“Nuyi garuu, Kiristoos isa fannifame lallabna . . .” (1Qor.1:23).

“Nuyi garuu, Kiristoos isa fannifame lallabna . . .” (1Qor.1:23).

Dn Misganu Mulatu

Bara kana akkuma argaa jirru jalloonni nama jallisan baay’een isaanii biyya lafaa irra faca’anii jiru. Dubbiinii fi hojiin isaanii jallaadha. Wangeela yaada mataa isaaniitiin hiikkachuudhaan kaayyoo dhuunfaa isaanii galmaan ga’achuuf jecha Kiristoosiin fannoo isaa irraa adda baasanii, ilma haadha isaa irraa adda baasanii, ilma abbaa fi afuura qulqulluu irraa adda baasanii ‘lallabaa’ jiru. Dhiifama ‘odeessaa jiru’ jechuu kooti. Yoom kiristoosiin lallabani jarri?

Ani garuu sittan hima: Kiristoosiin haadha isaa irraa adda hin baasin (Maat.2:11)! Fannoon kan kiristoosidha kiristoosiin fannoo isaa irraa adda hin baasin! Fannoo kiristoosiin hin arrabsin! Akkuma Phaawuloos jedhetti atis, “Fannoo kiristoosiin malee waan biraatiin hin boonu!” jedhii ittiu dhaadadhu eenyuun sodaattee callista? (Gal.6:14).

Kiristoosiin gantee abbaa fi afuura qulqulluu amanuu hin dandeessu! Abbaa fi afuura qulqulluu gantee kiristoosiin amanuu hin dadeessu! Abbaa, Ilmii fi afuurri qulqulluun waaqa tokkodha (1Yoh.2:22-23)! Kanaafuu kiristoosiin qofaatti adda hin baasin! Ani ammas sittan hima qulqulloota simattu malee kiristoosiin simachuu hin dandeessu (Maat.10:40). Loltuu tuffatte taanaan mootichas tuffatte jechuudha. Loltuu tuffadheen mootii kabajaan immoo waan hin fakkaannedha.

“Nuyi garuu, Kiristoos isa fannifame lallabna” (1Qor.1:23).

Shakkitoonni caqasa kana fudhachuudhaan gara yaada mataa isaaniitti hiikkatanii ittiin dhaloota dogoggorsaa jiru. Akka yaada isaaniitti isaan malee namni kiristoosiin beekuu fi lallabu hin jiru. Kun dogoggora. Hiikaa isaan caqasa kanaaf kennan yoo ilaalle, “Phaawuloos ‘kiristoosiin lallabna!’ waan jedheef kan biraa homtuu hin barbaachisu!” jedhu. Egaa inni isaan jedhan dhugaa yoo ta’ee gaaffii kanaaf deebii haa kennanikaa!

‘Kiristoosiin (ilma) qofa lallabna’ yoo jedhan Abbaaf Afuura Qulqulluuhoo eenyuutu lallaba? Abbaaf afuurri qulqulluunis hin barbaachisaniiree? Qulqullootallee duraanniyyuu hin jaallatan waan ta’eef dhiisani!

Egaa yaadni isaanii kun dhugaa jiruun yoo madaalamu zeeroo ta’ee argama. Waan nama ajaa’ibu Phaawuloos waa’ee fannoo kiristoosiin imimmaan isaa buusee boo’aa lallabe. “Baay’een isaanii fannoo kiristoosiif diinota ta’anii deddeebi’u, yeroo baay’ee waa’ee isaanii isinitti himeera, ammas boo’aan dubbadha, isaan waaqni isaanii garaa isaaniiti ...” jedhe (Fill.3:18-20).

Egaa qulqulluun Phaawuloos warri fannoo kiristoosiif diina ta’an ‘waaqni isaanii garaa isaaniiti’ jechuun dubbate; Ajaa’iba!

Phaawuloos dogoggoree waa’ee fannoo akka kanatti dubbateeree? Gonkumaa hin dogoggorre; innumaayyyy itti dabalee waan ajaa’ibaa tokko dubbate. “Fannoo gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin alatti of jajummaan kan biraa ana irraa haa fagaatu!” jedhe (Gal.6:14). ‘Fannoo kiristoos qofaanan boona!’ jechuu isaatiim. Nuti ijoolleen Tewaahidoo kanaaf fannoo kiristoosiin boonnaam! 

● Fannoon, humni waaqayyoo kan ittiin mul’atee fi mul’atu ta’uu isaa dubbatamee jira (1Qorn.1:18).

● Fannoon, warreen waaqayyoon fo’amaniif ‘mallattoo’ ta’uu isaa dursee raajiin dubbatamee jira (Faar.59(60):4).

