Guyyaa Dhalootaa Kabajachuun Kiristaanumaatiin Akkamitti Ilaalama?

Guyyaa Dhalootaa Kabajachuun Kiristaanumaatiin Akkamitti Ilaalama?

Lamessa Teshome

➠Baroota as dhiyoo kana immoo ayyaanonni nutti baay'achaa dhufaniiru. Baby shower day, Valentines day, birth day, aaniversary day, maalii day maalii day akkaa jedhan guyyoota jireenya keenya hunda ayyaana qofaa godhaniiru. Day day kan jedhu ergifata kan nutti dhufan malee duraan aadaa fi safuu hawaasa keenyaa keessa akka hin turre agarsiisa. Ergifachuun, irraa barachuun gaariidha; wanti hunduu walirraa baratamee yoona gaheera. Garuu akkamitti ergifatamuu, akkamitti baratamuu qaba wanti jedhu ammayyuu gaaffiidha. Keessumaa kiristaanonni waan akkasii xiyyeeffannoon ilaaluu qabu. Miidiyaan har'a addunyaa gara mandara tokkootti fiduuf yaalaa jiru kunis haalaan yoo hin qabamne kiristaanummaa keenyarratti rakkoo hamaa uumuu danda'a. Uumaas jira.


➠Wantoota gara keenya dhufan kana gaafa ilaallu baay'een keenyi irraa barannee, nu fayyada jennee taasisaa waan jirru osoo hin taane akka waan gabrummaadhaan nutti fe'ameetti taasisaa jirra. Kana kan nutti mul'isan immoo namni nyaata wabii guyyuu isaa illee sirriitti hin mirkaneeffanne birth day, anniversary day, maali day jedhee ayyaaneffachuuf liqii deema. Haala rakkisaa fi yaaddessaa kana keessatti ayyaaneffachuuf dirqamuun keenyi al kallattiidhaan bitamuu keenya mul'isa. Gabrummaa jechuunis osoo hin jaalatiin, kan si miidhu illee hojjechuu jechuudha. Kana qofa miti biyya kana keessa #gifii hedduutu jira. Namni hiyyeessa karaarraa fi balbala isaarra taa'ee beela'uuf garaa hin laafne maal day maal day jedhee kabajuuf garuu baasii hammam illee yoo baase isa hin gubu. Kunis gabroomuu keenya agarsiisa. Sababni isaa herreguma kamiin iyyuu namaaf nama caalaa wanti qaaliin hin jiru, kanaaf harki nama kanaa gara nama beela'e kanaatti diriiruu qaba ture. Garuu wantoonni barbaachisummman isaanii namaa gadi ta'e day day jedhanii harka isaa qabanii jiru. 


➠Biyya kana keessatti wanti nama ajaa'ibu tokko immoo jira. Manni Kiristaanaa Ortodooksii ayyaana baay'iste, guddina biyyaa duubatti hanbiste jedhamtee baroota hedduudhaaf himatamaa turteetti. Yeroo ammaa kana garuu ayyaanota akka dhuunfatatis, akka waliigalaattis kabajaman kan biyyoota dhihaa (westerns) akka lolaa gannaa nutti yaa'aa jiranirratti namni afuura marqaa baafate hin jiru. Hunduu ittiin gabroomaa jira. Nuunis suutuma suuta osoo hin beekiin nu booji'aa jiru. Wanti nama ajaa'ibu immoo manni kiristaanaa gaafa ayyaanota ishee kabajju baay'een isaa soomiidhaanidha, isarra darbee immoo namoota dhaban yaadachuudhaanidha. Ayyaanonni barri nutti fide kun garuu warri dhugaatiiwwan qaqqaalii (kan akka wuskii) tiin kabajaman hafee gatiin keekii tokkoof bahu iyyuu mudhii nama kuta. Warra beela'e akka hin yaadanneefis balbala nutti cufaniiru. Warri mana kiristaanaa himachaa turan sun akka dogoggoraniiran har'a isaaniif gala jedheen yaada.


➠Yaada waliigalaa kanaan yoon xumuru, wantoonni kun kiristaanummaa keessatti hoo akkam ta'uu qabu, akkamitti ilaalamuu qabu yaada jedhutti yoon deebi'u; kiristaana tokkoof jireenya isaa keessatti hojii manaa guddaan yeroo hundaa waan Waaqayyoon gammachiisu barbaaduudha. Kunimmoo waa'ee mootummaa isa samii yaaduu fi qulqullummaa isaa barbaaduudhaanidha. " Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama." 

