Sababoota Maatii Diigan
Gali AbaborSababoota Maatii Diigan
★★★★★★★★★★
Yeroo ammaa kana sababa xixiqqoodhaan maatiin baay'een diigamuu argina. Sababni xixiqqoon kun akkamitti jireenya maatii kabajamaa kana akka kanatti diiga jechuun baay’ee namatti dhaga’ama. Sababni isaa maali jechuu yeroo gadi fageenyaan ilaallu inni guddaan maatiin sun kan sodaa Rabbii irratti ijaarame ta’uu dhabuudha.
Fakkeenyaaf jalqabuma gaa’ila isaaniitiin duraa gurbaafi intalli karaa Rabbiin dhorge baay’ee irratti wal qunnamu. Yeroo nikaan hidhamus wantoota sharii’aa faallessan lakkoofsa hin qabnetu raawwatama. Inni guyyaa cidhaa immoo waan dubbatamee dhumuu miti.
Akka Sheekhni tokko jedhanitti sharii’aan ummata keenya biratti kan inni hojiirra oolu hanga guyyaan cidhaatiifi du’aa dhufutti. Yeroo ciini dhufe ajajni Rabbii hunduu diigamee wanti Rabbiin hin jaallanne hunduu hojjatama. Muuziiqaan, isheen heerumtu qullaa manaa bahuun, marii (miizee) jedhanii warra fira hin taane fira fakkeessanii ajaja Rabbii diiguun, bosona adda addaa deemanii waan Rabbiin jibbu meeqaatama achitti dalaguun, qarshiin hammana hin jedhamne achitti gubamee dhumuun, yaa Allaah isa kamin dubbadhee isa kam dhiisa! Yaa Ummata Islaamaa Rabbiin isinitti haa ta’u! Garuu silaa yaa ummata keenya yeroo gammachuu Rabbiin yaadannaan Rabbiinis guyyaa rakkoo keenyaa nu yaadata ture. Mee ummanni guyyaa har’a wal fuudhu badii heddu irratti wal qunname akkamumatti jireenyi isaa fuulduraa milkaa’aa ta’a? Wallaahii jireenya haara galfiifi boqonnaa ta’uu hin danda’u. Kun tasumaa hin yaadamu. Kun mindaa wal madaaluu miti. Mindaan wal madaalu warra ajaja Rabbii irraa gara gale Rabbiin jireenya dhiphoo isa jiraachisuudha. Yoo irra keessi isaa gaarii fakkaatee mul’atellee keessi isaa yoomuu gaarii hin ta’u.
Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
وَمَنْ أَعْرَضَ عَنْ ذِكْرِي فَإِنَّ لَهُ مَعِيشَةً ضَنْكًا وَنَحْشُرُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَعْمَى (124) قَالَ رَبِّ لِمَ حَشَرْتَنِي أَعْمَى وَقَدْ كُنْتُ بَصِيرًا (125) قَالَ كَذَلِكَ أَتَتْكَ آيَاتُنَا فَنَسِيتَهَا وَكَذَلِكَ الْيَوْمَ تُنْسَى (126) وَكَذَلِكَ نَجْزِي مَنْ أَسْرَفَ وَلَمْ يُؤْمِنْ بِآيَاتِ رَبِّهِ وَلَعَذَابُ الْآخِرَةِ أَشَدُّ وَأَبْقَى (127)
“Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna. Gooftaa kiyya! Odoon (duniyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (hardha) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha. (Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatte. Atis hardha akkuma sanitti dagatamta.” Egaa akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin mindaa isaaf kennina. Adaba Aakhiraatu irra cimaa fi irra hafaa dha.”
Mee namoonni wal fuutan waan cidha keessan ittiin yaadattan Qur'aana akka suuraa Annuur, Nisaa’iifi kkf haffazaa. Hanga suuracha qaraatanuun cidha keessan yaadattanii itti gammaddu. Kan kana haffazdanii jirtanus waan ittiin cidha keessan yaadattan kitaaba tokko waliin qara’aa. Hanga kitaaba sana dubbiftanuun itti gammaddu. Wallaahii inni kun barakaa guddaadha. Odoo kitaaba akka Buluughaa waliin qaraatanii hanguma buluugha dubbiftanuun guyyaa gammachuu san yaadattu. Kun yaada kiyya.
