Sirbaaf Muuziqaa

Sirbaaf Muuziqaa

https://t.me/ifaislaamaa

Waan zamana kana ummata keessatti deemaa jiru keessaa inni tokko dalagaa sirbaafi muuziqaati. Rabbiifi Rasuulli ﷺ sirabaafi muuziqaa irraa nu seeranii jiran. Rabbiin fahama nuuf haa kennu. Worra daangaa Isaa cabsee aakira’atti salphatu nu hin taasisin.

Sirbitoonni oromo’oo dhiiraafi beeraan irra caalaan isaanii maatii Islaamaa keessaa yaa’an. Ummanni sirba isaanii bitatee caqafatu, ka ‘social media’ irratti facaasu ammallee ummatuma Islaamaati. Ka horii gudda’aan kireeffatanii cidha irratti dillisiisanis ka sirbu waliinuu ummata Islaamaati. Maaliif sirbaafi sirbitoonni akkanatti babaldhataa deeman?

Maaliif sirba Rabbiin haraama godhe halaalfatan? Maaliif sababaa kanaaf zinaan akka waan halaalaatitti akka itti gootoman godhuun argamte?

Maaliifi Qur’aanaafi Hadiisaan osoo gorfaman heera Rabbii didanii itti cichan? Kuni alaamaa qiyaama’aa keessaa isa tokko ta’ee argama. Wanti amma beekuu qabnu nuyiin kuni daangaa tarkaanfannee heera Rabbii cabsinee yoo iitti ceene worra alaamaa qiyaama’aa kanaan himaman keessaa isa tokko taanee muldhachutti jirraa, eeganaa hoongo’oon addunyaa tana irraa godaanuuf deemaa jirraa hubachuu qabna. Rabbii keenna sodaa dhiifnee ajaja Isaatitti buluu dinnee sila maaluma ta’uu henna?

Ammoo nama Rabbiin jannataan hedu karama haqaatu laafaaf, nama lubbuun isaa Azaabaaf qoramte karama hoongo’ootu laafaaf. Subhkaanllaah!

Rabbiin worra hoongaye irraa dubbate. Worra kalaama Rabbii caqasanii bu’aa irraa buufatuu irraa garagalan, worra muuziqaa caqafatutti dacha’anii, Qur’aana Rabbii dhiisanii sirba meeshaalee garagaraa ka ittiin sirbaniin hawwisuu kanatti dacha’an, hoongoo worra kanaa irraa dubbata Rabbiin. Rabbiin worra san irraa nu hin taasisin.

Yaa gabricha Rabbii waan aayatoota Qur’aanaatiin gorfamuu diddee si daddhabaniif aakira'atti itti baataa eeggadhu. Gaabbiin guyyaa sanii womaa siif hin gootuu ardhuma towbaa Rabbiitiin uf dhaqqabi. Nama si gorsuun hin loltaa, gaafa lolli Rabbii sitti dhufe eessa akka seentu sibeeka duuba. Garuu carraan kee ammaa dafii uf dandami osoo balbalti towbaa sitti hin cufamin. Jecchi Rabbii ol-ta’ee akkana jedha:

قال الله تعالى ﴿وَمِنَ النّاسِ مَن يَشتَري لَهوَ الحَديثِ لِيُضِلَّ عَن سَبيلِ اللَّهِ بِغَيرِ عِلمٍ وَيَتَّخِذَها هُزُوًا أُولئِكَ لَهُم عَذابٌ مُهينٌ﴾ [لقمان: ٦]

"Nama irraa nama bitatutu jira, (nama jaalatutu jira, nama filatutu jira), tapa inni oduu yookiin haasawa ta’e, (kunis muuziqaa, sirba, weelluu, weedduu, kkf). akka jallisuuf karaa Rabbii irraa beekkomsaan male’etti, (waan isiin itti geessitu ka hin beeyne haala ta’een), karaa Rabbii kana taasifatuuf balda (qishnaa). Orma san azaaba isaan xiqqeessutu isaaniif qoppaaye."

