Kiristoos akkamitti haafuri gara Gammoojjiitti isa basee ❓

Kiristoos akkamitti haafuri gara Gammoojjiitti isa basee ❓

➧Gutema Gelana "Amantaa koo Orthodoksi"

πŸͺ­ Kutaa-4-ffaaπŸͺ­

Gaafi fi Deebi Muslimoota

⚜ Maarqoos 1:12

Yeruma yookin(Battaluma) sanattis #hafuurri gara #Gammoojjiitti isa baase.

------------------

π™žπ™™π™™π™€π™€ π™ π™–π™£π™–π™©π™ž π™œπ™–π™–π™›π™ž π™žπ™¨π™–π™–π™£π™ž.

➊ #β„Žπ‘Žπ‘“π‘’π‘’π‘Ÿπ‘Ÿπ‘– π‘žπ‘’π‘™π‘žπ‘’π‘™π‘™π‘’π‘› π‘–π‘Ÿπ‘Ÿπ‘’π‘’ π‘€π‘Žπ‘Žπ‘žπ‘Ž 𝑗𝑒𝑑𝑒 , #π‘˜π‘–π‘Ÿπ‘–π‘ π‘‘π‘œπ‘œπ‘  𝑖𝑙𝑙𝑒𝑒 π‘€π‘Žπ‘Žπ‘žπ‘Ž 𝑗𝑒𝑑𝑒 π‘˜π‘Žπ‘›π‘Žπ‘“π‘’π‘’ π‘€π‘Žπ‘Žπ‘žπ‘›π‘– π‘Žπ‘˜π‘˜π‘Žπ‘šπ‘–π‘‘π‘‘π‘– π‘€π‘Žπ‘Žπ‘žπ‘Ž π‘“π‘’π‘‘β„Žπ‘’ π‘”π‘Žπ‘šπ‘šπ‘œπ‘—π‘—π‘–π‘‘π‘‘π‘– π‘π‘Žπ‘ π‘’π‘’ π‘‘π‘Žπ‘›π‘‘π‘Ž'π‘ŽΒ π‘—π‘’π‘‘β„Žπ‘’β“

β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬

πŸ”Ί Deebii keenya

Haafuurri Qulqulluun Kiristoos gara gammoojjiitti kani basee Kiristoos wanta humna dhabeef mitii ❌

Yookiin immoo haafuurri Qulqulluun Aangoo Kiristoos olii wani qabuuf miti ❌

✍jalqabaa dura Kiristoos #Uumaa akka ta’e fi #samii irraa akka dhufee ibsuu qabna.


➊➧Yohaannis 1:9-10

#Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun #gara addunyaa dhufaa ture. Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan #uumame; addunyaan garuu isa hin beekne.

βž‹βž§Yohaannis 6:38

Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf #samii irraa #gad hin buuneetii.

------------------------------

✍ Hafuurri Qulqulluun Uumaa fi samii irraa akka dhufu ibsu qabna.

➊➧Kitaaba iyyob 33:4

#Hafuura Waaqaatu na #uume;

hafuurri Waaqni Waan Hunda DandaΚΌu baafatus #jireenya naa kenna.

βž‹βž§Yohaannis 1:32

Yohannis itti fufee akkana jedhee dhugaa baΚΌe; β€œAni utuu #Hafuurri akkuma gugeetti #samii irraa #gad buΚΌee isa irra jiraatuu nan arge.

β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬

☝️KiristoosΒ Waaqa, akkasumas samii irraa gadi bu'ee πŸ’―

πŸ–•haafuri Qulqulluun Waaqa samii irraa gadi bu'ee πŸ’―


β™¨οΈπš”πšŠπš—πšŠ 𝚒𝚘𝚘 πš“πšŽπš—πšž πš’πš–πš–πš˜πš˜ πšŠπšŠπš—πšπš˜πš˜ πšπš˜πš”πš”πšžπš–πš–πšŠπš— πš πšŠπš—πšπšŠ πš‘πšžπš—πšπš’ πšžπšžπš–πšŠπš–πšŽ.


πŸ“•πššπšŠπš‹πš‘πš’πš’ πš‹πš’πš›πšŠ πš’πš–πš–πš˜πš˜πŸ“•

Kiristoos akkuma cuuphame bishaanii keessa baheen yeruma sana hafuurri Qulqulluun gammoojjiitti basee jedha Maarqoos.

A].➧ Tokkoffaa « Yihuudonni Kiristoos wajjin hafuurri Qulqulluun hin jiruu ,Inni hafuuraa xurrawaa qaba jedhani Amanuu , soba yihudoota kana saaxiluufi hafuuraa wajjin bahee

1➧Yohaannis 7:20

Jarris deebisanii, #Hafuura_hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin.


2➧Yohaannis 8:48-49

#Yihuudoonnis deebisanii, β€œAti nama Samaariyaa ti; #hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.

Iyyaasus immoo akkana jedhe; β€œHafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.”