(Maat. 6: 33) akka jedhu. Qulqulluu Phaawuloosis, "Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan #hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!" 

(1Qor.10: 31). Kanaafuu Kiristaana jechuun hojjetaa waan hojjetu hunda ulfina Waaqayyoof hojjetu jechuudha. Kana gochuuf immoo kiristaanni waan isatti fe'ame kan baatu osoo hin taane bakka barbaachisutti (kan Waaqayyoon itti kabajamutti) 'Tole' bakka hin barbaachisnetti immoo 'lakki' jechuun dhiibbaa uumuu danda'uu qaba. Har'a har'a garuu osoo addunyaa gara dhugaatti akka fidnuuf imaanaan nutti kennamee jiruu addunyaa waliin fiiguu fi isheef bitamuun keenya nama gaddisiisa. (Maat. 28:19-20). 


➠Kiristaanni tokko waan tokko hojjechuu yoo barbaade isaaf eeyyamamuu isaa qofa osoo hin taane inni isaaf eeyyamame na fayyadaa laata? Waan jedhu ta'uu qaba. Phaawuloosis, "Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu! in jedhama, garuu wanti hundinuu immoo nama hin fayyadu; "Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!" garuu wanti hundinuu ijaarsaaf hin ta'u" (1Qor. 10:23) jedheera. Eeyyama Waaqayyoo fi jaalala Waaqayyoos adda baasuun barbaachisaadha. Addunyaa kanarratti waan gaarii hin taanes dabalatee waan tokko illee osoo Waaqayyo hin eeyyamiin kan ta'u hin jiru. Kan Waaqayyo hin eeyyamne addunyaa kanatti iyyuu hin dhufne. Garuu Waaqayyo waan eeyyame sana ni jaallataa? kan jedhu immoo gaaffii kiristaanni tokko waan tokko gochuuf dursee of gaafachuu qabudha. Kitaabni Qiddaasee keenyas, "Eeyyama kee fi jaalala kee akka raawwannuuf nuuf kenni" jedha. Walumaagalatti wanta tokko waan gochuu dandeenye qofaaf, ykn immoo waa'een dhorka wanta sanaa kitaaba qulqulluu irratti waan hin barreeffamne qofaaf hojjechuun nurra hin jiraatu. Gaaffiiwwan Waaqayyo ni jaalataa? itti gammadaa? jedhan jireenya keenya dursuu qabu. Kanaafuu ayyaanawwan fi guyyoota yaadannoo day day jedhanii nutti dhufan kanas haala kanaan ilaaluun barbaachisaadha.


➠Yaada har'a kaasuu barbaadnetti gaafa deebinu, guyyaa dhalootaa kabajachuun sirrii moo sirrii miti kan jedhuuf; deebii kana deebisuuf yaada lama kaasuun barbaachisa. 


➥Inni jalqabaa barsiisni mana kiristaanaa maal jedha? Kan jedhudha. Kana ilaalchisee kitaabolee qulqullaa'oorratti kabajadhu, hin kabajatiiin kan jedhu hin argannu ykn immoo akka fakkeenya gaarii nuuf ta'uttis kitaaba qulqulluu keesaatti raawwatamee hin argannu. Garuu waan tokko irraa hubachuu akka dandeenyutti kitaaba qulqulluu keessatti namoota guyyaa dhaloota isaanii kabajatan lamaan arganna. Kakuu moofaa keessaa Fara'oon warra Gibtsi (S.Uum. 40:20). Kakuu haaraa keessatti immoo Mooticha Heroodis (Maat. 14:6-12). Mootonni kun lamaan mootota Waaqayyoon amanan hin turre. Yaadannoo isaan taasisan keessatti wanti Waaqayyo itti kabajames hin jiru. Isa jalqabaarratti affeerraan fooniif ta'u hedduun akka dhiyaate dubbata. Isa lammaffaa irratti immoo sirumaayyuu morma qulqulluu Yohaannisitu cite. Kanaafuu walumaa galatti ta'iiwwan kun guyyaa dhalootaa akka kabajnu kan nu jajjabeessan osoo hin taane akka hin kabajne kan nu taasisanidhayyuuni. (Obboleessi koo tokko post ani gaaffii ittiin gaafadhe jalatti, "ani yammuun waa'ee guyyaa dhalootaa yaadu cituu morma Yohaannisitu natti dhufa jedhee ture). Mana kiristaanaa keenya keessatti ayyanawwan dhalootaa gurguddoon lama ni kabamu. Isaanis kan Gooftaa keenyaa fi kan Dubroo Maariyaamiiti. Dabalataanis kan qulqulloota tokko tokkoo ni kabajama. Kuni garuu isaan waan kabajachaa turaniif fi nuuf kabajaa jedhaniif osoo hin taane adeemsa Waaqayyoo inni isaan qulqulleesse ittiin kabajamuu fi namnis gara qulqullummaatti akka guddatuuf gargaaru waan ta'eefidha. Har'a immoo nuyi ofumaa ofiif kabajaa jirra waan ta'eef kan keenya ayyaanota dhalootaa kana waliin walitti fiduu hin dandeenyu! (Of danda'ee ilaalamuu qaba jechuudha). 


