Du'aa Ka'umsaa fi Ol Fudhatamuu Dubroo Maariyaam

Du'aa Ka'umsaa fi Ol Fudhatamuu Dubroo Maariyaam

Dn Lamessa Teshome
Ol-fudhatamuu Dubroo Maariyaam [Assumption of St. Virgin Mary]

➻Abboonni keenya waa'ee Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam eeyyama Ilma isheetiin du'a irraa ka'uu yeroo barsiisan ragaa isaan kitaaba qulqulluu keessaa dhiyeessan "Maaloo gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi bultoon (taabonni) mana qulqullummaa kee" Faar. 131:8 kan jedhudha. Caqasa kana du'aa ka'umsa Dubroo Maariyaam waliin wal qabsiisuun amma kan jalqabe osoo hin taane dubbii jaarraa baay'ee lakkoofsisedha. Paatriyaarikiin 33ffaa Iskindiriyaa Qulqulluun Tewoodoosiyoos seenaa boqonnaa fi du'aa ka'umsa Giiftii keenyaa kan abboonni isa dura turan isaaf dabarsan barreeffama isaa waggoota 1500 dura barreesse irratti, hayyoota dubbii Maariyaamii biratti Dorctor of Dormition' jedhamuun kan beekamu hayyichi Yohaannis inni Damasqoo, manneen kiristaanaa duukaa bu'oota ta'an hunduu dirsaanota (kitaabolee) isaaniirratti yeroo waa'ee du'aa ka'umsa Dubroo Maariyaam kaasanii fi ayyaana Ol-fudhatamuu ishee kabajan kutaan kitaaba qulqulluu isaan dubbisan Faarfannaa Daawit, "Maaloo gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi taabonni mana qulqullummaa kee" jedhudha. Gaaffii, ' caqasa kana maaltu Dubroo Maariyaam waliin walitti fida? Maariyaam kaateetti jedhaa?' jedhu barreeffama gabaabduu kana keessatti ilaalla!

➻Faarfannaan, Daawwit waa'ee ijaaramuu mana qulqullummaa fi taabotichis gara mana qulqullummaa kanaatti seenuu isaa faarfate, akkasuma mucaan isaa Solomoonis yeroo manni qullqullummaa sun ijaaramee xumuru faarfate kana Dubroo Maariyaam wajjin maaltu walitti fida? (2Seen. 6:41).Abboonni keenya caqasa kana Dubroo Maariyaam wajjin kan walitti fidan akka Daawwit waa'ee mana qulqullummaa fi taabotaaf dubbate isaan jalaa dhokateetii? Caqasa kana Dubroo Maariyaam wajjin akka walitti fidnu wanti nu kakaase maali? 

➻Isa Daawit waa'ee taabotaa dubbate akka nuyi waa'ee Dubroo Maariyaamiif dubbannu kan nu taasise Daawit matumasaati. Kunis;

➴ Daawit yeroo taabonni Waaqayyoo gara isaa dhuftu, "Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa" yeroo jedhu hin dhageenyee? (2Saam. 6:9). Kakuu haaraattis dubbii kana Eelsaabex, "Haati Gooftaa koo gara koo dhufuun akkamitti naaf ta'a?" jettee Dubroo Maariyaamiif irra hin deebinee? (Luq. 1:43]).

➴Daawit yammuu taabonni inni sodaate gara isaatti dhiyaatu, teessoo isaa irraa bu'ee haati manaa isaa Melkool hamma itti kolfitutti taabota duratti utaalee hin faarfannee? (2Sam. 6:16). Gadameessa Eelsaabex keessa kan ture Yohaannis, 'sagalee nagaa Dubroo yeroo dhagahu' hamma haati isaa isaa isa dinqisiifattutti, 'ulfichi gammachuudhaan utaale' hin jedhamnee? (Luq. 1:44). Qulqulluun Gorgooriyoos inni Nuusis namoota kabajni Ilma ishee fi Dubroo Maariyaam isaaniif hin galleef, "akka Yohaannis gadameessa keessatti utaaluu yoo dadhabdan maal qaba erga of bartanii illee bultoo Waaqayyoof osoo akka Daawit galata dhiyeessitan?" kan jedhe kanaafidha. 

