Ayyaana Tulluu Taabor

 Ayyaana Tulluu Taabor

Lamessa Teshome(Dn)

  

Gooftaa Tulluu Taabor irratti

✍️Dubbisa Wangeela Irraa 

[Maat 17:1; Maarq.9:2-8; Luq. 9:28]

➠"Guyyaa jaha booddee, Gooftaan keenya Iyyesuus Pheexiroos, Yaaqoob fi Yohannis obboleessa Yaaqoob fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkootti kophaatti isaan baase. Innis bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate, fuulli isaas akka biiftuu ibse; uffanni isaas akka ifaa addaatee balaqqise. Kunoo, Museen fi Eliyaas achitti isaanitti mul'atanii, isaa wajjin dudubbachaa turan. Pheexrosis deebisee Gooftaa keenya Iyyesuusiin, "Yaa Gooftaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha; fedha kee yoo ta'e asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkoos Eliyaasiif ni ijaarra" jedhe. Utuu inni kana dubbachaa jiruu, kunoo, duumessi ifa of keessaa qabu tokko isaaniitti uffise. Sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, " Kun Ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama; isa dhaga'aa!" jedhe. Bartoonni immoo sagalee dhaga'anii adda isaaniitiin gombifaman, guddaas in sodaatan. Gooftaan keenya Iyyesuusis isaanitti dhihaatee harkaan isaan qabee, 'ka'aa hin sodaatinaa' isaaniin jedhe. Isaan yammuu ol ilaalan Iyyesuus duwwaa argan malee, nama biraa tokko iyyuu hin argine. Isaan gaaricha irraa utuu gad bu`uutti jiranii Gooftaan keenya Iyyesuus, "Ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa hamma kaafamutti, mul'ata argitan kana nama tokkotti iyyuu hin himiinaa!" jedhee bartoota isaa abboome!

✍️Seensa

➠Ayyaanni kun ayyaanota gurguddoo saglan Gooftaa keenyaa manni kiristaanaa haala addaan kabajju keessaa isa tokko yammuu ta'u, Hagayya 13 kan kabajamu yoo ta'u seenaan ayyaanichaa Tulluu Taabor [dheerina 572m] kan biyya Israa'el kibba baha Galiilaatti argamu wajjin waan wal qabatuufis 'Ayyaana Tulluu Taabor' ykn moggaasa afaan Gi'iiziitiin "Debre Taabor" jedhamuun ni kabajama. Maqaa biraatiin 'Buhee' s ni jedhama. Hiikni isaas 'Ifa' akka jechuuti; kunis ifa tullicharratti mul'ate ibsuifidha. 


 ✍️ Icciitiiwwan Ijoo Ayyaanichaa

1. Barumsa Waaqummaa Keessatti

➠Icciitiin sadummaa kan itti mul'atedha: Barsiisa mana kiristaanaa keenyaan, karaa itti Waaqayyo bu'uura icciitiiwwan biroo isa ta'e icciitii tokkummaa fi sadummaa isaa ifatti itti mul'ise #saditu jiru. Isaanis; Inni jalqabaa, Karaa itti inni Dubroo Maariyaam irra bule [Luq. 1:35], Yurdaanositti Cuuphamuun [Maat 3:16] fi Inni sadaffaan ta'ii Tulluu Taabor irratti ta'eenidha. Kunis sagalee Abbaa duumessa keessaan, "Kun Ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama; isa dhaga'aa!" jechuun dubbateen beekame jechuudha. Duuka bu'oonnis dhugaa bahinsa Abbaa isa Yuurdaanos bakka isaan hin turretti dhagahamee ture sana kunoo Taabor irratti gurra isaaniin dhagahan! Inni biraan Qulqulluun Pheexiroos du'uu fi fannifamuu Gooftaa mormee waan tureef, achumarratti illee yoo asirra jiraanne duuni Gooftaa ni hafa jedhee waan yaadeef '..as jiraachuun nuuf gaariidha' jedhee waan tureef Isa dhagahuu akka qabaniif Abbaan isaanitti hime (yeroo lammaffaaf itti orii'e) jedhu abboonni hiika kitaaba qulqulluu isaaniitiin.

➠Waaqumaa fi Namummaan Kiristoos Kan Itti Mul'ate: Waaqummaa isaa warra qaamaan isa beekan duuka bu'ootaaf, namummaa isaa immoo warreen raajiidhaan waaqummaa isaa beekan raajotaaf mul'iseera. Raajonni Waaqa ta'uu isaa ni beeku; duuka bu'oonni immoo nama ta'uu isaa ni beeku. Tulluu Taabor irratti garuu barumsa haaraa baratan. Qulqulluun Efreem akkas jedha, "Raajonni isaa arganii kan hin beekne qaama isaa arganii gammadan; Duuka bu'oonni isaa waaqummaa isaa arganii gammadan". Dhugaa bahinsa Abbaa samii irraa duumessa keessaan dhagahameen dabalatatti, warreen foon uffachuu isaan nama qofa isaanitti fakkaateef waaqummaa isaa dhugaa akka bahaniif ifa duuka bu'oonni danda'anii ilaaluu hin dandeenyeen kabaja isaa mul'ise. Ifni yeroo sana mul'ate ifa isa yammuu Museen tulluu Siinaatti ol bahe sana ulfina Waaqayyo isarra bulcheen fuulli isaa ife sana miti; ifichi kanuma akkeenya (amalummaa ) isaati ture malee; kadhannaa keenya irrattis guyyaa guyyaan "Ifa Ifa irraa argame" jennee dhugaa baana mitiiree! Raajonnis raajii isaaniitiin akka inni dhalatu haa dubbatan malee akka duukaa bu'ootaa nama ta'ee isa hin argine. Arguuf garuu ni hawwu turan. Museen illee, "fuula kee natti agarsiisi' yammuu jedhutti Waaqayyo garuu, fuula isaa eenyu illee arguu akka hin dandeenye garuu immoo dugda koon si agariisa jedhee waadaa seeneefii ture. Dugda koo jechuun isaas, foon namaa uffadheen jechuu isaati. Kunoo waadaan Museef seenamte har'a raawwatte jechaadha. (S. Bah 23)

