Kiristoos akkamitti haafuri gara Gammoojjiitti isa basee β
β§Gutema Gelana "Amantaa koo Orthodoksi"πͺ Kutaa-4-ffaaπͺ
Gaafi fi Deebi Muslimoota
β Maarqoos 1:12
Yeruma yookin(Battaluma) sanattis #hafuurri gara #Gammoojjiitti isa baase.
------------------
ππππ€π€ π ππ£ππ©π πππππ ππ¨πππ£π.
βΒ #βπππ’π’πππ ππ’πππ’πππ’π πππππ π€ππππ πππ‘π’ , #πππππ π‘πππ πππππ π€ππππ πππ‘π’ ππππππ’π’ π€πππππ πππππππ‘π‘π π€ππππ ππ’πβπ πππππππππ‘π‘π πππ π’π’ πππππ'πΒ πππβπ’β
β¬β¬β¬β¬β¬β¬
πΊ Deebii keenya
Haafuurri Qulqulluun Kiristoos gara gammoojjiitti kani basee Kiristoos wanta humna dhabeef mitii β
Yookiin immoo haafuurri Qulqulluun Aangoo Kiristoos olii wani qabuuf miti β
βjalqabaa dura Kiristoos #Uumaa akka taβe fi #samii irraa akka dhufee ibsuu qabna.
ββ§Yohaannis 1:9-10
#Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun #gara addunyaa dhufaa ture. Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan #uumame; addunyaan garuu isa hin beekne.
ββ§Yohaannis 6:38
Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf #samii irraa #gad hin buuneetii.
------------------------------
β Hafuurri Qulqulluun Uumaa fi samii irraa akka dhufu ibsu qabna.
ββ§Kitaaba iyyob 33:4
#Hafuura Waaqaatu na #uume;
hafuurri Waaqni Waan Hunda DandaΚΌu baafatus #jireenya naa kenna.
ββ§Yohaannis 1:32
Yohannis itti fufee akkana jedhee dhugaa baΚΌe; βAni utuu #Hafuurri akkuma gugeetti #samii irraa #gad buΚΌee isa irra jiraatuu nan arge.
β¬β¬β¬β¬β¬
βοΈKiristoosΒ Waaqa, akkasumas samii irraa gadi bu'ee π―
πhaafuri Qulqulluun Waaqa samii irraa gadi bu'ee π―
β¨οΈππππ π’ππ ππππ πππππ ππππππ πππππππππ π ππππ πππππ ππππππ.
πππππ‘ππ ππππ ππππππ
Kiristoos akkuma cuuphame bishaanii keessa baheen yeruma sana hafuurri Qulqulluun gammoojjiitti basee jedha Maarqoos.
A].β§ Tokkoffaa Β« Yihuudonni Kiristoos wajjin hafuurri Qulqulluun hin jiruu ,Inni hafuuraa xurrawaa qaba jedhani Amanuu , soba yihudoota kana saaxiluufi hafuuraa wajjin bahee
1β§Yohaannis 7:20
Jarris deebisanii, #Hafuura_hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?β jedhaniin.
2β§Yohaannis 8:48-49
#Yihuudoonnis deebisanii, βAti nama Samaariyaa ti; #hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?β jedhaniin.
Iyyaasus immoo akkana jedhe; βHafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.β
πͺ·dabalataa kana dubisaπͺ·
Yoh 8:52,Β Β Yoh 10:20
B].β§Lammaffaa Β« Dubbii Raaji dubbatame akka raawwatuuf
Tajaajila koo ykn garbicha koo Hafuuraa koo irraa jira jedha.
1β§Isayaas 61:1
Sababii Waaqayyo akka ani
hiyyeeyyiitti misiraachoo gaarii lallabuuf na dibeef,
#Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira.Inni akka ani garaa cabe #fayyisuuf, akka ani boojiΚΌamtootaaf #bilisummaa,
warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
2β§Luqaas 4:18
βHafuurri Gooftaa narra jira;
akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf,inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman,
akka warri jaaman argan,akka warri cunqurfamanis bilisa baΚΌan lallabuuf na ergeera
3β§Isayaas 42:1-4
Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu,
filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaΚΌa;
inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
Inni hin wacu yookaan hin iyyu;
yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.