πŸͺ·dabalataa kana dubisaπŸͺ·

Yoh 8:52,Β Β Yoh 10:20


B].➧Lammaffaa « Dubbii Raaji dubbatame akka raawwatuuf

Tajaajila koo ykn garbicha koo Hafuuraa koo irraa jira jedha.

1➧Isayaas 61:1

Sababii Waaqayyo akka ani

hiyyeeyyiitti misiraachoo gaarii lallabuuf na dibeef,

#Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira.Inni akka ani garaa cabe #fayyisuuf, akka ani boojiΚΌamtootaaf #bilisummaa,

warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;


2➧Luqaas 4:18

β€œHafuurri Gooftaa narra jira;

akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf,inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman,

akka warri jaaman argan,akka warri cunqurfamanis bilisa baΚΌan lallabuuf na ergeera


3➧Isayaas 42:1-4

Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu,

filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaΚΌa;

inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.

Inni hin wacu yookaan hin iyyu;

yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.

Shambaqqoo buruqe hin cabsu;

foΚΌaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.

Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;

hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti,

inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu.

Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.


4➧Maatewos 12:17-21

Kunis akka wanni Isaayyaas raajichi dubbate sun raawwatamuuf taΚΌe; innis akkana jedha:

β€œTajaajilaan koo inni ani filadhe,

inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana;

ani Hafuura koo isa irra nan kaaΚΌa;

innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa.

Inni hin wacu yookaan hin iyyu;

namni tokko illee sagalee isaa karaa irratti hin dhagaΚΌu.”

Inni hamma akka murtiin qajeelaan moΚΌu godhutti,

shambaqqoo buruqe hin cabsu;

foΚΌaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu


5➧Isayaas 11:1-6

Lataan tokko jirma Isseey irraa ni lata;

hidda isaa irraas dameen tokko ija naqata.

Hafuurri Waaqayyoo,

Hafuurri ogummaatii fi hubannaa,

Hafuurri gorsaatii fi humnaa,

Hafuurri beekumsaatii fi kan Waaqayyoon sodaachuu isa irra qubata;

inni Waaqayyoon sodaachuutti ni gammada.

Inni waanuma iji isaa arguun murtii hin kennu;

yookaan waanuma gurra isaatiin dhagaΚΌuun hin murteessu;

garuu nama rakkataaf qajeelummaadhaan murteessa;

hiyyeeyyii lafa irraatiifis murtii qajeelaadhaan murtii kenna.

Inni ulee afaan isaatiin lafa rukuta;

hafuura afaan isaatii baΚΌuun hamoota ni fixa.

Qajeelummaan teepha mudhii isaa ti;

amanamummaan immoo sabbata mudhii isaa ti.


6➧Mul’ata 12:5

Β Ishiin mucaa dhiiraa, eeyyee, #ilma_saboota hunda #ulee sibiilaatiin tiksuuf jedhu tokko deesse. Mucaan ishiis gara Waaqayyoo fi gara #teessoon isaatti ol butame.


7➧Mul’ata Yohaannis 19:15-16

Goraadee qaramaanii fi dheeraan saboota ittiin rukutu afaan isaa keessaa ni baΚΌa; inni #ulee sibiilaatiin isaan ni tiksa. Kana malees, iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Hundumaa DandaΚΌuu ni dhidhiita.Β Β Uffata isaa irratti, eeyyee, gudeeda isaa irratti maqaan, β€œMootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa” jedhu barreeffameera.


C].➧Sadaffaa Kiristoos fakkeenya nuuf ta'uf hafuuraan gara gammoojjiitti baahe.


β“΅βž›Efesoon 5:1

Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti #fakkeenya #Waaqaa duukaa buΚΌaa;


β“Άβž›Yohaannis 13:15

Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera.

β“·βž›1Tasaloonqee 1:6

Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.

β“Έβž›Mul’ata Yohaannis 17:3

Ergamaan Waaqaa sunis #Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee #gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture.


𝙭π™ͺ𝙒π™ͺ𝙧𝙖 π™žπ™§π™§π™–π™–π™©π™ž.

Haaluma walifakkaata akkuma Kiristoos fedhii isaanii hafuuraa Qulqulluun gara gammoojjiitti bahee sana, Kiristoos illee Hafuuraa Qulqulluu ni erga.kunis fedha hafuuraa Qulqulluuttin.


βž€βž›Yohaannis 20:21-22

Iyyaasuus amma illee, β€œNagaan isiniif haa taΚΌu! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga” jedheen. Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; β€œHafuura Qulqulluu fudhadhaa.”


βžβž›Yohaannis 15:26

Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baΚΌu sun yommuu dhufutti waaΚΌee koo dhugaa baΚΌa.


βž‚βž›Hoji duka.buota 2:33

Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.


βžƒβž›2 Qorontos 3:17

Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.

Turti gaarii isiniif Haata’u


Report Page