"Kiristaana Hundaaf Salphaa Itti Hin Fakkaatiin"

"Kiristaana Hundaaf Salphaa Itti Hin Fakkaatiin"

Lamessa Teshome(Dn)


   ✝️ #Kutaa_1ffaa ✝️

➲Nuyi Ortodooksotaaf waa'ee Dubroo Maariyaam barsiisuun baay'ee kan nu gammachiisu, maqaan ishii waamamuunis dhimma laphee keenya gammachuudhaan guutudha. 

➲Namoota tokko tokkoof garuu waa'ee Dubroo Maariyaam barsiisuun wangeela haguuguu, Kiristoosiin dhoksuu fakkaatee isaanitti dhagahama. "Isin waa'ee Gooftaa fudhachuu maaliif hin lallabdan; maaliif wangeela hin barsiistan? Duuka bu'oonni waa'ee Kiristoos malee waa'ee Dubroo Maariyaam yoom lallaban? Isaan yoom bakka kennaniif? Kitaaba Qulqulluu keessatti, 'Dubroon Maariyaam dubroo bara baraati; haadha waaqaati; nuuf kadhatti' jedhee kan barreesse duuka bu'aa isa kami? Phaawuloos ergaa isaa sana hunduma keessatti waa'ee Dubroo Maariyaam yoom dubbate? Phaawuloos waa'ee ishee yoo hin barsiisne isin maal gochuuf barsiistu?" Jedhanii ni falmu. Dhugumayyuu gaaffii kanaaf deebiin keenya maalidha?

➲Deebii keenya booda itti deebina; ammaaf mee rakkoo gaaffichi qabu haa sakattaanu. Dhuga jiru dubbachuuf barreessitoonni wangeelaa waa'ee Dubroo Maariyaamii akka ta'utti barreessanii waan jiraniif, ስብከተ ሐዋርያት ፍንዋን [Lallaba Duuka Bu'oota ergamanii] isheetiin jenna. Wangeelli Luqaas nagaa fi galata qulqulluun Gabri'eel Dubroof dhiyeesse, waa'ee galata Elsaabex, waa'ee kadhannaa Dubroo; wangeelli Maatewoos waa'ee dallaa loonii keessatti Gooftaa dahuu ishee fi isa qabattee gara Gibtsi godaanuu ishee; wangeelli Yohaannis immoo waa'ee raajii isheen kadhannaa isheetiin mana cidhaatti taasistee, fannoo irratti haadhummaa taatee kennamuu ishee akka ta'utti barreessaniiru. Dubroon Maariyaam barreeffamuu wangeelaafuu baay'ee barbaachistuu turte; osoo wangeelli akka kitaaba asoosamaatti kan ilaalamu ta'e illee Dubroon Maariyaam taatuu (ገጸ-ባህርይ) barbaachistuu argamuu taaticha isa ijoof [Kiristoos] sababa taatee fi guddachuu isaaf illee gatii guddaa kanfalte taati turte. 

➲Haa ta'uutii, "Wangeela irratti Dubroon Maariyaamiif fuula meeqatu kenname" jedhanii gaafachuudhaan kabajni isheef malus qixuma sanaan jedhanii dubbachuun eenyummaa Dubrittii sirriitti hubachuu dhabuudha. Bu'uuruma irraa yoo ilaalamu, seenaawwan wangeela irratti barreeffaman kan gara oliitti kaasne, missiraachoo Gabri'eelii fi galata Elsaabex, seenaa godaansa ishee fi Qaanaa Galiilaa, haadha fannoo jalaa jedhamuun ishee hundi osoo hin barreeffamnee fi wangeela irratti kan barreeffame hima, 'Kiristoosiin kan deesse Dubroo Maariyaam jedhamtu tokkodha' jedhu qofa osoo ta'eera ta'e illee nuyi Ortodooksotaaf kabaja amma ishee kabajnuun ishee kabajuuf kuni qofti iyyuu kan barbaachisuu olidha! 

