Taabota Kakuu Haaraa Kutaa-2ffaa

Taabota Kakuu Haaraa Kutaa-2ffaa

Dn Lamessa Teshome
Taabota Kakuu Haaraa

[#Ajaja:-Dura kutaa-1ffaa dubbisi; Obsaan dubbisi; share gochuu hin dagatiin]

#Taabonni_Kakuu_Haaraa_fi_Moofaa_Qabaa?

➥Namoonni tokko tokko gaaffii kana gaafatu. Gaaffiin kun gaaffii salphaa fakkaachuu danda'a. Garuu gaaffiin akkasii kan dhufu dhimma bu'uuraa hubachuu dhabuu irraan kan ka'edha. Kiristaana, "Kiristoos fannoorra oolee bunda haaressee seera haaraa fayyina hundaaf taatu seera wangeelaa nuuf kenne" jedhee amanuuf wanti kun gaaffii ta'uu hin danda'u! Kanaafuu akkuma barri kakuu moofaa fi haaraa qabu, akkuma kitaabni qulqulluun kakuu haaraa fi moofaa qabu taabonnis kakuu haaraa fi moofaa qaba. Akkuma kakuu moofaan kakuu haaraaf gaadidduu ture taabonni kakuu moofaas isa kakuu haaraaf gaadidduu ture. Kanaaf wal fakkeenya maqaa irraan kan hafe taabonni kakuu moofaa fi haaraa tajaajilaan, akkaataa itti hojjetamuun fi kabajaan garaagarummaa qabu.

#Taabonni_Kakuu_Moofaa_Hafeeraa?

➥Gaaffii kana deebisuun dura tajaajila taabota kakuu moofaa beekuun dirqamadha. Taabonni kakuu moofaa kan Waaqayyo eebbaan irra bulee Israa'el warra fooniitti dubbachaa ture yammuu ta'u, aarsaan beeyladootaa fi midhaanii kan irratti dhiyaachaa ture; akkasuma hangafni lubootaa fi luboonni kakuu moofaa [Lewoota] kan tajaajilaa turanidha. Kakuu haaraa keessatti garuu hangafni luboota Kiristoos ta'ee, lubboonni luboota kakuu haaraa ta'anii, aarsaan miidhaanii beeyladootaa sun aarsaa dhugaa Dhiigaa fi Foon Kiristoosiin bakka bu'ee, Israa'el warri foonii kaleessaa Israa'eel warra lubbuu (kiristaanota) ta'anii seerri haaraan nuuf kennameera. Har'as mana kiristaanaa ishee gonkaa, kan gaadidduun ishee kakuu moofaa keessatti Dunkaana Oriitiin mul'achaa turte kana keessatti raawwatus seera gonka ta'e kanadha. Kanaafuu walitti dhufeenyi taabota kakuu moofaa aarsaa beeyladootaa fi Israa'el warra foonii waliin yoo ta'u isaan akkuma aarsaa isa dhugaa fi kiristanota har'aaf gaadidduu ta'anii darban taabonni kakuu moofaas isa kakuu haaraaf gaadidduu ta'ee #darbeera. Kanaafuu taabonni sun har'a tajaajila hin kennu ; deebi'ees hin hojjetamu. "Isin baay'attanii biyyicha keessa yommuu guuttan, namni waa'ee sanduuqa kakuu Waaqayyoo dubbatu, namni waa'ee isaa yaadatu, kan isa barbaadus hin jiru; inni deebi'ee hin hojjetamu. " (Erm. 3: 16). akka jedhu. Hubadhaa! Caqasni kun sirumaa taabonni hafeera jechuu isaa osoo hin taane taabonni kakuu moofaa kan dura Israa'eloonni itti tajaajilamaa turan sun hafuu isaa fi amma Waaqayyo uummatasaa wajjin kakuu haaraa taasisuu isaa hubachiisuufidha. Luboonni kaleessa taabota sana tajaajilaa turanis taabota isa kakuu haaraa kana tajaajiluuf aangoo hin qaban. "Nuyi iddoo aarsaa warri godoo sana keessa hojjetan irraa nyaachuun #hin kennamiiniif qabna. " . (Ibr. 13: 10) akka jedhu. Kana jechuun luboonni sun fayyinni isaaniif hin malu jechuu osoo hin taane lubummaan kakuu moofaa sun har'a hin hojjetu, lubummaa kakuu haaraatiin bakka bu'eera jechuudha.  

