"Kiristaana Hundaaf Salphaa Itti Hin Fakkaatiin" ( Kutaa -2ffaa)

"Kiristaana Hundaaf Salphaa Itti Hin Fakkaatiin" ( Kutaa -2ffaa)

Lamessa Teshome [Dn]

[Hub: Dheeratus waa'ee Dubroo hubannoo sirrii qabaachuuf obsaan dubbisi; share gochuu hin dagatiin] 


   ✝️ Kutaa_2ffaa (xumura) ✝️


 ✝️Waa'een Kiristoos Erga Lallabamee Waa'ee Haadha Isaa Barsiisuun Faayidaan Isaa Maalidha?✝️

➲Dhimma lallaba duuka bu'ootaa akka kutaa jalqabaa keessatti barreeffametti erga gudunfineetii gara gaaffiiwwan, "Waa’een Kiristoos lallabamnaan hin ga'uu moo ree? Kiristaanotaaf waa’ee Dubroo Maariyaamii barsiisuun maaliif barbaachisa? Kiristaanni tokko yoo Waa'ee Maariyaamii dhaga'uudhaa baate maaltu itti hir'ata? jedhutti haa dhufnu. Manni Kiristaanaa keenya warqii taate kun, "Kiristaanota hundaaf raajii Giiftii keenyaa dhaggeeffachuun salphaa isinitti hin fakkaatiin , kabajama guddaadhaatii" kan jettu, waa'ee Maariyaamii kan isheen barsiistu waa'ee kabajaa Dubroo sana qofa dubbachuuf jettee miti. Dubbii Maariyaamii barachuun barumsawwan bu'uuraa kiristaanummaa hubachuudhaaf baay'ee murteessaa waan ta'eefidha. Kanas akka gadiitti ilaalla : -


✝️Dubbii Maariyaamii Fi Iccitii Sillaasee✝️

  (Mariology and Trinity

➲Yaad-rimeen, "Waaqayyo abbaan uumama addunya dura amalummaa isaa irraa amalummaan, qaama isaarraa qaamaan haadha malee Ilma dhale; Ilmasaa tokkicha kana amma kannutti akkasumaan adduunyaa jaal'ateera" jedhu kiristaanummaadhaaf baay'ee bu'uuraadha. Abbaa, Ilma fi Hafuura Qulqulluu jedhanii sadummaa isaanii amanuun; achiis , jaalala isaa inni ittiin Ilmasaa tokkicha addunyaaf kenne amanuun, utubaa ijoo amantii kiristaanummaa yoo ta'u, kana utuu hin amanin ani kiristaana kan jedhu jiraachuu hin danda'u.

➲Barumsa bu'uuraa kana baay'een isaanii kan amanan ta'us, dubbii Ilmi haadha malee Abbaa isaa irraa dhalachuu, jaalala Abbaan amma Ilmasaa kennuutti agarsiise hammi isaa 'Akkam ture? Mee fakkeenya dhiyeessaa' gaaffiin jedhu yoo gaafatame akkasittidha jedhanii salphaatti deebisuun hin danda'aamu. Gaaffii kana deebisuuf fakkeenyaa fi ibsi dhiyaate garuu dubbii Maariyaamiiti. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee, "ልደት ቀዳማዊ ተዐውቀ በደኃራዊ ልደት - Dhalchuun jalqabaa dhalachuu lammataan barame" jechuudhaan akkuma ibse , icciitiin Waaqayyo Abbaan addunyaa dura haadha malee Ilma dhale fakkeenya kan argate Dubroo Maariyaam ishee abbaa malee Ilma deesseetiinidha. Jaalala Waaqayyo abbaan Ilmasaa tokkicha hamma kennuutti isa geessise Waaqaa waan ta'eef qorachuu fi hammamtaan isaa kanadha jechuu hin dandeenyu. Ilmi ishee tokkichi fannoorratti yommuu gidiraa fudhatu agartee boo'icha jabaa kan boosse gadda Durbeedhaa yommuu arginutti jaalala Waaqayyo Abbaa isheedhaan ilaalla.