➲Jechi, "Waaqa deesse' jedhu akkamitti akka salphaatti bira darbama?! Mee uumama keessaa Waaqa isaa kan dahe Dubroo irraa kan hafe eenyutu jiraa? Waaqayyoon mucaa koo jettee kan waamte, Waaqayyos haadha koo jedhee ka ishee waame Dubroo irraa kan hafe eenyutu jira? Namoonni, "Takka deesse waan ta'eef isa booda kaasuun hin barbaachisu" nuun jechuu barbaadan dhaloota kan akkamitti ilaalaniiti? Waaqayyoon dahuun akkamitti akka salphaatti bira darbama!? Dinqii sanyii dhiiraa malee dahuu ishee hoo akkamitti salphisnee bira dabarra? Uumaan samii fi lafti isa hin dandeenye kan bakka hunda guute, harka Dubroo Galiilaa tokkoon haammatamee akka harma ishee hodhe dhageenyee akkamitti callisna? Waaqayyo inni "Ibbidda nyaatudha-የሚባላ እሳት ነው" jedhame Dubroon waggaa kudha shanii haammattee gubachuu dhabuu ishee akkamitti akka salphaatti bira dabarra? 

➲Museen illee ibiddi biqiltuurratti boba'ee gubachuu dhabuu isaa yammuu arge, "akkamitti hin gubanne" jedhee sakatta'uuf hin deemne turee? Dubbii Dubroo ibidda Waaqummaa baattee osoo hin gubatiin hafte kanaa osoo akka Musee kophee keenya baafannee hin sakatta'iin akkamitti dhiisna? Abbaa Hiriyaaqos waliin gara Dubrittii deemnee, "Yaa Dubroo ibiddi waaqummaa gadameessa kee keessa yeroo buletti huccuun isaa ibiddadha, uffannaan isaas ibiddadha akkamitti si hin gubne? Golgaan ibiddaa torban garaa kee keessatti garamitti diriirfame; karaa bitaan moo karaa mirgaanidha?" akkaa jenne dubbii ulfa ishee ni qoranna malee akkamitti akka salphaatti dhiisna?!

➲Namoonni, "hamma waa'ee Dubroo Maariyaam lallabdan Gooftaa fudhadhaa" jedhan akkam nama ajaa'ibu! Waa'ee Gooftaa fudhachuu dubbachuuf fakkeenyi Dubroo Maariyaamiin caalu maaltu jira? Isheen Gooftaa kan fudhatte akka namootni baay'ee godhan yaadaa fi dubbii qofaan 'Iyyesuus Gooftaadha' jettee mitiim! Dubroon Jecha Abbaa fudhachuuf geessee argamte kun kan isheen fudhatte amanuu qofaan osoo hin taane gadameessa ishee keessa bulee akka ishee irraa dhalatuufidha. 'ani kunoo' jettee aarsaa kan of dhiyeessite ishee irraa akka nama ta'uu fi gadameessa ishee mana qulqullummmaa akka taasifatuufidha. Dubbii Maariyaamii lallabuu caalaa Gooftaa fudhachuuf fakkeenyi dinqiin eessa dhufuufidha? 

➲"Duuka bu'oonni waa'ee Kiristoos malee waa'ee Dubroo Maariyaam yoom barsiisan? Isaan yoom bakka kennaniif? Kitaaba Qulqulluu keessatti, 'Dubroon Maariyaam dubroo bara baraati; haadha waaqaati; nuuf kadhatti' jedhee kan barreesse duuka bu'aa isa kami? Phaawuloos erga isaa sana hundumaa keessatti waa'ee Dubroo Maariyaam yoom dubbate? Erga Phaawuloos waa'ee ishee hin lallabnee isin maaliif lallabdu?" Gaaffiin jedhus eenyummaa Dubroo Maariyaam hubachuu dadhabuu irraa kan maddedha. Isa kaan tursinee gaafficha keessatti ilaalchi duuka bu'oota ol, Dubroo Maariyaamiin immmoo gadi qabuu akka jiru osoo hin tuqiin hin dabarru. 

