Sirna jireenyaa(46)

Sirna jireenyaa(46)

Mr Dn Bacha Negasa(B.Th)

Namoota waliin akkamitti jiraannu?(5)

5. Amala namootaa hubadhu

Namoonni, Gooftaa tokkicha sana fakkaachuu irraa yeroo kufan amala hedduu horatani. Kana irraa kan ka'e; mucummaa Waaqayyoo irraa xiqqaatanii, michummaa ergamootaa irraas gad-bu'anii, amala bineensotaa fudhachuun salphina qullaa walii waliif dhoksuu dadhabuu, amala bineensotaa fudhachuun gara jabummaan baay'achuudhaan hoogganaa ta’uu, amala seexanaa fudhachuudhaan ofii fi wantoota harca'oo waaqeffachuu qabeenya taasifatani. Kana malees, cubbuun jalqabaa guyyoota dhumaatti irra deebi’amee ni raawwatama. Amaloota badoo namootaa, baay’ee keessaa muraasni:-

A. Ofii fi waan uumame Waaqessuu

Namoota hedduu, "Ana, ani" jechuun, "beekumsa kootiif kabaja" jedhanii of mi'eessuun, maallaqa/qarshii fi qaroomina/ammayyummaa addunyaa kanaa waaqessuun amala isaanii ta'eera. "Maallaqni jiraannaan samii irra karaa/daandiin jira(ገንዘብ ካለ በሰማይ መንገድ አለ)" jechuun, amala nama bara kanaati. Karaa/daandiin samii Kiristoos ta'uuyyuu namni hedduun dagateera. Namni tokko yeroo karaa tokko deemu, "Daandii sirriidhaa laataa?" jedhee dura mirkaneeffata. Kaayyoon ykn galmi bira gahuu isaatiis jireenya ykn jiraachuudha. Karaan, dhugaan, jireenyis immoo Kiristoosidha.

B. Itti quufinsa dhabuu

Namoonni waan tokko argachuuf dursanii fedhii cimaa qabu. Erga argataniin booda immoo itti hin quufan ykn garaa isaan hin ciibsu. Hanqinni ykn dhabinsi isaanii kan barbaaduu waan tokkicha, garuu erga argataniin booda filachuu dadhabanii waliin dhahama yaadaa keessa seenu. Hiriyaa fi gaa'ela barbaadan argataniiru. Itti quufinsa dhabuun garuu, gab-gaabbaa isaan taasisa. Sababa kanaanis nu mufachiisuuf jecha dirree irratti nu dhiisanii deemuu danda'u.

C. Sababummaa

Meeshaa tokko faana barreeffamni akkaataa itti fayyadaminsa isaa ibsu akkuma jiru, cubbuu waliinis sababni ni jira. Namoonni tokko tokko, yeroo walitti bu'insi nuu fi isaan gidduutti uumamu, ofii isaanii bilisa of taasisuun, jalqabaa fi raawwataa dogoggorichaa nu gochuuf yaalu. Yeroo tokko tokkos "Amalli koo kun eenyummaa Waaqayyo ittiin na uume waan ta'eef jijjiiruu hin danda'u" jechuudhaan, Waaqayyoon komatu ykn dogoggora isaaniitti itti gaafatamaa isa taasisu.

D. Du'a nama biraatiin jiraachuuf karoorfachuu

Namoonni tokko tokko fudhatamummaa kan isaan dhabsiise jiraachuu namoota tokko tokkoo isaanitti fakkaata. Sababa kanaanis nama akkasitti yaadan sana ajjeesuu fi lafa irraa balleessuu barbaadu. Garuu, nama sana ajjeesuu isaaniitiin ajjeesaa beekamaa ta'u malee, hojjetaa beekamaa hin ta'ani. Inaaffaan garuu isaan jaamsa.

E. Addunyaa dhiphisu

Waliin jiraachuun yoo hin danda'amne wal amananii ykn waliif galanii nagaan gargar bahuun ni danda'ama. Namoota tokko tokkotti garuu, addunyaan naannooma isaan jiran qofaan waan daangeffamte, namni addunyaa kana irra jirus isuma isaan bira jiru qofa itti fakkaata. Sababa kanaan, osooma achi fagaatanii jireenya isaanii oolfachuu danda'anii, lubbuu qabeenyaan jijjiiru; ilaalcha "yoo anaaf hin taane eenyuufuu hin ta'iin" jedhuun kan jaallatan ajjeesu.["Kan jaallatan ajjeesu" yoon jedhu, waa lama ibsa; 1. Nama jaalala qabaniif ykn namuma michuu kooti jedhan ajjeesu jechuudha. 2. Abbuma barbaadan ajjeesu jechuudha].

