AL-RISALA-TUBE

AL-RISALA-TUBE

From



KUTAA 3ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA.



●KUTAA 3ƒƒαα "B".



■Israa'aa fi mi'iraaja.



Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Ibraahim waliin

qunname booda, Jibriil waliin Jannata seene. Isii keeysatti waan

hedduu arge.

***

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Jannata keeysatti waan


argerraa:

1- Qallaa (Fooqii) Umar bin Al-Khaxxaab

2- Khaadimtittii Zeeyd bin Haarisaa arge

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam waan arge san Umar fii

Zeeydiif himeefii jira.

3- Laga Kowsar

***

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Ibidda Jahannam kan gariin

isii garii caccaphsee wal nyaattu arge.

Rabbi Ibidda Jahannamirraa nu haa baraaru.

***

Eegas Jibriil Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam gama xarafa samii

7ffaa Isa fide. Jibriil achitti jalaa hafe.

Jibriil Rasuulaan Sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’een: “Yaa

Muhammad! ol dabri, Wallaahi yoon tarkaanfii takka asiin olittitarkaanfadhe nin gubadha.”

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam ol dabree bakka Namaa fii

Malaaykaan takkallen hin gahin gahe.

***

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam bakka Malaaykoonni murtii

Rabbii itti galmeeysan birallee gahe, sochii Qalama isaanii dhagaye.

Akkasitti Rabbiin Nabiyyii keenya sallallaahu Aleeyhi wasallam

kabaje.

***

Bakka sanitti Rabbiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam dubbise.

Salaata Shanan irratti dirqama godhe.

***

Kennaa Rabbiin gaafa san ummata Muhammadiif sallallaahu

aleeyhi wasallam kenne irraa:

• Salaata Shanan

• Muslima hundaaf cubbuu guddoo ni araaramaaf, Akkas

jechuun Ibidda keeysa abad hin turan waan towhiidarratti

shirkii osoo hin dalagin du’aniin.

• Aayaata lamaan xumura Suuraah Baqaraah.

***

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Rabbiin Isa dubbise

booda gama Jibriil deebi’e. Eegas gama Masjida Al-Aqsaa gad bu’e,

san booda “Buraaq” yaabbatee gama Makkaah deebi’e.

***

Deemsi suni fii wanni odeeyfame hundi halkan takka keeysatti

gaggeeyfame. Israa’a fii Mi’raaj hagam takka Mu’jizaa guddoo akka

taate beekhuuf yeroo gabaabaa isiin kheeysatti gaggeeyfamte

laaluun siif gaha!.

Saniif Rabbiin Quraana keeysatti isii dubbate.

***

Eega Israa’i fii Mi’raaj raawwatte guyyaa itti aanu Jibriil Rasuula

Sallallaahu aleeyhi wasallam bira dhufee Yeroolee salaata shananii

ibseef.

***

Akkaataan Salaanni Shanan Israa’i fii Mi’raaj keeysatti dirqama ittitaate raka’aa lama lama ture, salaata maghribaa malee, isiin

gaafasillee rak’aa 3 turte.

***

Qiblaanis gama Beeyta Al-Maqdis ture. Rasuulli sallallaahu aleeyhi

wasallam Ka’abaa if dura aansee jihaa Beeyta Al-Maqdis gargalee

salaatuu ture.

***

Qureeyshiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam irraa Mu’jizaa

qaama miiraa shananiin beekan akka isaan agarsiisu gaafatan.

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yoon Ji’a bakka lamatti

isiiniif adda qoode ni amantanii?” jechuun gaafate. “ee” ja’aniin.

***

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Rabbii waan hundarratti

dandahaa tahe akka Ji’a bakka lamatti addaan isaaf qooduu

khadhate, Rabbiin ol tahe Ji’a bakka lamatti osoo Isaan argan

addaan baaseef.