#Taabonni_Kakuu_Haaraa_Jiraa?

➥ Eeyyeen ni #jira. Kiristaana sirrii yoo taate kun gaaffii sitti hin ta'u! Sababni isaa Kiristaana, "Hangafni lubootaa kakuu haaraa Kiristoos; aarsaan dhugaa kakuu haaraa Foonii fi Dhiiga Kiristoos" jedhee amanuuf iddoon aarsaa kakuu haaraa [Taabonni kakuu haaraa] hin jiru jechuun qaaniidha. Kaleessa aarsaa darbu sanaaf taabota kan nuuf kenne har'a aarsaa hin dabarre kanaaf nu dhowwata jettee yaaddaa? Lakki aarsaa dhugaa kanaaf taabonni hin barbaachisu kan jedhan yoo jiraatan immoo Phaawuloos akkas jedha; "Nuyi #iddoo_aarsaa warri godoo sana keessa hojjetan irraa nyaachuun hin kennamiiniif #qabna. " . (Ibr. 13: 10). Walumaagalatti taabonni keenya kakuu haaraa akka taabota kakuu moofaa sana aarsaan dhiiga beeyladootaa kan irratti dhiyaatu osoo hin taane taabota aarsaa dhugaan fayyinaaf nuuf kenname Dhiignii fi Foon Kiristoos guyyaa guyyaatti mana kiristaanaa keessatti irratti dhiyeeffamudha.  


➥Manni Kiristaanaa Ortodooksi Tewaahidoo aarsaa kabajamaa Foonii fi Dhiiga Kiristoos yeroo dhiyeessitu akka warreen kaanii yaadannoof qofa kan taasistu osoo hin taane, 'dhiigichi dhiiga Kiristoos isa #dhugaa, foonichis foon Kiristoos isa #dhugaa'  jettee kan amantudha. "Utuu nyaachaa jiranii, Iyyesuus #hibistii fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, "Fudhadhaa nyaadhaa, kun #Foon_kooti!" jedhe. Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee, "Hundumti keessan kanarraa dhugaa; Kun #dhiiga_koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabbate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay'eetiif dhangala'a" [Maat. 26:26 ]. Hubadhaa! Kuni yaadannoo foon kooti hin jenne; foon kooti jedhe maleee. Kuni yaadannoo dhiiga kooti hin jenne; dhiiga kooti jedhe malee! Sababa kanaaf manni kiristaanaa yeroo sirna qiddaasee ishee Kiristoos #qaamaan akka ishee gidduutti argamu ni amanti. Dhuguma ni argamas! Ol seenaa ilaalaa! 


