“Nagaa Ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin, . . . ”

“Nagaa Ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin, . . . ”

Misganu Mulatu

Manni kiristiyaanaa keenya Ortodoksii Tewaahidoo kadhannaa isa “Yaa abbaa keenyaa ...” jedhutti dabaluudhaan kan isheen kadhattu “Nagaa ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin ...” isa jedhuudha.

Shakkitoonni “kadhannaa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos barsiise (Maat.6:5-15, Luq.11:2-4) kadhata isa ‘Yaa abbaa keenya’ kan jedhu gara gaditti hin argamu waan ta’eef isin ‘Yaa abbaa keenya’ kadhata jedhutti inni dabaltanii kadhattan kun eessumaa dhufe, eessaa fiddan?” jedhanii nu gaafatu. Waan si dhibu Kitaabuma qulqulluu abbaa 66 keessaa kan maddedha sumatu hin agarreef malee.

Namoonni (shakkitoonni) tokko tokko iccitiin kitaaba qulqulluu kan isaaniif hin gallee akka waan kitaaba qulqulluurra hin jirreetti yemmuu isaan dubbatan mul’ata. Isaanumatu bakkasaa yemmuu argan callisanii waan bira darbaniif waan achirraa hin jirre isaanitti fakkaata. Garuu kadhannaa kana yeroo jalqabaaf qindeessuudhaan kan dubbatan: -

√ Ergamaa waaqayyoo, qulqulluu ergamaa Gabri’eel,

√ Harmee qulqulluu Yohaannis cuuphaa qulqulleettii Eelsaabeex,

√ Raajoota keessaa raajicha Isaayaasii fi Hisqeelidha.

Isaan kun waa’ee kabaja haadha waaqayyoo kan isaan dubbatan qulqulloonni raajonni kunii fi Luqaasis wangeela isaanii keessatti barreessanii jiru. Nuti lafaa hin fuuneem, achumarraa argannee akka kanatti itti fayyadamne bar. Mee isa nuti kadhannaa isa “Yaa abbaa keenyaa ...” jedhutti aansinee jennee kadhannuu fi isa isaan jedhanii barreessan haa ilaallu.

1. “Nagaa ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin, yaa giiftii keenya durboo Maariyaam nagaa siin jenna . . .”

Jecha kana akkuma kadhata isa “Yaa abbaa keenyaa ...” jedhu xumurree “Ameen!” erga jennee booda jalqaba irratti jecha (“Nagaa ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin, yaa giiftii keenya durboo Maariyaam nagaa siin jenna”) jedhu kanaan kadhannaa kana immoo jalqabna.

 Egaan “Ergamaa Gabri’eel qulqulluu” yemmuu jennu ergamaa Gabri’eeliif ulfina kennuu keenyadha. Innis ergamaa waaqayyo qulqulluu, amanamaa, ergamaa nageenyaa, abbaa misiraachoo fi kkf ta’uusaa ibsuudhaafi. Sababni isaa immoo misiraachoo akka garbummaa seexanaa jalaa kan ittiin baanu dhalachuu gooftaa keenya kan durbee Maariyaamiitti himee, waa’ee nageenya argachuu keenya waan nutti lallabeefidha.

 “Yaa giiftii keenya durboo Maariyaam” jechuun keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamii haati gooftaa keenyaa karaa qulqullicha Yohaannis abbaa wangeelaa harka gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos ilma isheetiin akka haadha bara baraatti dabarfamtee nuuf kennamteetti (Yoh.19:26-27).

Akkuma Taabonni Waaqayyoo Museetiin saboota Waaqayyoo warra amananiif kennamte (Bau.31:18), giiftiin keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamiinis karaa jaalallee Waaqayyo qulqulluu Yohaannis abbaa wangeelaan warra amananiif kennamteetti (Yoh.19:27).

Giiftiin keenya durboo Maariyaamiin nu hunda keenyaaf giiftii akka isheen taate kan ittiin ragaa baanu jechuudha. Namni gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gooftaa gooftotaa, mootii moototaa ta’uusaa amanuu hunduu haatisaa immoo moottitti, giiftii (Faar.44 (45):9) ta’uushee amanuun dirqama kiristiyaana amanee tokkotti.