● “Bakka miillonni isaa dhaabbatanitti sagadnaaf” jechuudhaan fannoodhaaf sagadni kabajaa akka ta’u dubbatameera (Faar.131(2):7). Miilli gooftaa keenyaa mismaaraan rukutamuudhaan sa’aatii ja’a hanga sagalitti fannoo irra dhaabbateera.

●Yaa’iqoob harka isaa wal jala qaxxaamursee mallattoo fannoo uumuudhaan ijoollee isaa eebbiseera (Uma.48:15). Kanaaf nuti fannoodhaan wal eebbisna! 

● Museen harka isaa gara mirgaa fi bitaatti diriirsee mallattoo fannoo uumee kadhachuudhaan Israa’elonni diinota isaanii akka injifataniif isaan gargaaraa ture. Wanti nama ajaa’ibu garuu yeroo Museen harka isaa diriirsuu dadhabee dachaafatutti Israa’elonni ni injifatamu turan. Sababa kanaaf Aaronii fi Hoor hamma aduun dhihutti harka Musee gama lamaanitti diriirsanii fannoo uumuudhaan diina isaanii injifachaa turan (Bau.17:12). Nutis diina keenya kan ta’e Diyaabiloosiin humna fannoo gooftaa keenyaa fayyadamnee injifannaan.

Egaa hamma kana erga jennee Phaawuloos maaliif, “Nuti garuu isa fannifame Kiristoosiin lallabna!” jedhee dubbate kan jedhu haa ilaallu!

Sababni inni itti jecha kana dubbateef :

Yihuudonnii fi Giriikonni waa’ee biyya lafaatii fi waa’ee fedhii foon isaanii akkasumas, waan faayidaa hin qabne hunda yaadanii isaaf dhiphatu malee waa’ee lubbuu isaaniif yaadanii hin beekani. Sababa kanaaf, kamiif dhiphachuu akka qaban isaan hubachiisuudhaaf, “Nuti garuu isa fannifame kiristoosiin lallabna” jedhee dubbate. Kana jechuun isaa “Waa’ee jireenya bara baraaf dubbanna, waa’ee isaaf qofa dhiphanna, isa qofa yaaduu qabna” jechuu isaati. Jireenya biyya lafarraa fuula keenya gara kamitti garagalfachuu akka qabnu baranna.

Qulqulloonni jireenya biyya lafaa irraa kan fagaatanidha. Dhimma biyya lafaa hin qaban. Giriikonni garuu waa’ee ogummaa fi falaasama biyya lafaa to’achuuf dhiphatu. Yihuudonnis raajii fi mallattoo garaagaraa arguu barbaadu malee waa’ee mootummaa waaqayyoo dhaaluu yaadanii hin beekan. Kanaafidha Phaawuloos ergaa isaa irratti, “Yihudoonni illee mallattoolee gaafatu, Giriikonni immoo ogummaa barbaadu. Nuyi garuu, Kiristoosiin isa fannifame lallabna . . . ” jechuun kan dubbateef (1Qorn.1:22-23).

Waa’ee Kiristoosiin lallabuu jechuun: Waa’ee abbaa fi afuura qulqulluu, waa’ee deessuu isaa, waa’ee qulqullootaa, waa’ee fannoo, waa’ee wareegamtootaa lallabuu jechuudha.

Shakkitoonni yeroo nuti waa’ee qulqullootaa, waa’ee haadha gooftaa, waa’ee faannoo, waa’ee ergamootaa yeroo nuti lallabnu waan kiristoosiin daganne isaanitti fakkaata. “Amantaa fi seerri hin barbaachisu” jedhanii illee hinuma nu qeequ. Qeeqni isaanii kun garuu wangeela biratti fudhatama hin qabu. “Egaa immoo amantii kanaan seera diigna jechuu dha moo ree? Lakki, kun raawwatee ta’uu hin danda’u, jabeessinee dhaabna malee!” jedha wangeelli (Room.3:31).

Kana qofaa miti, “Ayyaana kabajuunis hin barbaachisu” nuun jedhu. Ayyaana kabajuu kan nu ajaje garuu wangeeladha (Bau.5:3, 23:14; Kees.16:16; Lew.23:16, 23:34, 23:42 . . .). Nuti garuu ayyaana dhalachuu kiristoosiin ni kabajna. Nuti garuu abbaa ilma afuura qulqulluu ni kabajna. Nuti garuu Cuuphamuu, Tsoomuu, fannifamuu, du’aa ka’uu kiristoosiin ni kabajna, ni lallabna; fannoo kiristoosiin ni kabajna, deessuu uumaa samii fi lafaa kanaa kan taate durbee Maariyaamiin ni kabajna, qulqulloota kiristoosiif jedhanii ari’atamanii gidirfamanii foon isaanii kukkutanii dhiiga isaanii dhangalaasan hunda ni kabajna.

