SEERA SAGALEE FI QUBEE

SEERA SAGALEE FI QUBEE

@Qaroo_koo

Qaroo koo


SEERA SAGALEE FI QUBEE AFAAN OROMOO

A) SAGALEE DHEER’AA FI GABAABAA

DUBBACHIIFTUU

Gabaabduu’: A(a),E(e),I(i),O(o),U(u)

Dheertuu’: AA(aa),EE(ee),II(ii),OO(oo),UU(uu)

Hudhaa (’) :Hudhaan jecha tokko dubbachuuf hafuurri somba keessaa bahuuf dhufee yoo addaan citu sagalee uumamu. Afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuun gabaabduus taatee dheertuun sagalee hudhaa bakka bu’uu hin dandeettu. Kanaafuu Hudhaan(‘) akka dubbachiiftuu takkaatti tajaajila; sagalee afaan Oromoo keessatti jechuu dha. Qubee afaan Oromoo keessatti sagalee ka gabaabsuu fi dheeressu dubbachiiftuu dha.Yoo dubbachiiftuun takka taatee kophaa isii jiraatte yookiin takka taatee dubbifamaa tokko bira galte sagaleen uumamu gabaabaa dha. Yoo dubbachiiftuun gosa tokkoo lama taatee wol faana yookiin dubbifamaa tokko bira galtemmoo sagaleen sun ni dheerata.

Chaartii( Gabatee) armaan gadii ka sagalee gabaabaa fi dheeraa haa ilaalluu.

a-aa e-ee i-ii o-oo u-u

ba-baa be-bee bi-bii bo-boo bu-buu

ca-caa ce-cee ci-cii co-coo cu-cuu

cha-chaa che-chee chi-chii cho-choo chu-chuu

da-daa de-dee di-dii do-doo du -duu

dha-dhaa dhe-dhee dhi-dhii dho-dhoo dhu-dhuu

fa-faa fe-fee fi-fii fo-foo fu-fuu

ga-gaa ge-gee gi-gii go-goo gu-guu

ha-haa he-hee hi-hii ho-hoo hu-huu

ja-jaa je-jee ji-jii jo-joo ju-juu

ka-kaa ke-kee ki-kii ko-koo ku-kuu

la-laa le-lee li-lii lo-loo lu-luu

ma-maa me-mee mi-mii mo-moo mu-muu

na- naa ne-nee ni-nii no-noo nu-nuu

nya-nyaa nye-nyee nyi-nyii nyo-nyoo nyu-nyuu

pa-paa pe-pee pi-pii po-poo pu-puu

pha-phaa phe-phee phi-phii pho-phoo phu-huu

qa-qaa qe-qee qi-qii qo-qoo qu-quu

ra-raa re-ree ri-rii ro-roo ru-ruu

sa-saa se-see si-sii so-soo su-suu

sha-shaa she-shee shi-shii sho-shoo shu-shuu

ta-taa te-tee ti-tii to-too tu-tuu

tsa-tsaa tse-tsee tsi-tsii tso-tsoo tsu-tsuu

va-vaa ve-vee vi-vii vo-voo vu-vuu

wa-waa we-wee wi-wii wo-woo wu-wuu

xa-xaa xe-xee xi-xii xo-xoo xu-xuu

ya-yaa ye-yee yi-yii yo-yoo yu-yuu

za-zaa ze-zee zi-zii zo-zoo zu-zuu

zsa-zsaa zse-zsee zsi-zsii zso-zsoo zsu-zsuu

Hubachiisa-1ffaa: Dubbachiiftuun takka kophattis ta’ee dubbifamaa woliin dheerattees ta’ee gabaabbattee sagalee uumuu ni dandeessi.

Fkn:

“a”__dubbachiiftuu gabaabduu kophaa isii.

“moo”__dubbachiiftuu dheertuu dubbifamaa woliin.

“ee”__dubbachiiftuu dheertuu kophaa isii.

“chii”__dubbachiiftuu dheertuu dubbifamaa woliin.