➲"Akkamitti Dubroo Maariyaamii Abbaa wajjin wal fakkeessitan?" kan jedhu yoo jiraate , kitaaba qulqulluu irraa kaaneeti. Giiftiin keenya , 'Waan inni isiniin jedhu hunda raawwadhaa' yeroo jettu akkuma agarre , Waaqayyo Abbaas, 'Ilmikoon jaal'adhu kanadha , isa dhaga'aa' yeroo jedhu waan dhageenyeefidha. Giiftii keenyaan , " Gooftaan ammayyuu yeroon koo hingeenye" jedhee deebisee ammoo bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiree fedhii haadha isaatii yeroo raawwatu akkuma argine, guyyaa gaaf Kamisaa Gooftaan, "Yaa Abbaa xoofoon kun narra haa dabartu' jedhe deebisee 'Eeyyama kee haa ta'u' jedhee xoofoo du'aa fudhachuu waan argineefidha.


✝️Dubbii Maariyaamii Fi Iccitii Ilmi Waaqayyoo Nama Ta'uu✝️

 (Mariology and Incarnation of the Lord)

➲Kitaaba Seera Uumamaa irraa jalqabee namni Kitaaba Qulqulluu dubbisu kan inni argatu akkamitti akka samiif lafti uumamanii fi seenaa Addaamiif Hewaanidha. Isa booda ammoo, taatoo sadaffaan Bofti itti dabalameetu waliin dubbii Hewaanii fi Bofti taasisan kenniinsa gorsaa Bofaatiin akkamitti akka namni Gannata keessaa ari'amee fi akkamitti akka kennaan ayyaana isaatii irraa molqame hubachiisa. 

➲Yaa michuu koo! haa jennuutii, kitaaba seera uumamaa boqonnaa tokkorra kan jiru seenaa uumamuu samiif lafaa utuu hin jiraanne ta'eetii fi kitaabichi, "Nama Addaam jedhamu tokkotu ture" utuu jedhee jalqabeetii maaltu waan uumamu sitti fakkaata? Seenaa seera uumamaa malees seenaan Addaam hiika kennuu danda'aa? Tasumaa hin danda'u. Utuu seenaan seera uumamichaa hin dursine ta'eetii namni dubbisu burjaajii Addaam eessaa argame? Maalirraa uumame? Kan hin uumamnedhaa laata? Jedhu keessa seena ture.

➲Kana akkuma jirutti dhiisneetu waliin dubbii Hewaanii fi Bofaa utuu kitaaba qulqulluu keessaa baasneetii , yookiin kitaabni seera uumamaa ari'amuu Hewaanii fi Addaamiin qofaa kan dubbatu utuu ta'eetii gara burjaajii "Maal balleessaniidha kan isaan ari'aman" jedhutti galla turre. Gabaabumatti seenaa Addaam hubachuuf akkaataa itti Addaam dacheerraa uumamee fi karaa inni ittiin uumame hubachuun, Addaamiif Hewaan Jannata keessaa ari'atamuu isaanii hubachuuf ammoo , dursanii haasaa bofaa fi Hewaaniin hubachuun barbaachisa.

 ➲Qulqulluun Phaawuloos Kiristoosiin , "Addaam isa boodaa" jedhee waameera. (1Qor. 15:45) Addaamiinis , "Addaam isa dhufuuf jiru sanaaf fakkaattii isaadha" jechuun fakkeenya Kiristoos akkanni ta'e hubachiiseera. (Room. 5:14) Seenaan uumamaa dhala namaa kan inni jalqabe seenaa Addaamirraa akkuma ture , seenaan uumama haaraa dhala namaas kan inni jalqabe uumama lammataan (Recaptulation) kan ittiin uumamne Qaraaniyoo irrattidha.


