'As keessa' moo 'kheessa' - Afaan Oromoof qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa? - BBC News Afaan Oromoo

'As keessa' moo 'kheessa' - Afaan Oromoof qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa? - BBC News Afaan Oromoo

Source

  • Eliyaas Mulugeetaa Hordofaa
  • BBC Afaan Oromoo

Sa'aatii 8 dura

Madda suuraa, Getty Images

Odeessi 'khun' waa'ee Afaan Oromooti - kheessattuu waa'ee qubee dachaa haarayaati jedhamtu 'kh'.

Maal jechuu keessan? Qubeen Afaan Oromoo amma dura nu beeknu jaha yookaan torba qofa, isa kana garuu takkaa hinagarre jechuu maltan.

Dhuguma. Nutillee dhiyeenya khana agarre.

Keessattuu kitaabota dhiyeenya kana kibba Oromiyaa Godina Booranaa keessatti maxxanfaman kanneen akka 'Khulleessa', 'Qunceen Mukhoo Mukhaa', 'Abbaa Liiban: Mammaassa Oromoo Booranaa' fi khaan keessatti qubeen dachaa khun hojiirra ooleera.

Afaan Oromoo keessatti qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa? Wanti irraa hir'atu hoo jiraachuu malaa? Yoo tahes, adeemsi isaa akkam tahuu qaba?

Barreessaa fi qorataan etinoogiraafii Afandii Mutaqqii namoota qubeen dachaa 'kh' Afaanicha keessatti ni barbaachisa jedhan keeysaati.

Afandiin dhimma kana ilaalchisee barruu 2017 keessa onlaayinii irratti qoreen ''Ogeeyyiin afaanii tokko tokko Oromoonni Harargee sagalee kana afaanota kanneen akka Somaalii, Hararii fi Arabaa irraa ergifatan kan jedhuun akka wal hingalle kaasa.

''Yaadni kun bu'uura hinqabu. Sababiin isaa sagaleen ''kh'' loqoda Oromoo kaan birattis ni argama,'' jechuun jechoota ergifannaan afaanota biraarraa fudhataman qofa osoo hin taane, jechoota bu'uura Afaan Oromoo qaban keessattis ni argama.''

Fakkeenyaafis jechoota kanneen akka: "khaleessa", "khannuu", "khaayuu", "khiyya", "khoottu" lafa kaa'eera.

Jaarsoo Goollisaa Roobaa kitaaba 'Mammaassa Oromoo Booranaa' jedhee maxxansise irratti, barreeffama Afaanichaa keessa qubeen dachaa dabalataa barbaachisaa tahuu hima.

''Qubee dacchaa durii jaha qabani Afaan Oromoo kha nu beennu, Afaan Oromoo damee Afaan Booranaa kheessatti ammoo woma yaadde cufaa qoruuf qubee dacchaa torbeessitootti feesisa,'' jechuun fakkeenyaanis ni kaasa.

''Hima 'Warrii khukkuni namaa hin dhiigu' jedhu keessatti jecha khukhuni jedhu yoo fudhanne khu qaraatii fi kku'n jidduu keessaa akka akkaa barreeffamti, akka akka dubbattillee.

Qoonqoon ta qaraa laagaatti oli birrifti, qoonqoon qubee lammeessitoo ammoo laagaa kheessaa dhooti.''

Kanumaafis qubee dachaan dabalataa akka barbaachisu lafa kaa'a.

'Hojiin waaltinaa... odoo bal'atee, cufa hirmaachise'

Madda suuraa, Getty Images

Barreessaan kitaaba 'Khulleessa Nageellee Booranaa'' Halakee Dabbasoo gamasaatiin: ''Jechi k fi kh nu biratti akkaataan qooqa isaa gargari,'' jechuun Afaan Oromoo yeroo barreeffamu akka dubbatamutti jedha.

''Sadarkaa jechaatti yoo deebine, k fi kh'n garaagarumaan hiikaa fulaan itti uuman jira. Kanaaf jecha akki itti dubbannetti, yookaan akka naannoo sanitti itti dubbatamutti.

Jechichiyyuu mataan isaa naannoo biraa keessatti jecha beekamu tahuu dhabuu danda'a jechuun akka fakkeenyaatti jecha 'Khulleessa' jedhu kaasa.

Aabba Halakeen yeroo Afaan Oromoo gara tokkootti fiduun waalta'utti, qorannoon bal'aafi hunda hammatte gaggeeffamuusaa shakka.

''Afaan Oromoo afaan bal'inaan dubbatamuudha. Afaan Oromoo Keeniyaa, Somaaliyaa, Taanzaaniyaa, Yugaandaa keessatti dubbatama.

Afaan kun gara waaltinaa yeroo dhufu... 'Afaan Oromoo bal'aadha' jennee dubbachuu malee, Afaan kuni hundi keessoo isaanii wanti jiru irratti hojjetameeraa kan jedhu gaaffiidha.''

''Warra qorannoo ogbarruu Afaan Oromootiif dhaamsan dabarsuu barbaadu, sadarkaan qorannoo Afaan Oromoo odoo bal'atee, cufa hirmaachise.''

