Kush Press.Com
𝐒𝐄𝐄𝐍𝐀𝐀 𝐆𝐀𝐁𝐀𝐀𝐁𝐀𝐀 𝐊𝐀𝐁𝐀𝐉𝐀𝐌𝐓𝐔𝐔 𝐀𝐑𝐓𝐈𝐒𝐓 𝐈𝐋𝐅𝐈𝐍𝐀𝐒𝐇 𝐐𝐀𝐍𝐍𝐎𝐎 𝐆𝐀𝐋𝐃𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀
Gootittii qabsooftuu fi sabboontuu artist Inlfinash Qannoo abbaa ishee obbo Qannoo Galdaasaa fi haadha ishee aadde Zartihuun Qananii Naqamtee irraa Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa ganda Eebbaa bakka addaa Saxxoo jedhamee beekamutti bara 1962 dhalatte. Umriin ishee barnootaaf oggaa gahu, jalqaba Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Makkootti hanga kutaa sadiitti barattee gara magaalaa Naqamteetti jijjiiramuun Mana Barumsaa Manfasaawwii kan amma Burqaa Jaatoo jedhamee beekamutti barnoota ishee itti fufte.
Ilfeen ijoollummaa ishee irraa jalqabee jagnummaan beekamti turte. Geerarsas ni jaallatti. Mormiin dubartiin hin geerartu mammaaksa jedhuu ijoollummaa isheetii kaasee onnee ishee keessatti bakka addaa qaba ture. Akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu jal-bultii masqalaa, cidhaa fi ayyaana waggaa irratti sagalee ishee kiilolee sanaan sirbaa, gammadaa, fi miira aartiitiinis xiiqa’aa guddatte. Hawaasni isheen keessatti dhalattee guddatte yeroo qonnaa qotu, yeroo aramaa aramu, yeroo mana waliif ijaaran fi daboo waliif bahan ni geeraru, ni sirbu waan ta’eef isheenis aartii aadaa keessatti hundee jabaa qabuuf jaalala addaa horatte. Jaalalli sun booda keessa Hawwisoo beekamaa Guddattuu Wallaggaa jedhamu keessatti urjii taatee akka baatu ishee taasise. Geerarsa ishee tokko keessatti dubartiinis dhiiraan wal qixa geeraruu, qabsaa’uu, roorroo baachuu diduu akka dandeessu akkas jettee ibsatte:
Yoon geerare maal qaba?
Eessa kootu mudaa qaba?
Gudar gubbaan lafaa ree?
Dubartummaan fafaa ree?
Jedheen itti joore kaa
Foon maddii na qoore kaa
Yoo dhiirri rafee ka’ee
Anat teellatti hafaa ree?
Mee takkan raajii raaja
Unkuroon buqqee raaja
Farsoon dinnichaa raaja
Lafti ka’ee hin ijaajju
Kan Oromiyaa raaja!
Nadheen areeda hin baastu
Kan haadhoo reettii raaja
Dubartiin hin geerartu
Kan Ilfee Qannoo raaja!
Hawwisoon Guddattuu Wallaggaa artistoota bebbeekamoo kanneen akka Zarihuun Wadaajoo fi Abbitoo Kabbadaa kan of keessatti hammate bara 1976 qindeessummaa qabsaa’aa Tasfaayee Nagaasaa jedhamuun hundeeffamuu danda’e. Hawisoon kun sosochii agarsiisa aadaa akkuma eegaleen mootummaa Dargii oggas reefuu barcuma aangoo tottolfataa ture biraa dhiibbaan waan itti dhufeef miseensonni hundeessitoota isaa ari’atamuu eegalan. Ilfeenis qabamtee hidhamte. Gargaarsa qabsaa’aa beekamaa oggaa sanaa Tasammaa Nagarii jedhamuun akkuma hidhaa irraa hiikamteenis qondaala Dargii oggaa sana koonyaa Wallaggaa bulchaa ture Nugusee Faantaa baqattee miilla isheetiin Naqamtee kaatee hanga magaalaa Sireetti imaluun achi irraa kara-deemaa Finfinnee imalu tokko argattee isa faana hanga magaala Ambootti, achi irraas Finfinnee seente.
