Du’aa Ka’umsa Lammataa (Daagime Tinsaa’ee)

Du’aa Ka’umsa Lammataa (Daagime Tinsaa’ee)

Dn Heenook Haayilee

"Kiristoos du'oota keessaa ka'e , Humnaa fi aangoo isaatiin , Seexana hidhe , Addaamiin bilisa baase , kana booddee nagaaf gammachuun ta'e" Nagaan kun nagaa yeroo Du'aa Ka'umsaa Bataskaanni jettudha. Ortodooksonni addunyaarra jiran hundumtuu yeroo kanatti kan ittiin nagaa walgaggaafatan kan ofii isaanii qabu. Gibxoonnis, Giriikonnis, <Kiristoos anistiyaal etos anistii> <Kiristoos ka'eera dhugumatti ka'eera> jedhu. Nagaan kun nagaa Kiristoos du'aa ka'uusaa guyyaa guyyaan akka yaadannu nu taasisudha. 

Egaan inni har'aa , Akka Bataskaanaatti ayyaana Du'aa ka'uu lammataa jedhamee isa kabajamudha. Kan Kiristoos ka'e altokkodha. Tokko caalaa hin kaane yookiin al-lammata ka'e jechuuf miti. Guyyaan har'aa guyyaanni itti nagaa kennedha. Gooftaan keenya yeroo fannifamee fi du'eetti , Bartoonni Gooftaa sodaadhaan mana cufamaa keessa turani. Akkuma yeroo Koronaatti mana cufatamee ta'aamu. Bartoonni immoo gara jabeenya garmalee gama Yihuudotaa fi warra Roomaan ture tibbasanatti waan hamaa Kiristaanotaa fi hordoftoota Kiristoosirratti gochaa turaniin sodaatanii balbala cufanii ta'aa turani. Kanaaf , utuu isaanii balbala cufatanii jiranii Kiristoos gidduu isaaniitti argamee , "Nagaan isiniif haa ta'u" jedhee erga isaaniif nagaa kennee booda , "Kottaa na ilaalaa" jedhee bakka waraananee fi madaa isaatii akka qaqqaban godhee ka'uusaa isaanitti argisiise. Yemmuu inni kana godhetti garuu Bartuun Toomaas jedhame achi hinturre. Kanaaf , Kiristoos kaleera ; argineerra gaafa jedhanii itti himan , "Yoon arge malee hin amanu" jedhe. Gama tokkoon , gartuu Saduuqotaa keessaa waan dhufeefidha jedhu hayyotiin. Saduuqonii du’aa ka'uumsa hin amanani ; kanaaf , Toomaas du'aa ka'uu Kiristoosiin amanuuf isadhibee ture jedhama. Gama biraan garuu , gaafa bartoonni warri kaana Kiristoos ka'eera , argineerra jedhanii barsiisan inni obboloonnikoo arganiiru jedhee amma dhugaa ba'u millunumatti argeera yoo jedhe wayya ; kanaaf guyyaa har'aa argu malee hin amanu jedhe. Kiristoos ka'ee torbee isaatti utuu isaan mana cufaa keessa jiranii gidduu isaaniitti argamee , "Nagaan isiniif haa ta'u" jedhe ; Toomaasiinis , "Warri utuu hin argin amanan eebbifamtootadha ; kan amante malee kan hin amanne hinta'in" jedhe gara isaatti waamee , "harkakee cinaachakoo keessa kaa'iitii na ilaali anadhaa" jedheen. Yemmuu xuqettis , "Gooftaako , Waaqako" jedhee Waaqummaa Kiristoosiif illee dhugaa ba'ee guyya inni itti dubbatedha kan nuti guyyaa har'aa Du'aa ka'uu lammataa jennee kabajnu. Egaan , tibba inni itti du'aa ka'ee jalqabee Bataskaanni guyyoottan shantamaaf du'aa ka'uu Kiristoosiin kabajji. Guyyoottan shantama sana garuu Bataskaanni akka Guyyaa tokkoottidha kan isheen lakkooftu. Akkuma waan har'a ka'eetti jechuudha. Sababa kanaan guyyoottan shantama dhufaa jiranitti Roobiis ta'e Jimaati hin tsoomamu. Sababni inni hintsoomamneef , kanaan dura tsoomiin waa miidhamaniiru amma waa wal'aanamuu qabu jedhamee miti. Kaayyoon isaa , guyyaa kana akka jireenya mootummaa Waaqayyootii fi akka guyyaa tokkootti waan ilaaltuuf guyyaa shantama kana keessa tsoomuu jechuun akka guyyaa ayyaana du'aa ka'uutti tsoomuutti waan lakka'aamuufidha. Misbaakiin guyyaa du’aa ka'umsaa jedhamu guyyaa har'aas injedhama. Faarsaa Daawwit irra , "Waaqayyo akka waan hirribaa ka'uu ka'e ; akka nama jabaa machiin Wayinii isa dhiisee" jechi jedhu jira. Ksna , Daaqunoonni walakkeessa Qiddaaseerratti yeedaleessu. Raajiiwwan du'aa ka'uu Kiristoosiin ilaalchisee dubbataman keessaa tokko jecha Faarfannaa Daawwit 77:65rratti argamudha. "Waaqayyo akka waan hirribaa ka'uu ka'e ; akka nama jabaa machiin Wayinii isa dhiisee" jechuun. Egaan , Du'uu fi Du'aa ka'uun Kiristoos Faarfannaa Daawwit irratti hirribaa fi machii jedhamee waamameera. "Waaqayyo akka waan hirribaa ka'uu ka'e" jechuun du'a Kiristoosiin hirriba jedheera. Duuti Kiristoosiif qofaa utuu hinta'in walumaa galattuu hirriba jedhamee waamama. Sababoonni duuti hirriba jedhamuuf baay'eetu jiru. Isaan keessaas muraasuma kaasuuf illee , namni tokko hirriba rafuu dhiisuu hindanda'u.