➴Nuyi maal haa goonu! Akkuma taabonni Waaqayyoo mana nama Geet mana Abidaaraa gara ji'a sadii turte jedhame, "Maariyaamis mana Zekkaariyaas gara ji'a sadii turte" jedhamee barreeffamee dubbisne. (2Sam. 6:11; Luq. 1:56). 

➻Egaa yammuu seenaan taabota Waaqayyoo seenaa Dubroo Maariyaam waliin tokko ta'ee arginu isa Daawit taabotaaf dubbate nuyimmoo maaliif Dubroo Maariyaamiif hin caqasnu? Silaa seenaa Dubbii Maariyaamii caqasna osoo jenne; akkuma taabotichi warqeedhaan faayame ishee qulqullummaadhaan faayamte, akkuma taabotichi mana qulqullummaa keesaa ture ishee mana qulqullummaatti guddatte, taaboticha namni uleen isaa laliste Aaron akkuma eege ishee Yooseef inni uleen isaa laliste ishee eege, taaboticha kan tuqe Oozaan akkuma dheekkamame (2Sam. 6:7) seenaa Tawufaaniyaa isa reeffa Dubroo tuqee dheekkamame caqasna turre. 


➻"Taabota mana qulqullummaa kee" jechuun haadha bultoo qaama kee isa mana ququllummaa jedhame sanaa jechuudha. Kiristoos qaama isaa, "mana qulqullummaa kana jigsaa" hin jennee? "hoolichi mana qulqullummaa isheeti" jedhamee hin barreeffamnee? Kanaafuu, "maaloo gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi taabonni mana qulqullummaa kee" jechuun akkuma Phaawuloos, 'gara boqonnaa isaatti akka galluuf haa jabaannu' jedhe, "Yaa Gooftaa 'boqonnaa kee' kan jedhame gara samiiwwaniitti ati qofti kaatee hin hafiin; bultoo qaama (mana qulqullummaa kee) haadha kees fuudhii ka'i" jechuudha. 

➻Du'aa ka'umsi Giiftii keenyaa namoota baay'eef falmii ta'uun isaa akkam nama gaddisiisa?! Kiristoos, "Du'aa ka'umsii fi jireenyi anadha" jedheera. Dhuguma haati du'aa ka'umsa kana deesse ka'uun ishee waan guddaadhaa? Haati jireenya deesse jiraattuu taate yoo jedhame waan nama aarsudhaa? Duuti kan du'e Ilma isheetiin mitii? Haadha jireenyaa duuti qabee hanbise jechuun gammachuu kan kennu warra du'a wajjin walii galaniifidha. "Taabonni dubbattuun Waaqni irra bule duutee hafteetti , taabonni tsiyoon (Dubroon) Filisxeemiin (du'aan) booji'amtee hafteetti" jechuun kan gammadu Diyaabiloos isa firii gadameessa isheetiin burkutaa'edha.

➻Nuyi Ortodooksotaan kan nu ajaa'ibu du'uu isheeti malee du'aa ka'uu ishee miti. Qulqulluun Yaareed, 'duuni Maariyaam garuu hunda ajaa'ibsiisa' akkuma jedhe Dubroon jireenya argamsiiste; harkawwan Waaqa haammatan, jilbawwan teessoo Waaqayyoo ta'an du'aan injifatamuun isaanii nu ajaa'iba! Du'aa ka'umsi ishee garuu waanuma eegamudha. Gooftaan Alaazaariin, "Alaazaar Alaazaar" jedhee du'aa kaase, Gooftaan guyyaa jimaataa namoota baay'ee isaanii du'aa kaase, haadha isaa du'aa kaase yeroo jedhamu kan aaran kan akkamiiti isaan? 

➻Dhugaa baatota lamaan kan jedhaman Henook fi Eeliyaas gara lafaatti dhufanii barsiisanii erga ajjeeffamanii, "guyyaa sadii fi walakkaa booda afuurri jireenyaa Waaqayyo irraa bahe isaanitti seene; miila isaaniitiinis dhaabbatan.....samiirraatis:- sagalee guddaa gara kanaatti bahaa isaaniitiin jedhu dhagahan; osoo diinonni isaanii isaan ilaalaniis ol gara samiitti bahan" jedha. (Mul. 11:4-12). Waaqni dhufaatii isaatiin dura Henook fi Eeliyaasiin  lammaffaa akka hin duunetti du'aa isaan kaasee fuldura diinota isaaniitti gara samiitti ol isaan baasu haadha isaa jaalalleewwan ishee fulduratti ishee kaasee ol ishee baaseera yeroo jedhamu aariidhaan mormuun maal jedhama? 

