Soomaa fi Sa'atii Soomaa
Lamessa Teshome (Dn)
➠Dhimma soomaa fi sa'atii soomaa irratti namoonni baay'een ilaalcha hedduu qabu. Tokko tokko sa'atii ilaaluun hin barbaachisu wanti ijoon lapheedha jedhu. Tokko tokko immoo sa'atii mataa isaanii (3, 6, 9..) akkaa jedhan kan lakkaawatan jiru.. Sanas ta'u kana soomaaf safartuun sa'atii hin barbaachisu jechuu hin dandeenyu. Sababni isaa soomawwan kitaabolee qulqullaa'oorratti galmaa'anii jiran yeroodhaan safaramaniiti. Fknf Museen Guyyaa fi halkan afurtama, Daani'eel torban sadi, uummanni Nanawee guyyaa sadi, Gooftaan guyyaa afurtama soome jedhameera. Akkas jechuun garuu sa'atii akka safartuu soomaa isa ijootti fudhachuu qabna jechuu miti . Akkas yoo ta'e adeemsa Fariisotaa warra abbaa seeraa dhiisanii seera isaaniif xiyyeeffannoo kennan sana nu jalaa ta'a.
❗️Kanaaf akkamitti ilaaluu qabna?
➥Hunda dursa manni kiristaanaa maal jetti kan jedhu beekuun gaariidha. Manni kiristaanaa waa'ee sa'atii soomaa akkas jetti;
✴️Sooma Guddicha irraan kan hafe soomawwan kanneen biroo hanga sa'atii 9:00tti akka soomnu Kitaabni Haqa Abbootaa nu ajaja. Kan irra dabarse immoo akkasuma gatiin isaa isaaf baay'ata jedha. (H.Moot. 15:165-166)
✴️Kan Sooma guddichaa immoo bakka saditti hira; torban jalqabaa hanga biiftuu lixxutti (Sa'atii 12); Torbanoota hamma Hosaa'inaatti jiran hanga sa'atii 11:00tti; Torban Dhukkubbiiwwanii (Himaamaat) immoo hanga addeessii baatutti (Halkan sa'atii 1:00) tti haa sooman jedha kitaabni Haqa Moototaa (H.Moot.15:196). Isa booda kan danda'u Jimaataa (guyyaa Fannoo) fi Qidaamee (Sanbat duraa) hanga Lukkuun iyyitutti haa soomu, kan hin dandeenye immoo Qidaamee haa soomu jedha. (H. Moot. 15:78).
➠Inni biraan; sa'atiin kun nuuf kaawwame jechuun warreen kana gaditti hiiknu gatii hin argannu jechuu miti. Ykn immoo seera diigneerra jechuu miti. Akkuman dura kaasuuf yaale Kiristaanummaan jireenya keessatti suuta guddachaa adeemanidha malee takkaan bakka barbaachisu gahan miti. Kanaafuu yoo sa'atiiwwan kana gahuun nutti ulfaate illee (akkuma koo) gara sanatti guddachuuf yaalii taasisuu fi gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu qabna. Inni biraan of jajuu gatii hin qabne irraa nu eega. Ammayyuu na hafa jechaa akkaa jiraannu nu gargaara. Kiristaanummaanis jireenya "ammayyuu na hafa" jechaa jiraatanidha malee "amma gaheera" jedhanii iddoo ta'etti kan dhaaban miti. Dadhabina keenya akka beeknuufis nu garagara. Gaafa sana immoo guddummaa Waaqayyoo argina; kennaan isaas nurratti baay'ata. Ammas wanti guddaan sa'atii hammam illee haa taatu ishuma sanaan Waaqayyoon gammachiisuun barbaachisaadha. Sa'atii qofa lakkaawuutiinis gatiin argamu hin jiru, haa xiqqaattus haa guddatus hunduma iyyuu kabaja Waaqayyoof gochuun hundarra caala.