 “Nagaa siin jenna” kan nuti jennuuf Gabri’eeliitu waaqayyo irraa ergamee Maariyaamiidhaan “nagaan siif haa ta’u” isheen jedhe. (Luq.1:28) “Waaqayyoo gooftaan sii wajjin jira; nagaan siif haa ta’u!” Ergamaan waaqayyoo Gabri’eel akkas kan isheedhaan jedhe nutis akkuma ergamaa kana “nagaa si gaafanna” jechuu keenyaan “nagaa ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin nagaa siin jenna” kan jennuufi.

Kanaafuu isa ergamaan waaqayyoo qulqullichi ergamaa Gabri’eel dubbate kana qulqullichi Luqaas afuura qulqulluun guutamee kitaaba isaa keessatti barreessinaan achirraa agarree, dubbifnee, qulqulleettii durbee Maariyaamiin akkas jenna.

2. “... Yaada keetiinis durboodha, foon keetiinis durboodha ...”

 “... Yaada keetiinis durboodha ...” yemmuu jennuu isa qulqulleettiin durbee Maariyaamiin jettee, ergamaa qulqulluu Gabri’eeliif deebii deebifte irraa kaanee kan akkas jennedha. “Anoo dhiira hin beeku, ammallee durba dha” (Luq.1:34) jette. Himni isheen “Anoo dhiira hin beeku” jette, yaada isheetiin durba ta’uushee mul’isa.

Ergamaan qulqulluu Gabri’eelis gara fuulduratti dhiira barta (beekta) ittiin jedhe osoo hin taane “Afuurri qulqulluu sirra buluudhaan mucichi kan sirraa dhalatu” itti jedhe. Gara fuulduraattis yaada dhiira beekuus akka hin barbaanne jechi ishee kun kan mul’isuudha.

Kanaafuu haati keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamiin yaadanillee isheen durbadhaaf akkas ittiin jennee waamne. Kitaaba qulqulluutu akkas jedhee barreeffamee jira waan ta’eefi.

 “… Foon keetiinis durboodha ...” kan jennef, Utuu gooftaa hin dee’in, erga deesseen boodas isheen durbadha. Qulqulleettiin durbee Maariyaamii, qulqulleettii kan taatee waaqa waan deesseef osoo hin taane, waaqayyoon kan deesse qulqulleettii waan taateefidha. “Ani Waaqayyo gooftaa keessan; qulqulluu waanan ta’eef, isinis of qulqulleessaa, qulqullootas ta’aa! ... Namummaa keessan hin xureessinaa!” (Leew.11:44, 1Pheex.1:16).

Egaan caqasa armaan olii kanarraa waaqayyo qulqulluun, “qulqulluu ta’aa!” kan nuun jedhe akka nuti qulqullummaan jiraanne mootummaa isaa akka dhaallufidha. Malee inni dhufee foonii, dhiigaa fi lubbuu keenya irraa fudhatee nurraa dhalachuudhaaf akkas nuun hin jenne. Garuu qulqulleettii durbee Maariyaamiin bultoo isaa godhatee, dhufee dhiigaashee, foonshee fi lubbuushee irraa kan fudhatee dhalate haati keenya qulqulleettiin durboo Maariyaamiin qulqulleettii akkamitii?

Gama hundumaan qulqullinni ishee qoramtee qulqulluu waan taateef waaqayyoo inni qulqulluun kun dhufee irraa dhalate. Kanaafuu, Qulqulleettiin durbee Maariyaamii, qulqulleettii kan taatee waaqa waan deesseef osoo hin taane, waaqayyoon kan deesse qulqulleettii waan taateefidha.

Qulqullummmaa durbummaashee kanas kan dubbatan raajotaa keessaa raajaa Isaayaasiidhaa fi Hisqeeliidha. Raajichi Isaayaas (Isa.7:14) “Durbi durbummaadhaan ulfooftee ilma ni deessi” jedhee waa’ee durbummaa isheetii dubbateera.