Madda suuraa, fahid chowdhury

Dargaggoo Jiloo Kemee gamasaatiin sirni qubee Afaan Oromoo ''kan dur bocamee lafa keeyamee jiru. Qubeen Afaan Oromoo caaseffamee guduunfamee waan lafa keeyamee jirudha,'' jechuun yaadni haaraan garuu itti hin dabalamu jechuu miti jedha.

''Iteetummoo yaadni fi kalaqi haarayi yeroo dhufe wanni nami itti hinfayyadamneef hinjiru,'' jechuun ''Garuu Oromoo biratti waliigalaan fudhatamuu qaba. Namni kun yaadasaa sababa wajjiin dhiyeessuu qaba,'' jechuun morma.

'Mala saayinsaawaa hordofuu qaba'

Akka Naannoo Oromiyaatti qaamni dhimmi kun kallattiin isa ilaallatu jaarmiyaan ji'ootaan dura hundeeffame Inistitiyuutii Qo'annoofi Qorannoo Oromooti.

Institiyuutichatti qindeessaa garee caaslugaa kan tahan kaadhimamaa Doktoraa Baqqalaa Buukkoo, dhimma qubee dachaa kanaa quba akka hinqabneefi kitaaba kanaan maxxanfames amma dura akka hin agarre dubbatan.

Haatahu malee qubeen haaraa yoo filatamu seera mataasaa kan qabuufi adeemsa saayinsaawaa kan hordofudha jedhu ogeessi kun.

''Gareen tokko ka'ee akkasumaan Qubee kana uumuu hin danda'u. Saayinsiin qubee ittiin filatan jira,'' jedhu.

Dabaluunis: ''Afaan jechuun walitti qabaa logaati. Naannoo gara kibbaa kunimmoo looga kibbaa warra jedhamanidha. Kunis Godinaalee Gujii, fi Booranaa dabalata,'' jechuun kun looga yookaan loqoda malee Afaan miti jedhu.

Yoo barbaachisaa tahee argames Giddugala Afaanii kanatti koreen waaltinaa kanaaf dhaabbate akka jirus kaasu.

Kanaaf Afaan Oromoo qubeewwanniifi caaseeffama barbachisu hunda guutuun, amma booda wanti itti dabalamu yookaan irraa hir'atu hinjiru jechuudhaa?

Gaaffii kana ogeessi kun yoo deebisan: '''Selection of script' kan jedhu saayinsii mataasaa qaba. Ogeessa saayinsii xiin-qooqa afaaniitiin, ni barbaachisaa hin barbaachisu? kan jedhu qorannoon deeggaramuu qaba. Wanti barbaachisu sun haaraan uumamuufi kan hin barbaachisne yoo jiraate ammoo haquu danda'a.

Aabba Halakeen Afaan Oromoo sadarkaa guddinaa isa jalqabaarra akka argamuufi qorannoon garagaraa akka adeemsifamuu malu yaada.

''Akka Oromoo tokkotti, akka nama ogbarruu Afaan Oromoo guddisuuf of kenne tokkootti, hojjettamuufiyyuu Afaan Oromoo nu hafa. Qorannoon garagaraa waayee: sadarkaa lugaa, jecha, hima, dham-jecha, bir-saga irratti wantoonni nu hafan hedduutu jira jedheen amana,'' jedha.

Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo eenyu?

Ji'ootaan dura kan hundeeffame Inistityuutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo, aangoo dhimmoota Afaan, Aadaa, Aartiifi Seenaa Oromoo akka qajeelchuuf qaama labsiin itti kennamedha.

Koree Waaltina Afaanii kanaan dura Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa jalatti hundeeffamee waggoota 20 oliif Afaan Oromoo waaltessuurratti hojjechaa ture bifa haaraan Inistitiyuutii kana jalatti akka haaraatti ijaaramee hojiitti jira.

"[Inistitiyuutichi] gara Giddu-galaa Aadaa Oromootti erga ceenee booda gareen afaan waaltessu kophaatti of danda'ee, gareen dhimma Afaan Oromoorratti qoratu bakka afuritti qoodamee caasaa mataa isaatii bocatee hojjetaa jira," jedhu Inistitiyutichatti Dursituu Garee Qormaata Galmee Jechootaa kan ta'an kaadhimamtuu PhD Mitikkee Bitawuliny.

Gareen Qorannoo Afaan Oromoo afran kunneenis: Garee Afoolaafi Og-barruu, Garee Qorannoo Galmee Jechootaa, Garee Qorannoo Caas-luuga Afaan Oromoofi Garee Qormaata Waaltinaafi Moggaasa Jechootaati.

Gareewwan Inistitituutiin kun ijaares qorannoo gaggeessuun bu'aa qorannoo isaanii isaanii karaa barrulee Wiirtuufi bifa kitaabaatiin maxxanfamuudhaan ummata bira akka gahan eeruun, miidiyaaleefi ogeessonni sirna barnootaa, akkasumas dhaabbileen barnoota ol-aanoos kana keessatti qooda guaa qabaachuu ibsu Aadde Mitikkeen.

Bu'aawwan qorannoo hawaasa biraan ga'uuf karaan ittiin qaamolee dhimmi isaan ilaallatu hirmachisan biroon kora Afaan Oromoo qopheessuudha.

Report Page