama.

Biyyootni sagantaa kanarratti hirmaachuuf hanga bara kana Fulbaana 18tti mallatteessuu qabu, kaffaltii duraa ammoo hanga Onkoloolessa 9tti raawwachuu qabu.

Akkaataa raabsaa irratti ammayyuu waliigalteewwan adda addaa gaggeeffamaa jiru.

Gavi'n hirmaattonni sooreyyiin talaallii %10-50 uummata isaaniif talaallii gaafachuu akka danda'an hima, ta'us garuu biyyootni saganticha keessa jiran hundi talaallii %20'f ta'u hanga argatanitti biyyi kamuu isaa ol argachuu hin danda'u.

Harka caalaa milkaa'ina talaallii irratti hundaa'a.

WHO, UNICEFfi Medicines Sans Frontiers ammumaan sagantaalee talaallii biyyoota adduunyaa irratti eegalaniiru.

Sagantaan kun wiirtuulee, 'Cold Chain' jedhamaniin, yeroo talaalliin oomishamee gara gabaatti dhiyaatutti, kan konkolaattota firiijii qabaniifi firiijii humna ifa aduun hojjatu kan talaallii teempireechara sirrii keessa turan godhu qopheessuutti jiru.

Ta'us garuu kanneen haala rakkisaa keessa jiraaniif talaallii haaraa dhiyeessuun rakkoo uumuu danda'a.

Yeroo hedduu talaalliiwwan teempireechara 2C hang 8C giduutti firijii keessa tursamuu qabu.

Kun biyyoota guddataniif rakkoo qabaachuu dhabus, biyyoota humna ibsaa isaanii yeroo hunda salphaa hin taaneef rakkoodha.

Yeroo adduunyaan saayintistoonni ga'ee isaanii akka ba'aniif eegu kanatti qormaati hafan hedduun jiru.

Koronaavaayirasii malli ittiin ittisan garuu talaalliin qofa miti, walirraa fagaachuun, qulqullina eeggachuufi kanneen biroon eegamuu qabu jedha WHO.

Report Page