Bara jireenya keenyaa keessaa harka caalaa kan dabarsinu rafneeti. Namni guyyaa lama , guyyaa sadii akka hintaane ta'ee obsee rafuu dhiisuu indanda'a ta'a malee gonkumaa utuu hinrafin jiraachuu hindanda'u ; utuu hindu'inis itti fufuu hindanda'u , dandeettii keenyaa olidha. Kan rafnus kan dammaqnus eeyyama Waaqayyootiinidha. Namni yeroo ofii barbaadetti hirribasaa fiduu hindanda'u ; yeroo fedhettis hirribarraa dammaquu hindanda'u. Akkasumas , du'uu fi du’aa ka'uunis sammuu namaatii yookiin dandeettii namaatii ol ta'uusaa argisiisuuf duuti hirriba jedhameera. Kan biraan , akka nuun du'a akka hirribaatti ilaalluufidha. Yeroo baay'ee kan nuti garmalee sodaannu du'adha. Isa xumuraadha jennee waan yaannuufidha. Ija hafuuraatiin jalqabdiidha malee raawwii miti ; jalqaba jireenya barabaraadha. Akkuma daa'imti tokko gadameessa haadha isaa keessaa ba'u , kan nuti gadameessa dachee keessaa baanus guyyaa gaafa du'a keenyaadha. Kanaafidha kan jireenyi barabaraa guyyaa dhalootaadha kan jedhamuuf , "Birth day for eternal life" jedhama.

Guyyaa itti jireenya barabaraaf dhalattu jechuun guyyaa itti addunyaa kanarraa duutudha. Kanaafidha kan Kitaabni Qulqulluun irradeddeebiin du'aan hirriba jedhee waamuuf. Kan biraan , gaafa namoonni nuduraa du'an abbaaf haadha keenya , obboleessaaf obboleettii keenya gaafa du'aan ofbiraa dhabnu akkamitti akka ilaaluu qabnu agarsiisuuf jedheetu Kitaabni Qulqulluun du'aan hirriba jedhee waameera. Fakkeenyaaf namni tokko yoo inni hirriba rafe wayyoo hin rafe jennee hinboonyu , qoma keenyas hintumannu , mataa hin aaddannu , uffata gaddaa hin uffannu maaliif? Namni rafe hirribaa ka'uunsaa hin oolu jennee waan yaannuuf. Inni du'es ka'uunsaa hin oolu. Tariitii sadarkaa hirribaatti garaagarummaa saffisaa qabaachuu danda'a malee. Qulqulluun Phaawuloos ergaasaa Teseloonqeetti , "Waa'ee warra rafanii jiranii akka warra abdii hinqabneetti akka hingaddine ; sababnisaas akkuma innirafe inka'a jettanii yaaddan inni du'es inka'a jedhaatii yaadaa" jedhee dubbateera. Sababa kanaaf duuti hirriba jedhamee waamameera. Keessumattuu duuti Kiristoos hirriba fakkaata. Maaliifidha egaa kana Abboonni keenya guyyaa ayyaana du'aa ka'umsaatti kan isaan Misbaakicha jechisiisan ? Yoo jenne sirriimatti waan duuti hirribaa wajjin walqabatuufidha. Foonsaatiin du'us , hafuuraan garuu jiraataa ture Kiristoos. Sababoonni du'a Kiristoosiin hirriba jechisiisan Kiristoos foon isaatiin du'us , hafuuraan immoo jiraataa ta'uu isaadha. "Fooniin du'e , hafuuraan garuu jiraataa ta'e" jedhameera. Kanaaf , isayyuu ; nama si'a jalqabaaf rafe seenaa Addaamii wajjin walitti fiduu dandeenya. Addaam walakkeessa Jannataa rafee ture. Qulqulluun Efireem inni Sooriyaa , "Nama si'a jalqabaaf rafe" jedha hiika Kitaaba Qulqulluu seera uumaamaarratti Addaamiin. Utuu Addaam rafee jiruu cinaacha isaa keessaa lafee takkittii fuudhee Hewaaniin uume. Kanaan booddee jireenyi haaraan bakka bu'e jechuudha. Cinaacha Addaam irraa Hewaan argamte. Seenaan jalqabaa Addaam kun guyyaa gaafa jimaataa raawwatameera. Addaam lammataa Kiristoosiif jechuudha. Utuu Addaam rafee jiruu , hirribi isa fudhatee jiruu lafee cinaacha isaarraa argamteen Hewaan uumamtee akkuma haadha baay'olii taate ; haadha hunda keenyaa taate.

Sa'aatii Kiristoos guyyaa Jimaataa qullaa isaa fannifametti , du'etti , cinaachasaa irraa dhiigaa fi bishaanni dhangala'ee ture. Dhiigaa fi bishaanni dhangala'e sanatti , hunda keenyaaf haadha kantaate Cuupphaan Mana Kiristaanaa irraa argamteetti. Kanaaf duuti Kiristoos hirriba jedhamee waamame. Lammata irratti Machii jedhamee waamameera. "Waaqayyo akka waan hirribaa ka'uu ka'e ; akka nama jabaa machiin Wayinii isa dhiisee" maaliifidha kan duuti Kiristoos machii jedhamee ibsame gaafa jedhamu , egaan Kiristoos dhugee machaahe miti. Kunis seenaa Kitaaba Qulqulluu biraa wajjin wal unata. Kitaaba Qulqulluu keessatti si'a jalqabaaf kan nuti machi arginu Seenaa Nohirrattidha. Akkuma beekamu yemmuu addunyaan baduuf kaatetti nama qajeelaa ta'ee Markaba hojjedhu jedhamee hojjete.