➻Garaagarummaa akka Ilma ishee ofii ishee ol baate (Ascension) jechuu fi Ilmi ishee gara ofiisaatti ishee fudhate (Assumptionn) jechuu gidduu jiru hubachuu yoo dandeenye ol bahuun Giiftii keenyaa maal nama falmisiisa? Eeliyaas isa rooba dhaabe irra Dubroon Rooba qulqulluu argamsiiste hin caaltuu; Henook isa deemsa isaa Waaqayyo wajjin godhe irra Haati Waaqaa Waaqayyoof bultoo taate hin caaltuu?!

➻Nuyi garuu akkuma Qulqulluun Ephifaaniyoos, "yammuu lafti du'a isheetiin gadda hadhaawaa gadditu samiirratti gammachuun ta'e" jedhe Giiftiin keenya addunyaa darbu irraa gara hin dabarretti yaamuu ceetus ta'e, yammuu humna Ilma isheetiin du'aa kaatee ol baate gammachuu samiirratti ta'u sana ni hubanna. Alaazaar hiyyeessi sun yammuu du'e illee ergamoonni lubbuu isaa fuudhanii gara Abrahaam geessanii turan; Eeliyaasis yeroo olbahu ergamoonni saragallaa abiddaa fi fardeen abiddaan ol fuudhanii turan. Ol bahuu Haadha Waaqaa yeroo yaadnu kanarra kan caalu faarfannaan nutti mul'ata; qulqulluun Tewodoosiyoos akka barreessetti, qulqulluun Yaaredis, 'በመሰንቆሁ እንዘ የሐሊ' akka jedhe, abbaan ishee Daawwit, 'maaloo gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi taabonni mana qulqullummaa kee' jedhee akkaa faarfate Deessuun Waaqaa addunyaa isa sanatti ceeteetti. Eeliyaas yammuu gara samiitti fudhatamu eebbaaf akka ta'uuf uffata isaa duukaa bu'aa isaa Eelsaayiif akkuma kenne, Giiftiin keenyas aangoo Ilma isheen gara samiitti yoo olbaatu kafana (sabbata) ishee Toomaasiif kennuu isheetiin manneen kiristaanaa Ortodooksii hirmaatanii hamma har'aatti jaalala guddaadhaan eebba ishee ittiin argatu. [Sabbani kun yeroo har'aa mana kiristaanaa Ortodooksii Hindii keessa akka jiru qorattoonni Arkiyooloojii mirkaneessaniiru]

➻Nuyi Ortodooksonni yammuu du'aa ka'uu Giiftii keenyaa yaadnu gaaffii nuti gaafannu, "kaateetti moo hin kaane; ol baateetti moo hin baane" jedhu osoo hin taane, "simannaan samii irrattu ishee taasifame maal fakkaata laata?" gaaffii jedhudha. Hiyyeessichi Alaazaar yeroo du'etti ergamoonni gara Abrahaamitti fudhatan yoo jedhame Haadhaa Waaqaa akkamitti kabajaniiru laata? Gara samiitti olbahuun isheef waan guddaa miti. Sababni isaa isheen samii lammaffaa Waaqa samii barruusaatti baatu harka isheen qabdedha. Gara samiitti ol bahuu isheen carra- qabeessi ishee osoo hin taane samichadha. Samiin teessoo isaati; laftis ejjannoo miila isaati; Dubroon Maariyaam garuu haadha Isaati. Teessoo irra haati ni caalti. Qulqulluun Yaaiqoob inni Siruug akka jedhe, 'samiin isa hin deenye; hin guddisne; hin hoosisne, Dubroon garuu kana hunda taasisteetti'. Kanaafuu gara samiitti bahuu isheetiin kabajni isaa samichaaf malee isheef miti. 

 ➻Dhugumayyuu yeroo Giiftiin keenya gara samiitti olbaate simannaan isheef taasifame akkam ture?! Nuyi dhalli namaa haadha keenya kabajuus kunuunsuus kan dandeenyu hamma isheen lafarra jirtuttii fi hamma nuyi jirruttidha. Uumaan 'abbaa fi haadha kee kabaji' jedhe garuu haadha isaa kabajuu kan danda'u lafa qofarratti osoo hin taane samiirrattidhas. Haatisaa gara isaa yoo dhuftu Fayyisaan Addunyaa Kiristoos akkamitti ishee simateera laata? 

