Abbaa Tekle Haayimaanoot
Dn Misganu MulatuBaga geessan!🥰🤌
Uumama hundumaa uumee, dhaloota keessaa filatee, tajaajiltoota isaa qulqulloota adda baasee kabajuun maqaan isaanii bara baraan akka yaadatamuuf kan taasise, Waaqayyo dha. Urgaa qulqullummaa fi ifa dhugaa wangeelaa biyya keenya irraa ka’ee guutummaa addunyaatti kan ife, urjii barii, ifa dukkanaa fi abbaa qulqullootaa kan ta’an keessaa tokko Abbaa Tekle Haayimaanootidha. Akkuma Daawit qulqulluun, “Duuti qulqullootaa Waaqayyo duratti ulfina qabeessadha” (Faar. 116:15) jedhe, ayyaanni boqonnaa abbaa keenyaa Hagayya 24 kun guyyaa itti isaan dhamaatii foonii irraa boqotanii gonfoo jireenyaa itti fudhataniidha. Namoonni tokko tokko, ‘Maaliif namoota du’an yaadattu? Maaliif isaanitti kadhattu?’ jedhanii gaafatu. Garuu, qulqulloonni fooniin addunyaa kana irraa adda ba’anis, afuuraan Waaqayyo bira jiraatu. Dabalataanis, duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos, “Geggeessitoota keessan warra sagalee Waaqayyoo isinitti dubbatan yaadadhaa; firii [dhuma] jireenya isaanii xiyyeeffannaadhaan xiinxaluunis, amantii isaanii fakkaadhaa [hordofaa]” (Ibr. 13:7) jedhee akkuma nu ajaje, guyyaa boqonnaa isaanii kana yaadachuun, seenaa fi dhuma jireenya qulqullicha kanaa xiinxallee amantii isaanii hordofuun ajaja Kitaaba Qulqulluuti. Kanaafuu, Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee, ‘Qulqulloota kabajuu jechuun fakkeenya jireenya isaanii hordofuudha’ akkuma jedhe, nutis seenaa kana yemmuu dubbisnu jireenya keenya waliin wal bira qabnee ilaaluun gara jireenya qulqullummaatti of deebisuun baay’ee barbaachisaadha. Akkasumas Qulqulluun Baasiliyoos, ‘Qulqullootaaf ulfina kennuun, Waaqayyoo isa isaan qulqulleesseef ulfina kennuudha’ akkuma jedhe, kabajni nuti qulqullootaaf kenninu gara Waaqayyootti kan nu geessudha.
Qulqulluun Abbaa Tekle Haayimaanoot kan dhalatan Shawaa, aanaa Tsilaalish, iddoo ‘Ittisaa Mikaa’el’ jedhamutti yemmuu ta’u, abbaa isaanii luba ‘Tsaggaa Ze’aab’ fi haati isaanii immoo ‘Egzi’aariyaa’ jedhaman irraa Muddee 24 bara 1197 Dh.K.B. dhalatan. Abbaa fi haati isaa qulqullummaa fi sodaa Waaqayyootiin jiraachaa turan; dhala dhabuudhaan yeroo dheeraaf gaddan. Akkuma Abrahaamii fi Saaraa, ykn immoo Zakkaariyaasii fi Eelsaabeex, Waaqayyo obsaa fi kadhannaa isaanii dhaga’uuf yeroo isaa eegaa ture. Keessumattuu, haati isaa Egzi’aariyaan mooticha waaqeffataa xa’ootaa kan ture ‘Mootii-Lammii’ jedhamuun booji’amtee fudhatamtee turte. Bakka booji’amtee jirtu sanaatii mootichi ishee fuudhuudhaaf qopheeffatee utuu jiruu, Waaqayyo ergamaa isaa qulqulluu Mikaa’el ergee dinqii adda ta’een eegumsa gochuufiin gara abbaa warraa ishee Tsaggaa Ze’aabitti ishee deebise. Mootichis gonkumaa ishee bira hin geenye. Erga gara abbaa warraa isheetti deebitee boodas, Qulqulluu Abbaa Tekle Haayimaanootiin argatan.