Akkuma Finfinnee seenteenis Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti Sanbataa fi Dilbata qophii dhihaatu irratti sirboota Afaan Oromoo dhiheessuu jalqabde. Yeruma sana hoggantoota hundeessitoota ABO qunnamuu dandeesse. Carraa sanaanis agarsiisa aadaa Oromoo isa jalqabaa fi seena-qabeessa Mudde bara 1976 Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti dhihaate irraa qooda fudhachuu qofa osoo hintaane, waltajjii ummanni Oromoo yeroo jalqabaatiif tokkummaan irratti wal arge sanarratti, “Nurratti jigee turee ba’aa inni guddaan isaa, Qawwee malee maaltu bilisa nu baasa?” jettee sirbuun qalbii ummataa to’attee imala qabsoo bilisummaa tokko jettee eegalte.
Agarsiifni Aadaa Oromoo sun artistoota golee Oromiyaa hunda irraa walitti fidee wal barsiisuu irra darbee kaayyoo tokkoof akka waliin dhaabbataniif dhagaa bu’uuraa cimaa kaa’e. Artist Ilfinash Qannoos daggal-saaqii qabsoo Oromoo kanneen seenaa ofii halluu hin gadhiisnee fi hin moofofneen barreessan keessaa nama tokko.
Wayita Tiyaatira Biyyaalessaa Itoophiyaa keessa hojjettu sanatti illee dhiibbaan sabummaa hamaan ishee irra gahaa ture. Dandeettii fi sagalee addaa qabaattus mindaa artistoota biroo muuxannoo fi gahumsaan hanga ishee hin geenyeef kaffalamuu gaditti isheef kaffalama ture.Isheenis loogii mana hojii sanatti ishee irra gahuuf komii adda addaa yeroo dhiheeffattutti sabummaa ishee xiqqeessuun tuffii fi arrabsoof saaxilamaa turte. Dhiibbaan sun garuu kutattuu haadha kaayyoo kana duubatti kan deebisu osoo hin taane, daran ishee aarsee roorroo sabummaa akka falmattu ishee taasise. Falmaa sanas hojii aartii isheetiin ibsataa turte.
Artist Ilfinash Qannoo Orkestiraa Poolisii Itoophiyaatti makamuunis tajaajilaa turte. Hojii ishee sanaanis jaalalaa fi kabaja guddaa argattee turte. Orkestiraa Poolisii Itoophiyaa keessa oggaa tajaajilaa turtettis sirboota akka Abaaboon Daraaree jedhu fi baay’ee jaallatamaa ture qopheessitee hawaasaan gahuun beekamti. Bara 1984tti ammoo artist beekamaa Abbitoo Kabbadaa waliin sirboota adda addaa qopheessitee aartii Oromoo keessatti caalaatti calaqqistee beekamte.
Bara Dargii sana ifatti siyaasa sirbuun waan hin danda’mneef, hojiishee irra guddaa jaalalaan fakkeessitee dhiheessaa turte. Hojii ishee “Malli Maali?” jedhu akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya. Ilfeenis irra deddeebitee oggaa dubbattu: “Ani sirba jaalalaa sirbuu hin danda’u. Ani sirbuma siyaasaa hacuuccaa saba koo irraa fonqolchuuf gargaarun onnadhee sirba,” jetti yeroo baay’ee.
Kufaatii Dargii booda, artist Ilfinash Qannoo ABO faana hiriiruun hojii aartii fi qabsoo wal faana itti fufte. Artistoota bebbeekamoo kanneen akka Nuhoo Goobanaa faa waliin guutummaa Oromiyaa irra deemtee Waraana Bilisummaa Oromoo jajjabeessaa turte. Bara 1992 yeroo ABOn mootummaa cehumsaa keessaa dhiibamee bahuttis Ilfinash artist Zarihuun Wadaajoo waliin karaa Sulultaa Moloo keessa dabartee Ada’aa Bargaa magaalaa Oolankomiitti Waraana Bilisummaa Oromootti makamte. Magaalaa Oolankoomiitti waan isaanitti marfameef, marfama sana cabsanii gara Meettaa Roobii deeman. Bakka addaa Qaxqaxoo Qacamaa jedhamuttis waraana Badhaadhaa Dilgaasaan hoogganamutti makaman. Achittis lolli waan isaanitti banameef waraana Badhaadhaa irraa adda bahanii gara ganda Kilbeetti qajeelan.
