Fannoo qophee Abbaa Goorgisii kan Gaasiccaatiin

Fannoo qophee Abbaa Goorgisii kan Gaasiccaatiin

ዳረጎት ዘተዋሕዶ



Dhiiga waaqa isaatiin kan qulqulleeffame, bishaan cinaacha gooftaatiin baheen kan cuuphame kuni muka akkamiitii?

mukkeen Gannataatiif gonfoo,mukkeen Gadaamitiif Kabaja kan ta'eef kuni muka akkamiitii?

Hoolaa moo'aa waaqayyotiif aarsaa kan ta'e kun muka akkamiitii?

isa irraa amantootaa bituuf kan ta'u dhiigaa seeraa fi sirnaa ka copse kum muka akkamiitii?

Warra dhaaban kan bittinneesse,warra amanan kan walitti qabe mukni kun muka akkamiitii?

Dachee kan qulqulleesse,samiillee kan mallattoo fannotiin mallatteesse,addunyaa  mara barakaa Abbaadhaan,ilmaanii fi hafuura qulqulluudhaan kan baarraake kun muka akkamiitii?

                               ❖ ❖ ❖

Fannoon muka fayyinaati.Fannoon muka qorichaati.Fannoon muka raajiti.Fannoon muka boqonnaati.Fannoon qoottoo seexana ari'ee muruudha.Seefii morma seexanaa qaluudha.Fannoon ibidda hafuurota abaarama gubuudha.Waraana bakakkaa loltoota  Amasteenotaa  rukutuudha.

                               ❖ ❖ ❖

Kan siirritti nama dinquu dha!.Kan fannifame moo'eera.Kan fannisan moo'amanii jiru!.Nama ajaa'iiba! Kan du'e isaan saalfachiise!.Kan ajjeesanillee saalfatanii jiru!.

Sirritti nama aja'ibsiisa!,kan dhukkubsate rakkina fide,warri dhukkubbii irratti geessisan rakkinni irra gahe.

Warri fannoo dhaaban baqatan,warri isa fannisan addunyaaratti faca'an,maqaa fannootiin iccitiin mataa bofaa rukutu ni jira.

Galanni fannoo keetii warra sitti amaneef Masinqoo,warra waakkataniif immoo badiidha.Galanni Fannoo kee warra si jaalatuuf Inziiraa kan sijibbuuf immoo arraba.Galanni Fannoo kee akka nama waynii ture dhugee laphee nama gammachiisa.Galanni fannoo kee nuuf ifa.

                               ❖  ❖  ❖

Yaa! Gooftaa koo Fannoo kee Ilma Ileenii Qosxonxinootiif erga Ayihuudonni Golgotaatti awwalanii booda kan ibsiteef,akka dukkana keessati hin hafne waan gooteef sin galateeffadha.

Yaa! Gooftaa koo fedhii Illeenii fannoo kee argachuuf dadhabde kan raawwateef sin galateeffadha.

Yaa! Gooftaa koo Fannoo kee akka argattuuf aara ixaanaa kan kenniteef sin galateeffadha.

Kadhaa isheetiif fuula kan itti nanneesine,kan hawwite akka argattu kan gootef,ifa addunyaadhaaf akka baastu kan goote yaa Gooftaa koo sin galateeffadha.

Argamuu fannoo keetiin afaan isheetiin akka ililchitu,harka ishee akka rukuttu, miila isheetiin akka sosochootutii ati galataan kan ishee guutte sin galateeffadha!.

@ዳረጎትዘተዋሕዶ 

Report Page