Hubachiisa 2ffaa: Dubbachiiftuun kophaa isaaniitti sagalee qabachuu irrallee afaan Oromoo keessatti matama isaaniitti jechallee yeroo ta’antu jira.

Fkn: a! _ cal jedhaa!, usaa! Hin dubbatinaa…

Ee…_ sirrii dha!, tole!

U! _ cinqaa keessa jiraachuu, gadda…

uu..!_ birmannaa gaafachuu

oo!_ raajeffachuu, awwaachuu.

********************

SEEROTA JECHOOTA SAGALEE AFAAN OROMOO

Afaan Oromoo barreessanii dubbisuuf seerota heddu kanneen sagalee gara garaa uumantu jiru; Isaanille

1. Jechoota sagalee gabaabaa

2. Jechoota sagalee dheeraa

3. Jechoota sagalee laafaa

4. Jechoota sagalee jab’aa

5. Irra butaa

6. Hudhaa (‘)

1. Jechoota Sagalee gabaabaa

Mana, lola, ana, luka, ona, hodhe, mucha, qophe, Shame, tika, olola, gulufa, dhara, uñate, barana, malate, cabaqa, loqoda, ala, Lolate, dabalate, jibicha, qolate, kutate, laga, lafa, gama, muka, bona, Buna, muka, gita, dhara, gosa, Qola, mala, bira, qara, qora, bahe, Gulufa, olola, barana, murate, riqicha, Ragada, ganama, lolate, qolate, Marata, gamana, rukute, barate, Loqoda, cabaqa, simate, labata

Worra sagalee wol-makaa qaban(2).

Kanneen bakka tokkotti gabaabbatanii bakka biraatti ammoo dheerata.

A) Warra gama duraatii gabaabbatanii gama boodaatii dheeratan.

Cimaa, qoree, citaa, mishaa, soruu, maruu, hatuu, mamii, badaa, samii, odaa, hamii, qomoo, qaluu, dhuguu, qaluu, maluu, diduu, sobuu, qaroo, qoruu, badii, qoruu, moluu, galii, gadoo, maroo, hiree

Gilgaala (Shaakala) sadi

Jechoota armaan olii fakkeenya godhadhuu jechoota kud haan barreessi.

1——–

2.——-

3.——–

4.——–

5.——–

6.——–

7.——–

8.——-

9.——-

10.——-

B) Jechoota gama duraatiin dheeratanii gama boodaan gabaabbatan.

Booda, qaama, suufe, soore, Dhiira, gaara, oota, coore, Miira, ciise, maala, fiige, Gaala, nyaate, gaade, Boora, oode, roobe, qooda, iida, Sooma, dhuufe, soore, miishe, Daare, aade, caame, saame, Aare, tuule, eele, fiile, miishe, boore, reebe

Gilgaala (Shaakala) afur

Jechoota akka armaan olii kudhan barreessi.

1.——-

2.——-

3.——–

4.——–

5.———-

6.——–

7.——-

8.——–

9.——–

10.——–

Gilgaala (Shaakala) shan

Fakkeenya armaan oliitiirratti hundaayii jechoota jaha barreessi.

1.——– 2.———– 3.———–

4.———– 5.———— 6.———–

C) Jechoota gama duraatiin dheeratanii jidduu fi boodaan gabaabbtan.

Fiigicha, goofata, sooruma, goolama,

Boorana, goobana, haalama, hoolota,

Laaqana, saamicha, xuuxame, saamame,

Booraye, diigame, qaamaye, diirama,

Gilgaala(Shaakala) jaha

Fakkeenya asiin oliitiin jechoota biro jaha katabi.

1.———- 2.————– 3.—————-

4.———– 5.————– 6.—————-

dheeratan

D) Jechoota gama duraa fi boodaan gabaabbatanii jiddutti

dheeratan..