➠Inni biraan guyyaa jaha dura Filiphisiyuus Qiisaariyaatti Gooftaan namoonni eenyu akka isaatiin jedhan duuka bu'oota yammuu gaafatutti isaanis, 'Kaan Yohaannis cuuphaa, kaan Eeliyaas, kaan immoo raajota keessaa tokko jedhu' jedhanii waan tureef inni raajaa osoo hin taane Waaqa raajotaa ta'uu isaa raajotumti ofii isaanii tulluu kanarratti argamuun dhugaa bahaniiru jechuudha; Sababa kanaaf manni Kiristaanaa ayyaana kana ayyaanota Gooftaa keenyaa gurguddoo saglan keessatti ramaddi. (Maat. 16:13)

2. Dubbii Mana Kiristaanaa Keessatti

➠Tulluun kun fakkeenya mana kiristaanaati. Tulluu kanarratti akkuma olitti ibsine dubbiin Waaqummaa ifa baheera. Akkasuma Manni kiristaanaas burqaa icciitii dubbii waaqummaati. Tulluu kanarratti raajonni kakuu moofaa fi duuka bu'oonni kakuu haaraa walarganii waliin dubbataniiru. Akkasuma manni kiristaanaas kan hundeeffamte bu'uura raajii rajotaa fi barumsa duukaa bu'ootarrattidha. Inni biraan, tulluu kanarratti hojiidhaan, umuriidhaan, jireenya gaa'elaan, yerootiin fi kkf gartuuwwan garaagaraa waliin argamaniiru; akkasuma manni kiristaanaas nama kam illee gartuu isaan osoo adda hin qoodiin hunduu akka fayyaniif fayyina namootaaf ni hojjetti; namoota gidduu garaagarummaa hedduun jiraatus isheen garuu hundumaafuu haadha! Warreen akka Pheexiroos gaa'elaan jiraataniif haadha, warreen akka Yohaannis fa'a qarrummaan jiraataniifis haadha; warreen akka Eeliyaas biyya jiraattotaa jiraniif, warreen akka Musee Waaqayyootti amananii boqotaniifis isheen haadhadha; bakka hunduu dhufee itti fayyina dhugaa argatudha. 

Daabboo fi Ibsaa

Sirnoota Ayyaaneffannaa

➠Sirna kabaja ayyaanichaa ilaalchisee, akkuma olitti ibsuuf yaalle ayyaanichi ayyaana guddaa Gooftaa keenyaa waan ta'eef jala bultii (waazeemaa) irraa jalqabee sirna Waaqeffannaa garaagaraa kan aayyanicha waliin wal qabataniin gammachuu guddaadhaan ni kabajama. Ayyaanni kun akka amantaatti kabajamuu isaarra darbee akka aadaattis agarsiisa aadaa garaagaraan uummata biyya keenyaa biratti ni kabajama. Fakkeenyaaf; 

a). Ibsaa (Chibboo) ibsuudhaan: Ifa waaqummaa adda ta'e sana kan Taabor irratti mul'ate fakkeenyaan yaadachuuf kan taasifamudha. 

b). Daabboo: Kunimmoo ifa Taabor irraa mul'atu kanarraan kan ka'e tiksitoonni bakka sana turan halkan guyyaa waan isaanitti fakkaateef achuma turan. Yeroo kana maatiin tiksitootaa kun daabboo qabachuun tiksitoota isaanii barbaacha deeman jedha seenaan ayyaanichaa. Kanaaf daabboon kunis yaadannoo kanaaf kan taasifamu yoo ta'u icciitii ayyaanicha irra caalaa akka hubannuufis nu gargaara. 

c). Qaccee: Qacceen dhukaafamu immoo yeroo Waaqni Abbaan Waaqa Ilmaaf dhugaa bahu sana sagalee akka qaqawwee samii irraa dhaga'ame kan nu yaadachiisuudha. 


✍️Walumaagalatti ayyaanichi qabiyyee barnootaa of keessatti qabateenis sirna Waaqeffannaa gaggeeffamuutinis bal'aa waan ta'eef kan nuuf danda'ame mana kiristaanaatti argamnee kan nuuf hin danda'amne immoo bakkuma jirrutti ayyaana kana kabajuudhaan hirmaattota eebba ayyaanichaa akka taanuuf Waaqayyo nu haa gargaaru!


             🙏 #Ayyaana_Gaarii! 🙏


✍️Godoliyaas

Hagayya 12, 2015

Bulee Horaa


Report Page