***

Qureeyshiin hoggaa Mu’jizaa guddoo san agart: “Wallaahi ati

Falfalaadha.” ja’aniin.

Qureeyshiin Mu’jizaa Guddoo argan san ni kijibsiisan. Mu’jizaa

agarru ni amanna jechuun Isaanii kijiba taate.

***

Rabbiin ol tahe Qur’aana buusee akkana je’e:

اقْتَرَبَتِ السَاعَةُ وَانشَقَ الْقَمَرُ (1 (وَإِن يَرَوْا آيَةً يُعْرِضُوا وَيَقُولُوا سِحْرٌ

مُسْتَمِرٌ

“Qiyaamaan dhihaatte, Ji’inis Adda dhohe (baqaqe).

Isaan yoo Aayata/mallattoo argan gargalanii Sihrii dabraadha

(deemaadha) ja’an.”

Suuraah Al-Qamar: 1-2

***

Hoggaa Mu’jizaa arganii amanuu didan Rasuulli Sallallaahu aleeyhi

wasallam Qureeyshii itti dhiisee, Gosoota Arabaa kan Hajjiif

dhufan gama Islaamaa yaamuutti gargale. Akka gosti biroo amantee

Isaaf tumsituuf.Abuu Lahab fii Abuu Jahl walirraa bakka bu’uun Rasuula

Sallallaahu aleeyhi wasallam jala deemanii kijibsiisan, yeroo inni

gosoota Arabaatti da’waa godhu, Islaamummaatti Isaan yaamu.

Abuu Lahab fii Abuu Jahl: “Kijibaadha, nuutu Isa beeka, hin

dhagayinaa” jechuun isa jala tara taraan deeman.

***

Gosoonni Arabaa tan Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam yaamaa

ture gariin Isarraa qulqullaawan, gariin si gargaarraa yoo ati duute

nuutu dhimmi Nabiyyummaa dhaalaa? ja’anii gaafatan, gariin irraa

callisan.

***

Ergamee Amata 11ffaa keeysa Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam

Hajjii irratti nama jaha kan gosa Khazraj (Gosa warra Madiinaa

irraa tahan) qunname.

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Isaanitti dhaqee Islaamatti

Isaan yaame.

***

Jarri Jahan sun ni Islaamawan. Isaanis:

1.As’ad bin Zuraaraa

2.Owf bin Al-Haaris

3.Raafi’i bin Maalik

4.Quxbaah bin Aamir

5. Uqbaa bin Aamir

6.Jaabir bin Abdullaahi

***

Eegas Jarri jahan suni gama Madiinaa deebi’anii Islaamatti nama

yaamuu jalqaban. Waa’ee Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam

warra Madiinaatiif odeeysuu jalqaban. Waa’een Islaamaa Madiinaa

kheeysa sababaa Isaanii dhagayamte.

***Sallallaahu aleeyhi wasallam dhagayan. Amata itti aanu,

Nabiyummaa booda amata 12ffaati Hajjiif namni 12 warra

Ansaaraa irraa gama Makkah dhufan.

***

Jarri kudha lamaan Suni Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam

qunnamanii Wa’ada isaaf seenan. Wa’adni sun “Beey’atu Al-

Aqabaa Al-Uulaa” Wa’ada Aqabaa tan duraa jechuun beekkamati.

***

Wa’adni Isaan Rasuulaaf Sallallaahu aleeyhi wasallam seenan ykn

Beey’aan duraa suni: Gammachuu fii gadda keeysatti, akkasumas

balloo fii rakkoo keeysattis Isaaf ajajamuurratti waadaa galan.

Ammas gaafa Inni Sallallaahu aleeyhi wasallam Madiinaa dhaqe

Isaaf tumsuu fii gargaaruu irratti wa’ada Isaaf seenan.Ammoo Wa’ada duraa saniin Wa’ada dubartii (Beey’atu An-Nisaa)

ja’anii moggaasuun seetee dogongoraa tan warra Siiraa gabaasan

irraa argamte.