➲Dhugumadha, duuka bu'oonni qulqulloonni bu'uurawwanii fi utubaawwan manni kiristaanaa ittiin ijaaramte, paatriyaarikiiwwan mana kiristaanaa warreen jalqabaa, akkasuma madaalliiwwan amantaa keenyaati. Haa ta'uutii kabaja duuka bu'ootaa irra kabajni Dubroo Maariyaam ni caala. Duuka bu'oonni Gooftaaf barattoota isaa yammuu ta'an Dubroon Maariyaam garuu haadha isaati. Duuka bu'oonni miila isaa jala taa'anii waggaa sadii fi ji'a sadii isarraa barataniiru; Giiftiin keenya garuu waggoota soddomaaf waliin jiraatteetti. Duukaa bu'oonni hammam Gooftaa keenyatti siiqan illee bakka dhumaa isaan gahan gara qoma isaatti siquu ture; Giiftiin keenya garuu gadameessa isheetti baatteetti, qoma isheerratti qabatteetti! 

➲Qulqulluun Phaawuloos ifa guddaan rukutamee kufee, 'maaliif na arii'atta?' isaatiin jedhee hojii arii'uu irraa deebi'ee Gooftaatti kan amane yoo ta'u deessuun Waaqaa garuu galanni ergamaadhaan isheef dhiyaateetu, 'kunoo tajaajiltuu Gooftaa' jettee kan of kennite, Kiristoosiin kan arii'atte osoo hin taane qabattee kan arii'atamtedha. Kanaafuu kabaja duuka bu'aa kamiyyuu irra kabajni Dubroo Maariyaam kan caalu yoo ta'u duuka bu'oonni waa'ee ishee maal jedhan jadhanii dubbii isaaniitiin Dubroo Maariyaam madaaluuf yaaluun dogoggora guddaadha. Akka barsiisa mana kiristaanaa keenyaattis duuka bu'oonni Giiftii keenya harka ishee qabatanii icciitii gadi fagoo isheen ittiin Waaqa ulfooftee fi deesse, ajaa'iba guddaa yeroo inni garaa ishee keessa bule ture sana dhagahuuf kan ishee gaafatan barattoota ishee, ishee marsanii Afuura Qulqulluu kan fudhatan, 'barnoota isaaniin addunyaa hundarratti akka mo'aniif kan isaan aangessitu, maqaa ishee dhala dhalaaf kan yaadachiisan' ijoollee isheeti. 

➲Dhugaan kun akka jirutti ta'ee garuu, duuka bu'oonni lallaba isaanii addunyaarra naanna'anii barsiisan kan kitaaba hojii duuka bu'ootaa irratti barreeffame irratti dubbii Dubroo Maariyaamii maaliif osoo hin kaasiin hafan? Qulqulluun Phaawuloos ergaawwan isaa hunduma sanarratti Israa'eliifis ta'e halagootaaf yammuu barreessu, 'Waaqayyo mucaa isaa durba irraa dhalate erge' jechuun alatti maaliif waa'ee ishee kaasuu dhiise? Raajonni, "waa'ee Tsiyoon hin callisu' akkaa jedhan duuka bu'oonni garuu maaliif waa'ee Tsiyoon ishee dhugaa callisan? Dhugumayyuu akka warreen kaan jedhan waa'ee Dubroo Maariyaam lallabuun waan hin barbaachisneefidhaa?

➲Gaaffii kana deebisuuf duuka bu'oonni eenyuun akka barsiisaa turan haa ilaallu. Uummanni duuka bu'oonni deemaa barsiisaa jedhamanii itti ergaman ramaddii #lama keessa kan jiranidha. Kallattiin lallaba isaanii inni jalqabaa gosa Ayihuud Iyyerusaalem, Yihuudaa fi Samaariyaa jiraatan turanidha. Warri lammaffaa immoo warra Room, warra Giriik fi halagoota (ormoota) biyya garaagaraa jiranidha.