➲Kanaafuu seenaa Addaamiin hubachuuf akkaataa uumama dachee Addaam irraa argamee barachuun akkuma barbaachisu, seenaa Kiristoos hubachuudhaaf dachee lammataa Inni isheerraa argame waa'ee seenaa Durbee Maariyaamii hubachuutu barbaachisa. "Waa'ee Kiristoos qofaa malee waa'ee Maariyaamii dhaga'uu hin fedhu" namni jedhu nama, "waa'ee Addaam natti himaa , waa'ee seera uumamaa garuu hin dhagahu" jedhudha. Waliin dubbii Bofaaf Hewaaniin osoo hin dhagahiin seenaa Addaamii fi Hewaan Gannata keessaa ari'amuu isaanii hubachuuf kan danda'u akkuma hin jirre, waliin dubbii Gabri'eelii fi Giiftii keenyaa osoo hin dubbisiin dhalli namaa gara Gannataatti galuu isaa fi seenaa dubbii fayyinaa hubachuu kan danda'u eenyu iyyuu hinjiru.


➲Abboonni keenya, "Dubroo Maariyaamii raajii ishee kan tuffatan nama ta'uu Ilma Waaqayyoo amanuu keessaa kan ba'anidha" akkuma jedhan ajaa'iba guddaa kan jedhame, "Ulfaa'uu Dubroo fi Ilma dhiiraa da'uu ishee" namni hin hubanne dubbiin Kiristoos isaaf galuu hin danda'u. Namni tokko afuura "Kiristoos fooniin akkanni dhufe amanu" qabaachuu kan danda'u, waa'ee Durbee Maariyaamii ishee fooniin irraa dhalate gaafa amanu qofaadha.


➲Ganiinsawwan dubbii Kiristoos irratti bara dhufee darbu ka'anis ta'e deebiiwwan isaanii Dubbii Maariyaamii wajjin hidhata kan qabanidha. Namoonni walooma [Hypotatic Union) Kiristoos Waaqa gonkaa, nama gonkaa ta'uu isaa ganan, "Deessuu Waaqummaa" (Theotokos) ta'uu ishees in ganu jechuu dha. Ginoostikoonni ganinsa isaan, "Nama fakkaate malee nama hin taane, qaamni qaqqabamaan kan xuraa'e waan ta'eef , Waaqni namaan tokkoomuu hin danda'u" jedhanii Kiristoos irratti barsiisan (Docitism), "Afuurri Qulqulluun irra buufatedha malee waaqa miti" jedhaniis ganiinsi barsiisan (Adoptionism) kallattiidhaan Dubbii Maariyaamii kan xuqu yoo ta'u , deebiin isaas Dubbii Maariyaami, "Isheerraa foon fudhateera; waloomeera; isheerraa kan dhalate kan Afuurri Qulqulluun irra buufate utuu hin ta'iin , Waaqa Isaan (Afuura Qulqulluutiin) jiraataa ta'ee jiraatudha" kan jedhudha. Kanarraan kan ka'e Dubbii Maariyaamii barachuun waa'ee Kiristoos barachuudha.


✝️Dubbii Maariyaamii Fi Dubbii Koorniyaa [saala]✝️

[Mariology and Gender]

➲Namoonni dubartummaa leellisan (Feminists) kakuu moofaa irraa jalqabanii, yommuu kitaaba qulqulluu dubbisuu jalqaban waan isaanitti hin tolle hin dhabani. "Jalqaba Waaqayyo samiif lafa uume" jecha jedhu yommuu argan "Waaqayyo koorniyaa hinqabu taanaan, ramaddii dhiiraatiin 'Uume' amma jedhu maaliif 'uumte' hin jenne jedhamee hin barreeffamne?" jechuu irraa jalqabu.