➥Egaa manni kiristaanaa aarsaa kabaja guddaa qabu kana callistee salphistee meeshaa namni irratti nyaata nyaatu irratti hin dhiyeessitu. Taabota boccee, meeronii [dibata qulqulluu] dibdee, bakka kabajamaa kaa'uun taabotichas kabajjee aarsaa kabajamaa kana irratti dhiyeessiti. Yeroo kana gootus hangafni lubootaa Kiristoos argamuun luba dursaa sirnicha raawwatu irraan akkuma fannoorratti taasise sana Dhiigaa fi Foon isaa aarsaa godhee ni dhiyeessa jechuudha. Namni aarsaa Foonii fi Dhiiga Kiristoos akka nyaata salphaatti [galatni isaaf haa ta'uutii] yaadu kakuu haaraatti iddoon aarsaa [taabonni] hin barbaachisu jechuun isaa nama hin ajaa'ibu. Sababni isaa namni kun amantii waan hin qabneef meeshaa ofii irbaata irratti nyaatu irratti yoo nyaateyyuu dhimma isaa miti. Akkuma, "Firii hojii isaaniitiin isaan in beektu; ija waynii qoree irraa, harbuus kosorruu irraa funaanuu dandeessuuree? " (Maat. 7: 16) jedhu warra bu'uura isa ta'e Kiristoosiin hin beekne irraa waa'ee taabotaa sirrii dubbatu jennee hin eegnu! Walumaagalatti hidhanni taabota kakuu haaraa #Kiristoos fi #Kiristaanota wajjinidha. Kanaafuu bakka Kiristoos fi kiristaanonni jiran taabonni jira. 

#Kiristoos_Wajjin

➴Maqaa isaa irratti barreeffameera:- Taabonni mana kiristaanaa ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa akka isa kakuu moofaa sana akka bultoo tsillaatiitti kan tajaajilu osoo hin taane taabonnis tsillaatiinis tokkichuma isa aarsaan Foonii fi Dhiigni Kiristoos irratti dhiyaatudha. Kunis hammi isaa akka taabota duraa sana namni afur akka baatutti kan hojjetame osoo hin taane tajaajilaaf fi kabajaaf akka mijatutti akka namni tokko baachuu danda'utti xiqqaatee kan hojjetamedha. Taabota kanarratti barreeffamee kan jiru abboommii kurnan osoo hin taane maqaa Iyyesuus Kiristooa "#Aalfaa_fi_Omeegaa" jedhu yoo ta'u maqaa kana waliin immoo caqasni, "Kanaanis warri bantii samii keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Iyyesuusiif #jilbeenfatanii akka sagadan godhe." (Filiph. 2: 10). [Madda:- Seenaa MKOTI; Abune Gorgooriyoos]. Argitee mana kiristaanaa ogeettii kana! Maqaa sagadamuufii qabu barreessitee; ajaja #sagadi jedhus waliin barreessite! Isa inni kaan maqaa Kiristoos jedhu afaan isaa qofarratti baatee ija jabinaan, 'isheen Kiristoosiin hin lallabdu' isheetiin jedhu isheen garuu maqaa kana afaan ishee qofarra mitii hidda dhiigaa ishee keessa kaawwatteetti! Kanaafuu taabotichi xaa'otii Kiristoosiin haguuge osoo hin taane Tsillaatii [gabatee] maqaan Kiristoos irratti barreeffamee fi lallabaa maqichaaf akka sagadnuuf nuti dubbatudha. Hunduu dhufee haa baratu; haa sagadus!


➴Kabajamaa aarsaan Dhiigaa fi Foon isaa kan irratti dhiyaatudha:- Kabajni taabotaa guddaa ta'uu isaa wanti nutti mul'isu Inni biraan isa kanadha. Kaleessa taabonni kakuu moofaa kan Waaqayyo afuuraan qofa irra bule sun kabaja hamma sanaa kan qabu yoo tae taabonni har'aa kan Kiristoos qaamaan irra bulu immoo kabaja hammamii qaba laata? Isa kaleessaarra Waaqayyo afuuraan bulee Israa'el warra foonii qofatti dubbate; isa har'aa irra garuu qaamaan irra bulee addunyaa hundatti dubbate-hundumaaf fayyina ta'e jechuudha. Inni kaleessaa laga Yuurdaanos kan Israa'eloonni akka biyya waadaa isaanii hin galle isaan dhorke addaan kute; Inni har'aa garuu galaana cubbuu fi hojii seexanaa kan akka Kiristaanonni biyya waadaa isaanii mootummaa Waaqayyoo hin galleef dhorku kan addaan kutudha.....meeqasaa dubbanna!