Ammallee akka hadiisa Rasuula Rabbii ﷺ irraa nuuf himametti meeshaan muuziqaa, sirbi, weedduun, weelluun, argamuun, intalti sirbitu, ta nuu sirbiif kireeffatamtu argamuun alaamaa qiyaamaa irraa ta’uun sabatee jira.

عمران بن الحصين أن رسول الله ﷺ قال: في هذه الأمة خسف ومسخ وقذف، فقال رجل من المسلمين: يارسول الله ومتى ذلك؟ قال: إذا ظهرت القينات والمعازف وشربت الخمور. رواه الترمذي وصححه الألباني.

Imraan bin Huseen ka nuu odeesse (Rabbi irraa haa jaalatuu) Rasuulli Rabbii ﷺ jedhan jedhe: “ummata kana keessatti (ummata Islaamaa keessatti) kasfitu argama; kasfii jechuun: lafti namaan cituu, Ardiin nama gadi liqimsuu. Maskh-illetu argama; maski jechuun: namni haala isaa irraa haala biraatitti deebi’uu, (waan akka jaldeessaaf karkarroo fa’atti), qazfiinillee hin argama; qazfii jecchuun: darbata Rabbiin samii irraa dhaga’aan gadi darbachiisuu takkii Roobsuu, ka kana fakkaatuun. Namni muslimtoota irraa ta’e (ka sahaabaa irraa ta’e) tokko addaan baafataaf hin gaafate: “Yaa Rasuula Rabbii suni yoomii?” jedhee. Hin jedhan: “Yoo muldhatte Al-qeynaat:- ta sirbitu (intalti sirbitu, ta bitatanii sirbisiifatan jecchu’u), yoo ammallee muldhatte Ma’aazifa:- meeshaan muuziqaa ka ittiin sirban, ammallee kamriin yoo dhugamte.(Hadiisa kana Tirmiizitu odeesse, Albaaniinillee sahiha godhee jira).

Yaa gabroottan Rabbii! Mee Rabbii keenna haa sodaannuu, waan Inni nu dhoorge irraa haa dhoorgamnuu, waan Inni itti nu ajaje itti haa dalagnuu. Maalumaaf Rabbii Rahmata baldhaa addunyaa tanatti nu badhaasee aakirattillee qananii guddoo daangaa hin qabneen nu eegaa jiru dinna duuba?

Maalumaaf heera Isaa cabsinee daangaa tarkaanfannee waan Inni irraa nu dhoorge irraa dhoorgamuu dinnee akka morkaa woyii godhannee dallansuu Isaa arganna?

Azaabatu Jannata nuu caale mo’o? kanaafuu maal buufachuuf, maal baasuuf karaa azaabaa irra deemnaree? Muuziqaan, sirbi, weelluun, weedduun, aadaa teenna jettanii worri itti cichitanii isin dadhaban kunoo jecha Rabbii fi Rasuulaa irraa gorfamaa yoo jannata Rabbii ka kajeeltan taatan. Rabbiin worra Qur’aanaafi sunnaa Rasuulaatiin ﷺ gorfamee haraama irraa uf qabu nu haa taasisuu.

Yaa gabroottan Rabbii! Zamanni kun zamana dhumaati. Mallattooleen Rasuulli ﷺ nuu dhaaman xixiqqoo keessaa waan muyoo fi yoo gugurdoo taate malee hunda keessa jirra. Gugurdoonuu waan fagoo jirtu hin fakkaattu. Boruu argamnti. Rabbiin worra mallattoo zamana aakiraatiin himamu nu hin taasisinii, Rabbiin fahama nuuf haa kennuu, worra haraamaafi karaa haraamatti nama kaleessu irraa seeramee keyrii kassabatee fuula Rabbii afotti milkaayu nu haa taasisuutii.

Mee hadiissan ajaa'ibaa kanniinillee woliin haa laalluu:

حديث سهل بن سعد أن رسول الله ﷺ قال: سيكون في آخر الزمان خسف وقذف ومسخ إذا ظهرت المعازف والقينات واستحلت الخمر. رواه الطبراني صححه الألباني في "صحيح الجامع."