➲Lallabni duuka bu'ootaa kan jalqabe Yihuudota (Israa'el) gidduutti ture. Akkuma beekamu Yihuudonni Gooftaa keenya kan fannisan, Masihii ta'uu isaatti kan hin amanne, kiristaanummaa akka gantummaatti, duuka bu'oota immoo akka gantootaatti kan ilaalan turanidha. Akkuma ulqulluun Phaawuloos, "Seericha keessa kan jiru raajotaan kan barreeffamanis hunda amanee karaa isaan ganinsa jedhanii waamaniin Waaqa abboota koo nan Waaqessa" jedhee akkuma ibse Iyyesuus Naazreetichi 'Masihii' raajotaan dubbatameef ta'uusaatti hin amanan. Barumsa, 'Ilma Waaqaygooti'; 'Waaqadha' jedhu yammuu dhagahanis hamma uffata usaanii tarsaasuutti kan gahanii fi akka Uumaa arrabsuutti kan lakkaa'anidha. Qulqulluun Isxifaanos 'fayyisaa addunyaa Iyyesuus Kiristoosiin mirga Waaqayyoo dhaabbatee (aangoodhaan qixxaatee) nan arge' jedhee dubbachuu isaa yammuu dhagahan akka dubbii Waaqayyoon salphisuutti lakkaawanii akkaa iyyan gurra isaanii qabatanii turan. Dhumarrattis Diyaaqonii dargaggeessicha balbala Iyyerusaalem irraa karaa galumsa beete-saayidaa irraan gara alaatti baasanii dhagaa itti roobsanii ajjeesaniiru. Walumaagalatti barumsi Iyyesuus Kiristoos Waaqadha, Ilma Waaqayyooti jedhu Yihuudota biratti keessummaa kan ta'ee fi duuka bu'oonni barsiisuuf bahanis gidiraa fudhatanii illee haa ta'u Yihuudota beekumsa kakuu moofaa (oriitii)n of jajan gidduutti barumsa jabaatanii barsiisuun isaan irraa eegamudha. 


➲Haala kuni uumame keessatti Yihuudota 'Kiristoosummaa fi 'Waaqummaa' Gooftaa keenyaa hin amannetti, 'Dubroon Maariyaam haadha waaqaati', 'kan isheen deesse isin ilma Yoosef isinitti fakkaateeti malee hojii Afuura Qulqulluutiin dubrummaadhaanidha' jedhanii akka barsiisan isaanirraa eeguun dogoggora guddaadha. "Dubbiin Kiristoos haadha dubbii Maariyaamiiti (Christiology is a mother of Mariology) kan jedhamu namni tokko dubbii Maariyaamii dhagahuufis ta'e amanuuf dursee waaqummaa Kiristoos amanuun isarra jiraata. Barumsi haadha waaqummaa Dubroo Maariyaam ilaallatu kan maddu waaqummaa Kiristoos amanuu keessaati. Nama Kiristoos waaqadha jedhee hin amanneef Dubroon Maariyaam haadha waaqaati osoo jette akkamitti si amanuu danda'a? Uummata Yihuudaa Kiristoos du'a mo'ee ka'ee namoota baay'eetti mul'achuu isaa hin amannetti maaliif duuka bu'oonni waa'ee Dubroo Maariyaam hin lallabne jedhanii gaafachuun ofii isaatiin iyyuu bara sana beekuu dhabuudha.

➲Duuka bu'oonni waa'ee Dubroo Maariyaamii barsiisuu isaaniin dura dubbii Maariyaamiif madda isa ta'ee fi kiristaanummaaf murteessaa ta'e dubbii Kiristoos kakuu moofaa wabeeffachuun Yihuudota akka barsiisaniif itti gaafatamummaa guddaan fuldura isaanii ture. Bara Kiristoosiin maqaa isaa illee hin wamiinaa jedhamanii qaccee afurtama afurtama garafamaa turan sanatti, 'maqaa isaa hin waamiinaa jedhamanii kan dhorkaman haadha Iyyesuus Kiristoos Dubroo Maariyaamiin haadha waaqaati; bara baraan durboodha; nuuf kadhatti" jedhanii Yihuudota akka barsiisan isaanirraa eeguun gowwummaa akkamiiti? Gabaabumatti duuka bu'oonni waa'ee Dubroo Maariyaam kan hin barsiisne kabaja ishee barsiisuu waan hin barbaadneef osoo hin taane haadha waaqummaa ishee kabajuun kan maddu waaqummaa Kiristoos amanuu keessaa waan ta'eefidha. Duuka bu'oonni sababa kanaaf dubbii Maariyaamii barsiisuu hin dursine jenne malee dubbiin Maariyaamii manni kiristaanaa barsiistu dhaloota irraa dhalootatti darbee hamma yoonaa gahe maddi isaa duuka bu'oota qulqulloota akka ta'e barreeffamni abboota miila duuka bu'ootaa jala taa'anii baratanii ifatti dhugaa baha. 