#Kiristaanota_Wajjin

➥ Kiristaanonni fayyuuf kabajamaa Foonii fi Dhiiga Kiristoos fudhatanii Kiristoos wajjin tokkummaa qabaachuu qabu. Akkuma, "Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos, kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du'aa isa nan kaasa. Foon koo dhuguma nyaata, dhiigni koos dhuguma dhugaatii dha. Foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa in jiraata, anis isa keessa nan jiraadha" [Yoh. 6:54-56] jedhu. Maaddiin nyaatni dhugaan kun irratti dhiyaatu immoo #taabotadha. Kanaafuu bakka Kiristaanonni jiran hundatti taabonni ni barbaachisa. Kuni siif galeera yoo ta'e gaaffii, 'taabonni maaliif baay'ate' jedhu kana booda dhaabda. Gaaffii gaaffiidhaan deebisuu yoo barbaadde immoo, "Kitaabni qulqulluu maaliif baay'ate? Afaan garaagarattis maaliif hiikame?" Deebiin isaa gaaffii keef deebiidha. 


#MKOT_Itoophiyaa_Qofatu_Taabota_Qabaa?

➥Namoonni tokko tokko immoo manneen kiristaanaa biyyoota biroo wajjin wal bira qabuun taabota kan qabdu MKOT Itoophiyaa qofadha jedhu. Kuni garuu dogoggora. Manneen Kiristaanaa Ortodooksi Tewaahidoo hunduu aarsaa kabajamaa Dhiigaa fi Foon Kiristoos waan dhiyeessaniif akkuma Phaawuloos jedhe sana #Iddoo_aarsaa [taabota] qabu! Tarii haala itti hojjetamuu fi ittiin kabajamuun garaagarummaa qabaachuu danda'a. Kunimmoo garaagarummaa bu'uuraa hin fidu; warrreen kaan taabota hin qaban hin jechisiisus. Fknf. Haala kabaja taabotaa irratti; haala itti MKOT Itoophiyaa kabajju ijji manneen kiristaanaa warreen kaanii fi addunyaan gara ishee akka ilaalu godheera. Kanaafimmoo UNESCO irratti galmaa'uun ayyaana cuuphaa ragaa guddaadha. Akkuma gara oliitti kaasuuf yaalle; manni kiristaanaa kun mana kiristaanaa ogeettii kakuu moofaa fi haaraa wal simsiistee fudhatteettu waan taateef akkataa isheen itti taabota kabajju akkaataa kabaja taabotaa isa kakuu moofaa wajjin walitti dhufeenya kan qabudha. Kunis akkuma Israa'el taabota kakuu Waaqayyoo qabatanii bakka garaagaraatti [waraanaaf; galaana addaan kutuuf; gamoo Iyyarikoo jigsuuf...] socho'aa turan; MKOT Itoophiyaas guyyoota ayyaana gurguddoo taabotawwan ishee teessoo isaanii irraa kaasuun galataa fi sirna Waaqeffannaa adda ta'een ni kabajji! Haala adda ta'ee fi ajaa'ibuun immoo guyyaa ayyaana cuuphaa taabotawwan gara laggeen cuuphaa buusuun Waaqayyo taabotawwan sanaan akka galateeffamu; biyyi immoo taabotawwan sanaan akka eebbifamu; afuurri hamaanis biyya irraa akka ifatamu ni taasisti. Walumaagalatti galanni fi sirni waaqeffannaa guyyaa taabotawwan kun teessoo isaanii irraa ka'uun kabajaman dhiyaatu dhugummayyuu, 'manni kiristaanittii galateeffannaa ergamoota samii irraa barachuu ishee' kan nuuf mirkaneessudha. Kanaaf mitiiree kiristaanonni guyyoota akkasii hawwii guddaan kan eegan! 


#Taabotaaf_Maaliif_Sagadna? 

