Gaaffii
Dn Misganu MulatuBarreeffama kanaa ol jiru isinitti mul’ata taanaan “Cocoon AI Summary” ofiin barreesse waan ta’eef bira darbaa!❌😡🫤
Baga geessan! 🤌🥰
Warra Du’aa Ka’uu fi Ol Ba’uu Maariyaamii Shakkan Hundaaf Gaaffiiwwan Marii fi Qormaataa

Baga geessan 🥰🙏
Iccitiin fayyinaa inni hundarra guddaanii fi ajaa’ibsiisaan, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon ishee irraa foon, dhiiga ishee irraa dhiiga fudhatee nama ta’uu isaati. Waaqayyo uumama hunda keessaa ishee filatee, bultoo isaa qulqulluu godhatee erga kabajee; yemmuu nuti haadha Waaqayyoo kabajnuu fi ‘Du’aa kaateetti, ol baateetti!’ jennu maaliif isin aarsa? Rakkoon keessan inni dhugaan maaliidha?
Gooftaan keenya abboommiiwwan kurnan kenne keessatti, “Abbaa kee fi haadha kee kabaji!” — (Bau. 20:12) jedhee ajajeera. Ilmi namaa inni cubbamaa ta’ee utuu jiruu haadha isaa akka kabaju erga ajajamee, Gooftaan inni seera kana kenne ofii isaa haadha isaa qulqulleettii foon ishee tortoree biyyee akka ta’u eeyyamuudhaan, akkamitti utuu hin kabajin hafa jettanii yaaddu? Inni seera ofii baase hin diigne; kabaja ofii isaa haadha isaatiif kennuudhaan du’a injifachiisee ishee kaaseera!
Dhugumaan isin gaafanna:
Maariyaam, yoo ilmi ishee Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos du’aa ishee kaasee mirga isaatti ol fudhateef, isin addatti maaluma miidhamtu? Dhiibbaan isin irra ga’u maalidha? Nuti raajiin mootichaa fi faarfatichaa Daawit, “Mootittiin uffata warqee ofitti uffattee mirga kee dhaabatti.” — (Faar. 45:9) jedhe raawwatamuu isaatiif dhugaa baana malee dhara dubbannee? Qooda isheen du’aa kaate du’aa ka’umsa dhabdu moo, qooda isheen ol baate ol ba’umsa dhabduuf inaafaa fi yaadda’aa jirtu?
Waaqayyo tajaajiltoota isaa, Heenookii fi Eeliyaasiin utuu du’a hin dhamdhamsiisin gara samiitti erga ol fudhatee (Uma. 5:24, 2 Moot. 2:11), haadha isaa ishee foonii fi dhiiga isaa irraa fudhatee nama ta’e du’aa kaasuu dadhaba jettanii amantuu? Faarfatichi Daawit, “Ka’i yaa Waaqayyo gara iddoo boqonnaa keetti, atii fi Taabotni qulqullummaa kee!” — (Faar. 132:8) jedhee raajiin kan inni dubbate eenyuufi? ‘Taabotni qulqullummaa’ ishee Gooftaa of keessatti baattedha; isheenos Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Waaqayyo iddoo boqonnaa isaa yeroo deemu, Taabota isaa (Maariyaam) of biratti ol fudhate malee, lafa irratti tortoruuf ishee hin dhiisne. Kanaaf mormii maalii qabdu?
Dhimmi ijoon immoo, dhugaan kun [du’aa ka’uu fi ol ba’uunshee] Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti amanuu isin daangessa moo yaadni keessan maalidha? Nuti Kiristoos ofii isaatii aangoo isaatiin du’a mo’ee akka ka’e, Haati isaa immoo kennaa (ayyaanaa) fi aangoo Ilma isheetiin akka du’aa kaate amanne. Kun maal rakkoo qaba?
Qulqulluu Yohaannis inni Damaasqoo waa’ee kanaa yeroo ibsu, “Isheen yeroo ulfooftee turte durbummaan ishee utuu hin hiikamin akka eegame, akkasuma erga duutees foon ishee akka hin tortorre eegame. Sanyiin jireenyaa fi madda jireenyaa kan ta’e Waaqa kan baatte, akkamitti du’aan liqimfamtee tortorti?” jedhee warra morman gaafatee deebii dhabeera. Kanaafuu, qaamni Jireenya (Kiristoosiin) of keessaa maddisiise, dhugumaan akka uumama hundaa biyyee ta’ee hafa jechuun, Waaqummaa fi Aangoo Ilma isheettis qoosaa fi waan gatii hin qabne jechuudha mitiiree?
Yoo isheen ‘Du’aa kaate, ol baate,’ jennu, isheen ofiin Waaqa kan isiniin jedhe jiraa? Nuti ishee ni kabajne malee, Waaqa goonee hin waaqeffanne. Haadha Mootichaa waan taateef inumaayyuu kabajni addaa isheedhaaf laanne! Kun maaliif isin gube?
Du’aa ka’uu fi ol ba’uun Maariyaamii du’aa ka’uu fi ol ba’uu keenya isa gara fuulduraatti raawwatamuuf jiruuf fakkeenya taanaan, nutis akka kanatti ‘Du’aa kaana, ol baana’ taanaan maaliif amanuu irra darbee gaaffii isinitti ta’e? Isheen namoota keessaa angafa fayyinaa fi fakkeenya du’aa ka’uu foonii yoo nuuf taatu, kana mormuun keessan amantii gatii hin qabne keessa akka jirtan argisiisa mitiiree? Nutis akkuma du’aa ka’uu fi ol ba’uu Maariyaamiitti nuuf raawwatama taanaan, isin kana hin amantanis taanaan isin maalumatu Kiristiyaanaa ree? Amantiin Kiristiyaanummaa hundeedhaan du’aa ka’umsa irratti kan hundaa’edha miti?
Kitaabni Qulqulluunis, “Warri du’an hin ka’an erga ta’ee, Kiristoos immoo du’aa hin kaane.” — (1 Qor. 15:16) akkuma jedhu isin akkuma Yihudootaa fi saduuqotaa du’aa ka’uu hin amanne taanaan isin Kiristaana miti mitiiree? Eeyyee, mormiin keessan kun dhuma irratti bu’uura amantaa keessanii kan diigedha.
Qulqullichi Phaawuloosis, “Iyyesuus du’ee du’aa akka ka’e erga amannee akkasuma Waaqayyo warra obbaafatan akka kaasu amanna.” — (1 Tas. 4:14) jedhametti, isin kana hin amantan waan ta’eef waan nu ajaa’ibu maal qabaree? Erga du’aa ka’umsa ishee hin amannee, du’aa ka’umsa ofii keessaniiyyuu shakkuu keessan dhugoomsa.
Xumura irratti, yeroo garaa ishee keessa bulerraa irraa jalqabee hanga fannoo isaatti ishee wajjin kan ture fooniin yoo ta’e, isheen ammoo iddoo boqonnaa isaa mirga isaatti mootittii taatee dhaabachuu isheetti maaltu isin dhiphisa? Erga kun hunduu akkasitti ifa ta’ee utuu jiruu, dogoggorri ijoon hubannoo keessanii irra jira moo, dhugaa Waaqayyo haadha isaatiif godhe fudhachuu dadhabuu irrattidha?
Channel kanatti makamuun hin irraanfatinaa!
https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira
Dn Misganu Mulatu
Hagayya 15, 2018