Sagalee Abbaa
©Mr Dn Bacha/Samuel Negasa(BTH)✍️ Yeroo darbe obboloota keenya proteestaantotaaf gaaffii 10 akka nuuf deebisaniif, chaannel kana irratti dhiyeesseen ture. Garuu nuuf deebisuu hin dandeenye. Har'a gaafficha keessaa tokko miseensuma keenyaaf deebisuun yaala. Gaaffichi akkas jedha.
"Iyyasuus sagalee abbaa akka ta'e kitaabni qulqulluun ni dubbata, isinis ni amantu! Maarree yeroo sagaleen kun foon uffatee biyya lafaa irra turetti abbaan Yoordaanosii fi tulluu taabor irratti 'muucaan koo inni ani jaalladhu isa kanadha, isa dhaga'aa!' jedhee kan dubbate sagalee isa kamiinii? Sababiin isaas sagalee abbaa kan turewoo foon uffatee lafa irra jiraati" kan jedhudha.
✍️ Manni kiristiyaanaa Ortodoksii waloomaa(Tawaahidoo) deebii qabdi. Keessumattuu barumsa waa'ee waaqummaa(theology) isa dhokataa fi sammuu namaatiin ol ta'eef hayyoonni Ortodoksii waloomaa(Tawaahidoo) baroota hedduu dura qajeelcha afuura qulqulluutiin geggeeffamanii dhoksaa dubbiisaa hiikanii kitaabolee barreessanii dhaloota gaafataa baroota booda ni ka'a jedhanii yaadaniif deebii quubsaa/ga'aa lafa kaa'anii darbaniiru.
✍️ Bu'uuruma kanaan deebii gaaffii armaan olii kana beekuuf dursa amalaa fi jireenya Sillaasee beekuun dirqama. Waaqayyoo tokkicha. Ibsa isaa sadummaa addaatiin immoo Abbaa, Ilma, Afuura qulqulluu jedhama. Abbaan laphee, Ilmi sagalee/jecha, Afuurri qulqulluun immoo afuura dha. Kun sadummaa haalaa jedhama. Haala jechuunis kan ta'anii argaman jechuudha.
Qulqulluu Baasiliyoos inni Qiisaariyaa akkas jedha;
"አንሰ ሶበ እቤ እግዚአብሔር እብል በእንተ አብ ወወልድ ወመንፈስ ቅዱስ።" "Ani 'Waaqayyoo' yemmuun jedhu, waa'ee Abbaa, waa'ee Ilmaa, waa'ee Afuura qulqulluu dubbachuu kooti" jedha. A. Ab. 96፥6
✍️ Sadummaan haalaa; haala laphee, haala sagalee/jechaa, haala afuuraati. Maqaan sadummaa haalaa; laphee, sagalee, afuuradha. Laphee, sagalee fi afuurri haalaan adda adda ta'anii jiraanyaan immoo tokko ta'uun jiraatu. Kunis Abbaan laphee qaamawaa(አካላዊ ልብ), Ilmi sagalee qaamawaa(አካላዊ ቃል), Afuurri qulqulluun afuura qaamawaa(አካላዊ እስትንፋስ) dha jechuudha. Karaa biraa yoo ibsinu Abbaan ofii isaatiif kan yaadu(kan beeku) ta'ee, Ilmaa fi Afuura qulqulluudhaaf immoo beekumsa ta'uu isaa; Ilmis ofii isaatiif kan dubbatu(sagaleessu) ta'ee, Abbaa fi Afuura qulqulluudhaaf dubbachiisaa(sagaloomsaa) isaanii ta'uu isaa; Afuurri qulqulluunis ofii isaatii kan jiraatu ta'ee, Abbaa fi Ilmaaf jireenya ta'uu isaa kan ibsudha.
✍️ Kanaafuu, Abbaadhaan yaaddota (kan yaadan), Ilmaan dubbattoota (kan dubbatan), Afuuraan immoo jiraattota(kan jiraatan) ta'anii waliin jiraatu. Kana jechuunis laphummaa Abbaatiin sadan isaaniiyyuu ni yaadu, sagalummaa Ilmaatiin sadan isaaniiyyuu ni dubbatu, afuurummaa Afuura qulqulluutiin sadan isaaniiyyuu ni jiraatu jechuudha.
