Jawar Mohaammed dhimmi hidhameef 'kan mana murtiitti ilaalamu miti' jedhe - BBC News Afaan Oromoo

Jawar Mohaammed dhimmi hidhameef 'kan mana murtiitti ilaalamu miti' jedhe - BBC News Afaan Oromoo

From

Getty Images

Roobii Adoolessa 29, 2020 yeroo sadaffaaf Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti kan dhiyaatan Obbo Jawaar Mahaammad sababni isaan ittin hidhaman dhimma mana murtiin ilaallamuu qabu osoo hin taanee sababa siyaasaa waltajjii siyaasaan furamu ta'uu dubbatan.

Dhaddacha kaleessaatiin al lama yaada isaanii kan dhiyeessan Obbo Jawaar, dhimma namoota meeshaalee seeraan alaa hidhachiisuu, sabaa fi sablammoota walitti buusuu, miidiyaaleen dhaddacha akka hin seenne dhorkamuu fi dhimma eegdota isaanii dubbataniiru.

Yeroon qorannoo torbee lamaa kennameefii kan ture gareen poolisii qorattootaa mana Obbo Jawaar Mahammad irra deebiin sakatta'uu isaa fi saatalaayitii fi meeshaalee elektirooniksii beekkamtii 'Ethiotelecom' hin qabne argachuusaa hime.

Kana malees hookkara Oromiyaa, Harar fi Dirree Dhawaa tureen namootni 109 du'uu, 187 madaa'uu, siidaawwan lama diigamuu akkasumas manneen jireenyaa dabalatee qabeenyawwan biroo miidhaman irratti ragaalee sanadaa walitti qabachuusaas gareen qorattootaa himeera.

Gama biraatin ragaalee namootaa 25 irraa jecha fudhachuusaa kan hime gareen qorattootaa ragaalee namootaa biroo barbaaduu fi jecha irraa fudhachuuf yeroon dabalataa guyyootni 14 akka kennamuuf gaafate.

Kana malees garee qorattootaa 17 hundeessun kutaalee Oromiyaa garaagaraatti bobbaasuu isaa fi bu'aa qorannoo isaanii eegaa akka jirus poolisiin himeera.

Ragaalee sanadaa dabalataa sassaabuu, meeshaalee elektirooniksii mana Obbo Jawaar Mahaammad argaman qorachiisuu fi haala fayyaa namoota miidhaman irratti ragaa sassaabuunis dhimmoota poolisiin yeroo qorannoo dabalataa itti gaafatedha.

Bu'aaleen qorannoo qorataan poolisii Roobii dhiyeese kunneen daddacha darbe irratti dhiyaataniin adda akka hin taane abukaatoowwan Obbo Jawaar dhaddacha irratti dubbataniiru.

Kana malees bu'aaleen qorannoo dhiyaatan dimshaasha kan ta'an malee hirmaannaa Obbo Jawaar Mahaammad gochaalee eeraman keessatti qaban haalaan kan hin ibsine ta'uu akkasumas ragaaleen sanadaa eenyurraa akka walitti qabaman wanti ibsame akka hin jirres dubbatan.

Dhimmi abukaatoowwan Obbo Jawaar kaasan inni biraan "shakkamaa hidhanii ragaalee namootaa barbaadna jechuun sirrii miti" kan jedhu yemmuu ta'u qorattoota poolisiif yeroon dabalataa akka hin kennamne gaafatan.

Mirgi wabii Obbo Jawaar akka eegamuufis abukaatoowwan isaanii gaafataniiru.

Dhimmi isaanii marii siyaasaan kan furamu ta'uu kan dubbatan Obbo Jawaar, dhimmi isaanii kun ta'e jedhamee filannoo keessaa isaan hambisuuf raawwatamaa kan jiru ta'uu himan.

Meeshaalee elektirooniksii mana isaaniitii argamanin walqabatees karaa seera qabeessa ta'een ashuuraan itti kaffalamee kan seenan fi daayireektara OMN ta'uu isaaniitin kan seenan ta'uu dubbatan.

Gama biraatin dhaddachi miidiyaalee mootummaa qofaaf banaa ta'usaa kan eeran Obbo Jawaar, miidiyaalee mootummaatiin maaqa balleessin irratti raawwatamaa jiraachuu himan.

"Himatni mootummaa qofti akka dhagaahamu taasifamaa jira. Dhaddachi miidiyaalee hundaaf banaa yaa ta'u yookin ammoo miidiyaaleen hundi yaa dhorkaman" jechuunis mana murtichaa gaafatan.

Dhimmi miidiyaalee kun dhaddachawwan Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaa Garbaa irratti kanaan duras ka'aa ture.

Abukaatowwan Obbo Jawaaris miidiyaalen idil-addunyaa gara dhaddachaa seenanii akka hin gabaasne dhorkamuu isaanii fi manni murtichaas dhimmicharratti ajaja akka barreessuf gaafatan.

Dhaddachichi miidiyaalee maraaf banaa akka ta'e kan himan abbaan seeraa dhimmicha of harkaa qaban "miidiyaan seenuu dhorkameera jedhu yoo jiraate iyyatasaa mana murtichaaf yaa dhiyeeffatu" jedhaniiru.

BBC'n Wiixata darbe dhimma Obbo Baqqalaa Garbaa hordofuuf gara Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa deemus "maqaan BBC waraqaa irra hin jiru" jechuun gara dhaddachaa akka hin seenne poolisootan dhorkamee ture.

Isa booda gaafii Mana Murtichaaf dhiyeessineen oolmaa dhaddacha Obbo Jawaar Mahaammad akka gabaasnu nuuf heeyyamameera.

Gareen qorattootaa shuguxiiwwan torba to'annoo jala oolche irratti qorannoo 'forensic' taasisuun mallattooleen warshaa itti omishamanin ala ta'e irratti kan maxxanfame fi seeraan ala ta'uu isaanii himeera.

Haa ta'u malee Obbo Jawaar Mahaammad shuguxiiwwan kunneen Poolisii Federaalaa irraa eegdota isaaniif kan kenname ta'uu dubbatan.

Namootni 'seeraan ala hidhatan' jedhames eegdota isaanii kan gariin isaanii miseensa Poolisii Federaalaa turan fi marii Komishinara Poolisii Federaalaa walin taasisanin isaan eegaa turan ta'uu, kan biroon immoo miseensota raayyaa ittisa biyyaa kabajaan kan gaggeeffaman fi kan biyyattii tajaajilaa turan ta'uu himan.

Obbo Jawaar Mahaammad dhimma sabaaf sablammoota gidduutti akkasumas amantaalee gidduutti walitti bu'iinsa uumuu jedhu irrattis kan dubbatan yemmuu ta'u sabaaf sablammoota gidduutti nageenyi akka jiraatuf naannolee garaagaraa keessa socho'uun hojjechuu isaanii dubbatan.

Gara biyyaa erga seenanii waggoota lamaan darban keessatti waldhabdeen naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduutti uummamee ture furuuf dhama'uu isaanis himan.

Yaadawwan qorattootaa, kan abukaatoowwan fi Obbo Jawaar kan dhagahe Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa 'qorannoof yeroon dabalataa ni barbaachisa' jechuun yeroo qorannoo guyyoota 12 kennee Hagayya 05 bara 2012'tti beellama qabateera.

Report Page