Raajichi Hisqeelis (Hisq.44:1-2) “Balbala dinqii kan ta’e, cufaa jabaadhaan kan cufame kallattii bahaa nan arge. Gooftaa jabaa malee garasheetti galee kan ba’e hin jiru” jedhee innis raajiin waa’ee durbummaa ishee dubbateera. Innis raajichi Hisqeel waa’ee durbummaa ishee fakkeenyaanidha kan dubbate.

Gooftaa malee tokkollee namni biraa irra akka hin dhalannes kan raajedha. Nutis sagalee barreeffame jiru kana agarree “Yaada keetiinis durboodha, foon keetiinis durboodha” ittiin jenna.

3. “... Yaa haadha waaqayyoo isa mo’aa, nagaan siif haa ta’u ...”  

“Yaa haadha waaqayyo isa mo’aa” Jecha kana kan dubbate qulqulluu ergamaa Gabri’eeliidha. Hubattee ilaalteette yoo ta’eefi, “Ilma ni deessa, maqaa isaas ‘Iyyesuus’ jettee ni moggaafta. Innis guddaa ilma waaqayyo jabaadha. Waaqayyo gooftaanis teessoo abbaasaa Daawwit ni kennaaf, innis gosa Yaa’iqoob irratti bara baraaf ni mo’a, mootummaan isaas dhuma hin qabu” (Luq.1:32-33).

Kanaafuu ergamaan kun isa waa’eesaa “mo’aadha” jedhee isheetti lallabaa jiru kana qulqulleettii durbee Maariyaamiitu waaqa isa mo’aa kanaaf haadha taata jedhee itti himnaan, isheenis isa deessee, maqaa kana itti moggaaftee, nuti immoo haadha waaqayyoo isa mo’aa isheedhaan jenneem, maal nuun kitaaba qulqulluutti amannaka yoon shakkinee beeknaree?

“... Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, ‘Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa’ jedhama. Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawwitii fi mootummaa isaa irratti mo’aadha ...” (Isa.9:6-7).

Mucaan nuuf dhalate kun, ilmi nuuf kenname kun waan hundumaa irratti mootii kan ta’e waaqayyoo fi mo’aa ... kan ta’e kun gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyesuus kiristoosidha. Mucaa nuuf kenname kana, waaqayyoo isa ta’ee fi mo’aa (mootii) isa ta’e kana immoo kan nuuf deesse haadha keenya qulqulleettii durbee Maariyaamidha.

Kanaafuu isheen haadha mucaa kana, waaqa kanaa fi haadha mootii (mo’aa) kana waan taa’eef, “haadha waaqayyoo isa mo’aa” ittiin jenne. Hin sobneeree kunoo raajicha Isaayaastu akkas jedhewoo? Kanaaf namni “Waaqayyo mootii miti” jedhuu fi mo’aa ta’uusaa hin amanne hin jiru. Haati isaa immoo kanaaf “haadha mo’aa” jedhamte, isa deesse waan ta’eefi.

 “Nagaan siif haa ta’u” Jecha kanallee gubbaatti ilaalleerra, isa ergamaan waaqayyoo qulqullichi ergamaa Gabri’eel akkas siin jedhe nutis isa faanaa buunee akkuma isaa nagaa si gaafanna jennee “nagaan siif haa ta’u” jenna jechuu keenyadha.

4. “... Ati dubartoota keessaas adda taatee kan eebbifamtedha ...” 

Jechi kun dursa kakuu moofaa keessattis raajii fi mootii kan ta’e solomoon ilma Daawwitiin dubbatameera. “Dubartoota baay’eetu wanta ba’eessa (gaarii) hojjeta, ati garuu hunduma isaanii caalta ...” (Fakk.31:29).

Sagalee raajii caqasa kanarratti barreeffamee jiru immoo kakuu haaraa keessatti akka duuka bu’oota harka ishee irra kaa’uun afuura qulqulluu irra bulchuun osoo hin taane, sagalee ishee qofaa dubbatteen afuura qulqulluu kan irra bulchite, isheenis afuura qulqulluun guutamtee haati qulqullichi Yohaannis cuuphaa Eelsaabeex adaadaan ishee “Ati dubartoota keessaa kan eebbifamtedha. Mucaan ati gadameessa keetti baattus kun eebbifamadha” (Luq.1:39-42) jettee raajiin kunis akka isheef dubbatamee nuuf mirkaneessitee jirti. Jecha kana kan dubbattes afuura qulqulluudhaan guutamteeti.

