TPLF
Pireezidantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el Gamtaan Afrikaa lola naannichaa fi mootummaa federaalaa jidduu galee araara akka buusu gaafatan.
Dabratsiyoon Gabra Mikaa'eel (PhD) xalayaa dura taa'aa Gamtaa Afrikaa Siriil Ramafoosaaf erganiin ''rakkoo siyaasaaf waraanni furmaata ta'a jedhee hin amanu,'' jedhan.
''Gamtaan Afrikaa dhaabbilee siyaasaa fi kanneen hiree qaban biroos gara marii hunda hammataatti fiduun biyya wal-waraansa (civil war) irraa baraaruuf gaafatama qaba,'' jedhan.
Lola dhaabanii mari'achuun gaarii akka ta'ee fi mootummaan isaanii fedha qabaachuu Dabratsiyoon Dilbata Rooyitarsitti himaniiru.
Hanga anga'oonni federaalaa mari'achuuf waliigalaniitti garuu naannichi of ittisuu itti fufa jechuun Dabratsiyoon dubbataniiru.
Xalayaa Jimaata Sadaasa 06 barraa'e kanaan, ''yeroo gabaabaa keessatti rakkoo biyyattii liqimsaa jiruuf fala mariirratti hundaa'e fiduuf gahee keessan ni baatu abdii jedhu qaba,'' jedhan Dr Dabratsiyoon.
''MM Abiyyiifi deeggartootni isaanii rakkoo biyyi fi naannichi keessa jiruuf gaafatamoo ta'uu isaanii mootummootni Afrikaa fi dhaabbileen kaan haa beekanis'' jedhaniiru.
Lolli kun gara wal-waraansaatti guddatee nageenya biyyoota ollaallee jeequu mala sodaan jedhu yeroo gara yeroo dabalaa jira.
Kana ka'umsa godhachuunis hogganoonni biyyoota addunyaa gara garaa waraanni akka dhaabbatuu fi rakkoon jiru mariin akka furamu dhiibbaa gochuutti jiru.
Miseensonni Koongirasii Ameerikaa kanneen dhiyootti yaaddoo isaanii ibsatan keessaati.
Miseensonni koongirasii torba ibsa Jimaata darbe baasaniin haala Itoophiyaa keessa jiruun yaadda'uu himanii, lolli kun biyyattii nagaa dhabsiisuu fi lammiilee nagaa gaaga'uu mala jedhan.
Kanaafis lolli dhaabbate gara marii biyyaalessaatti akka deemamu waamicha dhiyeessan.
Haa ta'u malee gama mootummaa federaalaatiin gara mariitti deebi'uuf fedhiin waan jiru hin fakkaatu.
MM Abiy ergaa Dilbata Afaan Ingiliziin hawaasa idil addunyaaf dabarsaniin, mootummaan tarkaanfii waraanaa eegale fiixaan ni baasa jedhan.
Tarkaanfiin mootummaan fudhataa jiru nagaa waaraa buusuun olaantummaa heeraa kabachiisuuf sochii taasifamu akka ta'ee fi 'yakka raawwatanii gaafatamuu dhabuun akka hafu akkasumas humnoota biyyattii fi naannicha jeeqan xumura itti gochuuf akka ta'es himaniiru.
Amma duras "qaamoleen yakkamtootaa maqaa araaraa fi taa'anii wal marii'achuutiin olaantummaa seeraa jalaa bahuu hin danda'ani" jedhanii turan.