Gosoota Fannoo

Gosoota Fannoo

Dn Lamessa Teshome


"Iddaa jalaa gara isaatti akka baqataniif, ati warra si sodaataniif #faajjii isaaniif kennite." ( Faar. 60: 4)


✝️Manni Kiristaanaa keenyi bu'uura bu'uureffama ishee fi utubaa ishee kan ta'e jaalala Kiristoos afaan qofaan kan lallabdu osoo hin taane ofii ishees itti qabamtee kan jiraattudha. Kana waan ta'eef tajaajila kennitu kamirratti iyyuu dursitee mallattoo fannoodhaan eebbisuun ijoolleen ishee miila yaada isaaniin gara Qaraaniyoo akka deeman taasisti! Diinnii fi darboon diinaa immoo akka fashalaa'u gooti! Qulqulluun Daawitis, "faajjii isaaniif kennite" kan jedhe isa kanadha. Manni Kiristaanaa jaalalaa fi hidhata cimaa faajjii bilisummaa kana wajjin qabdu irraan kan ka'e ogummaa ajaa'ibsiisaa ta'een wantoota baay'ee miidhagoo fi qaalawaa ta'an irraa fannoo ni hojjetti! Keessumaa fannoowwan mana kiristaaanaa ortodoksii tawaahidoo Itoophiyaatiin hojjetaman immoo sadarkaa addunyaatti illee hamma dinqisiifaman fi daawwatamanitti gahaniiru. Wanti baay'ee nama ajaa'ibu immoo gosoonni fannoo hundi fakkeenya fi hiika afuurawaa mataa mataa isaaniin hojjetamuu isaaniiti! Osoo diinni mallattoo kana isheerratti jibbuu isheen garuu fayyadamuu bira dabartee hamma gosawwan garaagaraan hiika afuurawaa mataa isaanii qabanii hojjechuutti geesseetti! Mee isin hoo gosoota fannoo kana hammam beektu?


✝️Fannoon gosa meeshaa irraa hojjetamee fi boca ittiin hojjetame irratti hundaa'ee qoqqoodamuu danda'a! [#Hub:-Barreeffama isaa fi fakkii isaa wal bira qabuun ilaalaa) 


A. Boca ittiin hojjetamu irratti hundaa'ee

Fannoo Ergaamaa

1. Fannoo Ergamaa (ሐዋርያ መስቀል):- Kuni fakkeenya Ergamtoonni (duuka bu'oonni) Wangeela fannoodhaan gudunfame addunyaa irra deemanii barsiisuu isaaniiti. 

Fannoo Leenginoos

2. Fannoo Leenginoos (ሌንጊኖስ መስቀል):- Fakkeenya eeboo Leenginoos isa osoo Gooftaan fannoo irra jiruu ittiin cinaacha isaa waraanedha. 

Fannoo Qooqa Sarootaa

3. Fannoo Qooqa Sarootaa (ልሳነ ከለባት መስቀል):- Fakkeenyi isaa, akkuma sarootni dutuun mana gooftaa isaanii eegan qulqulloonni immoo barnoota isaaniin mana kiristaanaa dhiiga Kiristoosiin bu'uureffamte eeguu isaanii mul'isa. 

Fannoo Qaraaniyoo

4. Fannoo Qaraaniyoo (ቀራንዮ መስቀል):- Fakkeenya fannoo isa Gooftaan Qaraaniyoorratti irratti fannifameeti. 

Fannoo mallattoo madaa'uu

5. Fannoo Mallattoo madaa'uu (ትእምርተ ንትፊት መስስቀል): Fakkeenyi isaa, Gooftaan keenya cinaachi isaa waraanamuu isaa; gonfoo qoraattii kaawwachuu isaa fi qaama isaa madaa'e hundumaa kan agarsiisudha

Fannoo Waltajjii Addunyaa

6. Fannoo Waltajjii Addunyaa (ዓውደ ዓለም መስቀል):- Boca geengoon kan qophaa'e yoo ta'u fakkeenyi isaa, fannoon addunyaa hundumaaf fayyina ta'uu isaa agarsiisa!

Fannoo walitti Qabate

7. Fannoo Walitti qabate (አስተግቡዕ መስቀል):- Kunimmoo bocawwan mallattoo fannoo garaagaraa walitti fiduun kan hojjetamudha. 

Fannoo Muka Saabeq

8. Fannoo Muka Saabeq (ዕፀ ሳቤቅ መስቀል):- Fakkeenyi isaa, muka Saabeq isa hoolaan bakka Yisihaaq bu'ee aarsaa ta'e itti hidhamee turedha. Hoolaan kunis fakkeenya Kiristoos isa Fannoorratti aarsaa nuuf ta'eeti. 

Fannoo Bofaa

9. Fannoo Bofaa (ዓርዌ ብርት መስቀል):- Fakkeenyi isaa; bofa Nahaasii isa Israa'eloonni ilaalanii akka fayyaniif Museen fannisedha. Kunis fakkeenya Kiristoos isa fannoorratti fannifameeti. Fannoon kun yeroo baay'ee ulee Patriyaarikoonni mana kiristaanaa qabatanirratti mul'ata. 



B. Waan Irraa Hojjetamu Irratti Hundaa'ee

Fannoo Mukaa

1. Fannoo Mukaa (የእንጨት መስቀል): 

Fakkeenya fannoo mukaa Gooftaan keenya irratti fannifameeti!

Fannoo kopperii

2. Fannoo Kopperii (የመዳብ መስቀል):- Kopperiin akkuma diimaa ta'e fakkeenya Dhiiga Gooftaa isa qulqulluu ta'eeti. 

Fannnoo Warqee

3. Fannoo Warqii (የወርቅ መስቀል):- Fakkeenyi isaa, Gooftaan keenya amalummaa isaan qulqulluu ta'uu isaa kan ibsudha. 

Fannoo Meetii (Birrii)

4. Fannoo Meetii (የብር መስቀል):- Fakkeenyi isaa, Gooftaan Yihuudaatiin qarshii soddomaan gurguramuu isaa agarsiisa. 

Fannoo Sibiilaa


5. Fannoo Sibiilaa (የብረት መስቀል):- Fakkeenyi isaa, mismaarota shanan Gooftaan yammuu fannoo irra ture itti waqarame kan agarsiisudha. 


👉"Koottaa Mana Kiristaanaa Itti Siqnee Haa Beeknu"👈


  Dn Lammeessaa T.

  Hagayya 21, 2014

   Hagere Maariyaam


Miseeensa Chaanela GODOLIYAAS ta'uuf 👇

https://t.me/Kalabhiyahu

Report Page