Waaqayyo kaayyoo isaa galmaan ga’uuf eegumsa cimaa nuuf godha. Har’as jireenya keenya keessatti qormaanni baay’atee, diinni nu booji’uuf yoo dhufe iyyuu, Waaqayyo ergamoota isaatiin nu eega, kaayyoo isaa inni dhugaanis ni raawwatama. Yeroo ammaa kana obboloonni baay’een gaa’ela keessatti obsa dhabuun, yoo dhala dhaban ykn rakkoon isaan qunnamu dafanii abdii kutachuu fi Waaqayyoon komachuutti ariifatu. Garuu jireenyi maatii kanaa akkuma Qulqulluun Efreem, ‘Obsi bu’uura eebba hundumaati; namni obsu akka muka bishaan biratti dhaabatee yeroo hunda firii kennuuti’ jedhe, yeroo Waaqayyoo eeguun eebba akkamii akka fidu nu barsiisa. Utuu rakkatanii abdiin Waaqayyoo yeroo isaatti hinuma dhufa; Waaqayyo eebbisuuf yeroo inni barfatu, wanta guddaa nuuf qopheessaa jiraachuu isaa hubachuutu nurra jira.
Raajaan Ermiyaas, “Utuun gadameessa haadha keetii keessatti si hin tolchin sin beeke, dhalachuun duran si qulqulleesse” (Erm. 1:5) akkuma jedheetti, Qulqulluu Abbaa Tekle Haayimaanootis dhalatanii guyyaa sadaffaa isaaniitti, “Abbaan tokkichi qulqulluudha, Ilmi tokkichi qulqulluudha, Afuurri Qulqulluu tokkichis qulqulluudha” jedhanii Sillaasee galateeffatan. Warri shakkitootaa kana yeroo dhaga’an, ‘Akkamitti daa’imni guyyaa sadii dubbachuu danda’a?’ jedhanii kolfu. Garuu kun dhugaa Kitaaba Qulqulluu wallaaluu irraa madda. Waaqayyo, harree Balaa’am afaan banee akka dubbattu kan taasise (Lak. 22:28), akkasumas Yohaannis Cuuphaan utuu gadameessa haadhaa keessa jiruu yeroo sagalee Maariyaam dhaga’utti gammachuun kan utaale (Luq. 1:41), har’as daa’ima filatame kana afaan banee akka dubbatu taasisuun isa hin dhibu. Daawit Raajichi, “Afaan daa’immanii fi warra harma hodhanii keessaa galata qopheessite” (Faar. 8:2) akkuma jedhe, Waaqayyo ijoollummaa irraa kaasee meeshaa godhatee isaan filate. Nuti hoo har’a ijoollee keenya maaliif qopheessaa jirra? Karaa addunyaa moo karaa amantaa akka isaan guddatan gochaa jirra? Kun gaaffii guddaa jireenya keenya keessatti deebi’uu qabuudha. Warri isaas maqaa isaanii ‘Fissihaa Tsiyoon’ jedhanii moggaasaniif; hiikni isaas ‘Gammachuu Tsiyoon’ jechuudha; dhugumatti isaan guutummaa mana kiristaanaatiif gammachuu guddaa ta’aniiru. Ijoollummaa isaaniidhaanis barumsa amantaa baratanii waggaa kudha shan yeroo guutanitti Phaaphaasii Misrii irraa dhufan, ‘Abune Qeerloos’ irraa Diyaaqonummaan mudaman. Gama biyya lafaatiinis barumsa ijoolleen yeroo sana baratan waan akka farda gulufsiisuu, eboo darbachuu fi bineensa adamsuu raawwataniiru. Kunis uumama fooniin jabaatanii, hojii afuuraatiif qophaa’aa akka turan agarsiisa.