Kilbeen Ona Jalduu fi Meettaa kan argamtu yoo ta’u lola guddaan achitti gaggeeffame. Lola sana irratti artist Zarihuun Wadaajoo fi Ilfinash Qannoo qabamanii jalqaba Ada’aa Bargaa magaalaa Incinniitti hidhamte. Incinnii irraa ammoo Karchallee Amboo achi irraas qabsaa’ota biroo waliin mooraa leenjii waraanaa Dhidheessaatti ji’a torbaaf hidhamte. Yeroo sanattis rifeensi ishee gogaa haadamee, miidhaa qaamaa fi qalbii hamaaf saaxilamte. Miidhaan qaamaa gammoojjii Dhidheessaa keessatti ishee irra gahe hanga gaafa lubbuun ishee addunyaa kana irraa dabruutti dararaa ture. Rifeensi gogaa ishee irraa haadamuu ilaalchisees, “Rifeensa mataa illee gogaa haadamne . . .” jettee sirbuun miidhama ishee irra gahe hawaasa ishee jaallatuu fi mararsiifatu hubachiiste. Akka qabsaa’onni ishee waliin mooraa leenjii waraanaa gammoojjii Dhidheessaa keessatti hidhaman ragaa bahaniifittis, “Haala akkaan ulfaataa sana keessattis galgala galgala sirba warraaqsaa hidhamtootaaf sirbuun gama tokkoon isaan bohaarsaa, gama biraan ammoo hamilee isaanii jajjabeessaa turte. Mataa gadi qabachuu, roorroof jilbeenfachuu, harka kennachuu waan jedhamu Ilfee biratti hin beekamu.”
Artist Ilfinash Qannoo erga mooraa leenjii waraanaa Dhidheessaa irraa hiikamtees hidhaa qabsaawotaa fi hoogganoota ABO ol’aanoo kanneen akka Ibsaa Guutamaa fi Leencoo Lataafaa irratti hiriira bahuudhaan mormii dhageessisteen sabboontota biroo waliin ukkaamfamtee Sandaafatti hidhamuutti dabalee waggoota lamaaf karchallee Amboottis hidhamtetti. Yeroo sanatti ummatani magaalaa Amboo waan qabuun ishee bira dhaabbatee lubbuu ishee waan du’a oolcheef hawaasa naannoo sanaatiif kabajaa fi jaalala addaa qabdiif. Kaan galaa naaf hiixatee, kaan qoricha naaf bitee, kaan daara na baasee, kaan jaalala Oromummaa naaf arjoomee lubbuu koo du’a oolche jettee isaan yaadatti. Sababa sanaanis awwaalli koo Ambotti naaf haa ta’u jettee dhaammachaa jiraatte.Artist Ilfinash Qannoo erga Karchallee Ambootii baatee gargaarsa sabboontota oggaa sanaatiin dhoksaadhaan biyya Keeniyaatti baafamte. Sana boodas dhaabbata UNHCR-tti galmooftee koolu-galtummaan biyya Norway-tti godaante. Waggoota dheeraafis biyya Norway magaalaa Bergen jedhamu keessa jiraatte. Jireenya biyya baqaa keessas teessee guyyaa tokkoof illee kaayyoo qabsoo Oromoo irraa osoo hin daddaaaqamin yeroo, beekumsaa fi qabeenya ishee gumaachuun ummata dadammaqsuu, ijaaruu fi sochoosuun alatti, dirree qabsootti deddeebi’uun qabsaa’ota onnachiisaa fi haamilchiisaa jiraatte. Ilfeen qaamaan Oromiyaa irraa fagaattus, yaadaa fi qalbiin garuu asuma turte.