➥Taabotaaf yammuu sagadnu namoonni, 'mukaaf sagadu' nuun jedhan jiru. Fira koo! kaayyoon keenya mukaaf sagaduu taanaan mukti bakkee guute, deemnee bakka barbaadnetti hin sagadnuuree maaltu mana kiristaanaa nu geesse! Mee warri akkas nuun jettan waa'ee keenya nuyima irraa dhagahaa! Nuyi Taabotaaf kan sagadnu waan #lamaaf; tokko maqaa Waaqayyootu irratti barreeffameera waan ta'eef maqichaaf ni sagadna! "Kanaanis warri bantii samii keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Iyyesuusiif #jilbeenfatanii akka sagadan godhe." (Filiph. 2: 10) akka jedhu. Inni biraan ulfinni Waaqayyoo waan irra jiruuf sagadaa kabajaa (#dulia) ni sagadnaaf! Taabota kakuu haaraa isa Foonii fi Dhiigni Kiristoos inni dhugaan irratti dhiyaatu haa hafuutii taabota isa kakuu moofaa dhiigni beeyladootaa irratti dhiyaachaa tureef iyyuu Israa'el sagada kabajaa sagadaafii turaniiru. "Yommus Iyyaasuun gaddee uffata isaa tarsaasee, sanduqa kakuu Waaqayyoo duratti hamma galgalaatti adda isaatiin #gad_gombifame; innii fi maanguddoonni Israa'el gadda irraa kan ka'e awwaara mataatti of facaasan. " (Iyaas. 7: 6)


#Maaliif_Golgama? 

➥Nuyi taabota kan golginu namni akka hin agarreef ykn immoo waan dhoksaa ta'e qabaatee miti. Manni kiristaanaa Kiristoos qaanii malee qullaa isaa qaraaniyoorratti fanniifamee ishee hundeesse waan itti qaanoftu tokko illee hin qabdu. Haa ta'uutii guyyaa sana Ayihuud warri jal'oonni qullaa isaa haa fannisan malee aduun isaan caalaa uumaa ishee beektu garuu kabaja isaaf jecha dukkanooftee turte. [Maat 27:45]. Nuyis kana fakkeenya gochuun kabajaaf taabota kabajamaa maqaan Waaqayyoo irratti barreeffamee fi ulfinni isaa irra bule uffata miidhagaatiin haguugna!


#Maaliif_Hatama? 

➥Humna taabotaa hatamuu isaa fi hatamuu dhiisuu isaatiin madaaluun hin danda'amu. Silaa osoo akkas ta'e Iyyesuus Kiristoos Waaqa ta'ee osoo jiruu akkamitti Yihuudaadhaan Qr.30n gurguramee Ayihuudotaan fannifame nama jechisiisa. Gooftaan akkana kan godheef humna Isaatiin isaaniif ofirraa rukuchuu dadhabee miti! Eeyyama isaa waan ta'eef malee; kunis Addaamiin fayyisuuf jedheeti! Har'as taabota kanarratti kan hojjetu humna Waaqayyoo waan ta'eef akkasitti ilaalamuu qaba! Kanaafuu hatamuu fi hatamuu dhiisuun taabotaa eeyyama Waaqayyoon kan raawwatudha malee cimina hattuu sanaa irratti kan hundaa'u miti; eenyu illee hammam cimaa yoo ta'e humna Waaayyoo mo'uu hin danda'u! Kana jechuun akkuma Gooftaan fannifamuu isaatiin fayyina Addaam raawwate Taabonni yammuu hatamu illee Waaqayyo sana keessa wanti hojjete jira ykn wanti hojjechuu barbaade jira jechuudha. Akkuma Waaqayyo yeroo dubbatus yeroo callisus hojii hojjetu humni isaa kan irra bule taabonni kakuus yoo hatames; yoo hatamuu dides waan hojjetu qaba. Osuma dubbannuu garuu hanni taabotaa yeroo hunda milkaa'aa? kan jedhus ilaaluun barbaachisaadhaam. Barbaachisaa taanaanis, baruma keenya kanatti iyyuu taabotaan dinqii baay'een gaafa hojjetamu argineerraam! Taabonni tokko tokko ofumaa bakka tokkoo ka'ee bakka biraa gaafa deemu; kaan immoo hattoonni yammuu yaala hannaa gaggeessan teessoodhuma isaa irraa ka'uuf iyyuu kan dide; kaan immoo hatamanii hamma Waaqayyo eeyyame deemanii hattootuma sanaa fi konkolaataawwan illee bakka jirutti kan dhaaban argineerra. Walumaa galatti taabonni waan hatamuuf humna hin qabu jechuun akkaataa itti Waaqayyo hojjetu wallaaluu irraa kan dhufedha. 


