Dhimma barnootaafi qormaataa bara kanaa maaltu yaadamaa jira?

Dhimma barnootaafi qormaataa bara kanaa maaltu yaadamaa jira?

From
Image copyright FACEBOOK Goodayyaa suuraa Gocha gaarii barattoota mana barnoota Taabor Hawaasaa

Sababa Covid-19n Itoophiyaa keessatti barnootni idilee dareetti kennamu sadarkaa hundatti erga adda citee ji'a sadii ta'eera.

Hogganaa Itti-aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa BBC'tti akka himanitti, dhimmi qormaata kutaa saddeettaffaa silaa tibba kana kennama ture garuus ammatti wanti yaadame hin jiru jedhan.

"Qormaatnis ta'e barnootni bara kanaa sababa koronaavaayirasiitiif adda waan citeef ammatti kana jedhanii dubbachuufuu nama rakkisa. Barnootnuu yoom banama kan jedhu guyyaansaa gaafa dhibeen kun too'atamerratti hundaaha," jedhan.

Sadarkaa naannootti kan kennamu qormaanni kutaa 8ffaa bara kanaa sadarkaa kennuuf nama dandeesisurra waan hin jirreef qophiin taasifame tokkoyyuu akka hin jirres himan.

"Biyya kanatti koronaavaayirasiin too'atameera yeroo jedhamee labsamedha barnootni kan jalqabamu. Dhimmi qormaataas erga barnootni sirnaan kennameen booda kan hojiirra oolu taha," jedhan.

Yeroo ammaa kanattis barattootni sababa dhibee kanaatiin barumsa adda kutan barnootarraa akka hin fagaanneef teeknolojiidhaan dhiheessuun jalqabamuu himu.

"Amma kan itti jirru miidiyaaleedhaan, telegramiifi website dhaan dokumentoota barnootaa qopheesinee dhiheessaa jirra. Fakkeenyaaf, Telegramiirratti qormaata shaakallii gadhiisaa jirra. Kun akka barattoonni barnootarraa hin fagaanneef," jedhan.

Barnootni amma teeknolojiidhaan deeggaramee kennamu kun barattoota naannoo magaalaa jiran dhaqabuu kan dandeesisu ta'us, kanneen carraa kana hin qabne akkamiin fayyadamu jennee gaafannee turre.Isaaniis yoo deebii kenna: "TV fi Telegram yaa hafuutii uummanni raadiyoo hin qabneyyuu akka jiru ni beekna. Ta'us ammatti carraa qabnu kanaan hammuma gahuu dandeenyuuf qaqabuuf yaalii gochaa jirra," jedhan.

Iddoowwan taajajiloonni kunneen hunduu qaqqabuu hin dandeenyetti ammoo kitaabotni barnootaa barattootaaf akka hiramu ta'aa jiraachuus eeran.

Barnootni amma malawwan adda addaatiin kennamaa jiru kun garuu akkuma barataan yeroosaa lafatti hin balleesineef malee akka barnoota idileen baratameetti kan lakkaahamu akka hin taanes himan.

"Barnootni amma teeknolojiin kennamu kun barataan barumsa baratee kutaadhaa kutaatti ittiin darba jechuu miti. Seerri biyya kanaa barataan walqixa daree keessa seenee barachuu akka qabu hima. Barnootni idileen barsiisaafi barataan gaafa walitti dhufan jalqabama. Dareedhaa dareetti darbuunis gaafasi," jedhan Obbo Efreem.

Report Page