Artist Ilfinash Qannoo waggaa dheeraa booda bara 2018 gara biyyaatti deebite. Yeroo kanattis dhaloota haaraaf muuxannoo jireenya ishee qooduu, tokkummaa Oromummaa lallabuu, dhaloonni haaraan jaalala, marartee fi kabaja akka waliif qabaatu dhaamaa turte. Ilfeen akka dhuunfaatti qabeenya kan kooti jettu tokkollee lafa kana irratti hin horanne. Mana ijaarrattee hin qabdu. Qabeenya hin kuufanne. Dhaala qabeenyaa ijoollee ishee hin dhaalchisne. Oromoof qabsaa’uun riqicha ittiin qabeenya namaaf hin malle kuufachuutti cehan miti jettee amanti. Sababa kanaan hanga gaafa du’aan addunyaa kana irraa boqottuutti mana kiraa sadarkaan isaa baay’ee gadi bu’aa keessa jiraatte. Qabeenya isheen dhiistee deemte jaalala ummata ishee fi dilbii seenaa wareegama isheetiin barreeffatte qofa.
Miidhaa hamaan mana hidhaatti ishee irra gahe yeroo adda addaatti ishee dararaa ture. Umrii malee akka cabdu ishee taasise. Ilfeen Saba isheetiif jettee fayyaa qaamaatiin cabde. Sababuma miidhamaa fi caba ishee irra gaheen yeroo adda addaatti yaalamaa turte. Yeroo baay’ee duute jedhamtee deebitee bayyanataa turte. Egaan guyyaa keessaa guyyaan tokko akkuma nama ganu, bariin Fulbaana 6, 2026 gootittii keenya, sabboontuu keenya, haadha Oromoo hundaa du’aan nu irraa adda baasuudhaan bari’e. Ilfeen eelaa caba waggaa dheeraaf waliin dararamteen wal qabatee dhibee ishee irra bubbule irraa dandamachuu dadhabdee halkan Fulbaana 6, 2026tti bari’u barii jala umrii ishee waggaa 64-tti addunyaa kana irraa du’aan boqotte.
Gootittii sabboontuu artist Ilfinash Qannoo qabsaa’aa akka ishee obbo Hayilayasuus Qananii waliin bultii dhaabbattee ijoollee dubaraa lama: Hawwii Hayilayasuus fi Daangaa Hayilayasuus horatte; ijoollee dhiiraa lama Dastaa Hayilayasuus fi Damaraa Hayilayasuus ammoo ni guddiste. Deessee hin hoosisin malee, Ilfeen haadha ilmaan Oromoo maraa ti. Ilmaan Oromoos akka haadha ofiitti ishee ilaalu.
Jireenyi gootittii sabboontuu Ilfinash Qannoo jireenya diddaa roorroo Sabaa ti. Bara jireenya ishee guutuu bilisummaa Oromoo argamsiisuuf of kennite. Bara ol’aantummaan sirna roorrisaa qofa osoo hin taane ol’aantummaan dhiiraa illee dubartii manatti gaadi’uun beekamu keessa dhalattee, manatti gaadi’amuu diduun geeraraa, dheekkamaa, sirbaa, tarree dhiirotaa fi goototaa hiriirte. Wareegama qabsoo keessatti akka Oromoottis, akka namaattis, akka dubartiittis baasteen golee Oromiyaa hunda irraa kabajaa fi jaalala addaa horatte. Artist Ilfinash roorroo sabummaa diddee bilisummaa falmachaa jiraatte. Tuffatamuu didde. Jireenya ishee keessatti kaayyoo ishee irratti daddaaqama tokko illee hin agarsiifne. Kanaafis dhaloota keenya biratti mallattoo cichoominaa, aasxaa sabboonummaa, faajjii Oromummaa, xiiqoftuu bilisummaa taatee jiraatte. Gootittii sabboontuu Ilfinash Qannoo kutannoo qabsoon bilisummaa gaafattu guutuu qofaan hin beekamtu. Ilfeen nama eenyu caalaa tokkummaa Oromoof quuqamaa jiraatte dha. Ilfee biratti Oromoon Oromoo dha. Kaabas taate Kibba, Bahas taate Lixa ishee biratti Oromoon saba tokko, kan hiree tokko waliin qabu dha. Kanaafis haadha Oromoo hundaa jedhamtee beekamti.
