Shubuhaa Mawlidaa Keessaa...
https://t.me/ifaislaamaa🔖 Warri ayyaana mawlida Nabi Muhammad ﷺ Kabajan Shubahaalee fidan keessaa inni tokko mawlidni bida'atul-Hasanaa ykn Bida'aa Gaariidha jedhu.
يقولون الاحتفال المولد البدعة الحسنة والله عز وجل يقول : ﴿اليوم أكملت لكم دينكم ﴾
"Amantii keessan har'a isiniif guuteera"
📨 Ergamaan Rabbii ﷺ akkas jedhu፡-
[فَعَلَيْكُمْ بِسُنَّتِي وَسُنَّةِ الْخُلَفَاءِ الْمَهْدِيِّينَ الرَّاشِدِينَ، تَمَسَّكُوا بِهَا، وَعَضُّوا عَلَيْهَا بِالنَّوَاجِذِ ، وَإِيَّاكُمْ وَمُحْدَثَاتِ الْأُمُورِ ؛ فَإِنَّ كُلَّ مُحْدَثَةٍ بِدْعَةٌ، وَكُلَّ بِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ]
“karaa kootii fi kan khulafoota sirraawoo qajeeloo ta’anii qabadhaa. Ilkaan mangaagaan ciniinaa, dubbii haaraa (diinii keessatti uumamu) fagaadhaa, dubbiin haaraan hunduu bida’aadha. Bida’aan hunduu jallina.”
📨 Ergamaan Rabbii ﷺ akkas jedhu፡-
[سحقا سحقا لمن بدل بعدي]
Ergamaan Rabbii ﷺ bor nama diinii keessatti waan haaraa uumeen «Fageessaa fageessaa nama jijjiire»
📨 Ergamaan Rabbii ﷺ akkas jedhu፡-
[...أَمَّا بَعْدُ ؛ فَإِنَّ خَيْرَ الْحَدِيثِ كِتَابُ اللَّهِ، وَخَيْرُ الْهُدَى هُدَى مُحَمَّدٍ، وَشَرُّ الْأُمُورِ مُحْدَثَاتُهَا، وَكُلُّ بِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ]
“Kana booda, caalaan dubbii kitaaba Rabbiiti, caalaan qajeelumaa qajeeluma muhammadi, dubbiin hamtuun waan haaraa uumamte, bida’aan hunduu jallina"
📨 Ergamaan Rabbii ﷺ akkas jedhu፡-
[مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنْهُ فَهُوَ رَدٌّ]
“Ajaja keenya keessatti namni waan isarraa hin taane haaromse isarratti deebifama"
⚠️ Eenyuun amanta?
📨 Abdullah Ibnu Umar Radi'Allahu Anhu akkas jedhu፡-

"كل بدعةٍ ضلالةٌ وإن رآها الناسُ حسنة"
"Bida'aan hunduu Jalinna dha namoonni akka gaarii ta'eetti yoo ilaalanillee"
📨 Abdullah Ibnu Mas'uud Radi'Allahu Anhu akkas jedhu፡-
[اتبعوا ولا تبتدعوا فقد كفيتم كل بدعة ضلالة] [الزهد لأحمد (896)]
(Hordofaa! Waan haaraa hin fidiinaa, dhugumatti, isiniif gaheera Bida'aan hunduu Jalinna dha"
⚠️ Eenyuun amanta ?
