Gaaffii dimshaashaa

Gaaffii dimshaashaa

Mr Dn Bacha Negasa(B.Th)

Gaaffii dimshaashaa sagantaa dubbisa Kitaaba qulqulluu kutaa kakuu moofaa!

Gaaffilee armaan gadiitiif deebii quubsaa karaa ifa ta'een barreessi. (Walii gala qabxii 50 qabata)

1. Caqasni ❝"Ilmaan Waaqayyoo" kan jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka ta’an arganii, isaan keessaa akkuma fo’atanitti fuudhanii haadha manaa godhatan❞(Uma.6:2) jedhu akka barsiisa mana kiristiyaanaa keenyaatti akkamiin ibsama?(Qabxii 7)

2. Waaqayyo karaa irratti Museetti dhufee, maalif Musee ajjeesuu barbaade? (Bau.4:24)(Qabxii 5)

3. Abboommii kurnan keessaa qofaatti adda ba’ee kan barreeffame isa kam? Eessarrattis argama?(Qabxii 3)

4. Israa’elootni erga Gibtsii ba’aanii yeroo meeqa lakkaa’aman? Eessatti lakkaa’an?(Qabxii 3)

5. “Namni Iyyaarikoo deebisee ijaaru, Waaqayyoo duratti abaaramaa haa ta’u!” (Iya.6:26) sagalee jedhu caqasa Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa wajjin walitti firoomsiitii jireenya Kiristiyaanummaatiin wal simsiisii ibsi.(Qabxii 10)

6. Kitaaba Qulqulluu Kakuu Moofaa keessaa caqasoota araarsummaa ergamootaa fi Qulqullootaa ibsan yoo xiqqaate lama lama barreessi!(Qabxii 2)

7. Kitaaba Qulqulluu Kakuu Moofaa keessatti ajaa’ibaa ykn raajiiwwan raawwatamanii jiran keessaa yoo xiqqaate sadii caqasa isaa wajjin barreessi!(Qabxii 3)

8. Mootichi Daawit, “Haati koo cubbuudhaan na ulfoofte, anis cubbuudhaanan dhaladhe” jedhe(Faar. 51:5). Maal jechuu isaati? Ibsi!(Qabxii 10)

9. Raajota keessaa akka Afuurri Qulqulluun bu’u kan raaje eenyuudha? Caqasa isaa faana barreessi!(Qabxii 2)

10. Kutaa Kitaaba Qulqulluu Kakuu Moofaa keessatti waa’ee gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, dhalachuu isaa, du'uu isaa, du’aa ka’uu isaa, ol ba’uu fi lammataa deebi’ee dhufuu isaa caqasoota ibsan tokko tokko barreessi barreessi!(Qabxii 5)

Report Page