✍️ Isa kanas Abuuliidiis innichi Roomaa;
"Abbaan ilmaa fi Afuura qulqulluudhaaf laphee isaaniiti(ittiin yaadu), Ilmi Abbaa fi Afuura qulqulluudhaaf sagalee isaaniiti (ittiin dubbatu), Afuurri qulqulluun Abbaa fi Ilmaaf afuura isaaniiti (ittiin jiraatu)" jedhee ragaa ba'eera. (ሃይ አበ ዘአቡሊዲስ ኀበ በርደጊስ ክፍል 2)
✍️ Abbaa, Ilmii fi Afuurri qulqulluun jireenyaan tokko. Kana jechuunis Abbaa keessa Ilmii fi Afuuurri qulqulluun jiru. Ilma keessa Abbaa fi Afuurri qulqulluun jiru. Afuura qulqulluu keessa Abbaa fi Ilmi jiru jechuu dha.
✍️ Abbaa keessatti Ilmi sagalummaadhaan, Afuurri qulqulluun afuurummaadhaan jiraattota dha. Ilma keesstti Abbaan laphummaadhaan, Afuurri qulqulluun afuurummaadhaan jiraattota dha. Afuura qulqulluu keessatti Abbaan laphummaadhaan, Ilmi sagalummaadhaan jiraattotadha.
✍️ Kanaafidha Gooftaan "Ani Abbaa keessa, Abbaanis ana keessa akka jiru amanaa" kan inni jedheef. Yoh. 14:10
✍️ Egaan gara deebii gaaffii keenyaatti kallattiidhaan yemmuu dhufnu; bu'uura armaan olitti ilaalle kanaan, Ilmi qaama isaa adda ta'een fooniin waloomee lafa irratti yoo mul'ateyyuu amalummaa Abbaa isaa Abbaa fi amalummaa jireenya isaa Afuura qulqulluu irraa liphsuu ijaatiifillee adda hin baane.
✍️ Kanaafuu, sagaleen foon uffate laga Yoordaanositti yemmuu cuuphamuu fi Tulluu Taabor irratti ulfina isaa yemmuu ibsu, samii irrattis sagalee Abbaa ta'ee "Ilmi koo inni ani jaalladhu isa kanadha, isa dhaga'aa" jedhee dubbachaa ture. Mat. 3:17, 17፥5
✍️ Kiristoos lafa irratti hammannaa haadha isaa keessa ta'ee akka daa'imaatti harma ishee yemmuu hodhu, gubbaa samii Aariyaam irratti immoo dugda Kiruub irra taa'ee Abbaa fi Afuura qulqulluu wajjin tokkummaatti "Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu" jedhamee galateeffatamaa ture.
✍️ Kanaafidha, qulqullichi Yaared galateeffannaa isaa isa 'Baha Ifaa' jedhamu irratti ❝Uumama hundumaa walitti qabee kan bulchuufi kan nyaachisu Gooftaan isaanii harka kee irra taa’ee akkuma daa’immanii yemmuu harma hodhu argan. Aariyaamittis barbaadanii akkuma duraatti Abbaa isaa fi Afuura qulqulluu wajjin isa argatan. Gad of qabinsa Gooftaa isaanii yemmuu arganis ija isaanii gara Aariyaamitti ol kaasanii, kaattuu (koochoo) isaanii diriirsanii “Yaa Gooftaa hundumaa samii irratti galanni siif ni ta’a.” jedhanii Gooftaa isaanii galateeffatan. Lamaffaas, dallaa horii keessatti mucaa kee wajjin si arganii “Lafa irratti nagaan (Jaalallii fi tokkummaan) ta’e” jedhan.❞ kan inni jedheef.
✍️ Haayyoonnis kana fakkeenyaan yemmuu ibsan akkas jedhu;
"Iftii aduu gara dachee kanaatti dhufee uumama hundaaf yemmuu ifu, qaama aduu isa hawwaa/samii keessa jiru irraa osoo adda hin ba'iin akkuma ta'e, sagaleen Abbaas yeroo gara biyya lafaa dhufee fooniin waloome gubbaa Aariyaam irratti Abbaa fi Afuura qulqulluu irraa osoo adda hin ba'iinidha."
✍️ Icciitiin waaqummaa kun sammuu namaatiin olidha. Ajab! Uggum! Jechaa galateeffachuu irraan kan hafe sammuu keenya isa dadhabaa kanaan amala/icciitii Silaasee qorannaa/sakattaanee bira ga'uu hin dandeenyu. Inni Waaqayyoo yaada ergamootaa fi sammuu namootaatiin olitti dhokataadha. Galannii fi waaqeffannaan lafaa hanga Aariyaamitti isaaf haa ta'u! Ameen.
Xumureera!
Channel kanaaf haaraa kan taatan kunoo ammuma join godhaa👇👇👇
https://t.me/GolaSoorataJireenyaa
Yaada ykn gaaffii yoo qabaattan👇👇👇
https://t.me/httpsGolaSoorataJireenyaa
Gara garee marii (Group Discussion) tti makamuuf👇👇👇
https://t.me/httpsDaandiiMootummaaWaaqayyoo