Qabxiin biraa kan jireenya maatii milkaa’u dhorgu immoo yoo gurbaan fuudhu tokko umurii isaa duraanii dheeraa ta’e badii sagaagalummaa (zinaa) keessatti dabarse niitiin isa qunnamtus kanuma akka isaa taati. Odoo ofii nama gaarii hin ta’in niitii gaariin fuudhee jireenya gaarii jiraadha jechuun seera Rabbii diiga. Sababni isaas Rabbiin mindaa gosuma hojii ati hojjattuu irraa siif kaffala. Sababa kanaaf namichi sagaagalummaa irratti umurii isaa dabarse dubartiin itti dhuftus kanuma akka isaa zinaa barbaaddu. Akka imaam Ashaafi’iin jedhanitti namni zinaa godhu yoo maalis duppoo isaattillee ta’a malee zinaan itti godhamuun hin hafu. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
الْخَبِيثَاتُ لِلْخَبِيثِينَ وَالْخَبِيثُونَ لِلْخَبِيثَاتِ وَالطَّيِّبَاتُ لِلطَّيِّبِينَ وَالطَّيِّبُونَ لِلطَّيِّبَاتِ أُولَئِكَ مُبَرَّءُونَ مِمَّا يَقُولُونَ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ (النور:26)
"Dubartoonni badoon dhiirota badoodhaafi, dhiironni badoonis dubartoota badoodhaafa ta’u. Dubartoonni gaariin dhiirota gaariifi, dhiironni gaggaariinis dubartoota gaariifi. Isaan sun waan isaan jedhan irraa qulqulleeffamoo dha. Isaaniif araaramaa fi kennaa gaarii ta’etu (Jannatatu) jira." (Annuur: 26).
Rabbiin namoota waliin ta’u walitti fida malee waan waliin faallaa walitti fidee hin rakkisu. Akka tasaa walitti dhufuun isaa ni mala. Garuu yoo maalis ta’e waliif hin galanu. Kana immoo seenaa niitolii Nuuhiifi Luux irraa qaraaneerra.
Yoo lamaan isaaniituu kan bakkeetti jireenya hayawaanaa jiraataa walitti dhufan ta’eef ammas jireenyuma hayawaanaa jiraatu. Kana jechuun lamaan isaaniituu maqaadhaaf waliin jiraatu malee bakkeedhaahis waan barbaadan heddutu jira; isheenis nama waliin bakkeetti jiraattu kan biraa qabdi jechuudha. Akka namoonni gariin jedhanitti siree tokko irra nama afurtu rafa. Inni niitii isaa waliin ciisee ishee bakkee yaada; isheenis dhirsa waliin ciiftee isa bakkee yaaddi. Sireen immoo nama afur iddootti baachuu hin danda’u. Garuu nama dhugaadhaan toobatee irraa deebi’e Rabbiin tawbaa isaa ni qeebala. Gariin namoota akkanaa immoo mana isaanii keessatti haadha manaatii ilaaltuu waan Rabbiin jibbu kan akka shiishaa fidanii xuuxu. Isheenis yeroo gabaabaa booda isa xuuxuu jalqabdi.
Yaa ummatta Islaamaa kun jireenya maaliiti! Ummanni baay’een immoo haadha manaa teessisee ajnabii wajjin caatii qaamaa oola. Isheen immoo warra taa’ee qama’uuf buna dhaabdee fiddee ajnabiyyaadhuma keessa teessee buufti. Yeroo garii haadha manaa isaas jimaa kana qama'uu barsiisa. Namni akka kanaa isa Ergamaan Rabbii (saw) “dayyuusiin jannata hin galu jedhan keessa seena.” Dayyuusii jechuun isa afaan keenyaan cundhuura jedhamu. Kan maatii isaa badiif afeeru ykn badii irratti argee dhiisuudha. Odoo inni kun jiruu dabalata haadha manaa isaafi ajnabii waliin maka. Isheenis jireenyuma kana isa irraa baratti. Guyyaa inni hin jirres warra kana mana seensiftee waliin qaamti.