#Maqaa_waamicha_Taabota_Kakuu_Haaraa

➥Taabonni kakuu haaraa maqaawwan garaa garaa hiika mataa isaanii kennaniin ni waamama. Isaanis:-

➴#Tsillaatii [ጽላት]:-Hiikni isaa gabatee irratti barreeffamu jechuu yerooo ta'u maqaan Waaqayyoo waan irratti barreeffameeruuf "Tsillaatii" jedhama.

➴#Bultoo [ታቦት] :-Hikni isaa bultoo jechuu yeroo ta'u Gooftaan kabajamaa Dhiigaa fi Foon isaan waan irra buluuf; tokkos humna fi ulfinni Waaqayyoo waan irra buluuf Bultoo [Taabota] jedhama. 

➴#Bultoo_Kakuu [የቃል ኪዳኑ ታቦት]:-Kunimmooo kakuu wajjin kan wal qabatu ta'uu isaa ibsa. Kunis kakuu isa kaleessa Waaqayyo Israa'el warra fooniif gale sana osoo hin taane kakuu isa haaraa har'a nuuf galame sanadha. Kunis kakuu isa Gooftaan, "Foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa in jiraata, anis isa keessa nan jiraadha." (Yoh. 6: 56) jedhe sanadha! 


#Gudunfaa!

➥Walumaagalatti hubannoo Kiristaanni tokko Taabota irratti qabu kana fakkaachuu qaba. Gaafattoonni garuu duras kaayyoon isaanii dhugaa barbaacha waan hin taaneef fudhachuus fudhachuu dhiisuus danda'u! Isaan waan hin fudhanneef nuti dhugaa nuuf gale dubbachuu irraa duubatti hin jennu! Sirumaa iyyuu isaan waliin wal falmuun hin barbaachisu. Sababni isaa nuyi yeroo baay'ee isaan waliin wal falmuudhaan yeroo keenya kan qisaasessinu qannoonaa mana kiristaanaa irrattidha.. Garaagarummaan bu'uuraa nuti warreen kaan waliin qabnu garuu garaagarummaa Doogmaa waan ta'eef warri Doogmaa keenya ala ta'an qannoonaa keenyarratti walii galu jennee hin eegnu. Falmii bu'aa hin buusneenis yeroo fayyina keenyaa qisaasessuu hin qabnu. Seexanni yoo danda'e karaa dhugaa kana irraa nu baasuudha; yoo dadhabe immoo achuma keessa teenyee du'a dhaabbii akka duunu gochuudha. Baay'ee keenyas kanaan nu rukutee jira. "Kanaafis namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu! " (1Qor. 10: 12).

"Waaqayyo isa yeroo hundumaa karaa Kiristoos akka warra mo'ee duulaa galuutti nu adeemsisuuf, Kiristoosiin beekuus akka foolii urgaa'uutti harka keenyaan iddoo hundumaan isa ga'uuf galanni haa ta'u. (2Qor. 2:14).

               ✍️Dn Lammeessaa T.

                 Hagayya 17, 2014

                  Bulee Horaa

Yaada Ykn gaaffiif- @lamtesh

Miseensa chaanela "GODOLIYAAS" ta'uuf 👇

https://t.me/Kalabhiyahu


Share share share

Report Page