Egaan akka fedhe illee dhahicha Waaqayyo fide ta'us bishaan badiisaa fi dhihicharraa ooluuf Markabatti galaa jedhamee labsiin labsame. Ilmaan namaa tasumaa dhagahuu hin barbaanne ; kanarrayyyu itti qoosaa turani. Akkuma bara keenya kana dhukkubi weeraraan dhufe eeyyama Waaqayyoon ta'us , garuu immoo waan Waaqayyo biraa dhufe karaa mataa keenyaa kan ittiin ofirraa ittisnu qabna. Bara Nohiin Markaba hojjedhss jedhame ; amma immoo harka dhiqadhaa , mana turaa , kana godhaa sana hingodhinaa wantootni jedhaman jiru. Akkuma namoota kanatti qoosanii , bara Nohiiniis itti qoosanii turani. Nohi egaa Lallabaa si'a jalqabaaf hinmilkoofneefidha. Kanaan booddee bishaanni badiisaa dhufe. Bishaan badiisaarraas isaaf maatii isaa fayyaniiru ; addunyaan biraa badeera. Bishaan badiisaa sanaan booddee Nohi dacheerratti Qote bulaa ta'e , Wayinii dhaabe , dhuubees dhuge jedha. Yemmuu dhugetti inmachaa'e jedha ; egaa , machooftuu itti bare ta'eef miti. Namni dhugee hinbeekne garuu gaafa afaaniin qabu akkuma humnasaa olta'u , Nohi amma qullaa buusutti machaa'e. Kanaaf uffata gatee kufe. Gaafanni qullaa buuseetti ijoolleen isaa dhufanii qullaa ta'uu Nohiin ilaaluu jalqabani. Jalqabarratti kan arge mucaa isaa Kaam jedhamudha. Argee itti kolfe. Gara abbaa isaatii deemuunis abbaan keessan qullaa buuseera jedhee itti qasa'aa isaanitti agarsiise. Isaan garuu Iji keenya qullaa abbaa keenyaa hin argu jedhanii fiixee balee marxoo isaanii qabatanii dudduubatti deemaa gara abbaa isaanii dhaqanii qullaa abbaa isaaniitti uwwisani jedha. Nohii gaafa ofbaree dammaqee jedhu warra qullaa isaatti uwwisani in eebbise ; Kaam isa qullaa isaa mul'ise immoo in abaare. Egaa gaafa seenaa kana gara Kiristoositti finnee jennu sirriimatti Nohi fakkeenya Kiristoosiin ture. Nohi dhugeera machaa'eera ; Kiristoos machaa'eera jedhama kan inni machaa'e garuu dhugaatiin miti , jaalala ilmaan namootaanidha. Kan Nohi dhuge daadhiidha ; Xoofoon Kiristoos dhuge garuu du'adha. "Yaa Abbaa yoo jaalalakee ta'eef xoofoon kun narra haa dabartu ; eeyyamakee malee eeyyamakoo hinta'in" jedhee guyyaa gaafa Jimaataa kaadhatee xoofoo inni dhuge xoofoo du'aadha. Kanaaf , akkuma Nohi dhugaatii dhugee machaa'e , Kiristoos immoo jaalala dhala namaaf qullaa isaa fannoorratti fannifame. Gaafa Nohi qullaa isaa ta'etti akkuma Kaam dhufee itti kolfe , Yihuudonni qullaa Kiristoosiin ilaalaa dhufanii , "Of oolchi" jedhanii itti qoosani. Akkuma Seemiif Yaafeet qullaa abbaa isaanii dhoksani Biiftuun , Jiini fi Urjileen qullaa Kiristoosiin dhoksaniiru. Biiftuun dukkanoofteetti , Urjileen dukkana'aaniiru , Jiini dhiiga uffatteetti . Kan Duuti Kiristoos hirribaa fi machii jedhamee waamameef sababa kanaafidha. "Waaqayyo akka waan hirribaa ka'uu ka'e" kan jedhameef kanaafidha. Egaan Kiristoos du'aa ka'eera. Isa duras isa boodas namoonni du'aa ka'aan baay'eedha. Kitaaba Qulqulluu keessa namoonni du'aa ka'aan baay'eetu jiru. Dhimma yerooti malee hundumti keenyayyuu du'aa inkaana , "Warri du'an akka ka'aan abdii nii godhanna" gaafa du'i Kiristoos kan warra kaaniirraa maaltu adda taasisa jennu garuu seendarratti gaafan nagaa dhiyeesse , "ክርስቶስ ተንሥአ እሙታን በዐቢይ ሃይል ወሥልጣን" jenneerra , "Kiristoos warra du'an keessaa ka'eera ; aangoo fi humna guddaadhaani" jechuudha. Namni kamiyyuu ka ofiisaa barbaadee ka'e hinjiru. Kan ka'aan hundumtuu warra isaan kaadan warra barbaadanidha. Kiristoos kan inni ka'e ofii isaadha. Inni jalqabaa kanadha. Inni lammataa immoo Kan Kiristoos ka'e du'a lammataa hinqabu. Namoonni du'anii fi ka'aanii Kitaaba Qulqulluurratti isaan arginu garuu takka turanii du'aniiru. Lammata du'aniiru. Ka'aanii akka jiraattota ta'aanitti hin hafne. Kiristoos garuu ka'uu barabaraadha kan inni ka'e kan lammataa ka hinqabneen. Takkaa ka'eera ; lammata hindu'u. Du'aa ka'uumsa du'a hinqabnedha. Kanaafidha namoota du'a keessaa ka'an Kitaaba Qulqulluu keessa warra jiran gaafa ilaallu Kiristoos isa saddeettaffaadha. Saddeettaffaarra jira. Isa dura du'aa ka'u torba argina Oriitii jalqabee.

Mucaa Sunaamittii , mucaa Saaraaphitaa , mucaa Eelsa'iin erga du'ee booda lafee isaatiin kaase , kan Kiristoos du'aa isaan kaase namoota sadiitu jiru. Sanaan booda immoo inni erga du'ee booda guyyaa gaafa Jimaataa namootanii kaase jiru. Kan isaan ka'aan hojii ajaa'ibsiisaa fannoosaanidha jechuudha. Saddeettaffaan garuu Kiristoosidha. Ija Dubbii Waaqummaa (Tiyooloojiitiin) yemmuu lakkoofsa saddeet ilaallu lakkoofsa jireenya barabaraa agarsiisudha. Kan Sanbata booda jiru kan jireenya barabaraa agarsiisudhaatii Du'aa ka'uun Kiristoos du'aa ka'uu du'a hin qabnedha.

