Sirna Qalma Uduhiyyaa

Sirna Qalma Uduhiyyaa

Abu Asiyah abdallah

Sirna (Aadaaba) Qalma Uduhiyyaa 

🔹 Hikkaan isaa: Qalma guuyyaa salaata Iidal-Adhaa boodaa kaasee hanga guyyaa Ayyaamu Tashriiq (hanga guyyaa 13ffaatti Rabbitti dhihaachuuf jecha horii manaa ulaagaalee shari'aan kaa'een qaluun raawwatamudha.

🔹 Hukmiin isaa:- Sunnaa (Dalagaa Jaalatamaa) bay'ee cimaa ta'edha.

🔹 Hikmaa isaa (ogummaan inni itti shari'aa ta'eef) baay'ee of keessatti kan qabudha isaanis akka fakkeenyaatti:-

#Qalmi kun sunnaa Abbaa Keenyaa kan Nabi Ibraahiim ﷺ dha.

Allah waa'ee Nabi Ibraahiimiifi Ilma Isaa Ismaa'iil yeroo dubbatu akkas jedha:-

قال الله تعالى: 

( فَلَمَّا بَلَغَ مَعَهُ ٱلسَّعْىَ قَالَ يَٰبُنَىَّ إِنِّىٓ أَرَىٰ فِى ٱلْمَنَامِ أَنِّىٓ أَذْبَحُكَ فَٱنظُرْ مَاذَا تَرَىٰۚ قَالَ يَٰٓأَبَتِ ٱفْعَلْ مَا تُؤْمَرُۖ سَتَجِدُنِىٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلصَّٰبِرِينَ

“Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gorra’un arge Waan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagi Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.”

فَلَمَّآ أَسْلَمَا وَتَلَّهُۥ لِلْجَبِينِ 

Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse.

Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne

قَدْ صَدَّقْتَ ٱلرُّءْيَآۚ إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلْمُحْسِنِينَ 

Abjuu (kee) dhugoomsiteetta Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina

إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ ٱلْبَلَٰٓؤُا۟ ٱلْمُبِينُ

Dhugumatti, kun mokkoroo ifa galaadha

وَفَدَيْنَٰهُ بِذِبْحٍ عَظِيمٍ 

Akkasitti hoolaa ciibsu

# Ergamaa Rabbiitti ﷺ Hidhachuu of keessatti qaba. Isaan ﷺ ofiif, haadha warroon isaaniif , uummata isaaniif (warra halka qalleeyyii ta'aniif) uduhiyyaa basuun isaanii hadiisa hedduu keessatti caqasamee jira.

# Qalmi kun ofii fi maatii ofii gammachiisuuf oola.

# Qalma kanaan gara Allah/Rabbitti dhiyaachuuf ta'a

قال الله تعالى

”قُلْ إِنَّ صَلَاتِى وَنُسُكِى وَمَحْيَاىَ وَمَمَاتِى لِلَّهِ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ“

"Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi"

قال الله تعالى

(وَٱلْبُدْنَ جَعَلْنَٰهَا لَكُم مِّن شَعَٰٓئِرِ ٱللَّهِ لَكُمْ فِيهَا خَيْرٌۖ فَٱذْكُرُوا۟ ٱسْمَ ٱللَّهِ عَلَيْهَا صَوَآفَّۖ فَإِذَا وَجَبَتْ جُنُوبُهَا فَكُلُوا۟ مِنْهَا وَأَطْعِمُوا۟ ٱلْقَانِعَ وَٱلْمُعْتَرَّۚ كَذَٰلِكَ سَخَّرْنَٰهَا لَكُمْ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ )

“Beeyladoota wareega Ka’abaa mallattoolee Rabbii irraa isiniif goone Isaan keessa gaggaariitu isiniif jira Odoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii isaan irratti faarsaa Yeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaa Akka isin galata galchitaniif Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne."