➥Yaadni lammaffaan immoo gaaffii maaliif kabajna? jedhu deebisuu danda'uudha. Inni hin kabajne hoo maaliif? Dubbii ijoonis immoo kabajuu fi kabajuu dhiisuu miti. Inni kabaju, kabajuu isaatiin Waaqayyoon ittiin kabajuu qaba, inni dhiises immoo dhiisuu isaatiin Waaqayyoon ittiin kabajuu qaba. "Waan hunduma kabaja Waaqayyoof taasisaa" kan jedhames kanadha mitiiree! Dhiisuu keenyaanis gochuu keenyaanis Waaqayyo kabajamuu qaba. Warri kanaa ala jirru immoo waan lama ta'uu danda'a. Inni tokko kan ittiin Waaqayyo nutti gaddu ta'uu danda'a. Kan biraan ammoo kan Waaqayyo itti hin gaddine, garuu immoo afuurummaa keenyaaf bu'aa tokko kan hin buusne ta'uu danda'a. Garuu dhugumayyuu guyyaawwan dhalootaa har'a kabajamaa jiraniin Waaqayyotu ulfinaa argachaa jiraa? Waaqayyo itti gammadaa jiraa? Yaadannoo dhalootaa sababeeffachuun baasiiwwan hiyyeessaaf bahuu qaban gara biraatti hin naannofnee? Gaa'eelawwan hin barbaachisne hedduun dirreedhumarratti hin raawwannee? Kajeellaa fooniif dabarsinee of hin kenninee? Bara kana dhaloota ayyaana dhaloota Gooftaa kabajee Waaqayyoon kabajuun itti ulfaatetu dhaloota mataa isaa kabajee Waaqayyoon waan kabaje isatti fakkaatutu guuteem. Isa dursuun Waaqayyoon kabajuu osoo hin danda'iin dhuguma waan booda dhufuu qabuun Waaqayyoon kabajuu dandeenyaa? Ayyaanota mana kiristaanaaf dhimma hin qabnu, guyyaa dhaloota keenyaaf immoo ji'oota dursinee karoora baasna. Garuu immoo Waaqayyoon ittiin kabajuu barbaadnaan akka wal fudhatutti maaliif immoo guyyaa kiristinnaa kaane hin kabajannuu? Innis hoo dhalootadhaa? Kunis waan nutti mul'isu tokko qabaachuu qaba.  


➠Walumaagalatti asirraa wanti hubannu, waan hunda iyyuu itti yaadnee, itti amannee gochuudha malee waan nutti tole qofaaf, namoota irraa waan argine qofaaf ta'uu hin qabu. Kiristaanni of eeggataadha, hubataadha, fageessee yaada, waan hunda ija afuurawaan madaala malee akka addabaabaayii isa mirgaan dhufus isa bitaan dhufus kan keeassummeessu miti. Kanaafuu warri kabajannus warri hin kabajannes warri dhimma isaa hin qabnes waan goonu hundaan Waaqayyoon haa kabajnu, cubbuu haa balaaleffannu, galaa lubbuu ittiin haa qopheeffannu! Guyyaa dhalootaa qofa osoo hin taane yaadannoowwan kana fakkaatan hunda (day day kan jedhan) haala kanaan madaaluun barbaachisaadha. Dhumarratti gaaffii #sadin qaba. 


►Mee ati maaliif guyyaawwan kana kabajja?

►Gaabbiif nama yoo hin geessisne umurii keenya cubbuudhaan qisaasa'e kabajuun maal bu'aan isaa? 

►Keessi dukkanaa'ee irra keessaan ibsaa ibsuu fi keekii muruun hoo maal fayyada kiristaanaaf? Ofumaaf deebisi! 


#Waaqayyoof Galanni Haa Ta'u!🙏

    ✍️ Lammeessaa T. (Dn)

       Guraandhala 30, 2015

       Bulee Horaa!


Report Page