➲Sababa duuka bu'oonni dubbii Maariyaamii warra Yihuudaa hin barsiisneef kana yoo ta'u gaaffiin, 'yammuu gara halagootaa deeman hoo maaliif hin barsiisne? jedhu itti fufa. Egaa biyyoonni duuka bu'oonni lallaba isaaniif itti bobba'an baay'een isaanii babal'achuu kiristaanummaaf illee sababa kan ta'e bittaa Qeesaar Room jala kan jiran biyyoota afaanonni Giriiki fi Raamaayisx keesatti babal'atan turanidha. Biyyoonni halagootaa kuni immoo akka xowaashicha Itoophiyaa Iyyerusaalem deemanii Waaqayyoof kan sagadan; raajii Isaayaas akka dubbisan dubbisa isaa qabatanii hiika isaa kan gaafatan hin turre! Biyyoonni baay'een himamsa Giriikiin kan beekaman waaqota baay'ee kan waaqessan, warri Room immoo Giriik irraa seenaa waaqotaa fudhachuun Qeesaronni isaanii yammuu du'an gara waaqaatti jijjiiramu jedhanii kan isaan waaqessan turan. 

➲Bu'uura kanaan halagoota waaqeffannaa waaqa harkee (xaa'otii) keessa jiran biratti, hunduma biratti jechuun danda'ama, qaama waaqadha jedhanii amanan abbaa fi haati isaa, obboleessaa fi obboleettiin isaas waaqota jedhamanii ni waaqeffamu turan. Fakkeenyaaf waqtii qulqulluun Phaawuloos gara Efesoon deemee barsiisetti, xaa'otiin isaanii Arxeemsi kan isaan 'Arxeemsi isheen Efesoon guddittiidha' jedhanii iyyaniif warri (parents) Arxeemsi, Zewus fi Leetoo kan jedhaman yoo ta'an isaanis waaqotadha. Obboleessi ishee lakkuu ishee ta'e Appooloonis akkasuma waaqa jedhamee waaqeffama. Walumaagalatti himamsa warra Giriikii fi Roomiin (Greek and Roman mythology) waaqadha kan jedhame yoo jiraate maatiin isaa hunduu waaqotadha. 

➲Duuka bu'oonni waqtii gara halagoota waaqota baay'ee waaqessan deeman sanaa xiyyeeffannoon bu'uuraa barumsa isaanii inni ijoon waaqni addunyaa uume tokko akka ta'e barsiisuu irra ture. Inni kaan hafee duuka bu'oonni Gooftaan keenya, "Deemaatii halagoota maqaa Abbaa, Ilmaa, Afuura Qululluutiin cuuphaa" jedhee isaan ajaju illee gara halagootaa deemanii yeroo barsiisan waa'ee uumaan tokko jiraachuu isaa barsiisan malee icciitii sillaasee (sadummaa) barsiisuudhaan hin jalqabne; osoo akkas godhaniiru ta'e halagoonni gurra isaanii waaqota lakkaa'uu bareen uumaawwan saditu jiru jedhanii nu fudhatu turan.

➲Baay'ee kan nama ajaa'ibu, duuka bu'oonni gara biyya halagootaa deemanii raajiiwwan gaafa hojjetan halagoonni dursanii kan yaadan ergamtoota uumaan isaan erge jedhanii osoo hin taane isaanumti uumaawwan akka ta'anidha ture. Biyya Liqaa'oniyaa jedhamtutti yammuu duuka bu'oonni raajii godhan isaan arganii, "Waaqonni namoota fakkaatanii gara keenya bu'aniiru jedhan...Lubni, galma Zeos isa mandaricha duubaa keessaa hojjetu tuntunootaa fi daraaraa battee dha'ame gara kellaa mandarichaatti fide; lubichi jara achi turanii wajjin duuka bu'oota sanaaf aarsaa dhi'eessuu barbaade." jedha. (HDB. 14: 13). Walumaagalatti jaarraa jalqabaa keessa halagoonni xiyyeeffannoo lallaba duuka bu'ootaa turan ilaalchi isaanii gara waaqeffannaa waaq-harkeetti jedhu of eeggannoo kan barbaadu turedha.

