Sheekh Bushraa Baabbilee

Sheekh Bushraa Baabbilee

https://t.me/NesredinAbdi

Maqaan isa sheekh Bushraa Usmaan ja'ama akka lakkofsa hijraati bara 1372 dhalataan.

Sheek Bushraa nama dhugaan rabbii isaa sodaatuudha,


Sheekh Bushraan 

Qur'aana sheek Abdii mulluu irraa baratan 

Khitaabban fiqii sheekh Muusaa Abdallaa(warra mulluu), sheek Yusuuf Baroodaa,sheekh Usmaan(warra maammoo) faa irrati baratan.

Fannilee sarfii nahwii sheek Muhammad Siraaj Dorrobaa(warra gaara mul'ataa) irrati baratan.


Sheekh Ahmad watar irrahis Nahwii fi sarfi baratan.

Sheekh Abdallaa Tuqoo irrattis Sunnaa(Hadiisa) akkasumaas ulamaa'oota biroo irrahis ergaa baratan booda osoo waraanni Ziyaad Barree biyya hin seenin dura iddoo ganda Risaafi Xawaad jedhamtutti barsiisuu eegalan. 

Sana booda gara aanaa Qarsaa siquudhan bara digdama (20) caala achitti barsiisa turan.

Achii booda gaara Mul'aataa naannoo Daawwee jedhamutti siquudhan bara saddeetii ol achittiis barsiisan.


Yeroo barsiisaa turan Tawhiida irratti xiyyeeffatani barsiisa wan turaanif, Rakkoolee adda addaatif saaxilamaa turaan.

Rakkoowwan isaan mudachaa turaanis khaayyoo isaani irraa of duuba deebisu hin dandeenye.

Sheekh Bushraan khaassetoota walaloo Tawhiida tan sagaleen waraabee tamsaasuudhan diin khana hawaasa isaa biraan gahuu irraati shoora guddaa nama taphateedha.


Sheekha kheenya khana Umrii isaa nuf ha dheereeysu. 

Barreeysan:-Nesredin Abdi(Ibnu Islam)

Maddii:-Khitaaba ADUU WAAREE seena ulamaa'oota dabree (fuula 217-219) irrahi


  photo credit :-Ahmed Abdulsemed

Report Page