➻Waan mootichi Solomoon yammuu haati isaa Bersaabeh n gara masaraa mootummaa isaa dhufte taasise haa yaadannu. "...mootichis ka'ee ijaajjee qoomma'ee ishee simate; deebi'ee teessoo isaa irra in taa'e; haati mootichaa sunis teessoo fidanii kaa'aniif irra gara mirgaa mootichaatiin in teesse. Isheen mootichaan, "Ani wanta xinnoo tokkon si kadhadhaatii hadaraa ana hin didiin!" jette; mootichi immoo, "Yaa harmee ko si hin diduutii anatti himadhu!" jedhe. (1Moot. 2:19-20). Mooticha Solomoon isa sanyii Daawit keessaa teessoo irra taa'e irra Kiristoos inni teessoo Daawit irratti bara baraaf ni moo'a jedhameef ni caala. Waa'ee Kiristoos, "Solomoon irra kan caalu as jira' jedhamee barreeffameera. (Maat. 12:42). Kiristoos Solomoon irra kan caalu yoo ta'e haati Kiristoosis haadha Solomoon irra ni caalti. Kabaja Solomoon haadha isaaf kenne irra kabajni Kiristoos haadha isaaf kennu ni caala. Masaraan mootummaa Solomoon lafarradha; masaraan mootummaa Kiristoos garuu samiirradha. 

➻Fayyisaan Addunyaa yammuu haadha isaa gara mootummaa isaa isa samiitti waame sana akkamitti ishee simateera laata? Akka haadha Solomoon teessoo fichisiiseef akka hin jenne samiirratti taa'uun dhaabbachuun hin jiru. Garuu kabajni Dubrittiif kenname, "Mootittiin uffata warqee uffattee mirga kee ni dhaabbatti' jedhamee barreeffameera. Warqee uffachuun ishee itti xiqqaate kan jedhu yoo jiraate immoo Dubroon, "Ilma dhiiraa balbala sibiilaan uummattoota bitu deesse"; " dubartiin biiftuu uffattee, ji'a miilla jala kaa'attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa qabdu tokko in mul'atte." jedhamee isheef barreeffameera. (Faar. 44:9; Mul. 12: 1). 

➻Yammuu Dubroon addunyaa isa hin dabarretti ceetu simannaa kabajaa isheef taasifame yaaduun alatti nuyi Ortodooksota maaltu nu jeeqa? Qulqulluun Gabri'eel Dubrootiin maal jedhee ishee simate laata? Asitti, 'Yaa kennaan kan guutamtee gammadi' jedhee nagaa kan isheef dhiyeesse, ergamaan kun kennaan kan guutamte gara isaa yeroo dhuftu maal jedhee ishee simateera laata? Qulqulleettiin Eelsaabex, 'gara koo dhufuun akkamitti naaf ta'a?' isheetiin jetteetti ta'aa? Yohaannis hoo lammaffaa samirratti gammachuudhaan utaaleera ta'aa? Raajonni Dubroo akkamitti simatan? Isaayyaas yammuu Dubroo 'ni ulfooti' jedhe argu maal jedha laata? Hizqi'eel hoo 'balballi cufamtuun' yoo garasaa dhuftu maal jedhe? Geediyoon tsamriu isaa, Eelsaay maasaroo isaa, Aaron ulee isaa, Noohi doonii isaa yammuu argu maal jedheera laata? Museen hoo biqiltittiin hin gubanne yeroo gara isaa dhuftu lammaffaa akka isa yeroo tulluu Siinaa kophee isaa baafateera ta'aa? Addaam mucaa mucaa isaa yeroo argu, Hewaan hoo Hewaan ishee lammaffaa yeroo argitu maal jetteetti ta'a? Hunduma isaa iyyuu samiirratti hubachuuf ittiin nu haa gahu! Ameen! 🙏 

Madda:- አበረታች መድኃኒት አና ሌሎችም፤ድያቆን ሄኖክ ኃይሌ፤ p124-136. Dn Lammeessaa akka hiiketti! 


🙏AYYAANA GAARII 🙏


Miseensa ta'uuf 👇

https://t.me/Kalabhiyahu


Report Page