Phaawuloos akkas jedhe, “Kana caalaas dubbachuu na barbaachisaa ree? Waa’ee Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yiftaa, Daawit, Saamu’el akkasumas waa’ee raajotaa isinitti lallabuuf immoo yeroon ana hin ga’u, isaan keessaa kaan amantiidhaan mootummoota mo’an, kaan waan qajeelaa hojii irra oolchan, abdii argatan, kaanis afaan leencotaa cufaniiru. Kaanis ibidda boba’u dhaamsan, qara billaa jalaa ba’an, dadhabbii keessaa jabina argatan, lolatti jaboo ta’anii, loltuu warra ormaas baqachiisaniiru.

Dubartoonni namoota isaanii warra duraa du’an, du’aa kaafamnaaniif deebisanii fudhataniiru. Warri kaanis jireenya isa wayyuuf du’aa akka ka’aniif, gad dhiifamuu didanii harka warra isaan dhiphisaniitti dhiphatanii du’an. Warri kaan ga’oof ta’an, ni reebaman, funyoo sibiilaatiin iyyuu hidhamanii, mana hidhaatti galfaman. Dhagaadhaan rukutaman, iddoo lamatti baqaqfaman, billaadhaan ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re’ootaa uffatanii asii fi achi deddeebifaman, waan isaan barbaachisu dhaban, rakkifamanii miidhaman. 😭 Biyyi lafaa warra akkasiif kan hin malle ture; amma garuu isaan biyya lafaa kanaaf kan hin malletti lakkaa’amanii, lafa duwwaa fi tulloota irra jooran, holqaa fi boolla lafaa keessa jiraatan.” 😭 (Ibr.11:32-38).

Kunoo egaa Phaawuloos akka imimmaan nama buusisu kanatti waa’ee qulqulloota hin lallabneeree? Inumaayyuu waa’ee fannoo kiristoosiin immoo ofii isaatii immimmaan isaa buusaa hin lallabneeree? Maalif utuu arginuu jaamna? Maaliif yaada nama dhuunfaa galmaan ga’uuf jennee dhugaa dhoksina?

Nuti garuu Kiristoosiin lallabna. Nuti garuu mallattoo fayyinaa dhala namaaf kennamte durbee Maariyaam lallabna (Isa.7:14). Nuti garuu fannoo kiristoos nuuf jedhee dhiiga isaa irratti dhangalaasee foon isaa irratti kukkute sana lallabna. Nuti garuu kiristoosiif jedhee gadi garagalee kan fannifamee waa’ee Pheexiroosiif qulqulloota hundaa lallabna. Kiristoostu isaan filate waan ta’eef waa’ee isaanii lallabuun kiristoosiin lallabuudha. “Namni isin simate anaan na simate” jedhe mitiiree gooftaan? (Maat.10:40). Isaan simachuu keenyaaf lallabna!

Shakkitoonni garuu kiristoosiin lallabna jedhanii kan isaan afaan qofaan dubbataniif Kiristoosiin jaallatanii osoo hin taane jibba qulqulloota irraa, durbee Maariyaamii irraa, fannoo Kiristoos irraa, ergamoota irraa qaban irraan kan ka’edha malee kiristoosiin jaallatanii lallabuu barbaadanii miti. Kiristoosiin utuu hin dhaga’in utuu abboommii isaa hin eegin “Kiristoosiinan lallaba” jechuun of gowwoomsuudha. “Jarri tokko inaaffaa irraa, anaan morkachuu irraas kan ka’e Kiristoosiin lallabu.” (Fill.1:14-17).

Mee amma immoo waan tokkon dubbadha. Dubartiin isheen sagaagalummaadhaan jiraachaa turte sun kiristoosiin urgooftuu (ሽቶ) dibdee jennaan bakka wangeelli lallabame hundatti yaadannoon ishee akka taasifamuu fi maqaan ishee kaafamuu akka qabu Kiristoos ofuma isaatiin dubbatee waadaa isheef gale. Kanaaf maqaan dubartii sanaa bakka wangeelli lallabame hundatti hamma har’aatti inuma kaafama.

Mee qalbeeffadhaakaa! Dubartiin sagaagalummaan jiraachaa turte sun yaadannoon ishee taasifamee waa’een ishee erga dubbatamee qulqulleettii kan taate kennaan kan guutamte haaati gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos waa’een ishee maalif hin dubbatamneree? Kiristoosiif jettee shittoo kan dhangalaaste waa’een dubartii kanaa erga dubbatamee kiristoosiif jedhanii dhiiga isaanii kan dhangalaasan waa’een qulqullootaa yoo dubbatame rakkoo maalii qabaree? Kiristoos “Ana qofa” hin jenne! “Saamu’eeliin, ‘siin osoo hin taane anaan na tuffatan’” jedheera (1Saam.8:7).

