DAY 7=>Halkan Guutuu itti dadhabaa bule.
0985159172"Yookiis baay'ina gaarummaa isaa, obsa isaa, siif danda'uu isaa salphaatti ilaaltaa ree? Gaarummaan Waaqayyoo gara geddarannaa yaada garaatti akka si geessu hin hubattuu ree?" Rom2:4.
1 Gaaf tokko Yesus bishaan ciisaa Genesaarex jedhamu bukkee in dhaabata ture; namoonni baay'een immoo dubbii Waaqayyoo isa irraa dhaga'uudhaaf wal dhiibuudhaan isatti bu'an.2Bidiruu lama qarqara bishaanichaatti hidhamanii arge; qurxummi-qabduunis keessaa ba'anii kiyyoo isaanii in dhiqu turan.3Bidiroota sana keessaa isa kan Simoon yaabee, Simoonin bidiruu isaa bishaanitti buusee, qarqara irraa xinnoo ishee gara gidduutti akka butuuf gaafate; achumaan taa'ee, bidiricha irraa jara in barsiisa ture.4Dubbii isaa erga dhaabee booddee, Simooniin, “Gara tuujjubichaatti hiiqi; qurxummii qabuudhaafis kiyyoo keessan darbadhaa!” jedhe.5 Simoon immoo deebisee, “Yaa barsiisaa, eda halkan guutuu baay'ee itti dadhabne, homaas hin qabne, amma garuu erga ati dubbattee dubbii keetiif jedhee kiyyicha nan darbadha” jedheen.6Isaan kiyyoo isaanii yommuu darbatan, kiyyoon isaanii hamma tarsa'uu ga'utti, qurxummii danuu qabatan.7 Hiriyoonni isaanii bidiruu biraa keessa kan turan dhufanii akka isaan gargaaraniif hawwatan; isaanis dhufaniifii, baay'ina qurxummiitiif liqimfamuu hamma ga'anitti, bidiroota lachuu qurxummiidhaan guutan.8 Simoon Phexros waan ta'e kana yommuu arge, jilba Yesusitti kufee, “Yaa gooftaa sitti dhi'aachuun anaaf hin ta'u, ani nama cubbamaa dha” jedhe.9 Simoonii fi isaa wajjin kan turan hundinuu waa'ee qurxummii danuu qabuu isaaniitiif na'anii, dinqifatan.10Innis, ilmaan Zabdewos warri hojiidhaan hiriyoota Simoon turan, dubbii kana akkuma warra kaanii raajeffatan. Yesus yommus Simooniin, “Hin sodaatin, si'achi immoo nama kan walitti qabdu in taata” jedhe.11 Bidiroota isaanii gara qarqaraatti erga baasanii booddee, hundumaa dhiisanii Yesus duukaa bu'an.
AYYAANNI GARA QALBII HAAREFFAANNITTI,GARA YAADA GEEDDARANNITIS NAMA GEESSA.
Osoo ayyaanni nuuf baayyatuu baatee,eenyumtuu gara fayyina kanaa akka dhufuu hin dandeenye beekamaadha.Eenyuyyuu ayyaana Waaqayyoo jala kan jiru yerooo hundumaa Waa'ee,fayyuu isaa,araara Waaqayyoo,yaaduuf gara fakkaatti ilma isaatti,guddachuu duwwaadha.Mee gaaffi tokkon gaafadha...Namni osoo dhirsi Missirroo ishee cidhatti ishee bira jiru,Gara kan biraa yaadu jiraa? Akkanadha...Kiristiyaanni fayya buleessi Kiristoosiin liqimse,ni dadhaba ,Ayyaanichi gara yaada garaa haareffaannaa dhugaatti yeroo hundumaa isa geessa.Safuu araara Ayyaana Waaqayyoo,warra dadhaban kan jabeessu,warra kufan kan kaasu,warra badan kan barbaadu.Warra dhukkuba cubbuu jala jiran,kan qulleessee kan dhaabu.Firdiin isaas hammam jabaatu,Araarri isaas baayyee hammam baayyedha?.
"YAHUWWEE RAAHUUM"
KADHANNA HAR'A
YAA GOOFTAA HAALLIKOO NARRAA SIN FAGEESSINEE,DOONII KOOTTI WAAN SEENTEEF ULFAADHU.BARA HUNDUMAAF ABDIINKOO SUMADHA,QABDIIN ATI NAAF KENNITE ,YEROO HUNDUMAA GARA DHUGAA BEEKUTTI,GARA EENYUMMAAKEE HUBACHUUTTI NA HAA GEESSU!!! AMEN!!