Kiristoos yeroo biyya lafaa kanarra fooniin deddeebi'etti namoota inni du'a keessaa isaan kaase jiru. Utuu guyyaa jimaataa ihnkaasin dura yemmuu barsiisuu isaatti namoota sadii du'a keessaa kaaseera. Namoota maqaa fi seenaan sirriitti barreeffaman jechuudha. Kan inni namoota sadii qofaa kaase dadhabeef miti. Inni akkuma lafa ejjeteen du'oota lafarra jiran hundumaa ergaantakkaa kaasuu danda'a. Dhufaatiin isaa du'a lammataarraa nufayyisuuf jedheetu malee du'a isa kanarraatii miti. Duuti inni kun jireenya isa garasiif ceesisaadha malee waan hafuu qabus miti. Kanarrayyuu qaama araara isaatiidha. Qaama diigamuuf tortoruun amma bara jireenya keenya guutummaa jiraannu waan du'a jedhamu fidee gara jireenya barabaraatti nu fiduuf kan Waaqayyo dhiifama isaarraan kan ka'ee godhedha. 

Kiristoos namoota sadiidha kan inni du'aa kaase. Jalqabarratti kan inni du'aa kaase mucaa waggaa 12dha. Mucaa ajajaa dhibbaa Iyyaari'oos jedhamuudha. Dargaggeessa tokkos kaaseera. Mucaa umiriinsa kudha wayi keessa jiru mucaa haadha hiyyeettii tokkoo ganda Naayin jedhamtutti du'aa kaase. Sadaffaarratti immoo nama umurii ga'eessummaa keessa jiru Al-aazaariin du'aa kaase. Egaan Kiristoos du'aa ka'uu sadan kanaan waan jechuu barbaadetu waan jiruufidha kan inni isaan kana sadan filee du'aa kaasuun nutti agarsiiseef. Umuriidhaan daa'ima kaaseera , dargaggeessas kaaseera , ga'eessas kaaseera. Guyyaa gaafa du'aa ka'umsa waliigalaa du'aa ka'umsa akkamii akka kaanu fi umurii hundumaarra warri jiran akka ka'aan kan nutti agarsiisudha. Gammachuu du'a keessaa ka'uu sanaan argame yemmuu ilaallu ka'uu daa'imattiin abbaa isheetu gammade , ka'uu dargaggeessa sanaan haadha isaatu gammade , ka'uu Al-aazaariin immoo obboleettiiwwan isaatu gammadani. Kanaaf , giyyaa gaafa du'aa ka'uumsaatti abbaan du'aa ka'uu ilma isaatti , haati du'aa ka'uu ilma isheetiitti , obboleessi ka'uu obboleettii isaatti ; obboleettiin ka'uu obboleessa isheetti guyyaan itti gammadan akka dhufu agarsiisuuf , innumtuu Kiristoosiyyuu du'aa ka'umsa ta'uusaa agarsiisuuf jedhee du'aa ka'uumsa sadii taasise. Kan nama dhibu akkaataan jarri itti ka'aan addadda ta'uusaadha. Mucaan durbaa umurii kudha lamaa inni du'aa kaase mucaan ajajaa dhibbaa Iyyaari'oos , mucaakoo naa fayyisi , naaf kaasi jedhee dhaamsa itti erge. Kiristoos tole jedhee gara mana isaatii dhufe. Utuu darbuu daandiirrattis dubartii waggaa 12 dhiigni ishee dhangala'e fayyiseetu achumarraan dhufe. Gaafa inni manicha bira ga'u garuu gadba'aanii haa hafu mucaankee duuteettiiti barsiisaa hindadhabsiisin isaan jedhani. Duuteettiiti sichi yeroo hingubin ittiin jedhan. Kiristoos garuu , "hinduune inrafte malee" jedhe. Isaaf duuti hirribadhaka. Kan Kiristoos du'aan hirriba jedheef olitti ilaalleerra. Lammata immoo isa nuun nama rafe kaaseef yaalii goonu inni nama du'e kaasuuf itti salphata. Nuti nama rafe kaasuuf illee rarraafnee itti bubbuuneedha kan nuti kaasnu. Kiristoos garuu isa du'een ka'i jennaan kaasuu danda'a. Itti bu'ee kaasuu danda'a. Kanaafidha kan inni rafteetti jedheef. Warra kaaniin gadbaasee abbaaf haadha fi bartoota isaa sadii wajjin itti ol-lixe. Kanaan booda , "Ka'i!" Jedhe , battalumatti kaate. Nyaata kennaafii jedhee nyaatte. Mucaa mulluu boo'icha isheef qophaa'e nyaattedha jechuudha mucaan waggaa kudha lamaa kun. Utuu isheen mana keessa jirtuudha kan inni du'a keessaa ishee kaase.