📨 Imaamu Maalik Rahimahullah akkas jedhu:-
[من ابتدع في الإسلام بدعة يراها حسنة فقد زعم أن محمدا ﷺ خان الرسالة لأن الله تعالى يقول : ﴿ اليوم أكملت لكم دينكم} فما لم يكن يومئذ دينا فلا يكون اليوم دينا [الاعتصام (1/64-65)]
“Namni Diinii kana keessatti bida'aa tokko fidee gaarummaa ishee yaade dhugumatti Muhammad ﷺ Ergama isaa ganeera akka jedheetti lakkaawama. Maaliif jennaan Allaah ol ta'e akkas jedha. "Amantii keessan har'a isiniif guuteera" Wanti yeroo sana diinii hin taane har'a diinii hin ta'u"
📨 Imaamu Abuu Haniifaa Rahimahullah akkas jedhu:-
[عليك بالأثر ، وطريقة السلف ، وإياك وكل محدثة فإنها بدعة] ذم التأويل لابن قدامة
(Faana jaraa fi daandii salafotaa sirriitti qabadhu waan haaraa fiduurraa of eeggadhu wanti haaraa hundi bida'aa dha)
وقال الإمام الشافعيُّ -رحمه الله تعالى-: "يسقُطُ كل شيءٍ خالفَ أمر النبي -صلى الله عليه وسلم-، ولا يقومُ معه رأيٌ ولا قياسٌ؛ فإن الله قطعَ العُذرَ بقولِه -صلى الله عليه وسلم-".
📨 Imaamu Ahmad Rahimahullah akkas jedhu:-
[أصُولُ السنة عندنا التمسك بما كان أصحاب رسول الله ﷺ والاقتداء بهم وتَركُ البِدَعِ وكل بدعة فهي ضلالة]
[أصول السنة ص٤]
[Nu biratti(Ahlusunna) bu'urri sunnaa waan sahaabonni ergamaa Rabbii ﷺ irra turan jabeessanii qabachuudha, isaanitti hidhachuu, bida'aa dhiisuu, bida'aan hunduu isaa Jalinnadha]
⚠️ Eenyuun amanta?! Jara hawaa isaanii jala deemaan moo akkuma armaan oliitti agarte ragaa Qur'aanaa, Hadiisaa, Jechoota Sahaabotaa fi Ulamootaa amanta?!
Jarri ragaalee akka biiftuu ifan dhiisanii shubuhaa asiif achii guruun uummata wallaalaa fi imaanni dadhabaa burjaajessuun of jala deemsisaa jiru.
فَأَمَّا ٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِمْ زَيْغٌ فَيَتَّبِعُونَ مَا تَشَٰبَهَ مِنْهُ ٱبْتِغَآءَ ٱلْفِتْنَةِ وَٱبْتِغَآءَ تَأْوِيلِهِۦۗ وَمَا يَعْلَمُ تَأْوِيلَهُۥٓ إِلَّا ٱللَّهُۗ وَٱلرَّسِخُونَ فِى ٱلْعِلْمِ يَقُولُونَ ءَامَنَّا بِهِۦ كُلٌّ مِّنْ عِندِ رَبِّنَاۗ وَمَا يَذَّكَّرُ إِلَّآ أُو۟لُوا۟ ٱلْأَلْبَٰبِ
"Warri onnee isaanii keessa jal’inni jiru fitnaa barbaachaaf yookiin hiika isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wal fafakkaataa hordofu Hiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beeku Warri beekumsa keessa fagaatan immoo “hundinuu Rabbii keenya biraayyii itti amanne” jedhuWarra sammuu qabu malee namni biroo hin gorfamu"
Hundaafuu shubuhaalee Jarri dhiheessan hunda isaa bakka tokkotti deebbii quubsaa faana argachuuf kitaaba https://t.me/ifaislaamaa/973 kana buufadhaatii dubbisaa kitaaba baa'yee bareedaadha baaba kana keessatti.
أيها المسلمون: طريقُ أهل الإيمان والتوحيد لُزومُ السنة، واتِّباعُ الأثر، ونبذُ البدع والخُرافات، وردُّ المُحدثَات والضلالات، والبراءةُ منها ومن أهلِها. مضَت الصحابةُ والتابِعون وأتباعُهم وعلماءُ السنَّة على هذا مُجمِعين مُتَّفقين.
نسأل الله أن ينفع بها الإسلام و المسلمين.
✍️ Abu Asiyah Abdallah
Barnoota Ifa Islaamaa Hordofuuf
Telegram , Whatsapp , Facebook