Inaaffaa

Inaaffaa

Dn Misganu Mulatu

✍️ Dn Baacaa Nagaasaa

Gaafa ilmi/mucaan inni bade sun argamu (galu) obboleessi isaa inni angafti duraan mana ture ni dhukkubsate — Dhukkuba inaaffaa! 

Yeroo ollaan illee gammachuu isaanii ibsatanitti obboleessi inni angafti garuu argamuu obboleessaa isaatti gadde! Fuulli isaas gurraacha’ee inaafe! 

Inaaffaan dhukkuba baay’ee hamaadha. Inaaffaan cubbuu fokkisaadha. Ejjii fi machiin qaama keenya bakkee ykn foon keenya irratti wanta mul’atudha (Foon keenyaan kan raawwannudha). Inaaffaan garuu, summii lubbuu keenya ishee hubattuu fi yaadduu taate keessatti biqiludha! 

Qaayeliin obboleessa isaa isa garraamii Abeel irratti kan garaa jabeesse inaaffaadha! Milkaa’inni Abeel Qaayeliif kufaatii ta’ee waan itti mul’ateef, inaaffaadhaan irratti ka’ee ajjeese! Inaaftotni, milkaa’ina ofii isaanii caalaa kufuu namaatti gammadu! Inaaftotni, eebba ofii isaanii caalaa abaaramuu namaatti gammadu! 

Qoloon (ቀሚስ) miidhagduun halluu adda addaa qabdu kan Yooseef uffate sunis obboloota isaa biratti jibba isaaf buufte. Yeroo Yooseef qolottii uffatee mul’atu iji obboloota isaa immoo dhiiga uffaata! 

Haadhookoo! Yeroo ati faayamtee miidhagdee mul’attu kan ijji isaanii dhiiga uffatu, kan “Osoo du’ee maal ta’aa?!” jedhanii badiisa kee hawwan, osoo ati moofaa uffattee kan gammadan fakkaattotni obboloota Yooseef har’as hedduutu naannoo kee jira! 

Yooseefis boqotee hin teenye! Ganama ganama ka’ee abjuusaa (manaamasaa) itti hima ture. Obboloonni isaa garuu, “Waa’ee abjuu isaatiif, ittuma caalchisanii isa jibban.” jedha kitaabni qulqulluun (Uma.37:8).

Abjuukee callistee nama hundatti hin himatin! “Abjuu” yeroon siin jedhu, isuma halkan hirriba keessa taatee argitu qofa siin jechuu koo miti. Mul’ata kee, karoora kee, kaayyoo kee, abdii kee, aggaammii kee . . . jechuu koo akka ta’e na hubatta jedheen yaada. 

Eeyyee isa kana siin jechuu kooti. Isa kana namuma argitetti hin himiin! Kaayyoo fi karoora kee, Mul’ataa fi aggaammii kee, abjuu fi abdii kee gaafa dhaga’an (baran) kan hoollatan, kan ija sitti diimeffatan, kan akka obboloota Yooseef hedduutu jira! 

Hiikni abjuu keetii yoo isaaniif galuu didellee akkasumaan osoo abjuun kee hiika hin argatiin, si jibbu! Si ukkaamsuu fedhu! Abjuu kee fashaleessuuf kaayyoo kee si hanqisuuf ifaaju! Osoodhuma ati homaa hin godhiin “Maaliif abjo’attee?” jedhanii ilkaan sitti ciniinnatu! 

Namoonni hedduun immoo xumura (dhuma) kee arguu ni barbaadu. Si quunnamee (mudatee) hin beekuu?! Namni “Dhumuma kee na haa agarsiisu!” siin jedhee hin beekuu?! Hundumtuu gaarummaaf waan akkas jedhu sitti fakkaataa? Eeyyee! Tarii namoonni gammachuu kee, milkaa’ina kee arguu yaadan muraasni jiraachuu malu! Garuu na amani hedduun namootaa milkaa’uu kee, galma ga’uu kee, akka alaabaa ol kaatee, akka addeessaa iftee mul’achuu kee, qofa arguu barbaada hin se’iin. Abjuun kee karaa irratti hafee, milkaa’ina dhabdee, galma kee hanqattee, namaa gadi taatee, yeroo ati siqiqxu arguu kan hawwan hedduudha! Kun hundumtuu immoo inaaffaarraa madde! 

Inaaffaan baay’ee ulfaataadha! Tiksitichi Daawitis gaafa Gooliyaadiin ajjeese weedduun, jibba isatti harkise weeddifameefii ture! 