Sibiila, bareeda, maraate, sakaale,

Taliila, abaare, areeda, magaala,

Galaana, qaroome, sodaate, madaala,

Gilgaala (Shaakala) torba

Fakkeenya asiin oliitiin jechoota biroo jaha katabi.

1.————- 2.—————- 3.—————

4.————–5.——————6.—————

E) Jechoota gama duraa fi jidduun gabaabbatanii gama boodaatiin dheeratan.

Sagalee, simachuu, badaduu, soorachuu,

Murataa, kadhachuu, maratuu, osolee

Qolatuu, qamalee, qamadii, bosonuu,

Gilgaala (Shaakala) saddeet

Fakkeenya jechoota armaan olii irratti hundaayii jechoota biroo jaha barreessi.

1.————– 2.—————- 3.—————–

4.————— 5.—————- 6.—————–

E) Jechoota gama duraatiin gabaabbatanii jidduu fi boodaan dheeratan.

Boraatii, magaalaa, maraatuu, haleeluu,

Daraaraa, utaaluu, kajeeluu, Alaabaa,

Xuraawaa, bariisaa, ariitii, gidaamii,

Gilgaala(Shaakala) sagal

Fakkeenya kanaan jechoota biraa jaha barreessi.

1.————– 2.————– 3.——————

4.————– 5.————– 6.——————

G) Jechoota duraa fi boodaan dheeratanii jiddutti gabaabbatan.

Boorataa, soolanee, qaariboo, qeebaluu,

Baadiyaa, saamunaa, daarimuu, daafamaa,

Gilgaala(Shaakala) kudhan

Fakkeenya kanaan jechoota biro jaha barreessi.

1.————– 2.————- 3.————–

4.————– 5.————– 6.————–

Hanga ammaatti ilaalaa kan turre jechoota sagalee gabaabaa fi dheeraa ti.

Wolumaa galatti qubee afaan Oromoo keessatti sagalee kan dheeressuu fi gabaabsu DUBBACHIIFTUU dha. Hudhaan ammoo akka dubbachiiftuu takkaatti kan tajaajilu ta’us sagalee dheeressuu fi gabaabsuu keessatti qooda hin qabu. Dubbachiiftuun sagalee dheeressuuf inni gosa tokko lamaa ol ta’ee wol faana hin dhufu.Akkas taanaan dubbachiiftuu yookiin hudhaan jidduu jiraachuu qaba. Kana seera hudhaa keessatti ilaalla.

3. Jechoota Sagalee Laafaa: Amalli sagaleen afaan Oromoo qabu inni biraa ammoo laafuu fi jabaachuu sagalee jechoota keessa jiraniiti. Sagalee afaan Oromoo Keessatti sagalee kan laaffisuu fi jabeessu DUBBIFAMAA dha.

Hubachiisa: Waa’ee jechoota sagalee gabaabaa fi dhreeraa hubachuuf akka nu gargaaru bakka takkatti wal faana ilaalla.

SAGALEE

Laafaa Jabaataa Laafaa jabaataa

-b- -bb- -ph – – pph –

-c- -cc- -q- -qq-

-ch- -chh- -r- -rr-

-d- -dd -s- -ss-

-dh- -ddh- -sh- -ssh-

-f- -ff- -t- -tt-

-g- -gg -ts- -tts-

-h- -hh- -v- -vv-

-j- -jj- -w- -w w-

-l- -ll- -x- -xx-

-k- -kk- -y- -yy-

-m- -mm -z -zz-

-n- -nn – zs- -zzs-

-ny- -nny-

-p- -pp-

Yoo dubbifamaan tokko ta’ee dubbachiiftuu gabaabduu yookiin dheertuu bira gale sagaleen sun ni laafa. Yoo dubbifaan gosa tokkoo lama wol faana dubbachiiftuu gabaabduu yookiin dheertuu bira gale sagaleen sun ni jabaata.

Mee amma sagalee laafaa fi jabaataa jechoota keessatti haa ilaalluu.

*************************

#Share gochuun nuu degeera

@Qaroo_koo join more


Report Page