➲Qulqulluun Gorgooriyoos Inni Nusiis deebii isaa shakkitoota "Waaqeffattoota maqaa-Name worshippers" jedhamaniif kenne irratti akkuma ibse , maqaa Waaqayyoos ta'e koorniyaa afaan ittiin Kitaabni Qulqulluun barreeffameen madaaluu hin dandeenyu. Aadaan afaan ittiin kitaabni qulqulluu barreeffame Ibiraayisxii fi Giriikiin ramaddiin koornayaa "si ykn ishee" jedhu waan jiruuf Waaqayyo isa tokkoon barreefameera malee Waaqayyo aadaa afaaniin hin madaalu. Fakkeenyaaf Kitaabni qulqulluun afaan akka Arman isa ramaddii koorniyaa dhiiraaf dubartiirraa walaba ta'een (Gender neutral) utuu barreeffameera ta'eetii Waaqayyoon akka koorniyaa dhiiraattis, dhalaattis barreeffamee hin argannu turre jechuudhaafidha. 

➲Yommuu deebiin kun kennamu, gaaffiin falmitootaa itti fufa; Waaqayyo yommuu nama ta'ee hoo maaliif , "Ilma dhiiraa" ta'ee mul'ate? jedhu. Kun kan ta'eef ammoo akka icciitiin wal hin makneef (Metaphorical correctness) dha. Akkuma beekamu manni kiristaanaaa raajii dursee isheef dubbatame hundaan misirrittii taatu Kiristoos ammoo misirroodha. Qulqulleettii mana kiristaanaa irraa cuuphaatiin kan dhalannu kiristaanonni ammoo ijoolleedha. Haati keenya misirrittii mana kiristaanaa akka isheen taatuuf ammoo misirrichi dhiiraan ibsamuu qaba. Akkasumas hangafa lubaa aarsaa bara baraa kan isaa kakuu moofaa irra caalu dhiyeessuuf kan dhufedhaatii isa ture irratti lubummaa haaraa hin jijjiiramne agarsiisuuf koorniyaa dhiiraa kan lubummaan ittiin kennamaa tureen nama ta'eera.

➲Gaafattoonni dhimma walqixxummaa dubartootaa seenaawwan kakuu moofaa keessatti dubartiin dhiira irraa kan argamte ta'uushee, dubartiin gannataa ba'uu Addaamiif sababa ta'uun ishee yeroo hundaa kan himamu ta'uusaan, "Waaqeffannaan Waaqayyoo kitaaba qulqulluu irraa amantaa koorniyaa dhiiraa gidduu-galeeffate (Masculin centric)" jedhanii ceepha'uuf yaalaa turaniiru. Haa ta'uutii kana hundumaaf Durbeen Maariyaamii deebiidha. Wareegamaan Yoosxoos, jaarraa jalqabaarratti birqabaan akkuma ibse , dubartiin dhiira irraa kan argamtedha jedhanii dubartootarratti of jajuun kan inni dhaabbate erga Durbeen Maaramiin sanyii dhiiraa malee Addaam isa lammaffaa argamsiisteen booda dha.

➲Dubartiin kufaatiif sababa jedhamtee akka waan hin turreetti fayyuu keenyaaf sababa taate. Kanaafuu, "Waa'ee Hewaaniif balballi Gannataa cufame; deebi'ee ammoo karaa Durbee Maariyaamii nuuf baname. Muka jireenyaa irraas akka nyaannuuf mitii! Kunis waa'ee nu jaal'achuusaaf dhufee kan nu fayyise kabajamaa Foon fi qulqulluu Dhiiga Kiristoosidha.  . . . Baay'inni ogummaa Waaqayyoo hagam nama haa dinqu gadameessi miixuuf ciniinsuun, gadadoo lapheetiin akka deessuuf itti murtaa'e argamsa jireenyaa taate; amalummaa keenyarraa abaarsa kan nuuf fageessu sanyii dhiiraa malee nuuf deesse" jenna kadhannaa keenya Galata Maariyaamii irratti.