Waa’een dubartii beellama san keeysatti inuma hin kaafamne.

***

Hoggaa keeysummoonni 12n gama Madiinaa deebi’uuf qophaawan

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Isaan waliin Mus’ab bin

Umeeyr Rabbi irraa haa jaalatuu erge. Akka Ansaara waa’ee amantii

Islaamaa barsiisuuf jecha.

Da’waa Mus’ab bin Umeeyriitiin Dimiinnan Banii Al-Ash’hal lama

Islaama qeebalan. Isaan lamaan: Sa’ad bin Mu’az fii Useeyd bin

Hudeeyriiti.

***

Mus’ab bin Umeeyrii Rabbi irraa haa jaalatuu As’ad bin Zuraaraa

bira qubate. Isa biraahi gama Islaamaa nama yaamuu itti fufe.

Sababaa Da’waa Mus’ab gandoota Ansaaraa hunda kheeysa

Islaamummaan seente.

***

Ergamuu Nabiyyummaa booda amata 13ffaa, Dhiira 73 fii

dubartiin lama warra Ansaaraa irraa Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi

wasallam qunnamuuf Madiinaa irraa Hajjiif bahan. Seenaa Islaamaa

kheeysatti waliigaltee guddoon Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam

fii Isaan jiddutti argamuuf deemaa jirti.41Ansaarootaa fii Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam jidduutti wali

qunnamtiin dhooysaan gaggeeyfamaa turte, Minaa bakka “Al-

Aqabaa” tti akka wal argan lafa jala waliif dabarsanii murteeyfatan.

***

Halkan beeylamaa san Dhiirti 73 fii dubartiin lama Nabiyyiif

Sallallaahu aleeyhi wasallam Wa’ada guddaa seenan. Waadaan suni

“Beey’atu Al-Aqabaa As-Saaniyaa” waadaa Aqabaa lammaffaa

jechuun beekkama.

***

Qaphxiin gaafa san irratti Wa’ada seenan:

Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam Balloo fii Rakkoo keeysatti

dhagayuu fii ajajamuufi, Akkasumas gaafa Inni sallallaahu aleeyhi

wasallam Madiinaa dhaqe Isaaf tumsuu fii Isa gargaaruudha.

***

Ansaaroonni Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam wanni gaafa san

Isa gaafatan: “yoo Wa’ada keenya kana guunne, Maaltu nuuf jira?”

ja’aniin.

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam: “Jannataatu Isiniif jira.”

je’een.

Akkasitti hundi Isaanii Wa’ada seenan.

***

Namni dura Nabiyyiif Sallallaahu aleeyhi wasallam Wa’ada seene,

Al-Bar’aa bin Ma’ruur Rabbi irraa haa jaalatu. Eegas namni wal jala

Waadaa galuu itti fufe.

***

Haala saniin Beey’aan (Wa’adni) guddoon “Beey’aatu Al-Aqabaa

As-Saaniyaa” Waadaan Aqabaa lammaffaan raawwaatte. Sababaa

Wa’ada Saniitiif Hijiraan gama Madiinaa godhamte.42Ka’ab bin Maalik akki ja’u: “Dhugumatti Nabiyyii sallallaahu

aleeyhi wasallam wajjiin halkan Wa’ada seenneef san argameetin

jira, Gaafa Islaamummaa irratti waliif galle san, Ani warra Badritti

argamerraa tahee wa’ada Sanirraa hafu hin filadhu.”

***

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam hoggaa warri Ansaaraa Wa’ada

Seenanii gama Madiinaa deebi’an, ni gammade. Rabbiin gargaarsaa

fii tumsa warra Isaaf tahu kenneef.

Saniif jecha Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam haalaan gammade.



INSHAA'ALLAAH  KUTAA 4FFAA Hijraa irraa hanga Duula Badrii jedhu itti aana

Report Page