➠Tokko tokko immoo raajonni fi Gooftaan hoo osoo gidduutti nyaata hin nyaatiin soomanii isin maaliif gidduutti nyaattu, maaliif jalqabaa hanga dhumaatti hin soomtan jedhu. Namoonni akkas jedhan kun gabaabumatti soomni hin barbaachisu jechuumaaf jedhaniiti malee osoo dhuguma walitti fufnee somne iyyuu nu deeggaruuf miti.
➠Erga gaafatanii immoo deebisnaafi; hunduma dursa jireenya Kiristaanummaa jechuun jireenya namni hammam illee dadhabaa ta'e keessa seenee afuuraan keessatti guddatudha malee jireenya warri afuurummaan gahan qofa keessa jiraatan miti. Erga akkas ta'ee immoo balballi ishee dadhabootas dadhabina isaanii waliin simachuu danda'uu qaba. Isa booda garuu dadhabinuma sanaan hafu osoo hin taane gara Kiristoositti guddachuun itti fufa. Adeemsa kana keessatti isa warri afuuraan gonka ta'an fi Waaqayyo isaan dandeessise raawwatan akkuma jirutti hundarratti yoo feene Kiristaanummaan itti hin fuftu jechuudha. Kana jechuun immoo manni kiristaanaa kaayyoo ishee gadhiiste jechuudha. Kuni akka hin taaneef har'as manni kiristaanaa keenyi sooma qofa osoo hin taane wantoota birootiinis wal qabatee seeraa fi sirna hunda haammataa ta'e ni qabdi. Fknf sooma ilaalchisee, isinis walitti fufaa guyyoota 40f soomaa osoo hin jedhiin akka dadhabina afuurummaa keenya waliin deemutti seera nuuf hojjetteetti.
►Abboonni afuurummaan jabaatan immoo har'as taanaa nyaataa fi dhugaatii tokko malee guyyoota hedduuf kan turan jiru. Nutis immoo gara sanatti akka guddannuufi. Walumaagalatti garuu warra yoo akka Gooftaatti hin soomne haa hafu jedhanii sooma balaaleffatan irra nuyi warra hamma inni nuuf eeyyame soomnutu caala. Sababni isaa soomni Doogmaa ta'uu isaa erga itti kan amanamu erga ta'ee (seera Gooftaan kaa'e waan ta'eef) sababa hin taaneen Doogmaa kana cabsuurra akka mana kiristaanaa keenyaa kana haala soomaa qannoonaatiin qajeelchuutu gaariidha. Akkas gochuu isheetiin immoo manni kiristaanaa kun kabajamuu fi irraa baratamuu qabdi malee akka karaa irraa kaattetti ilaalamuu hin qabdu.
➠Dhimmi dhukkubsattootaa fi namoota rakkoo addaa qabanii mana kiristaanaa ilma namaaf dursa kennituu fi fayyina dhala namaaf ergamteettu kana keessatti gaaffii namatti hin ta'u. Warreen akkasii akka isaaniif ta'utti, hamma isaanirraa eegamu kiristaanummaa akka jiraatan ni taasisti; sooma dabalatee!
➠Biyyoota lakkoofsi yeroo kan biyya keenyaa irraa garaagarummaa qabu keessatti immoo akkaataan itti lakkaawamu nuuf gallaan baay'ee waan gaaffii namatti ta'u miti. Fakkeenyaaf inni biyya keenyatti sa'atii booda jennu bakka itti sa'atii dura (ganama) ta'u jiraachuu danda'a. Yeroo akkasii kana dirqama sa'atii walirra oolchuuf rakkachuu osoo hin taane saa'atii sooma keenyaa akka sa'atii booda biyya sanaatti lakkaawachuu qabna jechuudha.
#Waaqayyoof Galanni Haa Ta'u; sooma keenya nuuf haa jaalatu! Ameen!🙏
✍️Lammeessaa T.(Dn)
Guraandhala 15, 2015
Bulee Horaa