Dubartoota Fuudhuun Haraama Ta'an

Dubartoota Fuudhuun Haraama Ta'an

https://t.me/ifaislaamaa

Dubartootni fuudhuun nurratti haraama ta'an bakka lamatti qoodamu isaanis warra gonkumaa haraama ta'aniifi warra yeroof haraama ta'an.


🚫 Warri gonkumaa haraama ta'an firoota keessaa torba dha isaanis:-

1) Haadholee yoo kan olii ta'ellee (akkoo,akaakoo...)

2) Shamarran yoo gadi bu'anillee(intala intako...)

3) Obboleettiwwan kan abbaaf haadhaa, kan abbaa fi kan haadhaa,

4) Shamarran isaanii

5) Shamarran obboleewwanii fi obboleetiiwwanii

6) Adaadowwan (obboleettii abbaa)

7) Haboowwan (obboleettii haadhaa)


Dubartoota haraama ta'an firoomaan,hodhaan fi Soddumman argamu.

Jarra kana fuudhuun haraama ta'uun ragaan isaa:-

قال الله تعالى:- 

{ حُرِّمَتْ عَلَيْكُمْ أُمَّهَٰتُكُمْ وَبَنَاتُكُمْ وَأَخَوَٰتُكُمْ وَعَمَّتُكُمْ وَخَٰلَٰتُكُمْ وَبَنَاتُ ٱلْأَخِ وَبَنَاتُ ٱلْأُخْتِ وَأُمَّهَٰتُكُمُ ٱلَّتِىٓ أَرْضَعْنَكُمْ وَأَخَوَٰتُكُم مِّنَ ٱلرَّضَٰعَةِ وَأُمَّهَٰتُ نِسَآئِكُمْ وَرَبَٰئِبُكُمُ ٱلَّتِى فِى حُجُورِكُم مِّن نِّسَآئِكُمُ ٱلَّتِى دَخَلْتُم بِهِنَّ فَإِن لَّمْ تَكُونُوا۟ دَخَلْتُم بِهِنَّ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ وَحَلَٰئِلُ أَبْنَآئِكُمُ ٱلَّذِينَ مِنْ أَصْلَٰبِكُمْ وَأَن تَجْمَعُوا۟ بَيْنَ ٱلْأُخْتَيْنِ إِلَّا مَا قَدْ سَلَفَۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورًا رَّحِيمًا }

“Haadholeen keessan, shamarran keessan, obboleettiwwan keessan, adaadowwan keessan, haboowwan (obboleettii haadhaa) keessan, shamarran obboleessaas, shamarran obboleettiis, haadholeen keessan kan isin hoosisanis, obboleettiiwwan keessan kanneen hoosisa irraa ta’anis, haadholee niitiiwwan keessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan keessan itti seentan irraa dhalatan (fuudhuun) isin irratti haraama godhamteetti; yoo isaan irra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiru Niitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugda keessan irraa ta'anis, obboleettiiwwan lamaan walitti qabuunis (akkasuma haraama) Garuu kan duraan dabre (isiniif dhiifamaa dha) Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha”

Jara torba firoomaan haraama ta'an

📮 Ammallee kan hoosisaan argaman kan armaan oliin wal fakkaatan akkasuma haraama dha

قال النبي ﷺ :-” يَحْرُمُ مِنَ الرَّضَاعِ مَا يَحْرُمُ مِنَ النَّسَبِ“

Ergamaan Rabbii ﷺ  akkas jedhan:-

“Hoosifni waan dhalootaan haraama ta’e hundaa haraama gooti.”  

Dabalataanis kan sodummaan haraama ta'an afuri isaanis :- 

1) Haadholee niitiiwwanii yoo kan olii ta'ellee,

2) Shamarran isaanii yoo gadi bu'anillee (yoo irra seenanii jiran)

3) Niitiiwwan Abbaa ofii, akaakayyuu, akaakilee....