Qulqulluu Abbaa Tekle Haayimaanoot yeroo daa’imummaa isaanitti dinqii garaagaraas raawwataniiru. Warri isaanii ayyaana qulqulluu Mikaa’elii waggaa waggaadhaan yaadachaa turan; kan beela’es nyaachisaa, kan dheebotes obaasaa turan (Maat. 25:34—36). Haa ta’u malee bara sana beelli waan hammaateef wanta qophii ayyaanichaaf nama nyaachisan dhaban. Yeroo kana haati isaa, ‘Hanga yoonaallee yaadannoo angafa ergamaa Mikaa’elii kanaa addaan kutee hin beeku, amma garuu addaan na jalaa cituuf’ jettee yaadoftee boosse. Yeroo kana boo’icha ishee kan argan Qulqulluun Abbaa Tekle Haayimaanoot gara manaa akka ol seentuuf itti agarsiisan. Sana booda qamadii xiqqoo gundoo irra jiru xuquudhaan akka baay’ee ta’u taasisaniiru. Akkasumas, meeshaa dhadhaa fi dammaa yemmuu tuqu hundi isaanii guutaniiru. Kanaanis nama beela’e hundumaa waamuudhaan yaadannoo qulqulluu Mikaa’el kan baatii Bitootessaa haala adda ta’een kabajaniiru.
Namoonni tokko tokko dinqii akkasii yeroo dhaga’an: ‘Akkamitti harka namaatiin wanti xiqqoon baay’ata?’ jedhu. Garuu isaan kun dhugaa kitaaba qulqulluu kan irraanfataniidha. Raajichi Eelsaa dhadhaa ejersaa haadha hiyyeessaa ishee xiqqoo sana guutummaa meeshaatti akkamitti akka baay’ise (2 Moot. 4:1—7), akkasumas Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos maxinoo shan fi qurxummii lamaan namoota kuma shan akkamitti akka soore (Maat. 14:13—21) yaadachuu qabu. Waaqayyo kaleessa raajota isaa keessa bulee akka hojjete, kakuu haaraa keessattis qulqulloota isaa keessa bulee ni hojjeta. Qulqulluun Qeerloos inni Iskindiriyaa, ‘Waaqayyo ofii isaa burqaa eebbaati; garuu eebba kana qulqullootaa fi raajotaan gara keenyatti dhangalaasa’ akkuma jedhe, humna Gooftaatu harka isaanii keessaan hojjete. Yeroo ammaa kana namoonni ofittummaadhaan guutamanii utuu qabanii hiyyeessatti balbala cufataniiru; nuti garuu waan xiqqoo qabnu irraa warra dhabaniif yoo arjoomne, Waaqayyo eebba isaa nuuf baay’isa. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee, ‘Hiyyeessa yeroo gargaartu harki kee kan inni diriiru gara namaatti utuu hin ta’in gara Kiristoositti’ akkuma jedhe, dinqiin kun hiyyeessotaaf garaa laafuu nu barsiisa. Har’a nuti ofittummaadhaan guutamnee, foon keenya qofa furdisuuf yeroo fiignu, qabsuurri kun harka keenya gara warra dhabaniitti akka diriirsinu nu gorsa.
Dinqiin inni biraan yeroo isaan Diyaaqonummaan mudamanii deebi’an aduun itti dhiinaan mana namaatti goranii, ‘Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta’u!’ jedhanii gaafatan. Yeroo kana abbaan manichaa, ‘Maal gochaa as dhufte?’ jedhee jecha arrabsoon deebiseefii fuula isaanii kabale. Qulqulluu Abbaa Tekle Haayimaanoot ofii isaaniitiif haaloo hin baane, gara gooftaatti kadhate. Qulqulluu Mikaa’eliin namicha isaan kabale kana qilleensa keessatti hidhee reebaa buleera. Booda garuu namtichi sun waan hojjetetti waan gaabbeef, gaabbuu isaa erga arganii booda kadhataniifii akka inni hidhaa irraa bu’u taasisaniiru. Yeroo ammaa ijaa haaloo walitti ba’uun, miidiyaa hawaasaatiinis ta’ee jireenya guyyaa guyyaatti obboloota gidduutti wal jibbuun yeroo babal’ate kana keessatti, nuti arrabsoo fi dha’icha namootaatiif obsa qabaachuu akka qabnu baranna. Gooftaan keenya, “Maddi kee mirgaa yoo si dha’e, isa bitaa immoo itti deebisiif” (Maat. 5:39) jedhee wangeelaan kan nu barsiise hojiin nutti agarsiisan. Qulqulluun Yisihaaq inni Sooriyaa, ‘Onneen dhugumaan Waaqayyoon beeku, ofii isaatiif utuu hin ta’in, warra isa miidhaniif iyyuu ni boo’a; diina isaatiif dhiifama gochuufis harka diriirsa’ jedheera. ‘Diina kee kan ati mo’achuu dandeessu jaalalaan qofa’ akkuma jedhamu, qabsuurri kun nu warra xiqqoo yoo tuqamne aariidhaan bobaanee haaloo ba’uuf fiignuuf qoricha sammuuti. Dhiifama gochuun dadhabina utuu hin ta’in mallattoo mo’ichaa ti.