Lammatarratti mucaa inni du'aa kaase immoo utuu awwaaluuf baatanii magaalaa keessaa balaanii daandiirra deemaa jiranii , utuu haati dudduuba dudduuba bo'aa duukaa buutuu ture kan Kiristoos daandicharratti isaan dhaabsise. Inni du'e sun carra qabeessadha. Du'aa ka'uuti du'a karaatti eege. Kiristoos du'aa ka'umsadha ; jireenyadhas. Kanaaf , Kiristoos utuu haati bo'aa duukaa buutuu fi warri awwaalan baatanii deemanii dhaabsisee , "Ka'i!" Jedhe qaqqabee ; du'aa ka'e. Kun du'aa ka'uumsa lammataadha. Du’aa ka'umsi sadaffaan immoo du'aa ka'uu Al-aazaaridha.kan Al-aazaar immoo erga du'ee guyyaa afuraffaa isaadha. "Dhagicha irraa kaasaa" jedhe. Erga du'e guyyaa afraffaa isaadha sitti aja'aa Yaa Gooftaa utuu isaan jedhanii du'aa kaase. Al-aazaariinis , Al-aazaar Al-aazaar kottuu ba'i jedhe. Kafana isaa wajjin ba'e jedha. Kan inni namoota kana sadan du'aa kaaseef waan hiikaa fi ergaa biraa qabaniifidha. Egaan , ka'uu gaafa jedhamu dirqama du'a keessaa miti ; du’aa ka'uu sadiitu jira. Inni duraa namni gaafa biyya lafaa kanarra jiraatu du'a du'u qaba. Kunis maalidha? Kan jedhuuf , jireenyisaa cubbuu fi hammina keessa yoo gale jiraates akka du'aatti ilaalama. Kitaabni Qulqulluu immoo waa'ee du'a kanaa irra deddeebi'ee dubbata. Lubbuu keenyaaf kan hin yaanne , hojii gaarii kan hin hojjenne , isa kaaniif kan hin yaanne , ofumee , hojii jal'inaarratti kan bobbaane taanaan , lubbuun jiraannus akka duunetti lakka'aama. Duuti jalqabaa isadha. Du'i lammataa isa fooniin du'amudha. Du'i sadaffaan isa du'aa kaanee murtiin barabaraa kennamudha. Du'aatii kana sadan keessaa duuti inni jalqabaa kan hunda keenya ilaallatudha. Jireenya du'aa .. amma xiqqoo dhukkubi kun dhufee lapphee keenya deebise malee jireenya isa du'ee gadii ture jireenyi keenya. Hariiroon waliiwalii keenya gidduu ture kan baay'ee nama leeyyaasisu ture , amma utuu xiqqoo qabbanaa'eetii amalli hamaan deebi'ee nutti ka'u baay'eetu jira. Kun warra jireenya qabanii gadi nugodha. Jireenya du'aa jirra nu hin jechisiisnedha. Mucaa ishee mana keessa turte Kiristoos olgalee fayyise jechuun cubbuuti hojiitti hin hiikne sadarkaa yaadaatti jiru , waan jal'aa gad hin baasne jira. Alas yoo gaabbitee fi deebite hojii jal'inaakee hinraawwanne , manicha keessatti cubbuuti dhoksitee hojjettu keessaa sikaasuuf siif dhiisuuf qoppha'aadha jechuudha. Cubbuu nuti dhuunfaatti dhoksinee hojjennu jira ; yookiin yaada jal'aa suuqnee keenye jiraachuu danda'a. Inni achi keessaa sikaasuuf eeyyamamaadha. Kan inni mucittii kaase utuu namni tokko hin argin gara kutaa isheetti olgaleedha. Kanaaf , jireenyakee keessatti waan jal'inaa yaadaa jirta taanaan , yaadakee jal'aa eenyuyyuu hin yaanneef hin argineef araara siif buusee lammata sikaasuu fi lammata gara jireenyaatti akka si fiduu danda'u kan nutti agarsiisudha. Olgalee kaase jedha. Kanaaf , tokkoon tokkoon keenya keessoo keenyatti , mana keenya keessa isa dhoksine , lapphee keenya keessa isa dhoksine waan jal'aaf yeroon kun yeroo ka'uumsaadha. Yeroo itti kaleessa jal'ina yaadaa turree har'a yaannu miti ; kanaaf , olgalee ka'umsa isheedhaaf godhe jechuudha. Kana hunduma keenyaaf haa godhu. 

Lammatarratti immoo isa warra isa awwaalaniin marfamee deemu kaase jedha. Kun immoo hojii jal'inaa fi cubbuu hammaataa namni hundumtuu nurratti beekudha. Kan namootaan marfamnee hojjennu , namni hundumtuu kan argu , kan ittiin awwaalamuutti deemaa jirru , kan ittiin gara isa caalaa hammaatutti kan ittiin deemaa jirrudha. Dargageessadha ; haati immoo duukaa buutee bo'aa jirti , haadha kan jedhamte Bataskaanadha. Egaan isheen haadha hunda keenyaadha cuupphaadhaan nudeesseetti. Kanaaf , namni tokko ammuma inni gara hojii jal'inaatti deemu duukaa buutee boossi. Mucaakoon dhabeem jettee. Qulqulluu Ambiroos hayyuun jedhamu maal jedhaa , "Yoo ati gaabbiidhaan deebi'uu dadhabdeyyuu Bataskaanni garuu siduukaa buutee boossi" awwaalaan namaa baay'ee ta'uu danda'a. Gaafa ati karaa jal'inaarra buutu namni sitti murteessu jira. Innoo hamaadha jedhee namni hojiikeen sitti murteessu jira. Namni itti jabaadhu siin jedhus jira. Awwaaloo baay'ee qabda. Kanaaf , daandiirratti dhaabe jedha.

Akka nama tokkootti immoo hojii jal'inaa namni hundumtuu sirratti beeku keessa jiraannaan , Kiristoos immoo karaatti si eegee sikaasa jechuudha. Du'aa ka'umsa lammataa kan jedhame kun isa karaarra jiru , cubbuutiin jamaan beekudha. Inni sadaffaan Reeffa guyyaa sadii buledha. Kana jechuun immoo hojii jal'inaa dhaqna nutti ta'e , nutti waloomee akkasumatti akka burkutoofnetti , akka tortorretti amma lakka'amutti gaafa jireenyi keenya garmalee badduu ba'udha. Kana jechuun sirriitti gaafa hamminatti bartudha. Amma inhaja'a jedhamutti. Al-aazaar akkas ture ; reeffa guyyaa afurii. Awwaalchichi cufameera ; banaa jedhe Kiristoos . Yaa Gooftaa sitti haja'aa jedhan. Kiristoos garuu banaa jedhee Al-aazaar Al-aazaar ba'i jedhee waame jedha. Akka barteetti namni nama du'e maqaa isaatiin waamu hinjiru. Reeffatu ba'e jenna malee abaluutuu ba'e hin jennu ; akka fedhe yoo jaal'anne iyyuu gaafuma du'ee jalqabee insodaannaan. Biratti argamuuyyuu hinbarbaannu. Reeffa jechuunuu waan bosose jechuudha. Gi'iiziidhaan Askareen jechuun bultoo jechuudha. Inni hiika fooyya'aa qaba. Maqaa isaatiin garuu hin waamnu. Al-aazaar jedhee waame ; kun immoo maalidhaa , jireenya hamminaa keessatti ; jireenya jal'inaa keessatti yoo argamteyyuu Waaqayyo garuu maqaakeetiin si waama. Namoonni haja'eera jedhaniiru , miti ; inni araadaan badeera , isheen waan kanaan baddeetti , abdii hinqabu sitti haja'aa utuu ittiin jedhanii iyyuu inni hindhaga'u. Ba'i jedhe kafanasaa wajjin ba'e jedha. Du'aa ka'uu tokkoon tokkoo keenyaaf barbaachisu kan agarsiisudha. Akka biyyaattis , akka dhuunfaattis yeroon kun yeroo ka'uu waanta’eef Kiristoos du'aa ka'uu sadan kana hunda taasiseera. Kan inni yeroosaatti ka'e garuu humna isaanidha. Sababa kanaan , "ክርስቶስ ተንሥአ እሙታን በዐቢይ ሃይል ወሥልጣን" "Kiristoos warra du'an keessaa ka'eera ; aangoo fi humna guddaadhaani" jenna.