➲As irratti waan tokko haa taajjabnu; namni tokko tokko, "Hewaanii Gannata keessaa bahuu fi kufaatii dhala namaatiif sababadha" yommuu jedhamu shakkiif gaaffii malee amanu. "Dubroo Maariyaan dhalli namaa Gannata galuusaatii fi fayyuusaatiif sababadha" yommuu jedhamu garuu gaaffii kaasu. Gumaacha Hewaan isheen Addaamirraa argamte sagalee Bofaa dhageessee akka Addaam muka balasiin nyaatuuf taasifte caalaa, gumaachi Dubroo Maariyaamiin sagalee Gabri'eelii dhageessee Kiristoosiin argamsiisuun fayyuu dhala namaatiif taasifte hin caaluuree? Waanuma fedheef iyyuu Dubroon Maariyaam akka kiristaanummaan amantaa dhiirota giddu galeeffate hin taaneef sababa kan taatee fi ilmaan namootaa hundaaf qofa utuu hin ta'iin dubartoota hundumaaf jajannaa kan taatedha. Dhugaasaaf taanaan, guyyaa dubartootaa jedhamee kabajamuu kan qabu ture guyyaa dubartiin itti kabajamte guyyaa dhalachuu Dubroo caamsaa tokko ture.


✝️Dubbii Maariyaamii Fi Dubbii Mana Kiristaanaa✝️

[Mariology & Eccelesiology]

➲Dubbiin Mana Kiristaanaa kutaa barumsaa kiristaanummaa keessatti bakki guddaan kennamuufidha. Barumsi guddaan mana kiristaanaa kun garuu Dubbii Maariyaamii malee jiraachuu hin danda'u. Manni kiristaanaa qulqulleettiin dur irraa amma har'aatti kan isheen ishee fakkaattuu fi fakkeenyummaa taasifattee jireenya ishee jiraachuudhaaf kan isheen tattaaffattu fakkeenyi ishee Qulqulleettii Durbee Maaariyaamidha. Ka'umsuma isaa irraa yoo jalqabne, Giiftiin keenya isa bakka hundumaa guutee jiruu fi Waaqa hunda hundaan guutu gadameessa ishee keessatti kan dandeessee fi kan murteessitedha. Manni Kiristaanaa ogummaa bultoo waaqaa ta'uu Dubroo Maariyaam irraa baratte kun Kiristoosiif, "Qaama isaa fi hunda hundumaatiin isaaf guutuu isaa ti" (Efe. 1:23); bakka hundumaa kan guute osoo ta'ee jiruu mana kiristaanaa keessa jira jedhama.

➲Manni kiristaanaa bultoo Waaqayyooti yommuu jennu garuu Dubroo Maariyaamiin qixxeedha jechuu keenya miti. Qiddaasee keenya gidduutti kutaa lubni ixaanaa aarsaa ‹ንስግድ-ni sagadna" jechaa yeedaloo miidhagaan amantootaa wajjin wal jalaa qabaa, "ሰላም ለኪ ቅድስት ቤተ ክርስቲያን ማኅደረ መለኮት-Nagaan siif haa ta'u Qulqulleettii mana kiristaanaa bultoo Waaqummaa;  ሰአሊለነ ድንግል ማርያም ወላዲተ አምላክ; Nuuf kadhadhu Dubroo Maariyaam haadha Waaqayyoo›› akkuma jedhan manni kiristaanaa #bultoo Waaqayyoo yoo taatu Dubroo Maariyaam garuu #haadha Waaqayyoo ti. Manni kiristaanaa Kiristoosiif: bultoosaa , misirroosaa , qaamasaa taate malee , haadhasaa hin taaneetii kabajaa mana kiristaanaarra kabajaa Dubroo Maariyaamiitu caala.