Guyyaa tokkos yemmuu adamoof gara bosonaa deemanitti, gooftaan keenya itti mul’atee, ‘Ani adamsaa bineensaa utuu hin ta’in, adamsaa namootaa fi duukaa bu’aa haaraan si taasisa; maqaan kees Tekle Haayimaanoot haa jedhamu’ ittiin jedhe. Hiikni isaas ‘Biqiltuu Amantii’ ykn ‘Firii Amantaa’ jechuudha. Innis yemmuu dubbii kana dhaga’u, ‘Yaa gooftaa koo! Fayyisaa koo Iyyesuus Kiristoos akka ati karra samii Iyyerusaalem naaf bantutti, anis kunoo karra koo banaatti siif dhiiseera; ani dadhabaa kanan ta’e si malee kan na jajjabeessu hin jiru; kanan kufuuf ka’e anis naman itti hirkadhu hin qabu’ jedhee kadhannaa godhatee, qabeenya abbaa isaa irraa dhaale hiyyooliif kenne. Jecha gooftaan, “Eenyu illee manaa fi obboloota isaa… maqaa kootiif jedhee kan dhiise, dhibba argata, jireenya bara baraas dhaala” (Maat. 19:29) jedhu dhugumaan hojiitti hiikee, guyyuma sana gara tajaajilaatti gale. Har’a nuti qabeenyaa fi of jaalala biyya lafaatiin hidhamnee, waamicha Waaqayyootiif gurra cufanneerra; qulqullichi garuu wanta biyya lafaa akka kosiitti lakkaa’uun (Filiph. 3:8), faana Kiristoos hordofuuf of kenne. Qulqulluun Inxoons, ‘Addunyaa kana dhiisuun Kiristoosiin argachuudha; qabeenya foonii hiyyeessotaaf kennuun immoo qabeenya samii kuufachuudha’ akkuma jedhe, biyyi lafaa kun gonkumaa akka nu hin fayyisne hubachuun murteessaadha. Garuu har’a namoonni baay’een amantaa isaanii dantaa fooniitti, waamicha Waaqayyoo immoo bu’aa yerootti jijjiiranii dogoggora keessa jiru. Seenaan kun garuu of dhiisanii Kiristoosiif jiraachuun filannoo isa sirrii ta’uu ragaa nuuf ba’a.