Qulqulleettiin Eelsaabeex kun tarii gaafa akkas qulqulleettii durbee Maariyaamiin jette kun Ortodoksiidha laata akkuma ijoollee Ortoo koo ammaa kana isheetiin jettee leellistiwoo (faarfattewoo)? Kan akkas isheetiin jedhus isa afuurri qulqulluu irra jirudha. Kan isheerra bulee ragaa bahees afuura qulqulluudha. Dhugumayyuu haadha keenya qulqulleettii durbee Maariyaamiin akkas jechuuf afuura qulqulluun guutamuu fi afuurri qulqulluu yoo irra jiraate malee kan akkas isheen jedhu hin jiru.

Fakkeenyaaf haadha qulqullicha Yohaannis cuuphaa Eelsaabeex fudhachuu dandeenya. Afuurri qulqulluun kan hin guutamnee fi irra kan hin jirre ishee arrabsa malee akkas isheen jedhee galateeffachuu hin danda’u. Sababni isaas afuura qulqulluun hin guutamne waan ta’eefi.

Qulqulleettii Eelsaabeet afuura qulqulluutu ishee guunnaan qulqulleettii durbee Maariyaamiidhaan sagaleeshee ol fudhattee akkas ittiin jette. Nutis sagalee keenya ol kaafnee haadha gooftaa keenyaan “Ati dubartoota keessaa kan eebbifamtedha” ittiin jenna. Isa afuurri qulqulluu guuterraa dhageenye waan ta’eef, maal rakkina qaba? Homaayyuu, afuura qulqulluun guutamuu keenya agarsiisa. Akkuma Eelsaabeex jechuudha.

Mee gaaffii tokko shakkitootaaf, Warri Maariyaamii arrabsitan afuura maaliitu isin guute? Inni afuurri qulqulluun guutewoo qulqulleettii durbee Maariyaamii akkasitti galateeffataa, Kan keessan har’a kun maalidha mee nutti himakaa, Maalinni? _________________.

“Mataa bineensichaa irra maqaa arrabsootu jira” (Mul.13:1). “Waan hamaa fi arrabsoo akka ittiin dubbatuuf afaannii kennameefi jira. Maqaa Waaqayyoo, bultoo isaa arrabsuuf afaan saaqqate.” (Mul.13:5-6) jedha. Tariiti afuura bineensa kana hin ta’iin hin hafne, kan isin keessa bulee akka isin ishee arrabsitan isin godhuuf.

5. “... Firiin garaa (gadameessa) keetiis kan eebbifamedha ...” 

Firii garaa (gadameessa) qulqulleettii durboo Maariyaamii kan ta’e gooftaa keenya fayyisaa Iyyesuus kiristoosidha. Kanaafuu firiin gadameessa qulqulleettii durboo Maariyaamii eebbifamadha, isa eebbifamaa fi qulqulluu ta’e waaqa itti baatte waan ta’eef. “Mucaan ati gadameessa keetti baattus kun eebbifamadha” (Luq.1:42).

Dubartiin dubbii gooftaa keenyaatti gammade tokko uummata keessaa ol kaatee “Gadameessi si baatee fi harmi ati hootee guddatte attam kan eebbifamedha” (Luq.11:27) jette.

Caqasa kana gaditti kan argamu shakkitoonni gaafa argan gooftaan gara gadii isaatti inni garuu deebiseefii, “Keessumatti immoo dubbii Waaqayyoo dhaga’anii kan raawwatan haa gammadan, isaan eebbifamoodha!” (Luq.11:28) jedhe. As irratti hubatamu kan qabu akka addaa saba Israa’elitti “eebbifamaa, arjaa, ...” namaan jennaan namni akkas ittiin jedhame sunis deebisee, akkasuma nama akkas ittiin jedhe sanaan jedha ture.