➲Manni kiristaanaa guddummaa Durbee Maaramii sirreessitee beektu kun Dubroo Maariyaamii ni kabajji; ni jaal'atti; ishees fakkaachuudhaaf yeroo hundaa tattaaffatti. Manni kiristaanaa yammuu Dubroo Maariyaamiin sanyii dhiiraa malee hojii Afuura Qulqulluutiin deessu argite kiristaanota Kiristoosiin fakkaatan Afuura Qulqulluutiin cuuphaatiin sanyii dhiiraa malee deessi. Dubroo Maariyaamiin haadhas durbas ta'uu ishee argiteettii tii manni kiristaanaas , cuuphaatiin baay'olii deessee qulqulleettii durbummaan shee hin diigamne, Qulqulleettii fafniif xuraa'inni isheerra hin jiraanne taatee ni jiraatti.

➲Dubroon Maariyaam akkuma gadameessa ishee keessatti Gooftaa ulfooftee battaluma sanattis gara biyya baddaa Efireemitti kiiloomeetira baay'ee imaltee turte. Gara mana Eelsaabeexittis yommuu ol seentu sagalee nageenya isheetiin Afuurri Qulqulluun Eelsaabeex maanguddittii keessa guutee akka isheen sagalee guddaadhaan iyyitu Yohaannis inni gadameessa ishee keessa jirus akkanni burraaquuf sababa taatee turte. Barumsi guddaan manni kiristaanaa Dubroo Maariyaam barattus kanadha. Keessoo isheetti Gooftaa baattee magaalaa taa'uu hin qabdu; gara baadiyyaatti sussuktee oduu Waaqa ishee bultoo taasifatee lallabuu, Afuura Qulqulluu hiraa namoota cubbuutiin moofa'an akkasaan galataaf iyyan gochuu, warra sammuudhaan ammayyuu umurii ulfaarra jiran daa'immaniinis cuuphaadhaan gammachuun akka isaan iyyan gochuun hojii mana kiristaanaa ti.

➲Dubroon Maariyaan Waaqayyoon keessoo isheetti baattee callisa gonka ta'e keessa turte. Ergamoonni Waaqa gadameessa ishee keessa jiruuf yommuu isaan faarfatan gad jettee dhaggeeffachuun alatti Giiftii-nageettii waan hundumaa yaada yaada ishee keessatti eegaa turtedha. Manni Kiristaanaas keessoo ishee Waaqayyo buufatee, ergamoonni ishee keessa hafatanii sagaleema tokkoyyuu kan hin dhageessifne, ishee keessatti kadhatanii haa hafuutii namootuma callisanii dallaa ishee keessa taa'aaniif iyyuu nageenya kan laattu dha. Kun hundumtuu kan inni argame garuu Dubroo Maariyaamii irraati.


✝️Dubbii Maariyaamii Fi Kiristoosiin Fakkaachuu✝️

➲Kaayyoon kiristaanaa hundaa Kiristoosiin fakkaachuuf akka ta'e ifadha. "Anarraa baradhaa" kan jedhe gochaan kan barsiisu Fayyisaan Adddunyaa Kiristoos, jireenya inni lafarratti jiraate fakkaannee akka argamnuuf irra deddeebi'ee barsiiseera. Qulqulloonnis, "Ani akkuman Kiristoosiin fakkaadhu isinis anaan na fakkaadhaa" jechaa warra isaan maddii jiraniif barsiisaa turaniiru. Kiristaanni waa'ee Kiristoosiin fakkaachuu yaadu hunduu jalqaba gara sammuu isaatti kan dhuftu mana qulqullummaa Kiristoos Deessuu Waaqaa Dubroo Maariyaamiidha. Isa kaan iyyuu dhiisnee lafarratti abbaa kan hin qabne Kiristoosiif maatii isaa tokkittii kan taate Dubroon fooniin bifa Kiristoosiin fakkaatu kan qabdu ishee qofaa akka taate yaadachuutu nurra jira.

