JIREENYA KEE HAAROMSII

JIREENYA KEE HAAROMSII

Nazir Umer


KUTAA 4ffaa(isa xumura)


4. Namoota biroo waliin of bira of hin qabin-


Wantoonni akka ol hin guddanne nama qancarsan

keessaa tokko namoota nu olii ilaalun, uuff akkamitti bakka kana gaha, nama akkanaa ta’uu hin danda’u jechuun sammuu fi ija keenya cuufnudha. Kun yommiyyuu ta'u hin qabu. Wanti beeku qabnu namni nuu olii sun yeruuma tokkotti bakka san hin geenye. Akkuma keenya kaleessa innis nama dadhabaa fi waa hin beekne ture.

Sababa carraaqqi isaatin Rabbiin ol guddise. Innis carraaqe bakka kana gahe. Nuti hoo maaltu nu dhorka? Yeroo walqixaa qabna, garu walqixaa itti fayyadama jirra? Carraaqqii fi tattaaffin sa’aati sa’aatin, guyyaa guyyaan , torbaan torbaanin, ji’a ji’aan, wagga waggaan walitti kuufamanii milkaa’inna ijaaru. Atillee guyyaa guyyaan yoo carraaqxe In Sha Allah guyyaa tokko milkaa’innaa fi gammachuu barbaaddu ni arkatta.

Gudunfaa

Jireenya keenya guyya guyyaan haaromsuuf carraaqun milkaa’innaa fi gammachutti nu geessa. Haroomsi guddaan haroomsa qalbiiti. Qalbiin motora jireenyati. Yoo ishiin badde wanti hunduu ni baddi. Yoo ishiin tolte wanti hunduu ni tolti. Qalbii keenya qulqulleessuf yoo carraaqne, jireenya keenya haaromsuuf tarkaanfi isa jalqabaa fi murteessaa fudhacha jirra jechuudha. Fallaa kana ta’ee qalbii teenya yoo irraanfanne, jireenyi keenya moofa fi jibbisisaa ta’aa adeema.

Kabajamtoota fi jalleewwaan channel kana kan taatan hunda, warra waan dubbisee irra baratee itti fayyadamu Rabbi nuu godhu, jireenya keenya haaromsuuf haa tattaafannuu.

✅Hirriyyoota keetifis share godhu hin dagatiin🙏🙏

➡Warra waan dubbisee, hubatee itti dalaguu Rabbi nuu haa godhu🙏🙏🙏

✅Xumurame🤗🤗

👉Join us👇👇

↔@Unitytube1❤❤

↔@Unitytube1❤❤

↔@Unitytube1❤❤

Report Page