Egaan Kiristoos yeroo du'aa ka'eetti waan inni agarsiise mataa gad-qabannaadha (kasoomina). Bara jireenyasaa kan agarre mataa gad-qabannaanidha. Silumaayyuu jechi mataa gad-qabannaa jedhu Waaqayyoof malee nama hundumaaf kanta’u miti. Sababnisaas nuun yoo gad-ofqabne nuuf , ofbeekuudha. Fakkeenyaaf namni tokko an biyyoodha andhukeedha yoo jedhe baay'ee gad-ofqaba laafessadha jedhama garuu teekinikaan yoo ilaalle namni biyyoomadha. Kanaaf gad-ofqabuu namaa jechuun gaafa ofiisaa baredha jedhama. Sirriitti eenyuun akka taate gaafa barte siif gad-ofqabuudha ; Waaqayyo maccaaf garuu , Waaqa ulfina qabeessaaf garuu nama ta'uun isaa , gadjechuun isaa gad-ofqabuu isaadha jedhamee dubbatama. Nuuf garuu ofbaruun keenyayyuu akka gad-ofqabuutti lakka'aama. Kanaaf , Dhalootiif du'aa ka'uun Kiristoos gad-ofqabuun ta'e. Gaafa dhalate halkaniinidha ilil jedhaatii , adii uffadhaatii nasimadhaa utuu hinjedhin utuu eenyuyyuu hin arginidha kan inni dhalate. Dallaa horii keessattidha kan inni dhalate. Utuu Masaraa Mootummaatti dhalateeyyuu isaaf kabaja miti ; garuu dallaa horii keessattidha kan inni dhalate. Gaafa ka'ees utuu fiingee hin afuufsisin , dibbee waamichaa hin rukuchiisin gad-ofqabummaadhaanidha kan inni ka'e. Lammatarratti gaafa Kiristoos dhalates ta'e ka'es wantoonni uumaman maalidhaadha? Egaan , gaafa dhalate namni qajeelaan Yooseef jedhamu Ergamaan itti himamee Durbee Maaramiin gaafa ulfoofte sodaannaan , "Durbee Maaramii fudhachuudhaaf hin sodaatin" jedhamee gara mana isaatiitti fudhatee , mana isaa keessa ishee jiraachisee , achiin booda yeroo Lakkaatii uummataadha egaa kan Kiristoos dhalate. Dhugaa dubbachuuf taanaan gaafa Kiristoos awwaalamees nama Yooseef jedhamutu ture. Walfakkaataadha. Gaafa inni dhalate Yooseef ture utuu hin sodaatin kan Durbee Maaramii fudhate. Gaafa inni awwaalames namicha Yooseef isa Armaatiyaa jedhamutu awwaalcha ofii qoppheeffatetti awwaale jechuudha. Awwaalcha haaraa ofii isaatiitti. Akkaataanni itti dhalatee fi du'aa ka'e walfakkaataadha. Yemmuu Kiristoos awwaalametti Yihuudonni dhagaa guddaadhaan awwaalcha isaa cufsiisanii turani.

Maal ittiin jedhanii? , "Nanka'a jedhee dubbateeraatii inni boodanaa isa duraarra akka hin caalleef haa cufamu" jedhanii Philaaxoos biraa heyyamsiisanii , "dhagaa guddaadhaan cufsiisani ; Chaappaa mootichaas itti mal'atteessani ; loltootaanis eegsisani" jedha. Amma dhugaamasaa dubbachuuf taanaan du'a keessaa ka'uuf dhagaa gabgalchuu keessaa isa kamtu ulfaata?

Kiristoosiif du'aa ka'uun danda'aamnaan dhagaadhaan deem asii jennaan indeema. Garuu , keessoo isaanii waan sodaan jiruuf dhagaa sanaan cufsiisani. Kan nama dhibu garuu , Kiristoos utuu awwaalchicha hin fonqolchin , utuu dhagicha hingalagalchin , awwaalcha chaappeffame keessaadha kan inni ba'e. Booda akka dubartoonni ilaalaniif Ergamoonni banan malee , Kiristoos utuu awwaalchi hinbananamiifidha kan inni ba'e. Gaafa dhalates akkasuma ture. "Utuu chaappaan durbummaa keetii hinjijjiiramin ilma kan deesse yaa Giiftiiko Maariyaam gammadi" jenna. Gaafa dhalates chaappaa durbummaa Durbee Maaramii utuu hinbaninidha kan inni dhalate ; gaafa ka'ees akkasumadha. Hayyuun Itiyoophiyaa Qulqulluu Abbaa Giyoorgis jedhamu inni Gaasiccaa Katabbii isaa Argaanoon jedhamu irratti akkas jedha , "Ilma abbaa kanta'e Kiristoosiin balbala sadii banuu dhiisuusaan ajaa'ibsiifadha" jedha. Waa’een isaa nudhiba jedha. Balbaloota sadan kan jedhaman maal maalidha? Tokkoffaarratti gaafa dhalate gadameessa haadha isaatii keessaa gaafa ba'e utuu chaappaa durbummaa isheetii hinbaninidha. Lammatarratti utuu hinbanin awwaalcha keessaa ba'e , sadaffaan immoo utuu bartoonni mana cufamaa keessa jiranii utuu hin banin ol-lixee , "Nagaan isiniif haata'u" guyyaa har'aa isanni jedhedha. Balbaloota sadan kana keessa kan baay'ee nadhibu isaan lamaanii baay'eemayyuu na hindhibani ; mana cufamaa keessa lixuu warri kaanuu godhaniiru. Awwaalcha cufamee keessaa ba'us warri kaan godhaniiru Daani'eelfaa. Ergamaan seenee Pheexiroosiin fuudhee ba'eera. Kun na hindhibu. Durbummaadhaan ulfooftee durbummaadhaan deesse kan jedhu garuu sirraan qofaarraa kan hafe waanan hin agarreef waa'ee iccitii durbummaakeetii amman hubadhutti na eeggachiisa jedhee Durbee Maaramii jaal'atamaa Ilma isheetii wajjin ishee galateeffata. Kanaaf guyyaan kun guyyaa itti Kiristoos awwaalcha chaappeffame keessaa ka'e kan itti yaadannudha.