➲Kan nama ajaa'ibu sirnoota mana qulqullummaa keessaa illee yaaduma halagootaa kana eeguuf sirnoonni yeroo sana dhiifaman turan. Fakkeenyaaf seenaa tajaajila ixaanaa osoo ilaalle, ixaanni kakuu moofaa keessatti aarsaa Waaqayyoof dhiyaatu kan ture ta'us, samiirratti illee osoo hin hafiin ergamoonni yeroo aarsan kitaaba mul'ataarratti kan barreeffame ta'us tajaajila duuka bu'ootaa jaarraa jalqabaa ture keessatti garuu ixaanni tajaajila mana kiristaanaa ishee jalqabaaf oolaa akka hin turre seenaan mana kiristaanaa fi barreeffamoonni Yoosxoos fi Qelemenxoos isa Iskindiriyaa, akkasuma abboota durii kanneen kana fakkaatanii ni hubachiisu. Sababni kuni ta'eef manni kiristaanaa bara duukaa bu'ootaa turte aarsaa ixaanaa kitaabni qulqulluu ajaju jibbitee osoo hin taane halagoonni waaqa tolfamaaf ixaana aarsaa fi aarsisaa turan kallattumaan osoo mana kiristaanaa keessattis ixaana arganiiru ta'e waaqeffannaan xaa'otii isaan dhiisanii dhufanii fi kiristaanummaan wal isaan jalaa dhaha, hubachuufis waan isaan rakkisuuf turedha. 


➲Gara mata duree keenyaatti yoo deebinu bara duuka bu'oonni gara halagootaa deemanii barsiisan, "Kiristoos waqadha; Dubroon Maariyaam immoo haadha waaqaati" jedhanii osoo barsiisaniiru ta'e dubbiin kun yaada halagootaa isa mucaan waaqaa waaqa, warri waaqaa waaqa jedhee amanu keessatti hiika inni kennuu danda'u, "Dubroon Maariyaam waaqadha" kan jedhu ture. Kanaaf duuka bu'oonni lallaba isaanii fi ergaawwan isaaniin dubbii Maariyaamii bal'isanii halagootaaf kan hin barsiisne Giiftii keenya akka waaqaatti akka hin ilaalleef, seenaa kiristaanummaas waaqeffannaa waaq-harkee itti baran waliin waliin dhahanii akka hin hubanneef ture. Duuka bu'oonni Gooftaan keenya, "Waan sinitti himu baay'eetu jira; amma garuu baachuu hin dandeessan" akkaa jedhe isaan barsiise lallaba isaanii keesattis tooftaa kana hordofuun warra Yihuudotas ta'e warra halagootaa duraa duuba isaan dhagahuu danda'aniin isaan barsiisaniiru. Kabaja Giiftii keenyaa, dubrummaan ishee bara baraa fi araarsummaa ishee lallaba isaanii keessatti kan hin dursineef warri isaan barsiisan eenyummaa ishee hubachuu kan danda'an yammuu eenyummaa Ilma ishee hubatan waan ta'eefidha. Ishee deesse kabajuuf eenyummaa isa dhalatee beekuun ni dursa. Namni waaqummaan olaanaa Ilma ishee sirriitti galeefii, "Osoo xiqqoo taatee jirtuu akkamiin baatte" jechaa Dubroof faarfachuu eegala. #Kutaa_2ffaan itti fufa....

Madda: "አበረታች መዳኒት እና ሌሎች" ; ዲ/ን ሄኖክ ኃይሌ 

Hiika:- Lamessa T. (Dn)


Miseensa chaanela Godoliyaaas ta'uuf ► https://t.me/Kalabhiyahu

Report Page