4) Niitiiwwanii Ilmaanii yoo gadi bu'anillee

📮 Ammallee kan hoosisaan argaman kan jarreen armaan oliitiin wal fakkaatan Ragaan isaa:-

قوله تعالى: {وَأُمَّهَٰتُ نِسَآئِكُمْ وَرَبَٰئِبُكُمُ ٱلَّتِى فِى حُجُورِكُم مِّن نِّسَآئِكُمُ ٱلَّتِى دَخَلْتُم بِهِنَّ فَإِن لَّمْ تَكُونُوا۟ دَخَلْتُم بِهِنَّ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ وَحَلَٰئِلُ أَبْنَآئِكُمُ ٱلَّذِينَ مِنْ أَصْلَٰبِكُمْ وَأَن تَجْمَعُوا۟ بَيْنَ ٱلْأُخْتَيْنِ إِلَّا مَا قَدْ سَلَفَۗ }

“Haadholee niitiiwwan keessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan keessan itti seentan irraa dhalatan (fuudhuun) isin irratti haraama godhamteetti; yoo isaan irra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiru Niitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugda keessan irraa ta'anis, obboleettiiwwan lamaan walitti qabuunis (akkasuma haraama) Garuu kan duraan dabre (isiniif dhiifamaa dha)”


Warri yeroof fuudhuun haraama ta'an akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.

1) Obboleettii Niitii, 

2) Adaadoowwan ishee, 

3) Haboowwan ishee,

4) Nama niitii(bilisa ta'an) shan qabu haga namichi hiikutti,

5) Ishee zinaa dalagde haga towbata gootutti,

6) Ishee sadii hiikamte haga dhiira biraa fuutee gadhiifamtutti,

7) Intala Muhrimaa (Hajii irra jirtu) haga dalagaa Hajjii xumurtutti,

8) Ishee nama biroon hiikamtee haga Iddaa fi ishee xumurtutti


Jara yeroof fuudhuun haraama ta'an

⚠️ Dubartootni kanaan ala jiran hundi isaanii halaala dha. 

كما قال تعالى- حين عدد المحرمات- {وَأُحِلَّ لَكُم مَّا وَرَآءَ ذَٰلِكُمْ أَن تَبْتَغُوا۟ بِأَمْوَٰلِكُم مُّحْصِنِينَ غَيْرَ مُسَٰفِحِينَۚ }

"Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun isiniif eeyyamameera"

Ragaalee Hadiisaa keessaa immoo muraasni akka armaan gadiiti. 

 

 عَنْ أم حَبِيبَةَ بنْتِ أبي سُفْيَانَ رَضي الله عَنْهُمَا أنَهَا قَالَتْ: قال رسول الله ﷺ :

فلا تعرضن علي بناتكن ولا أخواتكن“ متفق عليه

Ergamaan Rabbii ﷺ akkas jedhan:-

“Shammarran keesaniifi Obboleetiiwwan keessaan naaf hin dhiyeesinaa (fuudhaaf)”

 عَنْ أبي هريرة رَضي اللَه عَنْهُ قَالَ: قَالَ رسول الله ﷺ:

"لا يُجْمَعُ بين المرأة وعمتها، ولا بَيْنَ المرأة وَخَالتِهَا"متفق علي

Ergamaan Rabbii ﷺ akkas jedhan:-

“Intalaaf adaadaa ishee, Intalaaf haboowwan ishee lachuu erga takkaa fuudhuun hin ta'u”

––––––––––––

Barreeffamni kun maddi Isaa kitaaba:

«تيسير العلام شرح عمد الأحكام من كلام خير الأنام» 📚

Kan jedhu yoo ta'u kan qubee Afaan Oromootti hiikeefi qindeesse nama gara Rahmata Rabbiitti kajeelaa ta'e Abu Asiyah Abdallah Huseni.

https://t.me/ifaislaamaa

Report Page