Egaan , tibbi du'aa ka'uu Kiristoos akkuman jalqabarratti kaasuuf yaale tibba qalbii jijjiirrannaadhas. du'aa ka'uu jechuun tokkoon tokkoo keenyaafidha. Dhugaa dubbachuuf fooniin du'anii ka'uu kan boodaaf abdii godhannudha. Jireenya har'a qabnuuf garuu du'aa ka'uu jechuun waan jal'inaa amma jireenyaan keessa jirru keessaa gara waan gaariitti deebi'uudha. Du'aa kaasuu jechuun kanadha. Hayyuun Bataskaanaa Qulqulluun Yohaannis Afwarqii jedhamu maal jedhaa? , "Du'aa kaasuu barbaadda taanaan kottu sittan agarsiisaatii , nama cubbamaa gara hojii gaariitti deebiste jechuun du'aa kaaste jechuudha. Ija banuu barbaadda taanaan kottu sittan agarsiisaatii , ija banuu jechuun nama sagalee Waaqayyoo hindubbisne akka inni dubbisu gochuudha" jedha. Ajaa'iba hojjechuu barbaadda taanaan hiyyeessa nyaachisi ; afaan kaa'i isadha ajaa'ibni guddaan" amma barri kun bara itti walgargaarrudha. Biyya keenya keessatti waan jal'aan baay'een nuyaaddessaa jira nu sodaachisaa jira mitiiree? Du'aa ka'uu jechuun isadha. Isa du'e kaasuu jechuun isadha , akkaataa itti yaadan du'e , sammuu du'e , eenyummaa du'e jijjiiruu jechuun du'aa ka'uu jechuudha. Egaa Kiristoos tibba du'aa ka'uu kanatti jaalalaa fi gad-ofqabummaa ajaa'ibsiisaa agarsiiseera. Tokkoon tokkoo keenyas Qalbii jijjiirrannaa nubarsiiseera. Qulqulluun Phaawuloos akkas jedha , "Ati yaa isa raftuu dammaqu ; Kiristoos siif ibsaatii" isa raftuu dammaqi yemmuu jedhu utuu ijaajjiitti jirtuu cubbuu fi hojii jal'inaarra gara gaariitti deebi'i jechuudha. Kanaafidha kan nuti yeroo kanaan yeroo du'aa ka'umsaadha kan nuti jennu. Tibba du'aa ka'umsaa kana keessa namoota Kiristoos dhiifama godheef keessaa tokko Pheexiroosidha. Egaan , seenaa Qulqulluu Pheexiroosiin namni Kitaaba Qulqulluu dubbisu kamiyyuu beeka.Pheexiroos , amanuufis ganuufis gaaffiifis deebisuufis nama baay'ee ariifatu ture.

Jireenya baay'een keenya qabnu kan fakkaatudha. Qulqulluun Pheexiroos , Kiristoos fannifamuuf kamisa galgala borumtaa jimaataatti bartoota keessaa ka'ee haasaa tokko taasise , "Yaa Gooftaa utuu warri kaan sigananii iyyuu ani si hinganu" jedhe. Haasaa bareedaadha ; singanu jechuun isaa cubbuu hinqabu. Balleessaan Pheexiroos garuu maalture? Utuu warri kaan sigananii iyyuu an singanu jechuun isaa isaan anarra dadhaboodha , an cimaadha jechuusaa ture. Ofiisaa olkaasee warra kaaniin gadqabe. Hayyuun Itiyoophiyaa Ritu'aa Haayimaanot jedhamu jaarraa 13ffaa keessa ture akkas jedha , "Maalta'a yaa Pheexiroos utuu anis singanu obboloonnikoos singanani utuu jetteetta ta'eetii. Ati garuu isaaniin gadqabdee ofiikee immoo olqabde , kanaaf utuu isaan hin ganin ati gante" Pheexiroos tasumaa singanu jedhe. Kiristoos , "Utuu lukkuun naqa sadii hin iyyin naganta" jedhe inni garuu kakatee ofmaggane. Kanaan booda Kiristoos qabamnaan Pheexiroos jaalala isaa ibsuufiif jedhee yaalii godhe. Kan inni godhes qarabaa fudhatee lola jalqabe. Dhugaa dubbachuuf yemmuu sanatti umuriin Pheexiroos 58dha. Loltoonni Roomaa dargaggeeyyiidha. Isaaniif nama ajjeesuu jechuun amma Muuzii quncisuudha. Inni shaakallii adda waraanaa hin qabu ; kiyyeessaa Qurxummiidha. Jaalala inni Kiristoosiif qabu garuu garaa isaraasee Kiristoosiin jarra harkaa baasuuf ka'ee lola banee Maalkosiin Nahoo angafa lubootaa gurra isaa kute jedha. Akka hayyotiin nutti himanitti kan inni aggaame morma isaatti ture ; garuu waan muuxannoo hojii hin qabneef gurra isaa kute. Kiristoos sababa cituu gurra kanaan akka ya'aan dubbii itti hin dhufneef jedhee gurra namicha sanaa fayyiseef jedha. Kanarratti wanti nutti qalbeeffannu gurricha lafaa barbaadee fuudhee itti tolcheef hin jedhu. Gurra haaraadha kan inni kenneef. Garuu immoo gurri waan jal'inaa meeqa dhaga'aa yoona ga'e cites bu'aa hinqabuuf. Waaqayyo gurra hunda keenyaayyuu nuuf haa jijjiiru. Altokko tokko waan gaggadhee dhadhageenyee sammuun Keenya xuraa'ee , taliilli yaada keenyaa boora'ee gaafa waan gaarii dhageenyullee waan gaariitu hojjetamuufidha gaafa jedhamnu , "Hi'iinkoo waallee dudduubasaa jira" jenna ; kana jechuun sammuu xuraa'e jechuudha. Gurra namicha sanaa fayyiseef ; Pheexiroos inbaqate. Waan garaan isa dandeessisuu dideef garuu dudduuba namaa deemaa Kiristoos duukaa bu'e. Dhumarratti , "Abidda qaammachuu jalqabe" jedha. Kiristoos manjalee keessatti dhipphata inni immoo loltoota Roomaa fi Yihuudotaa wajjin abidda qaammata. Boodarratti , haasaan Pheexiroos haasaa nama baadiyyaa ture. Bartoota kudha lamaan keessaa 11 namoota Galiilaadha. Isaan keessaa Yihuudaadha namni magaalaa. Kanaaf haasaan warra 11 waan isaanirratti beekamuuf , "Atis isa duukaa hinturree?" Jedhanii garmalee sardani. "Hinbeekuuniin" jedhee kakatee ofmaggane ingane. Alas Lukkuun iyye ; Pheexiroos ingaabbe. Kanan seenaa kana kaaseef Kiristoos Pheexiroosiif dhiifama godheeraa kan jedhuufidha. Du'aa ka'umsa booddee balleessaa inni balleesseef dhiifama godheera. Akkanni dhiifama godheef fakkeenya lama fudhachuu dandeenya. Tokkoffaa irratti Kiristoos ka'ee Ergamoota ergee misiraachoo isaan dhageessisee ture dubartootaafis bartootaafis. Ergaan Gooftaa maalture gaafa jennu , "Beenaatii bartootaakootiif Pheexiroosiifis Gooftaan ka'eera jedhaatii itti naaf himaa" jedhe. Kan inni Pheexiroosiin maqaa isaatiin waameef maaliifidha? Waan Pheexiroos ganeef inni naqa sadii ganeera jedhanii haqu. Nuun dafnee galmeerraa nama haquuf injarjarra. Kana waan beekuuf Pheexiroosiin illee naa waamaa jedhee du'aa ka'usaatiin waame ; yeroon du'aa ka'umsaa yeroo araaraadha. Waan nama dhibu nama gaafa rakkina keenyaa nugane gaafa gammachuu keenyaa hin waamnuun. Akka bartee keenyaatti illee nama jibbinuyyuu gaafa gammachuu keenyaa inwaamna haagubatu haajinaa'u jennee. Kiristoos garuu gaafa du'aa ka'umsa isaadha kan inni Pheexiroosiin waame. Inni xumuraa immoo utuu isaan Galiilaatti Qurxummii kuyyeessaniidha. Isaan Gooftaa hin argine. Gooftaanis dhufee , "Simi'oon yaa ilma Yoonaa" jedhee haasofsiise si'a sadii. "Najaal'ataa?" "Najaal'ataa?" jedhee jecha jaalalaan haasofsiise.