Biyya ‘Katataa’ jedhamtuttis, ‘Kiristaanummaa fudhaa, wangeelattis amanaa!’ jedhanii yoo barsiisan, uummatni naannichaa, ‘Lakki nutoo muka itti bullu qabna, yoo dhukkubsannes kan itti fayyinu qabna’ ittiin jedhan. Abbaa Tekle Haayimaanoot dhugaa amantaa hubachiisuuf, ‘Kun erga akkas ta’ee anaanis na fuudhaa deemaa nan sagadaafii!’ jennaan fuudhanii deeman. Yemmuu iddoo mukichi jiru ga’anis seexanni mukicharra jiru iyyuu eegalu uummatichis, ‘Ati haaraadha waan taateef achi turi!’ jedhaniin. Yemmuu kana maqaa Waaqayyootiin mukattiin deemtee gara isaa akka dhuftu taasise. Kunis raajii Gooftaan, “Amantii amma ija sanaaficaa geessu yoo qabaattan, gaara kanaan ‘buqqa’iitii deemi!’ yoo jettan isiniif ajajama” (Maat. 17:20) jedhe ragaa qabatamaa taasiseera. Warri shakkan seenaa kana yemmuu dubbisan, ‘Akkamitti mukti dubbii namaatiin buqqa’a?’ jedhanii ceepha’u ta’a. Haa ta’u malee, akkuma Gooftaan muka harbuu abaaree gogse sana (Maat. 21:19), harki Gooftaa yeroo qulqulloota isaa keessaan hojjetu uumamni marti ni ajajama. Mukichi yemmuu buqqa’u uummatni achi jala turan waan du’aniif, isaan dabalatee namoota kudha shan kan kanaan dura du’an du’aa kaaseera. Seexanichas akka Qulqulluu Mikaa’eliin alangaa ibiddaan ari’u taasisaniiru. Kanaanis namoonni hedduun amananii cuuphamaniiru. Mufattootni dinqii kana yoo didan, harki Waaqayyoo akkuma lafee Eelsaa keessa bulee du’aa kaase sana (2 Moot. 13:21), ykn gaaddidduu Pheexiroosiin dhukkubsattoota fayyise sana (H.D.B. 5:15), Qulqullootni tajaajilaa isaanii kana keessattis hojii guddaa hojjetaniiru jedhanii amanuu dadhabuu isaaniiti. Yeroo ammaa kana tarii mukaatti hin sagannu ta’a, garuu waaqota tolfamaa jabana kanaa kan ta’an qarshii, aangoo fi of tuulummaaf jilbeenfachaa jirra. Qulqulluun Phaawuloos, “…sassattuu… ta’uun waaqa tolfamaaf sagaduudha” (Qol. 3:5) akkuma jedhe, seexanni har’as mukaa fi gaara irra utuu hin ta’in, qabeenyaa fi hawwii foonii keenya keessa dhokatee nu waraanaa jira. Kanaaf akkuma qulqullichi seexana muka irraa ari’e, nutis amantiin kadhachaa waaqa tolfamaa garaa keenyaa buqqifnee gatuu qabna.
Sana boodas, wangeela lallabuuf gara Daamot deeman. Mootiin biyya sanaas Mootii-Lammii ture. Mootichis Abbaa Tekle Haayimaanootiin, ‘Maal hojii dhufte?’ jedhee yeroo gaafate, isaanis, ‘Waaqa tolfamaa kee kanan balleessuu dhufe’ jedhaniin. Yeroo kana aare loltoota isaan isa qabsisee gaagura keessa kaa’ee gara hallayyaatti isaan darbate; ergamaa Waaqayyoo qulqulluu Mikaa’el garuu dafee qaqqabee isaan oolche. Mootichi ammas aaree haala adda addaatiin miidhuuf yaalus waan dadhabeef, dhuma irratti eeboo of harkaa qabuun isaan waraanuuf yeroo darbatu eeboon sun harka isaatti deebi’ee isa waraantee itti hafte. Dhukkubbiin itti dhaga’amnaan mootichi iyyee luboota waaqa tolfamaan ‘Na fayyisaa!’ jedheen. Garuu isaan isa fayyisuu hin dandeenye; yeroo kana Abbaa Tekle Haayimaanoot isa miidhuuf kan ka’e mooticha kana deebisee fayyisan. Akkuma mootichi Iyyooriibi’aam raajii Waaqayyoo irratti harka isaa diriirsee harki isaa fayyaatti goge, deebi’ees raajichaan kadhatamee fayye jechuudha (1 Moot. 13:1—17). Kanaan dura mootichi yeroo harmee qulqullicha kanaa, Igzi’aariyaa, fuudhuuf ture sanatti ergamaan Waaqayyoo harkaa butee abbaasaa Tsaggaa Ze’aabiitti deebisetti, dha’icha Waaqayyoon rukutamee maraatee ture. Abbaa Tekle Haayimaanoot, bifa adda ta’een gargaarsa Waaqayyoon mooticha kana hundumaarraa fayyisan. Kun fakkeenya guddaa jaalala kiristiyaanummaati. Mootichi waan miidheef adabame, qulqullichi garuu dhiifama godheefii isa fayyise. Mootichis argee ni amane; luboota waaqa tolfamaa sana hundumaas balleesse. Gooftaan keenya, “Diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa” (Maat. 5:44) isa jedhu qabsuura kanaan nu hubachiisan. Qulqulluun Yohaannis, ‘Haaloo fi jibba kee kan ati of irraa ittisuu dandeessu, nama si miidhe sanaaf garaa kee guutuun yeroo kadhattu qofa’ jedheera. Nutis nama nu jibbee fi nu kuffisuuf boolla nuuf qotu haaloo fi jibbaan utuu hin ta’in, kadhannaa fi dhiifama gochuun gara dhugaatti akka deebisnu irraa baranna. Jaalalli kiristiyaanummaa isa nu dha’u fayyisuudha malee isa nu ajjeesu ajjeesuu miti.