Egaa qulqulloota tuffachuun waaqayyoon tuffachuudha jechuudha; nu haa baraaru! Qulqulloota balaaleffannee akkamitti mootummaa waaqayyoo dhaalla? Abrahaamiin jibbinee akkamitti Abrahaamiin hammatamu dandeenya? (Luq.16:19-31).  Abrahaam, Yisihaaq, Yaa’iqoobiin waa’ee isaanii hin kaasnu erga jedhanii akkamitti isaan waliin mootummaa waaqayyoo keessa taa’u? Tasa kana garaatti hin yaadinaa!

Wangeelli, “Waa’ee Tsiyooniin hin callisu” jedha. Tsiyoon kan jedhamte durbee Maariyaamidha. Shakkitoonni garuu “lakki Tsiyoon magaalaadha” nuun jedhu. Tole utuma akka isaan jedhan kana ta’u jenneeyyu yoo Tsiyoon magaalaa taatee waa’een magaalaa cubbamtoonni keessa jiraatanii kan dubbatamu erga ta’ee magaalaa qulqulleettii taatee gadameessa ishee keessatti ji’a sagal uumaa samii fi lafa kanaa kan ta’e Iyyesuus kiristoosiif magaalaa qulqulleettii taate baatteeisa kan deesse waa’een durbee Maariyaam maaliif callifamaree? Akka nuti waa’ee ishee hin dubbanne eenyutu nu dhorka? Egaa nuti kana hunda lallabna!

Xumura irratti akkas jechuun Fannoo kiristoosiin lallabna! Fannoon kan gooftaan keenya nu fayyisuuf jedhee foon isaa qulqulluu irratti kukkutee dhiiga isaa qulqulluu irratti dhangalaasedha. Fannoon Fayyinni keenya kan irratti mirkanaa’edha.

Kiristoos Fannoo irratti, “Xumurameera” jechuun dubbateera (Yoh.19:30). Egaa fannoo irratti kan xumurame fayyina keenyadha. Kiristoos deemsa ittiin nu fayyisu kan inni jalqabe gadameessa durbee Maariyaamii keessattidha (Luq.1:31); kan inni xumure immoo fannoo irrattidha (Yoh.19:30).

Fannoon, abaarsi foonii fi lubbuu kan ittiin haqamedha. Sababa cubbuu Addaamiin dhalli namaa hundi abaaramee ture (Room.5:10). Fannoo irratti fannifamee kan du’us abaaramaadha (Kees.21:23). Kanaaf egaa Kiristoos nu fayyisuuf jechaa abaaramaa ta’uun fannoo irratti fannifamee abaarsa keenya nuuf haqe (Gal.3:13; 1Pheex.2:24).

Fannoon Diyaabiloos kan ittiin mo’amedha. Kiristoos lola fannoo isaatiin ajjeese (Fil.2:16). Lolaa kan jedhame sun diyaabiloosidha. Waaqnii fi namni akka wal lolaniif sababa kan ta’e diyaabiloosidha. Egaa diinni keenya kun fannoo kiristoosiin du’e!

Fannoon nagaan kan ittiin nuuf bu’edha! Namnii fi waaqni kan ittiin wal araaraman aarsaa fannoo irratti dhiyaateenidha. Aarsaa kanaan nagaan bu’e, “Waaqayyo wanta hundumaa karaa isaa ofitti araarse; dhiiga Kiristoos isa fannoo irratti dhangala’eenis lafa irratti, waaqa irratti nagaa buuseera.” (Qol.1:20; Room.5:10; 2Qorn.5:18).

Fannoon kan ittiin jaalalli mul’atedha! Waaqayyo jaalala nuuf qabu fannoo irratti fannifamuun nuuf ibseera (Yoh.3:1; 1Yoh.4:9-11).

Fannoodhaan boonna (Gal.6:14). Fannoodhaan diina keenya injifanna! Mallattoo ittiin diina injifattan isiniifan kenna nuun jedheera waaqayyo (Faar.59(69):4). Kanaaf fannoodhaan of mallatteessinee diina keenya injifanna.

Waa’ee fannoo dubbachuun waa’ee kiristoosiin dubbachuudha. Fannoo irratti kan nu fayyisuuf fannifame kiristoosidha waan ta’eef. Waa’ee Maariyaamii dubbachuun waa’ee Kiristoos dubbachuudha. Kan ishee irraa dhalate Kiristoosidha waan ta’eef. Waa’ee qulqullootaa dubbachuun waa’ee kiristoosiin dubbachuudha. Kan isaan qulqulleessee fi kan isaan filate kiristoosidha waan ta’eef. Yeroo dhufaatii isaallee isaan waliin dhufa!

✍️ Dn Taaarikuu Gammadaa

Channel: Join! https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira

Group: Join! https://t.me/DeebiiGaaffiiShakkitootaa

Yaadaa fi gaaffiidhaaf: https://t.me/YaadgaaffiiBot

Report Page