Akkuma amma biyya keenyatti yeroo ayyaanaa “baga geesse” yemmuu jennu inni ittiin jedhame “atillee baga geese” nuun jedhu, yeroo bakka biraa turre wal arginee walitti dhufnu immoo “baga nagaan dhufte” yemmuu namni biraan nuun jedhu “baga nagaan nu eegdan ..” akkuma waliin jennee yemmuu namni nu gaafatu nutis akkas jennee waliif deebisaa jirru kanadha jechuudha dubbiin kun.

Kanaafuu dubartii kun kabaja ofii isheef jettee akka gooftaan ishee galateeffatuuf yaaddee jecha kana itti dubbatte. Gooftaan keenyas akka isheen yaadde osoo hin taanee deebii biraa ittiin jedhe. Garuu gadameessi haadha isaa fi inni waaqa eebbifamaa akka ta’ee kan ibsu immoo caqasuma kana keessaa jecha “... keessumattu ...” jedhu kanaan gooftaan keenya mirkaneesseera. Kunis “Eeyyee eebbifamadha, itti dabalees warri sagalee (dubbii) koo dhaga’ee raawwatu eebbifamadha” jechadha malee akka ati hiiktu sana mitiin bar.

Nutis egaa kanaaf, achirra arginee dubbifne “Firiin gadameessa (garaa) keetii kan eebbifamedha” jennee ishee jajanna wangeelarraa agarre waan ta’eefi.

6. “... Kennaadhaan kan guutamte yaa giiftii gammaddu gammadi! Waaqayyo sii wajjin jiraati ...” 

Jecha kana kan dubbate waaqarraa gara qulqulleettii durbee Maariyaamitti kan ergame qulqulluu ergamaa Gabri’eelidha. “Kennaadhaan kan guutamte gammadi, waaqayyoo gooftaan sii wajjin jira” (Luq.1:30).

“Waaqayyo sii wajjin jira” kan jedhu immoo iccitii Sillaasee ifatti kan ibsudha. Innis waaqayyo qulqulleettii durbee Maariyaamii akkamitti wajjin ta’e yoo jenne, “... Afuurri qulqulluun si irra bula, humni waaqayyo abbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo ‘Iyyesuu’ jedhamee waamama” (Luq.1:35).

Egaan Waaqayyo abbaan irra golboobuun, afuurri qulqulluu irra buluun, Ilmi immoo foon isheerraa foon, dhiiga isheerraa dhiiga, lubbuu isheerraas lubbuu fudhachuun irraa dhalatee, akka kanatti Sillaaseen qulqulleettii durbee Maariyaamii irratti mul’ataniiru. Nutillee waaqni itti amannu sadiis tokkos akka jedhamu kanaan ragaa bahaa jirraa jechuudha. “Isinis dhuga baatuu koodha.” (Luq.24:48).

Kan biraan jechi kun qulqulleettiin durbee Maariyaamiin akka isheen araarsitu kan ibsudha. “Kennaan afuuraa gosa “garaa garaatu jira, afuurichi garuu tokkichuma. Afuurri tokkichi kun hojii hundumaa hojjeta. Inni akka fedha isaatti tokkon tokkon namaaf kennaa adda addaa hiraaf (kennaaf)” (1Qorn.12:4-11) jedha.

Ergamaan Waaqayyo immoo haadha keenya qulqulleetti durbee Maariyaamiin waaqa biraa ergamee “Kennaan kan guutamte” isheetiin jedhee isheetti dubbateera. Kanaafuu haati keenya qulqulleettiin durbee Maariyaam afuurri qulqulluu kennaa garaa garaa kan kennu kanaan isheen immoo kennaa gosa garaa garaa kanaan guutuudha. Kennaa garaa garaa kan jedhame kana keessas kan isheef hin kennamne tokkollee hin jiru. Ragaan keenya isa ergamaan waaqayyoo qulqulluu Gabri’eel dubbatee qulqullichi Luqaas “Kennaan kan guutamte” jedhee barreessedha. Kennaa garaa garaa jiran keessaa tokko immoo kennaa araarsummaati.