# Qalmi kun mallattoo sodaa Rabbiiti.

قال الله تعالى :

”لَن يَنَالَ ٱللَّهَ لُحُومُهَا وَلَا دِمَآؤُهَا وَلَٰكِن يَنَالُهُ ٱلتَّقْوَىٰ مِنكُمْۚ كَذَٰلِكَ سَخَّرَهَا لَكُمْ لِتُكَبِّرُوا۟ ٱللَّهَ عَلَىٰ مَا هَدَىٰكُمْۗ وَبَشِّرِ ٱلْمُحْسِنِينَ“ 

“Foon isaaniitiifi dhiigni isaaniis Rabbiin bira hin ga’u Garuu sodaa Rabbii kan isin biraa ta’etu Isa bira ga’a Akka kanatti waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, isiniif laaffise Gaarii hojjattoota gammachiisi”

# Mushrikootaan faallessuuf ta'a. Maaliif isaan waan taabotaaf, waan uumama ta'eef qalu muslimoonni garuu Allahuuf qalu.

Akkasitti Haduu Qarachuu

Yeroo qalmaa uduhiyyaa wantoota jaalatamoo ta'a keessaa:-

1. Harka ofiin gorra'uu/ qaluu

قال أَنَسٍ "وَنَحَرَ النَّبِيُّ ﷺ بِيَدِهِ سَبْعَ بُدْنٍ قِيَامًا وَضَحَّى بِالْمَدِينَةِ كَبْشَيْنِ أَمْلَحَيْنِ أَقْرَنَيْنِ" رواه البخاري

Anad ibnu Maalik irraa odeeffamee ni jedhe: “Ergamaan Rabbii ﷺ Hajjii irratti gaala 7 haala dhaabataniin qalan. Madiinaa irratti hoolota gaafa qaban , fufurdoo 2 harka isaan uduhiyyaaf gorra'e"

2. Bismillah Allahu Akbar jechuun gorra'uu

3. Beeylada qalamtu cinaa bitaatti ciibsuun gara qiblaatti galagalchanii gorra'uu yoo gaala ta'e haala dhaabbatteen qaluu.

4. Beeylada qalamtu morma ishee irra dhaabachuun akka dhiigni sirriitti dhangaluuf ykn daftee duutuu godhuu.

5. Haaduu/Hablee sirriitti qaruu (bakka wanti qalamu hin jirretti) fi dafanii boqachiisuu

عَنْ شَدَّادِ بْنِ أَوْسٍ ، قَالَ : ثِنْتَانِ حَفِظْتُهُمَا عَنْ رَسُولِ اللَّهِ ﷺ ، قَالَ : " إِنَّ اللَّهَ كَتَبَ الْإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ، فَإِذَا قَتَلْتُمْ فَأَحْسِنُوا الْقِتْلَةَ، وَإِذَا ذَبَحْتُمْ فَأَحْسِنُوا الذَّبْحَ، وَلْيُحِدَّ أَحَدُكُمْ شَفْرَتَهُ فَلْيُرِحْ ذَبِيحَتَهُ ". رواه مسلم

Shaddaad bin Aws irraa odeeffamee ni jedhe:

Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “Rabbiin waan hunda keessattuu gaaromsuu barreesseera (dirqama godheera). Yeroo ajjeeftan ajjeechaa bareechaa. Yeroo gorraatanis gorra'uu gaaromsaa tokkoon keessan hablee isaa haa qarfatu; gorra’amtuu isaas haa boqachiisu.”

5. Gogaan beeylada qalamee warra hiyyeesaaf kennama gurguruun ykn nama qaleefis laachuun hin danda'amu.

Gogaa isaa Hiyyeessaaf

6. Foon uduhiyyaa hiruun sunnaadha. Garii isaa ni nyaata, garii isaa sadaqaa kennata garii isaa immoo ni kuusata.

جاء في صحيح البخاري قال النبي ﷺ في الأضحية «كُلُوا وَأَطْعِمُوا وَادَّخِرُوا»

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkas jedhan

“nyaadhaa, nyaachisaa, kuusadhaa”

 وفي صحيح مسلم قال النبي ﷺ «كُلُوا وَادَّخِرُوا وتصدقوا»

“nyaadhaa , kuufadhaa, sadaqaa kennadhaa”

🔖 Garuu bakka sadiitti (1/3 offiif, 1/3 ollaaf, 1/3 hiyyeesaaf) qooduu dirqama dha kan jedhu hadiisni sirrii ta'e hin jiru.

Barnootaa Ifa Islaamaa Hordofuuf Join godhaa 

http://t.me/ifaislaamaa

Report Page