Barsiisa wangeelaatiif gara Walloo deemuudhaanis kawaala ‘Gool’ jedhamtutti waggaa kudhan barsiisaniiru. Holqa soofuudhaanis bataskaana ajaa’ibaa ijaaraniiru. Gara Walaayittaa fi Salaaleettis tajaajila bal’aa taasisaniiru. Uummata hedduu kan mukaattii fi waaqa tolfamee garaa garaatti bulaa turan gara ifa Waaqayyoo dhugaatti deebisaniiru. Kana malees gara Haayiq Isxifaanos deemuudhaan harka Abbaa Iyyesuus Mo’aatii sirna monoksummaa fudhataniiru. Achi keessas waggaa kudhan turaniiru. Yeroo sanatti Haayiq Isxifaanos iddoo itti barumsi afuurawaa guddaan itti kennamu, barumsa amantaa fi ogummaa harkaallee kan itti baratan ture. Haayiq irraas erga ba’anii booda gara Debre Daamoo deemuudhaan barumsa monoksummaa fi ogummaa barataniiru. Tulluun Debre Daamoo jedhamu kun har’as akkuma agarru funyoon yaabanii gadi bu’u waan ta’eef, utuu achi irraa gadi bu’aa jiranii seexanni isaanitti inaafuudhaan funyicha yeroo kutu, Waaqayyo hojiin isaa ajaa’ibsiisaa ta’een immoo gatiittii isaanii keessaa koochoo ja’a biqilcheefii akka ittiin balali’an taasiseera.
Namoonni tokko tokko koochoo qulqullichaatiif kennametti kolfu, ni shakkus. ‘Akkamitti namni foon uffate koochoo baasa?’ jedhanii gaafatu. Garuu Kitaabni Qulqulluun, “Warri Waaqayyoon eeggatan garuu humna haaraa argatu; akka risaa koochoon barrisu” (Isa. 40:31) jedhee barreesseera. Akkasumas Mul’ata Yohaannis irratti dubartittii boficha jalaa akka baatuuf koochoon akka kennameef dubbata (Mul. 12:14). Waaqayyoof namoota isaa koochoodhaan eeguun waan haaraa miti. Akka barsiisa mana kiristaanaatti koochoon kun, eegumsa ergamootaa ti; saffisa tajaajilaa fi qulqullummaa afuuraati. Waaqayyos raajicha Daawitiin, “Inni ergamoota isaa siif ajaja, karaa kee hundumaatti akka si eegan godha” (Faar. 91:11) akkuma jedhe, eegumsa isaa mirkaneesseef. Qulqulluun Gorgooriyoos inni Nuusis, ‘Jireenyi monoksummaa jireenya ergamootaa lafa irratti shaakaluudha; foon isaanii utuu jiruu, afuuraan akka ergamootaa balali’u’ jedheera. Har’as jireenya keenya keessatti seexanni funyoo abdii fi jaalalaa nutti kutee hallayyaa cubbuu fi abdii kutannaatti nu darbachuuf yeroo carraaqu, nuti garuu amantiin yoo dhaabanne Waaqayyo koochoo qulqullummaa, kadhannaa fi qalbii jijjiirannaa nuuf kennee qormaata sana akka ceenu nu taasisa.