Caqasa armaan olii (1Qorn.12:4-11) irratti kennaawwan eeramanii (maqaa dha’amanii waamanii) jiran keessaa araarsummaan hin jiru jechuu dandeessa ta’a. Isa kanammoo qulqullichumti Phaawuloos ni irraanfata seetaaree? Ergaa isaa gara warra Qoronxoos lammaffaa keessatti kennaawwan jiran keessa araarsuun kennaa isa tokko ta’ee akka jiru barreesseera. “Waaqayyo cubbuu namootatti lakkaa’uu dhiisee, karaa Kiristoos biyya lafaa ofitti araarse; Araarsuu isaa kana immoo kennaa godhee imaanaa nutti kenneera.” (2Qorn.5:19-20).

Kanaafuu maarree haati keenya kennaan waan guutuu taateef nu araarasti jechuudha. Kennaa araarsummaa qabdikaa kanaaf nu araarsiti. Haati keenya kennaa hundaan kan guutamte, waaqayyoo fuulduratti surraa fi dhaga’amummaa kan argatte, mirga ilma ishee dhaabbattee (Faar.44 (45):9) nu araarsiti.

Kan dhaabbatuus waa’ee ofii isheef osoo hin taanee nuuf ijoolleeshee warra taaneefidha. Kanaaf nutis egaa akkuma ergamaan Gabri’eel ishee galateeffate ishee galateeffachuu qabna jenneeti. Ergamaa Gabri’eelirraa dhageenyee, isa qulqullichi Luqaas barreesse achirra dubbifne hojiirra oolcha jirraam nuti hin shakkine fudhanneerra. Kan shakkitee shakkituudha malee.

7. “Jaallatamaa ilma kee gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos biraa araaraaf dhiifama nuuf kadhadhuu, cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf ameen.” 

Gargaarsi haadhaa fi kadhannaan haadhaa waan guddaa hojjeta. Akka harmee Yaa’iqoob ilma Yisihaaq ilmashee Yaa’iqoobiin eebbisiifte (Uma.28). Nutis haati keenya ilmashee kadhattee dhiifamaa fi araaraa nuuf kenniisiifti. Kadhannaan ishee bishaan daadhii waayiniitti jijjiireera waan ta’eefi (Yoh.2:1-10). Ilmishee gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos immoo cubbuu keenya nuuf dhiisa (Luq.1:50, Maat.11:28-29).

Walumaa galatti Kitaaba qulqulluu keessatti akka armaan olii kanatti barreeffameera. Waan nama gargaaruu fi nu jajjabeessu kitaaba qulqulluu keessaa fudhatanii itti fayyadamuun hamaa hin qabu, cubbuus hin qabu gaarii dha malee. Nutis har’a kanaaf leeyyoo tokko malee fudhannee itti fayyadamna.

“... Ani garuu eenyutti akkan amane waanan beekuuf hin leeyya’u.” (2Xim.1:12).

“Ani wangeelatti hin leeyya’u ...” (Room.1:16).

Qulqulleettiin durbee Maariyaam haadha Waaqayyoo isa jiraataa waan taateef, waaqa irraa kan ergame qulqulluu ergamaa Gabri’eeliin akka galateeffatamte afuurri waaqayyoos irra kan bule Eelsaabeetiin akka galateeffatamte, raajonni kan isheef raajan afuurri waaqayyoos kan dhugoomseef dhaloonni fayyina barbaadan ishee ni galateeffatu, ni kabaju, ni jaallatus, kan ishee kabaje waaqayyo jiraatadha waan ta’eef. (Luq.1:48-50, Rom.8:30-33).

“Dhalootaa hamma dhaloota hundumaatti, maqaan kee galataan akka yaadatamu nan godha; kanaafis namoonni lafa irraa yeroo hundumaa bara baraan si jajatu” (Faar.44 (45):17).

“... Ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana qabeettii anaan jedhanii na galateeffatu” (Luq.1:48). Warri ishee jibbanii ari’ataniis ilmaan jawwichaati (Mul.12:12-18).

Fakkii yeroo Ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliin Qulqulleettii durbee Maariyaamitti misiraachoo itti himu kan ibsudha.

Dn Misganu Mulatu

Join: https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira

Report Page