Ajjeechaa Jumlaa Oromoota Karrayyuu 

Ajjeechaa Jumlaa Oromoota Karrayyuu 


(Gabaasa mirkanaa’e)

(Abbootii Gadaa dabalatee namoonni nagayaa 63 ol bakka tokkotti jumlaan ajjeefamanii jiru, Aanaa Fantaalle, Shawaa Bahaa, Oromiyaa)

Dubbiin akkasi. Gaafa guyyaa 21/03/2014 ALH Itti gaafatamaan qorataa yakkaa Poolisii Godina SHawaa Bahaa poolisoota idilee fi human addaa Oromoiyaa lakkoofsaan 30 ol ta’an fudhatee meeshaa waraanaa bireenii dabalatee hidhannoo guutuudhaan gara Aanaa Fantaallee deeme. Dargaggoota yakkaan shakkine qabuudhaaf dhufne jedhanii uummatati himanii ajajaa poolisii Aanaa Fantaallee dabalatanii mana maatii dargaggootaa irra deemuu eegalani. Namoota qabuuf barbaadan hunda erga dhabanii booda karaa duudhaa Oromoo Karrayyuu salphiseen maatii dargaggootaa jechuun abbaa fi haadha lafarra harkisanii qabanii gara Adaamaa adeemuu eegalani. 

Hojii fafaa fi mirga uummataa sarbame kana kan dhagahe, humni Oromoo kan hidhatee Karrayyuu keessa socho’u karaa gubbaatti eeggate. Karaa nagaan dhukaasa tokko malee lakkisaa maatii guurtanii deemaa jirtan jedhee gaafate. Irra deddeebi’uun nuti lola hin barbaannu gadhiisaa nama nagaa qabdan jedhee watwaate. Itti gaafatamaan poolisii Adaamaa irraa dhufe kun meeshaa bireenii hidhannee jirra jechuudhaan karaa maaltu na dhibeetiin dhukaasni akka qama hidhatee karaa irratti eege kanarratti banamu ajaja dabarse.  

Humni hidhatee bakka qabatee eege kun lola ofii hin barbaannetti akka seenu ta’e. Itti gaafatamaa poolisii Aanaa Fantaallee dabalatee poolisiin 11 battalumatti yoo du’an, 17 madaayaniiru. Konkolaataa waraanaa 3 barbadeessuun bireenii 2 fi kilaashii 11 booji’ani. 

Taatee kanan kan mufate mootummaan, uummata nagaa irratti haaloo bahuuf murteessee gaafa guyyaa 22/03/2014 raayyaa ittisaa fi poolisii federaalaa itti bobbaasuudhaan Abbootii Gadaa fi jaarsolee biyyaa bebbeekamoo Oromoon Karrayyuu qabu namoota 13 bakka isaan rakkoo mudate akkamiin furra jedhanii muka jaltti mariiyataa jiranitti rasaasa itti roobsuun hunda isaanii fixe. Uummanni Karrayyuu dhumaatii Abbootii Gadaa fi hayyoota ofii gaafa dhagahu, aariidhaan gadi yaa’ee mormuuf yaale. Uummata manaa gadi bahee mormuuf yaale keessaa battalumatti namoota 50 ol jumlaan bakka tokkotti ajjeesani. Kan madaaye Rabbi haa lakkaa’u. Kan rukutamee lubbuun darbuuf jirus lakkoofsi isaa guddaadha. 

Yeroo ammaa kana uummanni akkuma jiruun bosonatti galee jira. Lolli guddaan uummata fi humna waraanaa mootummaa gidduutti gaggeeffamaa jira. 

Oromo dhageessaa, asirra geenyee jirra! Manuma keenyatti jumlaan dhumna! Falli isaa si harka jira!

(Gabaasni kun Poolisii Aanaa Fantaallee fi Shawaa Bahaa irraa kan funaanamedha)

Jiloo Diidoo (Goota beekkamaa) Warra ajjeefame keessaa tokko



Dr. Milkeessaa Miidhagaa irraa

Report Page