Dubartoonni sunis, “Saa’ol kumaatama ajjeeffate, Daawit garuu kuma kumaatamaa ajjeeffate” jedhanii, wal harkaa fuudhanii weeddisu turan. Weedduun kun Saa’ol bira yemmuu ga’u, Daawwit irratti eeboo hedduu darbachiise. Saa’ol, “Anaaf kumaatama, Daawitiif garuu kuma kumaatamaa lakkaa’an, mootummicha fudhachuu malee, maaltu isa hafe!” jedhe. Yeroo sanaa jalqabee Saa’ol ija inaaffaatiin Daawitin ilaalaa ture. Borumtaa isaa afuurri hamaan Waaqayyo biraa Saa’olitti ergamnaan, utuu Daawit akkuma amala isaatii kiraara rukutaa jiruu, Saa’ol mana isaa keessatti akka nama maraateetti raajii dubbate; yeroo sanattis eeboo of harkaa qaba ture. Inni yaada isaatti, “Daawitin keenyanittan fayyisa!” jedhee, eeboo isaa itti darbate; Daawit garuu si’a lama isa jalaa miliqe. Waaqayyo sababii Saa’ol irraa fagaatee Daawitii wajjin jiraatuuf, Saa’ol isa sodaate (1Saam.18:7-12). 

Haadhookoo! Anii fi atis har’a Saa'oloota hedduu of cinaa qabna! Yeroo namni kan biraan isaan caalaatti jejamu (galateeffamu) eeboo kan darbatan, billaa kan luqqifatan Saa’oloota hedduutu jira. 

Himatni/qeeqni Yihuudonni Kiristoos irratti dhiyeessan, seeraaf quuqamuurraa kan madde sitti fakkaataa?! Lakki! Seeraaf quuqamanii osoo hin taane, inaaffaadha. Kitaabni qulqulluun “Inaaffaadhaan isa irratti ka’anii dabarsanii akka isa kennan Philaaxoosiyyuu beeka ture” jedha (Maat.27:18). 

Eeyyee diigamuu sanbataa, Qeesaariif gibira kaffaluu, mana qulqullummaa diigame guyyaa sadaffaatti deebisee ijaaruu... kkf akka waan isaan aarseetti “uuu” jedhanii yoo dubbatan iyyuu dhugaan dubbichaa garuu sana miti. Inaaffaadha! 

Har’as namoonni tokko tokko inaaffaa keessa isaanii waan biraadhaan (seerota amantiitiin) haguuganii akkuma Yihuudotaa qeeqaan ibsatu! Akka waan seera mana Waaqayyootiif dhimmamanii (quuqamanii) fakkaatanii, waan seera Waaqayyootiif dhukkubsatan fakkaatanii inaaffaa fi jibba keessa isaanii calaqqisiisu! 

Jaalakoo! Anii fi ati nama kan biraatti inaafna yoo ta’e kottu ni dhiifna! Maaloo dhukkuba kaanserii isa keessa namaa nyaatee fixu kanarraa of haa baraarru! 

Abidda inaaffaatiin akka hin gubanneef namoota kan biroos haa jaallannu! Jaallanneerra taanaan immoo “Jaalalli hin inaafu!” jedhamee barreeffamee waan jiruuf milkaa’ina isaa madda gammachuu keenyaa haa taasifannu! 

Gara dubbii keenya jalqabaatti haa deebinu! Egaan mucichi inni angafti sun argamuu obboleessa isaatti, gara mana abbaa isaatti deebi’uu obboleessa isaatti, jiraataa ta’uu obboleessa isaatti gammaduu irra (qooda gammaduu qabu), “Obboleessa koo baga nagaan naaf deebite, qofummaan natti dhaga’amee ture...” jedhee hammatee simachuu irra, galuu obboleessa isaatti inaafee “Manatti ol hin seenu/galu” jedhee ala taa’e. 

Haadhookoo! Sirriitti na dhaga’i! Inaaffaan mootummaa Waaqayyootti akka hin seenne/galle nama gooti. Inaaffaan mana Waaqayyootti akka ol hin galle nama gooti. Inaaffaan gammachuu gooftaa keenyarraa akka hin hirmaanne nu gooti. Inaaffaan foon hoola tuntunoo xobbaallaa isa Addunyaa kanaaf qalame sanaarraa akka hin nyaanne, dhiigasaas akka hin dhugne nu gooti. 

Eeyyee milkaa’uun obboleessa keenyaa nu inaafsisa taanaan, guddachuun/jijjiiramuun obboleessa keenyaa nu inaafsisa taanaan, fayyuun obboleessa keenyaa nu inaafsisa taanaan, namoota hedduu biratti jaalatamuun obboleessa keenyaa nu inaafsisa taanaan... nutis akkuma mucicha sanaa ala teenya jechuudha! Mootummaa waaqayyoo keessaas ala taane jechuudha. Kanaafuu, manatti akka ol seennuuf, foon hoolichaas akka soorannuuf, warra gammadan wajjinis akka gammadnuuf inaaffaa of keessaa haa baafnu! 

✍️ Dn Baacaa Nagaasaa; Onkoloolessa 24/2015; Gaambeellaa, Itiyoophiyaa!

Kun anaaf barreeffama xumuraa isa ani post godhe ta’uuf gorsaaf post tokkitti qofatu na hafa!

Report Page