Kana booda waggoota shaniif gadaamoottan Tigraayi keessa erga naanna’anii booda gara gadaama Iyyerusaalem dhaqan. Yemmuu kanas gammoojii Eertiraa keessatti nama du’e arganii du’aa kaasanii, ‘Maal taate?’ jedhanii yeroo gaafataniitti, ‘Utuun gara Iyyerusaalemii deemuu beelaa fi dheebuutu na ajjeesse’ jedhee itti hime. Sana booda waliin ta’anii gara Iyyerusaalem deemanii sagadanii, nagaa gaafatanii, eebba argatanis deebi’an. Achii erga deebi’anis waggoota kudhan ol Shawaa fi kibba biyyattiitti uummattoota jiran barsiisanii cuuphaniiru. Kunis hojiin qulqullootaa daangaa, sabaa fi gosaan kan hin murtoofne ta’uu nutti agarsiisa. Yeroo ammaa kana namoonni amantaa isaanii dhiisanii gosaa fi afaaniin wal qooduudhaan yeroo wal waraananitti, Abbaa Tekle Haayimaanoot garuu Shawaa dhalatanii, Daamotitti lallabanii, Wallootti kawaala ijaaranii, Tigraayitti baratanii fi Eertiraatti nama du’e kaasaniiru. Jireenyi isaanii kun, bataskaanni kan hundaaf akka taatee fi tokkummaa dhugaa akka qabdu nu barsiisa. Garaa laafinni isaan karaa irratti nama du’eef godhanis, nutis obboloota keenya karaa afuuraa miidhamanii fi cubbuun du’an arguun utuu bira hin darbin, wangeelaan deeggaruu fi jajjabeessuu akka qabnu nu gorsa.
Sana boodas akkuma gadaama Haayiq fi Debre Daamoo irraa barattoota qubatanii dhufanii fi barattoota haaraa waliin kawaala Debre Asbootti (Debre Libaanositti) galanii barumsa monoksummaa babal’isaniiru. Ogummaa barsiisaa fi qonnas qotuudhaan, ofiif uummata naannichaas akka gargaaran taasisaniiru. Achittis qaama isaanii dhiphisuuf, jireenya addunyaa kanaarraa adda of baasuuf, dhuma irrattis holqa soofanii bakka ofii isaanii qofa itti dhaabatan tolchuudhaan gara Waaqayyootti kadhannaa jalqaban. Dhaabatanii kadhannaa dheeraa gochuu irraan kan ka’e miilli isaanii tokko irraa cite. Isaan garuu ammas miilla tokkoon waggaa torba guutuu kadhataniiru. Namootni barana jiran tokko tokko, sa’aatii muraasaaf bakka qulqullaa’aa dhaabachuu yeroo dadhabanitti, qulqulluun kun garuu miilla tokkoon waggaa torba dhaabatanii Waaqayyoon kadhataniiru. Qulqulluun Phaawuloos, “Ani warra kaaniif lallabee, akkan ofii kootif immoo nama gatame hin taaneef, qaama koo nan dhiphisa; foon koo akka bitamu nan taasisa.” (1 Qor. 9:27) akkuma jedhe, fakkeenya kiristaanummaa nuuf ta’aniiru. Qulqulluun Yaa’iqoob inni Siruug, ‘Kadhannaan furtuu kuusaa sammuu bansiiftudha, gubaan jabeenya foonii garuu afuura laamshessa’ akkuma jedhe, abbaan keenya kadhannaan jireenya isaanii guutuu qaama isaanii dadhabsiisanii afuura isaanii jabeessan. Har’a garuu manni kiristaanaa eessa jira? Nuti qananii fooniitti of laannee, yeroo qulqullaa’aa yeroo sirna Qiddaasee sa’aatii muraasaaf bataskaana keessa dhaabachuu dadhabnee yeroo teessoo barbaannu, kun immoo qaamni isaanii hanga kukkutamutti kadhannaatti of kennuun isaanii guddaa nu qaanessuu qaba. Foon keenya caalaa afuura keenya jabeessuutu nurraa eegama.