Shambaqqoo buruqe hin cabsu;
foΚΌaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.
Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;
hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti,
inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu.
Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.
4β§Maatewos 12:17-21
Kunis akka wanni Isaayyaas raajichi dubbate sun raawwatamuuf taΚΌe; innis akkana jedha:
βTajaajilaan koo inni ani filadhe,
inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana;
ani Hafuura koo isa irra nan kaaΚΌa;
innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa.
Inni hin wacu yookaan hin iyyu;
namni tokko illee sagalee isaa karaa irratti hin dhagaΚΌu.β
Inni hamma akka murtiin qajeelaan moΚΌu godhutti,
shambaqqoo buruqe hin cabsu;
foΚΌaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu
5β§Isayaas 11:1-6
Lataan tokko jirma Isseey irraa ni lata;
hidda isaa irraas dameen tokko ija naqata.
Hafuurri Waaqayyoo,
Hafuurri ogummaatii fi hubannaa,
Hafuurri gorsaatii fi humnaa,
Hafuurri beekumsaatii fi kan Waaqayyoon sodaachuu isa irra qubata;
inni Waaqayyoon sodaachuutti ni gammada.
Inni waanuma iji isaa arguun murtii hin kennu;
yookaan waanuma gurra isaatiin dhagaΚΌuun hin murteessu;
garuu nama rakkataaf qajeelummaadhaan murteessa;
hiyyeeyyii lafa irraatiifis murtii qajeelaadhaan murtii kenna.
Inni ulee afaan isaatiin lafa rukuta;
hafuura afaan isaatii baΚΌuun hamoota ni fixa.
Qajeelummaan teepha mudhii isaa ti;
amanamummaan immoo sabbata mudhii isaa ti.
6β§Mulβata 12:5
Β Ishiin mucaa dhiiraa, eeyyee, #ilma_saboota hunda #ulee sibiilaatiin tiksuuf jedhu tokko deesse. Mucaan ishiis gara Waaqayyoo fi gara #teessoon isaatti ol butame.
7β§Mulβata Yohaannis 19:15-16
Goraadee qaramaanii fi dheeraan saboota ittiin rukutu afaan isaa keessaa ni baΚΌa; inni #ulee sibiilaatiin isaan ni tiksa. Kana malees, iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Hundumaa DandaΚΌuu ni dhidhiita.Β Β Uffata isaa irratti, eeyyee, gudeeda isaa irratti maqaan, βMootii moototaa fi Gooftaa gooftotaaβ jedhu barreeffameera.
C].β§Sadaffaa Kiristoos fakkeenya nuuf ta'uf hafuuraan gara gammoojjiitti baahe.
β΅βEfesoon 5:1
Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti #fakkeenya #Waaqaa duukaa buΚΌaa;
βΆβYohaannis 13:15
Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera.
β·β1Tasaloonqee 1:6
Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.
βΈβMulβata Yohaannis 17:3
Ergamaan Waaqaa sunis #Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee #gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture.
ππͺπ’πͺπ§π ππ§π§πππ©π.
Haaluma walifakkaata akkuma Kiristoos fedhii isaanii hafuuraa Qulqulluun gara gammoojjiitti bahee sana, Kiristoos illee Hafuuraa Qulqulluu ni erga.kunis fedha hafuuraa Qulqulluuttin.
ββYohaannis 20:21-22
Iyyaasuus amma illee, βNagaan isiniif haa taΚΌu! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan ergaβ jedheen. Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; βHafuura Qulqulluu fudhadhaa.β
ββYohaannis 15:26
Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baΚΌu sun yommuu dhufutti waaΚΌee koo dhugaa baΚΌa.
ββHoji duka.buota 2:33
Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.
ββ2 Qorontos 3:17
Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
Turti gaarii isiniif Haataβu