Covid 19 irratti namoota dogoggora dabarsan gosa torba

Covid 19 irratti namoota dogoggora dabarsan gosa torba

From


Yaadonni walxaxoon, odeeffannoon dogoggoraa fi hamiiwwan waa’ee koronaavaayirasii miidiyaa hawaasummaa dhuunfataniiru.

Garuu hamiiwwan kunneen eenyuutu eegala? Eenyut ammoo facaasa?

Kanneen armaan gadii gosa namootaa torba kanneen odeeffannoo dogoggoraa fi hamii waa’ee koronaavaayirasii miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiisanii fi facaasaniidha.

Namoota qoosaa hojjetan(joker)

Yeroo baay’ee yaada namoonni qoosaaf jedhanii miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiisan namoonni biroon dhugaatti fudhachuun deebisanii maxxansu.

Fakkeenyaaf UK keessatti namni miidiyaa hawaasummaarratti qoosaa hojjechuudhaan beekamu tokko ‘’mootummaan yeroo namni akka mana turu gorfametti nama irra deddeebiin bakkeetti argame adabeera’’ kan jedhurratti qoosee ture.

Namni kun namoonni akka manaa hin bane ittiin barsiisuuf ture kan qoosaa kana maxxanse, miidiyaa hawaasummaarratti ergaa kana namoonni akka qooddatanis dhaamee ture.

Yaadi kun namoota qoosaa ta’uusaa hin hubanne biratti yaaddoo guddaa uumeera.

Namoonni socho’uufillee daran akka rifatan godheera.

Goyyoomsitoota(scammers)

Namoonni hedduun odeeffannoo sobaatiin namoota gowwoonsuu akka madda maallaqaatti fayyadaman jiru.

Namoonni kunneen akka waan mootummaan murtee dabarsee yookiin tarkaanfii wayii fudhateetti fakkeessanii hawaasa goyyoomsu.

Fakkeenyaaf akka qorannoo dhaabbati tola ooltotaa ‘’fact-checking charity Full Fact’’ Bitootessa darbe qorannoo gaggeessetti goyyoomsitoonni akka waan mootummaan maallaqa rakkoo koronaavaayirasiin fide jalaa nama dandamachiisu ramaduuf murteesseetti fakkeessuun ragaa baankii namootaa gaafachaa turan.

Guyyoomsitoonni kunneen barreeffama kana ergaa karaa keessatiin erga namootaan ga’anii booda feesbuukiirratti maxxansanii turan, namoonni hedduunis dhugaa se’anii qoodaa turan.

Namoota siyaasaa

Odeeffannoon nama dogoggorsu miidiyaa hawaasaa qofarraa miti kan dhufu.

Aanga’oonni siyaasaas kana keessatti ga’ee guddaa qabu.

Fakkeenyaaf torbe pirezidaanti Doonaald Tiraamp ifa aduu yookiin ammoo waan halluu addeessu nama hakkamuun koronaavaayirasii irraa nama dandamachiisuu danda’aa? Jedhanii kan gaafatanii turan waa’ee dhibee kanaa akkaataa addunyaan itti yaaddurraa karaa maqseera.

Namni kun garuu boodarra yaadi kennan sun qoosaaf ta’uu ibsan.

Garuu akkas jechuunsaanii uummata waan isaan jedhan hordofuurraa boodatti hin deebisne.

Tiraamp qofa miti, dubbi himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaas yaada covid 19 US irraa karaa humna waraanaa isaanii Wuhaan seene jedhu gabbisaa deeman, waa’ee argama koronaavaayirasii fi tatamsa’uusaarratti yaadi walxaxaan TV Raashiyaa irratti bal’inaan mari’atamaa ture.

Kunneen hunduu hawaasa keessatti yaadota burjaajii uumaa turaniidha.

Tiyoorii Shira xaxxootaa(conspiracy theorists)

Odeeffannoo dhugaarraa fagaatanii fi hin mudanne akka waan ta’aniitti qindeessuun tiyoorii shiraaf karaa saaqu.

Fakkeenyaaf odeeffannoon namni UK keessatti yeroo jalqabaaf talaallii farra covid 19 fudhatte duuteetti jedhu miidiyaa hawaasummaarratti baay’inaan qoodamee ture.

Garuu sobadha, uumameeti kan himame.

Gaazexeessaan BBC Fergus Walsh jedhamu nama talaallii fudhatte kana waliin akka toora skype’n walargee dubbate tuwiitara isaarratti barreesseera.

Inumaa dubartiin talaallii yaalii fudhatte sun wayyooftee akka jirtu itti himuu dubbata.

Keessa beektota(insiders)

Yeroo tokko tokko odeeffannoon maddeen amanamoo kanneen akka doktaroota, pirofeesaroota yookiin hojjettoota hospitaalaa irraa dhufuu mala.

Garuu ragaa qabatamaa fi dhugaa ta’e dhabuu danda’a.

Firoota(relatives)

Wayita odeeffannoon, akeekkachiisi yookiin of eeggannoon waa’ee koronaavaayirasii labsamu dhugummaa fi soba ta’uusaa osoo adda hin baafatin maatii fi firoota keenyaaf qoodna.

Sababni isaas maatiin keenya akka of eeggannoo godhaniif, garuu osoo hin beekne odeeffannoo dogoggoraa dabarsuu dandeenya.

Namoota bebbeekamoo(Celebrities)

Namoonni bebbeekamoonis iddoo hawaasa keessatti qaban akka carraatti fayyadamuun odeeffannoo dogoggoraa miidiyaarratti dabarsuu malu.

Namoonni kunneen hordoftoota hedduu kanneen qaban waan ta’aniif odeeffannoon isaan dabarsan hatattamaan namoota hedduu bira ga’a.

Namoota hedduu dogoggorsa.

Report Page