Yemmuu guyyaan boqochuu isaanii ga’us monoksoota hundaa walitti qabuudhaan gorsan. Gorsi isaaniis: ‘Ijoollota koo, kan monokkose hundi gara jennataa seena jechuu miti, biyya lafaa kana dhugumaan kan jibbe malee. Jalqaba Waaqayyoo duratti waan gaarii hojjechuu filadhaa, kadhannaa fi tsooma baay’isaa, tokkoon tokkoon keessan wal jaaladhaa, abboommii Waaqayyoos jabeessaa eegaa!’ jedhanii abbooman. Yeroo boqonnaa isaanii fuuldura Gooftaan keenya itti mul’atee waadaa seeneeraaf. Kakuun ykn waadaan kunis, ‘Lafti kee fi ijoolleen kee afaan duwwaa hin oolan; namni iddoo kanatti awwaalame akka Golgootaatti awwaalametti lakkaa’amaaf; nama iddoo kanatti kadhaateefis iddoo kaan caalaatti nan dhaga’aaf’ jedhe. Namoonni tokko tokko, Kakuu kanaa yeroo dhaga’an ni mormu. Garuu dhugumatti Waaqayyo qulqulloota isaatiif kakuu kenna, kunis raajicha Daawitiin “Ani isa filadhe sanaa wajjin kakuu seeneera” (Faar. 89:3) akkuma jedhe dha. Kakuun kun of tuulummaa qulqullootaa utuu hin ta’in, arjummaa Waaqayyoo agarsiisa. Abbaa Tekle Haayimaanoot tajaajila isaanii xummuranii bara 1296 Hagayya 24 waggaa 99 fi ji’a 10 fi guyyaa 10 jiraatanii boqotan. Haaluma kanaanis Manni Kiristiyaanaa keenya guyyaa dhaloota isaanii Mudde 24, guyyaa lafeen isaanii itti ba’e (Filsataa) Caamsaa 24, fi guyyaa boqonnaa isaanii Hagayya 24 haala ho’aa ta’een kabajji. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Qabsuura gaarii qabsuureera, fiigicha koo fixeera, amantii koo eegeera; kanaafis gonfoon qajeelummaa naaf kaa’ameera” (2 Xim. 4:7—8) jedhe, qabsuura cimaan tajaajila isaanii xumuranii kakuu Waaqayyo irraa argatan. Kakuun Waaqayyo isaaniif seene har’as ija amantiitiin warra isa kabajanii fi jaalataniif raawwatamaa jira.
Walumaagalatti seenaan qabsuura Abbaa keenyaa nutti kan agarsiisu, jireenya guutummaatti Waaqayyoon of kennuu, rakkinoota keessatti amantaan dhaabachuu, wangeela lallabuu, dhiifama gochuu fi hiyyeessotaaf garaa laafuu akka qabnuudha. Eebba qulqullichaa irraa akka hirmaannuuf, nutis afaaniin qofa utuu hin ta’in hojiidhaan faana isaanii hordofnee diina keenya (seexana), haaloo fi jibbiinsa dhiisnee, jireenya gaarii jiraachuutu nurra jira. Duuka bu’ichi Qulqulluun Yohaannis, “Namni Kiristoosiinan jiraadha jedhu, akkuma inni jiraatetti jiraachuutu irra jira” (1 Yoh. 2:6) akkuma jedhe, nutis daandii eebbifamaa kana hordofnee Waaqayyoon gammachiisuuf haa kaanu. Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa abbaa keenya Qulqulluu Abbaa Tekle Haayimaanootiin nutti haa araaramu; dhiifama isaa nuuf haa baay’isu; eebbi abbaa keenyaas hunda keenya waliin haa ta’u! Ameen.

Channel kanatti makamuun hin irraanfatinaa!
https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira
Dn Misganu Mulatu
Hagayya 23, 2018
Gimbii, Oromiyaa