Hadiisa Sahal binu Sa’ad:- Rasuulli Rabbii ﷺ hin jedhan: “Aakira zamanaatitti hin ta’a, kasfun- lafti cituun, waqasfun- ammallee gubbaa kanaa dhagaa roobsuun, wamaskun:- ammallee jijjiiramuun namni bineensatti deebi’uun. Yoo muldhatte meeshaan sirbaa, ammallee yoo muldhatte intalti sirbitu, ammallee kamriin wayta halaala godhamtee dhugamte.”

(Hadiisa kana xabaraanitu odeesse. Albaaniin sahiha godhee jira sahiha jaami’i keessatti).

Mallattoo qiyaama’aa kana zamana kana kunoo keessuma hin jirruu yaa gabroottan Rabbii?

روى البزار في مسنده والضياء المقدسي في الأحاديث المختارة، عن أنس بن مالك رضي الله عنه: أن النبي ﷺ قال: صوتان ملعونان في الدنيا والآخرة: مزمار عند نعمة، ورنة عند مصيبة قال المنذري في الترغيب والترهيب: رواته ثقات. وكذا قال الهيثمي في مجمع الزوائد، والحديث صححه الألباني في تحريم آلات الطرب.

Bazzaarillee odeesse musnada isaa keessatti, ammallee Adyaa’ul-muqaddas hadiisa Al-muktaarat keessatti odeesse, hadiisa sahiha keessatti: Anas binu Maalik (Rabbi irraa haa jaalatuu) irraa odeesse, Rasuulli Rabbii ﷺ hin jedhan: “qoonqi (sawtiin) lamaa abaaramtuudha, duniyaafi aakiraa keessattillee: Sunis qoonqa qilliftuu (waan akka sirbaa, sagalee olfuudhanii qillisiisuu, ililchuu, muuziqaa dhayuu...kkf), gammacchuu keessatti sowtii (qoonqa/sagalee) olfuudhanii iyyuu. Akkasuma ammallee woyta musiibaan takka namatti buute xiixuu, iyyuu, afaaniin faarsaanii booyuu.” Al-munzirii- Fi-At-targhiib:- kajeelchisaafi Wa-At-tarhiib:- sodaacchisaa keessatti odeesse. (kitaaba waan keyrii karaa jannataa nama kajeelchisaafi waan sharrii karaa azaabaa irraa nama sodaachisaa ka qabu jechu’u). Worri kitaaba kana keessatti odeessan hunduu worra dhuga’aati. Heysamiinillee hin jedhe: majma’i Az-zawaa’id keessatti. Albaaniinillee sahiha godhee jira meeshaa sirbaa dhooggaa keessatti.

Namni ibidda azaabaa ni sodaaddha jedhu akkamitti karaa azaabatti nama geessu haqa godhata? Namni jannata Rabbii kajeela jedhu akkamitti daangaa Rabbii cabsee waan jannataan isa gayu irraa duddagala? Mee qalbii sodaa Rabbii qabduun hubaddhaa. Worra fahamu Rabbi nu haa taasisuu.

Mee worra sirbi, weelluun, weedduun, Muuziqaan “aadaa teennaa maal qaba” jedhuuf (ka sanuu aadaa jedhamu sanuu hin ta’in), dhaamsa takka qabna. Gaafa qabrii gadi buute aadaa irraa, sirba irraa hin gaafatamtuu: Rabbii kee, Diinii keetii fi Rasuula kee irraa gaafatamtaa beeki. Wonni hin beeyne nama hin beeytuu jedhamaamiiree, gaafas eessaa fuutee deebifta yoo ardha heera diinii keetii cabsitee waan fokkataa jala deemte? Sirbi meeshaa zina’aati, kanaaf Rabbiin nu dhoorge. Kanaaf Rasuulli ﷺ irraa nu seere.