Addunyaa keenya keessatti namoonni akka gootittii sabboontuu Ilfinash Qannoo baay’ee hin mul’atan. Nuti seenaa keenya keessatti nama akka ishee argachuu keenyatti baay’ee ofitti boonuu malle. Hojiin ishee mataa ol nu qabachiiseera. Wareegamni ishee kabaja nutti horeera. Miidhamni ishee miidhama keenya wal’aaneera.Eelaan ishee seenaa qabsoo Saba keenyaatti dhageeytii horee jira. Ilfeen dungoo bara dukkanaa ofii gubattee nuuf ifte dha. Har’a gootittii sabboontuu kana of biraa dhabuun qaawwaa akka salphaatti hin cufamne nutti uuma. Namni akka ishee akka salphaatti bakka hin buufamu. Akkuma addunyaattuu osoo qoratamee, dubartootni gulantaa ishee dhaqqaban muraasa qofa maqaa dhoofna ta’a.
DHAAMMANNOO GOOTITTII SABBOONTUU KEENYAA
“REEFFI KOO TOKKUMMAA KEESSANIIF !”
Qalbeeffadhaa! Ilfeen akkas jettee dhaammatte:
1) “Yeroo ani du’e, yoo dandeessan Ambotti na awwaalladhaa; kuni yoo hin taane ammoo cabbii biyya Norway-tti na awwaalaa.” Kun dhaamsa ishee yeroo hundaa ture.
Ilfeen maaliif Ambotti na awwaalaa jettee? Sababa ishee akkuma isheen dhaammattetti dubbisna: “Bara mootummaa EPRDF waggaa lamaaf yeroo mana hidhaa Amboo ture, hawaasa santu na waliin rakkate. Warri Sikkoo-Mandoos galata na irraa qabu. Lubbuun koo akka turuuf, akkan bubbuluuf kan naa wajjiin dhama’e hawaasa sani. Oolmaa ummata kanaa qabaadhee deebisuuf hin danda’u; waan ittiin gammachiisus hin qabu. Jaalalaa fi kabajaa ummanni koo bara rakkoo naa wajjiin rakkateef jecha kabajaan isaan biratti na awwaalaa!” jettee galfata ol kaawwattee dabarte. Nutis har’a Ambotti kabajaan ishee awwaallannee, biyyoo dachii Amboo reeffa ishee irra buusnee, galfata ishee bakkaan asitti wal geenye.
2) “Oromoon, tokkummaa keessan cimsaa! Wal hin dhiibinaa! Wal hin jibbinaa! Waliif rifadhaa! Wal mararfadhaa! Wal qusadhaa! Wal jaalladhaa!” jetteetis dhaammatte.
Ilfinash Qannoo nama hunda namummaa isaatiin jaallattee, nama hundaanis jaallatamtee, qabsoo bilisummaa saba isheetiif of kennitee jireenya qabsoo jiraattee dabarte. Carraa gaarii tahee, gaggeessaa reeffa ishee irrattis galfata jaalala Oromummaa isheen nutti dhiifatte kabajuufiidhaan osoo wal hin qoodin marii fi marabbaadhaan Koreen Gaggeessaa Ilfinash Qannoo namoota ilaalcha siyaasaatiin garaa-garummaa qaban irraa walitti bahee Oromummaa qofaan hiriiruudhaan sirna gaggeessaa isheetii bareechuuf waliin hojjete. Dhaammannoon Artist Ilfinash Qannoo kun hafuura tokkummaa yeroo ammaa gaggeessaa ishee irratti uumame kanaan hanga tokko milkaawuun abdii fi gammachuu guddaa ummata keenyatti bulchu ni qabaata jennee abdanna.
Kanneen du’aan boqochuu Artist Ilfinash Qannootiin gadda ulfaataa keessa jiran: Ilmaan ishee, maatii fi firoottan ishee, jaallan isii qabsaawota Sabaa mara, hiriyoota isii kan ogummaa aartii, dinqisiifattootaa fi mararfattoota hojii fi wareegama isheetii, akkasumas, ummata bal’aa hundaaf jajjabina hawwina.
Galatoomaa !
Koree Gaggeessaa Ilfinash Qannoo Galdaasaa
Fulbaana 08, 2026 ALA (Qaammee 3, 2018 ALI)