F. Eenyummaa Jijijjiiramaa

Namoonni, waan barbaadan waan hin beekneef waan barbaadan yoo argatanillee barbaacha ittuma fufu. Geggeessitoota hafuuraa fi foonii isaanii irratti gungumu, ni komatu, ni qeequ. Isa har'aa irra inni kaleessaa akka wayyutti yaadu. Garuu, dagataniiti malee kaleessa immol isa kaleessaattis aaraa turaniim. Yeroo hunda "inni baranaa ulfaataadha" jedhu. "Kan kana caalu hin dhufiin" yoo jedhamanillee yeroo ammaatiif galata hin qaban.

G. Kan darbe ni dagatu

Namoonni tokko tokko odeeffannoos ta'ee, namni seenaa isaanii kaleessaa ykn eenyummaa isaanii isa darbe mul’isu akka badu godhu. "Ani akkuma kanan ture ykn akkuman dur turettan jira" jechuu yaalu. Akka waan dur, "hiriyaan koo akkamitti na ari'ataa?" hin jenne wayii, har'a hiriyaa isaanii ari'atu, ni balleessu.

H. Tapha/diraamaa/taatee hojjetu

Wanti isaan fuuldura keenyatti godhanii dubbatanii fi kan isaan nu duuba raawwatan adda. Akka waan nu jaallatanii fi nu kabajaniitti fakkeessuuf yaalu. Yeedaloo nuti barbaannu nuuf yeedaleessu, waan nuti barbaannu nuuf kennuun akka ijoollee meeshaa taphaatiin(ashaangulliitiidhaan) nu gowwomsuuf yaalu. Yemmuu nuti haasofnu mataa oliif gadi raasanii "eeyyee eeyyee" jedhu, garaa isaanii keessatti garuu nu nuffu; waan isaan nuuf godhan galmeessinee akka isaan galateeffannu barbaadu. Jaalala hojii taasisu.

I. Yeroo nu barbaadan qofa nu barbaadu

Yeroo nuti isaan barbaannutti argamu dhiisuu danda'u, yeroo ofii isaanii nu barbaadan garuu "ammuma kana naaf kottu" jedhu. Isa jaalalli garba nu godhe, isaan garuu akka nama gadi aanaatti nu ilaalu. Yeroo murtaa'eef nu waliin ta'u. Yeroo deeman nutti hin himan.

Kanneen armaan olitti A-I ilaalle kunneen amaloota gadhee ofii keenyaa fi namoota kan biroo irratti mul'atanidha. Yoo dandeenye namoota waan sadii qaban hiriyoomfachuu ykn michoomfachuun gaariidha.

A. Sodaa Waaqayyoo

Nama tokko, akka inni waan qajeelaa hojjetu kan isa taasisu, yoo dogoggorellee kan isa deebisu sodaa Waaqayyoon qabaachuu isaati.

B. Qajeelummaa

Namni garaa qulqulluu ykn qajeelummaa hin qabne waan gaarii hojjechuu mitiitii waan gaarii isaaf hojjetameyyuu dinqisiifachuu fi qajeelummaadhaan ilaaluu hin danda’u. Kennuu qofaaf osoo hin taane, fudhataa gaarii ta’uudhaafillee qajeelummaa barbaachisa.

C. Garraamummaa

Nama abshaala abshaalummaan isaa dafee barama. Kanaafuu, namni hunduu nuffee isa baqachaa dhufa. Waan jaalalaan argate abshaalummaan kan dhabu nama baay'eedha. Abshaalummaan "kan koo kan kooti, kan abaluus kan kooti" jedhanii yaaduudha. Umurii kan dheeressu garraamummaadha. Garraamoonni, kan isaan garraamii ta'aniif, waan abshaalummaa hin beekneef osoo hin taane, waan abshaalummaa tuffataniifidha. Mee nama haa taanu!


Itti fufa...............................!

Report Page