Siin Bartuukoo sigodhachuudhaaf si filadhee ka'ee akkamitti naganta? , ajjamitti sinbeeku naan jetta jedhee jecha nama quqquuquun itti hindubbanne. Jecha jaalalaanidha kan inni isatti dubbate. Gaafayyuu Pheexiroosiin , "najaal'attaa" jedhee gaafatu akka duraan gaafa kamisaa singanu hinjenneetti , "Sinhaal'adha" jechuuf sodaate. Singanuu mitiitii , jecha biraa dubbachuuf yaaluunillee haa hafuutii , "Sinjaalladha" jechi jettu illee insodaachisteen. Kanaafidha kan inni , "Yaa Gooftaa akkan sijaal'adhu atuu beekta" kan inni jedheef. Hoolotakoo eegi , xobbooliikoo eegi , elemookoos bobbaasi jedhee ittuu mude ; kanaaf , haloof ijaa baafannaa akka dhiisuu qabnu , kaleessa akkas nagodheera kaleessa akkas na gooteetti jennee gaafa haalli nuuf mimmijatu kan nama miinu , kana yayyadannee du'aa ka'uun jireenya keenyarratti hojiin haa mul'atu yoo jedhame kana gochuudha egaa. Ati , nama kaleessa dheengadda sitti bal'eesseen guyyaa eeggattee amman iddootti ishee galcha kan jettu taanaan du'aa ka'umsi siin hin ilaallatu jechuudha. 

Kiristoos eegaa ittiin ijaa hinbaafanne. Eegaa Pheexiroositti leeyyoo hin uwwisne. Kun bara araaraaf dhiifamaa waanta'eef kan Waaqayyo waan kana gara keenyatti fideef kanaafidha. Erga du'aa ka'uu yaadachuun keenya hin oolleeti namoon sagalee kana dhageessan tariitii nami isin itti gadditan jira ta'a. Namati hin haasofsiisne , waa’eensahoo namni ittiin jennu jira ta'a. Nama lolluu fi nama garmalee itti gaddinu. Akkamitti akkas taanee du'aa ka'umsasaa kabajna? Du'aa ka'uun du'aan kabajamaayi? Yerichi yeroo walii dhimmuu , yeroo dhiifama ittii walii godhan , yeroo itti isa kaaniif yaannudha. Egaan utuu dhukkubi kun nu darbeetii , biyyi keenyas gara jalqabaa isheetti utuu deebiteedha kan nuti hawwinu. Waan jal'inaa kaleessa keessa turre kan ittiin jijjiirruu fi jireenya haaraa kannittiin jalqabnudha du'aa ka'uun. Du'aa ka'uu jechuun , hojii hamminaatti of hiikuu jechuun waangaarii faayya'aa hojjechuu jechuudha. Kiristoos guyyoottan 40 keessatti waan baay'ee hojjetee , Bataskaana hundeesseedha kan inni gara samiitti olba'e. Kanaaf , Waaqayyo nukaasnaan jal'ina keenyarraa yoo nukaasedha. Waan jal'inaa qabnu ofirraa harcaafnee bara itti kaanu akka nuuf godhuufidha hawwiin keenya. Bara ka'umsaa nuuf kan ka'umsaa nuuf haagodhu. Dhukkubaa fi dhibee kana immoo Waaqayyo arjummaa isaatiin nurra haa dabarsu. Yeroo itti waliiyaannu , yeroo itti walgargaarru , yeroo itti siree isakaanii afnu malee yeroo itti kan ofii keenyaa qofaa yaannu akka hintaaneef Waaqayyo arjummaa isaatiin nu haagargaaru.

Dn Heenook Haayilee

Hiikni: Dn Taammiraat G/Maariyaam

Report Page