AL-RISALA-TUBE

AL-RISALA-TUBE

From


KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA.


KUTAA 1FFAA.



Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa.


Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe.



Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin

dahin Abdullaahi du’e.

***

Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa

maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani.

***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii

Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi

Wasallaam deeyse.

***

Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al-

Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas

Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam.

***

Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa

gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise.

***

Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin

Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte.

***

Egasii Haliimah As-Sa’diyyaan ilmaan isii wajjiin Isa Sallallahu

Aleeyhi wasallam hosiiste.

Ilmaaan Isiidhaa:

Abdullahi

Sheymaa’a

Aniisaa

***

Warra Isa wajjiin hodhe hoggaa lakkooyne, Rasuulli Sallallaahu

aleeyhi wasallam Obboleeyyan 7 khan wajjiin harma luuge/hodhe

qaba.

Isaanis:

1.Hamzaah bin Abdu Al-Muxxalib Adeera Rasuulaa sallallaahu

Aleeyhi Wasallam.

2.Abuu Salamaah Abdullaahi bin Abdu Al-Asad AlMakhzuumii

3.Abuu Sufiyaan bin Al-Haaris (Ilma Adeera Nabiyyii

sallallaahu aleeyhi wasallam).

4. Masruuh (Ilma Suweeybaa)

5.Abdullaah

6.Al-Sheymaa’i

7.Aniisaa

***

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallaam Obboleeyyan wajji dhalate

kan gama Abbaa tahee, kan gama haadhaatis hin qabu.

***

Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam qoomni Isaa jalqaba kan

dhoofame Halimaa As-Sa’adiyaa bira osoo jiruuti. Jibriil Qooma

Isaa baqeeysee onnee Isaa Zamzamin dhiqe.

***

Egas Jibriil qooma isaa walitti cufe. Duyda Rasuulaa Sallallaahu

Aleeyhi Wasallam irratti Mallattoo Khaatama An-Nabiyyi (xumura

Nabiyyummaa) irratti dhawe.

***

Egas Sheeyxaanni Isarratti karaa dhabe. Akkasitti Rasuulli

Sallallaahu Aleeyhi wasallam jechaa fii dalagaan Isaa tiiyfamaa taate.

***

Khaatima An-Nabawiin Foon dabalataa duyda Rasuulaa Sallallaahu

Aleeyhi wasallam jihaa onnee isaatin jiru hoggaa tahu, Killee

Handariitti qixxaata.

***

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam amata lama Halima As-

Sa’adiyaah biratti eega hoosifame booda gama haadha Isaa

Aaminaatti deeffame.

***

Aaminaan umriin Isaa waggaa 6 hoggaa tahu irraa duute. Abdu Al-

Muxxalib eega haati Isaa duute Isa guddisuuf if qabe.

***

Akaakoon Isaa Abdu Al-Muxxalib umriin Rasuulaa Sallallaahu

Aleeyhi wasallam waggaa 8 hoggaa gahe ni du’e. Abuu XaalibAdeerri Isaa ega Akaakoon Isaa du’e booda isa guddisuu eegale.

***

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Re’ee tiysee ture.

Harba Al-Fijaar lola ja’amu Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam

dhaqeeti jira.

***

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hilfa Al-Fuduul irrattis

argamee jira. Hilfa Al-fuduul miidhamaa Makkaa kheeysatti

gargaaruuf waligaltee gaafa Jaahiliyyaa godhamte.

***

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam amata 25tti nagadda

Khadiijaatiif gama Shaam gabricha Khadijaa Meeysaraa wajjiinbahe.

***

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam san booda Khadijaa

fuudhe. Gaafa Isii fuudhu Umriin Isaa Sallallaahu Aleeyhi

Wasallam amata 25, umriin Khadijaa amata 40 ture.

***

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam ilmaan hunda Khadiijaa irraa argate,

Ibraahim malee, Inni khan Maariyaa Al-Qiphiyyaati.

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Khadiijaan irraa ilma duraa Qaasim argate.

Qaasimiin Kabajanii “Abu Al-Qaasim” Abbaa Qaasim jechuun Isa yaaman. Ilmaan

Khadiijarraa argate hundi Nabiyyummaa dura dhalatan Abdullaahi malee, Inni

Xaahir fii Xayyib jechuunis ni moggaafama waan Islaamummaa kheeysatti

dhalateefi akkasitti yaamame.

Ilmaan Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam khan dhiiraa hundi daa’imummaatti

dhuman, Dubartoonni ammoo hundi Islaama dhaqqabanii, Islaamawanii, hanga

heerumanitti jiraatanii du’an. Ilmaan Isaa kan dubartii hundi Osoo Rasuullisallallaahu aleeyhi wasallam lubbuun jiru du’an, Faaximaa malee Isiin baatii 6 Isa

booda turtee duute.

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Khadijaa irraa ilmaan argate.

Isaanis:

1.Al-Qaasim

2.Zeeynab

3.Ruqiyaah

4. Ummu Kulsuum

5. Faaximaah

6.Abdullaahi

***

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gaafa Qureeyshiin Ka’aba

Haaroomsitu wajjiin itti hirmaatee jira. Umriin Isaa gaafa sanitti

amata 35. Qureeyshiin osoo Ka’abaa Haaroomsitu Hajar Al-Aswad bakkatti

akka deebisuuf Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam irratti waliif

galte.

***

Rabbiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam fokkina warra

Jaahiliyyaa hundarraa isa tiyse. Taabootaaf takkaa hin salaanne,

farshoo takkaa hin dhuuyne.

***

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Nabiyummaa dura wanni

beekkamuu tureen: Haqa dubbachuu, Amaanaa jabeeysuu, Fira

maxxanfachuu, akkasumas haalaa fii amala bareedaa hundaan

beekkamaa ture.Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam hoggaa amata 40 gahe, amalli

Nabiyyummaa irraa mul’atuu jalqabe.

***

Mallattoolee Nabiyummaa tan irraa Mul’ataa turerraa: Rasuulli

Sallallaahu aleeyhi wasallam manaabaa dhugaa arguu, Kophaa

bahuu, Dhagaa fii Mukni Isarratti salaammatuu eegale.

***



Kutaan jalqabaa kana ture kutaan lammaffaas  Nabiyyummaa irraa hanga Hijiraa jedhu inshaa'allaah itti fufa.

Report Page