Yaa Allaah ummata Muslimaatiif birmadhu. Abbaa manaa waan akkanaa hundaa hojjachuun isaaf hin eeyyamamu. Yoo inni sammuu dhabee nama guurratee dhufee taa’ee jimaa qama'es haati manaa keessummoota kanatti makachuun gonkumaa hin eeyyamamu. Ilmaan isaa ta’anullee waan akkanaa irratti gocha kamiinuu abbaa isaanii deeggaruun hin ta’u. Yeroo haala kanaan badii irraa wal dhorgan Rabbiin jireenya isaanii gara Islaamaatti jijjiiree sirreessuun ni kajeelama.
Haati manaa dhiira keessa dhaqtee teessee buna buusuun jireenya ilma namaa odoo hin taane kan beelladaati.
Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “dayyuusiin jannata hin galu.” Dayyuusii jechuun nama maatii isaa keessatti badii akka dhiiraan wal makachuu, wantoota nyaachuun hin taane isheedhaa nyaattuu argee kan dhiisuufi kan waan akka shiishaa mana fidee maatii isaa barsiisuudha. Jireenyi akka kanaa yoo maalis ta’ee hin milkaa'u.
Booda kana immoo kan haadha manaafi ilmaan durbaa suuraa kaasee miidiyaa irra gadhiisus guuteera. Akkasumas Maatiin wal ga’ee fiilmii haraama ta’e waliin ilaalu, waan Rabbiin jibbe waliin nyaatuufi waliin xuuxu argameera. Kunis dayyuusummaa sana jalatti ramadama.
Fakkeenyi akka kanaa baay’eedha. Dubbatanii fixuunis baay’ee rakkisaadha. Namni kamuu jireenya mataa isaatiifi kan fuuldura maatii isaa yaadee badii kanneen amma dubbanneefi kan biroo mana keessaa baasuun haadha manaatiifi ilmaan isaa barnoota sharii’aa barsiisuufi ittiin hojjachuutti yoo kaase eeyyama Rabbiitiin jireenyi isaanii akkaan mi’aahaafi kan nama gammachiisu ta’a. Wanti maatiis ta’ee mataa ofii ittiin tiksan inni guddaan ajaja Rabbii jala deemuudhaani. Sana booda immoo wantoota jireenya addunyaatiif barbaachisan qooda ofii argachuuf tattaaffachuunis sababa biraati. Wanti an dhuma irratti ummata hundaanuu amaanaa jedhu mana keenya keessaa badii akka kanaa haa dhabamsiifnu; mana keenya bakka zikrii Rabbii haa goonu malee bakka wanti Rabbiin dhorge keessatti nyaatamuufi xuuxamu, lafa hamiifi komii akka hin taasifne; ilmaan keenya akka barnoota sharii’aafi akkaadaamii barsiifnee doofummaa kana keessaa baafnuudha. Akkasumas dirqama Islaamaa kanneen akka salaataa irratti ilmaan keenya ijoollummaan haa leenjifnu. Waliin yeroo hundaa masjida haa deemnu. Ilmaan keenyaaf waan gaarii hunda keessattuu hidhannoo gaarii haa taanu. Haadha manaa keenyas waan gaggaarii haa barsiifnu. Seenaa Islaamaa adda addaa, ahkaama sharii’aafi kkf isaan haa barsiifnu. Warri diishii manaa qabnus sagantaa Qur'aanaafi hadiisa adda addaa isaaniif haa bannu. Kun barakaa guddaa mana keenya seensisa.
Dhumarratti maatii jidduu waanyoon (hisdiin) maatii keessa akka hin galle of eeggannoo cimaa barbaachisa. Innis diigama maatiitiif sababa guddaadha. Kitaabolee wa'ee kanaa dubbataniifi kaasettoota barumsa isaa dabarsan haa hordofnu.
(Via Gali Ababor)
Barumsa dabalataa argachuuf YouTube kiyya Subscribe godhaa: https://youtu.be/RY7NKXh6XLA
Telegraamii kiyyarraas kitaaba buufadhaa dubbisaa:https://t.me/glababor/265