➲Qulqullummaa jireenya isheetiinis Ergamootaan , "Kan eebbifamtedha" jedhamtee kan isheef faarfatame qulqulleettii fakkaattii hin qabnedha. Osoo Waaqni akka isheen haadhasaa taatuuf ishee filatee jiruu illee sheen garuu "Garbittii Gooftaa; Garbittittii" jettee kasoominaan kan of waamte; uumaa ishee deessee takkuma illee kan ol of hin qabne; bultoo Waaqayyoo taatee utuu jirtuu dhufanii na haa gaafatani utuu hin jedhiin qofaa ishee kiiloomeetira dhibbaaf soddoma imaltee Eelsaabeexiin kan iyyaafattee fi kasoominaan gugguuftee kan nagaa gaafatte, dubbiin Dubroo dubroota dachee irra kan jiraatan hunda keessaatii baay'ee gad of qabduu taate kun waa'een ishee akkamitti kiristaanota hundumaaf salphaa ta'uu danda'a?

➲Waa'ee Kiristoosiif jedhanii arii'atamuu sirriitti barachuuf kiristaanotaaf ishee caalaa fakkeenya maaliitu jira? Jilba ishee karaatti hin barreen guungummii tokko malee gara gammoojjii Gibxitti Ilmashee hammattee Dubroo jaawwarte , Kiristoosiif jecha gidiraa fudhachuudhaaf, godaanuudhaaf, beela'uudhaaf, dheebochuudhaaf fakkeenya guddoo dha. Warreen Jireenya dubrummaatiin jiraachuu yaadaniif fakkeenyi isheerra caalu eenyutu jira? Haadha gaariii ta'uufis ishee caalaa fakeenya maaltu jira? Dubroon Waaqayyoof haadha ta'uu dandeesse warreen namaaf haadha ta'aniif fakkeenya ta'uuf hin xiqqaattiiree?

➲Warreen kadhannaatti tattaaffatanii uumaa wajjin waliin haasa'uuf fedhaniif Dubroo waggaa soddomaaf Ilma ishee fi Uumaa ishee haasofsiifte caalaa fakkeenya maaliitu dhufa? Warreen namummaa isaanii mana qulqullummaa Waaqayyoo taasisanii qulqullummaan jiraachuu barbaadaniif, "Kan Waaqayyo duumessa ifaan fe'amee dhufee gadameessa ishee keessa buufate" Dubroo Maariyaamii irraa kan hafe fakkeenya akkamiitu argamuu danda'a? "Akka Giiftii keenyaa Maariyaamii kan bultoo Abbaa ta'e eenyu dha? Akka Giiftii keenya Maariyaamii kan bultoo Ilmaa ta'e eenyudha? Akka Giiftii keenyaa Maariyaamii mana cidhaa qulqulluu Afuura Qulqulluu kan ta'e eenyudha? Namaaf utuu cubbuu hin hojjetin jiraachuun danda'aamaafii ree? Amaloota torbarraa kan uumame, cubbuus kan hin hojjenne eenyuyyuu hin jiru. Cubbuu yaaduu dhiisuurraa of-eeggachuun Ergamootaaf iyyuu hin danda'aamne. Bara duraatti waan isaaniif hin kennamin fedhanii balleessanii samiirraa gara lafaatti bu'aniiruutii"

➲Kanarraan kan ka'es, Kiristoosiin fakkaachuuf uumamtootaaf uumamtoota keessaa kan argamte fakkeenyi xumuraa Giiftii keenyadha. Kana waan ta'eef, "Kiristaana hundaaf dubbii Giiftii keenyaa dhagahuun salphaa isatti hin fakkaatin ; kabaja guddaadha waan ta'eef"


Madda: "አበረታች መዳድኃኒት እና ሌሎች" ; ዲ/ን ሄኖክ ኃይሌ 

Hiika:Lamessa T. (Dn)

🙏Galanni Waaqayyoof Haa Ta'u; Ameen🙏

Miseensa Chaanela Godoliyaas ta'uuf ►https://t.me/Kalabhiyahu


Report Page