Kunoo Zamana intalti gabbaatee sirba qillisiisaa qillitu, ka namni isii kireeffatu keessatti argamnaa, Rabbiin dallansuu kanaan dhagaa roobsuufi bineensatti nama jijjiiree muldhisuun akka argamtu Rasuulli keenna ﷺ nuuf himanii jiranii, Sun dhufuuf deemtii beekaa.

Mee aayata Qur’aanaa takka irra deebinee isin yaadacchiisuun dubbii tana mataa hiinaa, ammallee Rabbi fahama nuuf haa kennu.

قال تعالى ﴿وَلا تَلبِسُوا الحَقَّ بِالباطِلِ وَتَكتُمُوا الحَقَّ وَأَنتُم تَعلَمونَ﴾ [البقرة: ٤٢]

"Dhugaa dharatti hin makinaa, hin laaqinaa, osoma beeytanuu dhugaa hin dhoysinaa"

Yaa nama sirbabaan bultuufi ka bitattee dillisiiftu! Islaamummaa himata'aa nafsee tee haraama keessatti cuupxee uf dhiba'aa jirtaa lakkii gorfami. Haraama kana irraa citii gama Rabbii deebi'i. Rabbiin akkanatti nu gorsaa, akkanatti nu seeraa, ati muuziqaafi shubbisa Inni haraama nurratti godhe halaalfattee seera Rabbii cabsitee akka halaakama keessa jirtu hubaddhu.

Wolaloo zinaa irratti nama gootomsituun weellisuu, intala qonxolattee awraa qullaa hawwiftu woliin meeshaa muuziqaa ka faranjiin hoomishteen wolitti ijaaranii maqaa "Baandii" jedhamu moggaafatanii ummata badii tanatti waamanii itti sirbuu woliin woraabbii gurguratuu bira dabree cidha fuudhaa-heerumaa keessatti kireeffatamanii sirbuun dalagaa ta'ee argama.

Rabbi sodaaddhaa dhiisaa yoo jedhaman, "maal qaba kun aadaa teennaa" jedhan. Aadaan bareedduun ilma namaatiif toltu aadama Islaamaati. Aadaan biraa fokkattuma.

Zamana kana amma cidha aadaa fokkattuu yahuudaatiin fuudhan kana viidiyoo woraabanii, suuraa kaasanii fuula 'facebook' keessatti suuraa Qur’aanaa uf moggaa kaayatanii ka maxxansan argina. Mee akkamitti haalli kun waliin deema? Dalagaa Qur'aanni Rabbii irraa isa dhoorgu dalaga'aa Qur'aana suuraa isaa baaddhatuun takkii maxanfatuun maali? Fincaaya'aa wudu'atuun hin taatii? Jalaan fincaan gadhiisa'aa wudu'atuu akka waan jedhamuutiin wolfakkaatti dalagaan tuni.

Aadaa yahuudaa qabatee dalagaa heera Qur'aanaa diiguufi Qur'aana wol maddii kaayatuun wolfaana hin deemtu. Aananiifi farsoo wolitti buusanii dhuguun woy taatii?

Harree dayma baattu maaf ta'a? Harreen daymaa baachuu malee hin dhandamtuu mi'aa isaa hin argitu. Amma akki kuni akkas fakkaata. Mi'aa Qur'aanaa dhandhamuu irraa nama fagaatetu waan Qur'aanni isa dhoorguufi Qur'aana wol tishoo godhatee dhama'aa jira.

Haqaafi baaxilli wolfaana hin deemuu gorfami yaa gabricha Rabbii. Yoo gorfamuu diddee haqaafi fasaada woliin dhooftu taatee abaarsi Rabbii sirra dhaabate, ifaan onnee teetii dhaamtee garri towbaa deebituun si jalaa badee osoo sansaarantu hoongoon godaantaa, osoo sitti hin galgalaayin dafii uf dhaqqabii haraama irraa fagaadhuu Rabbiif uf qabi yaa nama haqaafi dhara wolkeessaan deemtu

Madda “AQIIDAA ISLAAMAATII FI SIRNA GADAA WAAQEFFATAA” Abbaa Milkii

https://t.me/ifaislaamaa

Report Page