Hamiltan tv

Hamiltan tv


SEENAA UMAR IBINUL KAXXAAB
〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰
Kutaa 4⃣ffaa
〰〰〰〰〰〰

muslimtoonis akka inni amanuu dhufe beekanii jennaan gammadan umaris achumatti islaamahee hojii eegale. Umar yeroma san; “gadi baanee islaamummaa keenya haa
mul’ifnuu jedhee sahaabota sarara lamatti qoode. Sarara tokkoffaa, ofii hogganee sarara lammaffaa Hamzaan hogganaa, haala saniin islaamummaa yeroo dheeraaf dhokatte ifatti baasan. Mushriktoonni Makkaa humna jabeeffatuu islaamummaa arginaan hedduu rifatanii gaddan.

Keessaahuu islaamawuun Umariifi Hamzaa hamilee isaanii kan islaamuummaa bariin
balleesina jedhanii dhaadataa turan hamilee cabsite. Islaamummaan akkuma doqna arjoomsitu, luyna gootomsitu Umariinis Leenca islaamaaf bookkisu gootee isa jijjirte. Kan dur ergamaa Rabbii ajjeesuuf halkaniifi guyyaa hirriba dhabaa ture, amma isa tiiksuuf lubbuu, ijoolleefi dinagdee isaatiin kan akka utubaatti islaamaaf dhaabbatu ta’e.

Gara jabummaan dur ummata islaamaatif qabu mi’aan qur’aanaafi dhugaan diin islaamaa onnee isaa wasaka kaafirummaa keessaa dhiqxe. Hamma Gaala dhukkubsatu bira taa’ee imimmaan isaa jiksuti isa jijjiirte. Hamma uumamnii cufti Rabbiif akka bultu hawwu takka gahe. Onneen isaa iimaanaan daraarte.



Godaansa /Hijraa\ Umar

Rabbiin Hijraa/godaanssa/ hayyama godhee sahaabonni hundi dhokatanii kara Madiinaa godaanan: Umariin male; Umar garuu guyyaa godaansaaf ka’e seyfii isaatiif eeboo isaa qabatee ka’abaa yeroo torba irra xawaafee
(naannawee) mushriktootaan akkana jedheen:

namni Haati isaa isa haa dhabduu fedhe, takki “namni jaartiin isaa harmallaa haa taatuu fedhe kan ijoolleen isaa yatiima haataatuu fedhe, laga duubatti na haa eegu.” jedhee deeme. Hundi mushrikootaa sodaatanii dhiisan. Godaansi isaa sodaa mushriktootaatiif hin taane, ajaja Rabbii guutuuf qofa malee.


Ummanni Ansaaraa Umariif biyya qofa osoo hintaane, onnee isaaniillee bananiifii gammachuufii mirqaansaan isa simatan. Inni garuu waan jaalalleen isaa nabi Muhammad ﷺ irraa Makkatti hafeef gammachuu guddaa dhagahuu hindandeenne.

Yeroo muraasaan booda nabi Muhammadiifi ﷺ Abbaan Bakriitis kara Madiinaa godaanan. Sana booda Rasuullii ﷺ Abbaa Bakrii fi Umariin Waziira (ministeera) godhatee
haala saniin islaamumma jabeessaa turan.

Sadarkaa Inni Nabii biratti qabu

Itti fufa....

Report Page